You are on page 1of 1

Lakk___________________

Guyyaa_________________
Obbo/Zawuduu Maammootiif…….....Walitti qabaa
Kom/Birhaanuu Tufaatiif……..............Miseensa
Obbo Likkisaa Imbaabootiif…………...Barreessaa
KBMSO

Dhimmi isaa:-Koree Deggersa adda addaa barbaadu taatanii ramadamuu keessan isin
beeksisuu ta’a.
Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalameeti Komishiniin keenya ergama isaaf kenname
sir/seeraa simachuudhaan nageenya isaani kabajee kabachiisuun,qabiinsa mirga isaani
mirkaneessuun lammii Oomishaa ta’anii guddina biyya keessatti gahee isaani akka
bahataniif yeroo ammaa mootummaa waliin ta’uudhaan hojiiwwan adda addaa
raawwachaa jiraachuun isaa ni beekama.
Bu’uuruma kanaan hojiiwwan toora xiyyeeffannoo kana keessatti ergama ta’ani
komishinii keenyaaf kennaman kana baajata mootummaa qofaan galmaan gahuun
rakkisaadha.Hojiiwwan nageenya mirkanneessuuf meeshaalee ammayya nageenya
mirkanneessuuf dandeesisan ,qabiinsa mirgaa foyyeessuuf hojiiwwan ijaarsaalee adda
addaa,iddoo ciisichaa(siree,firaashii)akkasumas Konkolaataa,Komputara fi kkf,hojii
sirreessuu hojjechuuf maashinootni adda addaa barbaachiisaa dha.Kanaafuu wantoota
barbaachiisan kana guutuudhaaf hirmaannaan qaamoolee mit mootummaa(NGO) fi
dhaabbilee garaagaraa murteessaa waan ta’eef guyyaa xalayaan kun isin qaqqabe irraa
eegalee qaamoolee nu deggaruu danda’an kana adda baasuudhaan deggersa akka
taasisaniif akka hojjetan waan ramadamtaniif amanamumaadhaan akka hojjettan xalayaa
kanaaan kan ramadamtan ta’uu ni beeksifna.
Nagaa Wajjiin
G/G
o Waajjira Komishinaraatiif
o Waajjira I/A/Komishinaraatiif

KBMSO

You might also like