Professional Documents
Culture Documents
Shaakala
1. Xiinsagni maali?
2. Dameewwan xiinsagaa maal faati.
3. Dameewwan kunniin waayee maali qoratu?
1. Xiinsaga /Phonetics
Xiinsagni maali?
Xiinsagni damee xiinqooqaa keessaa tokko kan waa’ee uumama sagalee, darbiinsa sagalee fi
dhageettii sagalee qu’atuu dha.
Xiinsagni dameewwan gurguddoo sadii of keessaa qaba. Isaanis Xiinsaga Uumama sagalee,
darbiinsa sagalee fi dhageettii sagalee qu’atuu dha.
Dameen kun bakka fi akkaataa/haala uumama sagalootaa, haala sochii ykn kirkira dibbee sagalee,
akkasumas kallattii qilleensa sagaleewwan uumanii kan qoratudha. Karaa biraatiin dameen
xinqooqaa kun haalota uumamsa sagalee dubbiitiif miija’uu qaban hunda irratti xiyyeeffata.
Qabxiilee eeraman sadiin kana (Bakka, akkaataa fi haala sochii dibbee sagalee, kaallatti qilleensaa)
yeroo dubbiin wayii dubbatamu namni sirriitti dhaggeeffatee ilaale salphaatti adda adda baasee
hubachuun danda’amudha.
Dameen xiinsagaa kun haala sagaleen dubbii tokko (qilleessi sagalee dubbii tokkoo uumuuf sombaa
bahu) danbalii qillensaa keessa darbee dhaggeeffataa bira gahu qu’ata.
Dameen xiinsagaa kun immoo haala itti sagaleen uumame tokko qilleensa keessa darbee gurra
dhaggeeffataatti seenee achii immoo gara sammuu dhaggeeffataatti darbuun dhaamsa dabarsu irratti
xiyyeeffata.
Dameeleen boodaa lamaan (xinsaga darbiinsa sagaleefi dhageettii sagalee) barumsa Fiiziiksii fi
Bayolloojiin waan wal qabataniif akkasumas sadarkaa ol’aanaa irratti waan xiyyeeffatamaniif,
ammaaf kan waa’ee uumamsa sagalee bal’inaan haa ilaallu.
1
[Type text]
shaakala
A. Qaama dubbii
B. Qiillensa
C. Sochii qaamolee dubbii fi qilleensaa ti.
Wantoonni sadan kun yoo jiraatan malee sagaleen kamuu uumamuu hin danda’u. Kana jechuun
sagaleen uumamuuf qillensi somba, harsassee ykn kokkee irraa dhufuu qaba. Qilleensi qaamolee
dubbii kanaan socha’anis qilleensa sombaa (pulumunic air), qilleensa harsassee (Velaric air) fi
qilleensa kokkee (glotalic air) jedhamu. Qilleensi kun eega qaamolee kanneen irraa ka’ee (dhufee)
booda qamoolee dubbii adda addaatiin dhiibbaan irra ga’a. Sochii jalqabaa bu’ureffachuun sochiin
dhiibbaa kana jalaa ba’e sagalee dubbii ta’uun uumama. Qaamolee sadeen armaan olii keessaa
sagaloota Afaan Oromoo umuuf kan shoora guddaa taphatu somba qofa dha.
1.2.1 Qaamolee Dubbii
Shaakala
2
[Type text]
uumamuuf tajaajilanidha. Qaamoleen kunneen qilleensa somba keessaa gara alaatti bahu qabuun
sagaleewwan dubbii akka uumaman taasisu. Kunis yeroo qilleensi somba keessaa gara alaatti
bahu, qaamoleen dubbii warri socho’an qaamolee dubbii warra hinsochoonerratti qilleensa
sombaa qabuudhaan sagaleewwan dubbii akka uumaman taasisu.
Sagaleewwan Afaan Oromoo harki caalan qilleensa somba keessaa gara alaatti bahaniin kan
uumaman yoo ta’u, sagaleen ‘dh’n garuu qilleensa alaa gara sombaatti seenuun uumamu.
Qaamoleen dubbii qaamolee dubbii afaan ol aanuu (afaan olii) fi gadi aanu (afaan gadii) jechuun
bakka lamatti qoodu. Fakkiin armaan gadii qaamolee dubbii agarsiisa.
Fakkii 1- Qaamolee Dubbii
Qaamolee dubbii afaan ol aanuu kan jedhaman hidhii ol aanu, ilkaan ol aanu, irga, laagaafi
3
[Type text]
a) Hidhii olaanu - hidhiin qaamolee dubbii keessaa tokko yoo ta’u, hidhii olaanuufi hidhii
gadaanu jedhamuun bakka lamatti qoodama. Qaamni dubbii kun qaama dubbii socho’an
jalatti kan ramadamu yoo ta’u, qaamni dubbii kun oliifi gadi socho’uun qilleensa sombaa
bahu qabuun sagaloota dubbii uuma.
b) Ilkaan- ilkaan qaamolee dubbii hinsochoone keessaa isa tokko yoo ta’u, qaamoleen dubbii warri
socho’an (hidhiifi arrabni) qilleensa somba bahu achirratti qabuun sagalee dubbii uumu.
c) Irga – Irgi qaama dubbii hinsochoonee kan ilkaan ol aanutti aanu yoo ta’u, bakka fiixeen arrabaa
qillensa somba dhufu irratti qabuun sagaloota akka/t/ fi /x/ uumudha.
d) Laagaa- Laagaan qaama dubbii irgatti aanee argamu dha. Innis laagaa laafaa fi jabaa
jedhamuun bakka lamatti qoodama.
Laagaa Jabaa- qaamni dubbii kun irgatti aanee argamu yoo ta’u, bakka gidduun (qixxee lamaan
arrabaa) olka’ee qilleensa sombaa dhufu irratti qabuun sagalee akka /c/ fi /ch/ uumudha.
Laagaa Laafaa/harsassee- Qaamni dubbii kun qaama laagaa jabaatti aanee argamuu dha. Qilleensi
sombaa bahu duuba arrabaatiin laagaa laafaarratti qabamuun sagaloonni akka /q/, /k/ fi /g/ uumamu.
c) Arrab-xiqqee- Qaama dubbii socho’aa kan qoonqoo keessatti argamuudha. Qaamni kun yeroo
sagaloonni uumaman socho’uun daandii qilleensaa cufa. Sochii arrabxiqqeen taasisu kanarratti
hundaa’uun sagaleewwan dubbii bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Isaanis,
i) Sagalee afaanii (oral sound)- yeroo arrabxiqqeen daandii funyaanii cufuun hafuurri ulaa
afaaniitiin akka bahuu taasiftu sagaloota uumamanii dha. Afaan Oromoo keessattis sagaloota funyee
(kanneen itti aananii eeraman) irraa kan hafan isaan kaan haala kanaan kan uumamanidha.
ii) Sagalee funyaanii (nasal sound)- Yeroo arrab xiqqeen daandii/ulaa afaanii cufuun afuurri karaa
ulaa funyaanii akka bahu gootu sagaloota uumamanii dha. Isaanis sagaloota (m, nfi ny)dha.
Qaamoleen dubbii afaan gadi aanuu kan jedhaman kanneen lafee afaanii keenyaa isa gadaanuun
walqabatanii argamanidha.
Gocha
Gaaffilee armaan gadiirratti dhuunfaadhaan yeroo muraasaa yaaddee waan sitti dhagahame
erga barreessitee booda kan hiriyaan kee barreesse waliin walitti fiduun ilaali.
4
[Type text]
Qaamoleen kanneen kanneen socha’aniifi kan hinsochoone yoo ta’an, isaanis hidhii gadi aanu, ilkaan
gadi aanuu, kokkee, dibbee sagalee fi arraba dha.
i) Arraba- Arrabni qaamolee sagalee dubbii kanneen socha’an keessaa isa tokkoofi
sagaleewwan dubbii uumuu keessatti kan taphatudha. Kanaafuu arrabniifi uumamni sagaleewwan
dubbii walqabatiinsa cimaa qabu. Jechemoonni Afaan Oromoo tokko tokkos kanuma agarsiisu.
Arrabaa citi- hindubbatin.
Arrabni uumama sagalee keessatti shoora ol’aanaa akka taphatu kan taasise qaama dubbii socho’aa
ta’uufi qaamolee dubbii lamaan(afaan ol’aanaa fi gadi aanaa) gidduutti argamuu isaati. Arrabni
umamaa sagaleewwan dubbii irratti hundaa’uun kutaa adda addaa shanitti qoodama. Isaanis,
a) Fiixee arrabaa- fiixeen arrabaa ilkaan/irga wajjin yoo waltuqu sagaleewwan akka /t, d, l, s/
uumamanidha.
c) Walakkaa arrabaa- Qaamni kun bakka irga waliin waltuquudhaan sagaleewwan akka /j, ch../
uumamanidha.
d) Bukkee/maddii arrabaa- kutaan kun yeroo sagaleewwan akka /g/ uumamu bakka
arrabni ittiin laagaa laafaa tuquu dha.
e) Hundee arrabaa- kutaan kun immoo qaama arrabaa isa kokkeetti aanee
argamuu dha.
5
[Type text]
Uumama dubbifama yeroo jennu haala sagaleewwan dubbifamaan afaan tokkoo ittiin uumaman kan
xiyyeeffatudha. Kunis akkaata bakkaafi haala dibbee sagalee akkasumasdaandiin qilleensaa yeroo
dubbifamaan tokko uumamuu kan xiyyeeffatudha. Haalli kunis dubbifama tokko isa biraarraa adda
baasuuf tajaajila.
Sagaleewwan dubbii uumamuuf qaamoleen dubbii, qilleensii fi sochiin bu’uura akka ta’e armaan
oliitti eeramee jira. Haalli adeemsi isaas qillensi ol dhufu qaamawwan dubbii kanneen socho’anii fi
hin sochoone waliin yeroo wal tuqan ykn walitti siqan dhiibbaan irra ga’ee isaan gidduun ba’uun ta’a.
Sagaleewwan haala kanaan uumaman kunis dubbifamtoota.
Afaan Oromoo akkuma afaan biroo sagaloota dubbifamaa fi dubbachiiftuu kan mataa isaa qaba.
Kanas hayyoonni maal akka fakkaatan barreeffamaan lafa kaa’aniiru. Bay’ina dubbifamaa Afaan
Oromoo ilaalchisee hayyoonni adda addaa yaada gara garaa lafa kaa’u. Yaadawwan isaanii kunis
haala armaan gadiitiin taa’eera.
Hayyuun Adurree jedhamu [?] fi [v] keessaa hambisuun [p] fi [z] tartiiba qubee keessa kaa’eera
(ABC Adurree: 1992).
Hayyuun Mangashaa jedhamu /?/ fi [p] tartiiba keessa galchuun [v], [z] fi [ts] keessa hambiseera.
Bender [v] fi [z] tartiiba keessa galchuun [p] fi [?] keessa baaseera (Bender: 1976).
Kayeen sagaloota ergisaa akka [p, v, z, fi ts] tartiiba keessaa baasee [?] fi [(x 2)] – sagalee mitxiixaa,
harsassee, looyaa tartiiba keessa galcheera.
Askaaleen lammaa sagaloota [p, v, z fi ts] keessaa baaftee [?] tartiiba keessa galchiteetti.
Akkuma armaan olitti ilaalle sagaloota Afaan Oromoo tartiiba qubeetiin (lakkoofsaan) kaa’uu
keessatti hayyoonni yaada adda addaa dhiheessu. Haata’u malee hedduun isaanii sagaloota ergisaa
jedhaman [p, v, z fi ts] keessaa baasuun kanneen hafan dubbifamoota 24 armaan gadii lafa kaa’u.
/b,c,d,f,g,h,j,k,l,m,n,q,r,s,t,w,x,y,?,ch,dh,ph,sh,ny/
6
[Type text]
Sagaloonni kun hundinuu dubbifamoota haajedhaman malee hundi isaaniiyyuu waan adda adda isaan
taasisu amala mataa isaanii qabu. Kanas qabxiilee gurguddoo 4n armaan gadii irratti hundaa’uun
ilaalla.
A. Bakka Uumamaa
B. Akkaataa uumamaa
C. Haala Dibbee sagalee(qooqaa)
D. Daandii qilleensaa
Amala dhuunfaa dubbifamtoonni mataa mataatti qaban addaan baasuuf uulagaan tokko bakka
uumamsa sagaleeti. Bakka uumamaa jechuun qaama dubbii bakka qilleensi sombaa bahu qaamolee
dubbii socho’uun isa hinsochoone irraatti qabamee sagaleen akka uumamu taasisu jechuudha.
Bakki uumamaa kan inni ittiin beekamu qaamota dubbii isaan hinsochooneeni. Qaamoleen dubbii
warri socho’an warra hinsochoonerrattii qilleensa qabuun bakka isaan sagaleen akka uumamu
taasisan bakka uumamaaa jedhama. Isaanis kanneen armaan gadiiti.
i. Hidhlamee /bilabial/
Hidhiin lamaan qaama dubbii bakka hidhiin oliifi gadii walitti dhufuun qilleensa sombaa bahu
gamisaan yookiin guutummaa guutuutti yeroo muraasaaf qabuudhaan yeroo gadi lakkisan sagaleen
dubbii itti uumamudha.
Qilleensi sombaa bahu waltuqiinsa ykn walitti dhiheenya hidhii lamaaniitiin yeroo xiqqoof erga
qabamee booda dhiibbaan yoo ba’u sagaloonni uumaman, /b, m, p, ph/ [Ø fi β]
b) cabse→ /caØse/
c) dabse→/daØse/
Ilkaan oliifi hidhiin gadii walitti dhufuudhaan qilleensa sombaa bahu qabuun sagaleewwan
dubbifamaan akka uumaman taasisu. Ilkaan gubbaa fi hidhiin jalaa walitti bu’uun ykn dhihaachuun
qilleensa irratti dhiibbaa yoo geessisan sagaloonni uumaman kunis /f fi v/dha
b) nama /nama/
7
[Type text]
Fiixeen arrabaa gara ilkaan ol’aanutti ol ka’ee yoo qillensa irratti dhiibbaa geessisu sagaloota
uumamanii dha. Sagaloonni kun Afaan Oromoo keessatti akka dhamsagoota biraatti hin mul’atan.
Fakkeenya sagaloota kanaa afaan biroo keessatti mul’atan haala armaan gadiitti haa ilaallu.
iv. Irgee/Alveolar/
Irga kan jedhamu qaama dubbii afaan olaanu keessaa tokko ta’ee, kan fiixeen yookiin fuuldurri arraba
qilleensa irratti qabuudhaan sagaleen akka uumamu taasistudha. Sagaleen yeroo qilleensi irgarratti
qabamu uumamaunis ‘irgee’ jedhamu.
Sagaloonni kun yeroo fiixeen ykn fuuldurri arrabaa gara irgaatti ol ka’ee ykn dhihaatee daandii
qilleensaa cufuun dhiibbaa geessissu kan uumamanii dha. Isaanis, /d, l, n, dh, r, s, t, x, z, ts/
v. Laagee /palatal/
Yeroo gidduun arrabaa laagaatti dhihaachuun (tuquun) qilleensa sombaa dhufu irratti dhiibbaa
geessisu sagaloota uumamanii dha. Isaanis, /c, ch, j, sh, ny, y/.
Yeroo duubni arrabaa gara harsasseetti ol ka’ee qilleensa yaa’aa jiru irratti dhiibbaa geessisu
sagaloota uumamanii dha. Isaanis: /k, g, q/. Firsagoonni /k, g, fi n/ [k’, γ fi η] bakkuma kanatti
uumamu.
vii. Hidh-harsassee
Sagalee afuurri sombaa dhufu bakka lamatti qabamee gadi dhiifamuudhaan uumamuu dha. Jalqaba
harsassee irratti lammaffaa immoo hidhii irratti. Sagaleen kunis /w/ dha.
8
[Type text]
Sagaloonni kun yeroo amartiin dibbee sagalee kokkeen wal riguun hafuura bahurratti dhiibbaa godhu
kan uumamanii dha. Sagaloonni kunis /h fi ?/ dha. /h/n yemmuu uumamu foon ujummoo kokkee
walitti dhihaata malee akka kan /?/ guutumma guutuutti hincufamu.
Haalli uumama sagalee akkaataa qilleessi sombaa bahu yeroo sagaleen wayii uumu ittiin qabamu kan
xiyyeeffatudha. Kunis qilleemsi sagaleen tokko yeroo uumamu qabamu tokko guutummaa guutuun,
lohuu, rigatee bahuu, dhohuu, yookiin gamisaan qaabuu isaa ilaala.
Fkn. addaddummaan sagalee ‘d’fi ‘s’ haala kana bu’uura kan godhatadha.Gocha
Haala kanarratti hundaa’uun sagaloonni dubbifamtootaa bakka adda addaatti kan qoodaman yoo ta’u,
Isaan kunis, sagaloota cufaa, lootuu, rigataa, funyee, maddee/cinee/, batee, dhootuu fi gamduubee
dha.
a. Cufaa /Stop/
Sagaloonni cufamaan kan isaan uumaman yeroo qaamonni dubbii lamaan walitti dhufuun qilleensa
sombaa dhufu guutummaa guutuutti qabanidha. Sagaloonni kunneen: /b, d, g, k, t, dh, (p)/.
b. Lootuu/Fricative/
Qaamooleen dubbii lama walitti dhufuun daandii qilleensaa osoo guutummaa guutuutti hincufiin
yeroo qilleensi lohee bahu sagaleen uumamu lootuu jedhama. Sagaloonni kun yeroo qilleensi sombaa
dhufu qaamolee dubbii lama gidduu loohuudhaan bahu kan uumamnii dha: /f, s, sh, h, (v, z)/
c. Rigataa/Affricative/
Sagaloonni kun yeroo qilleensi soombaa dhufu qaamolee dubbii adda addaa walitti siqan lama
gidduudhaan rigatee bahu kan uumamanii dha. Sagaloonni kunis: /j, ch/
d. Funyee/Nasal/
Daandii afaanii keessatti guutummaa guutuutti cufamuun, arrabxiqqeen gadi bu’uun qilleensa afaanii
cufuun karaa funyaanii akka bahu taasisuun sagaleen uumamtu sagalee funyee jedhamti. Sagaloonni
9
[Type text]
kun yeroo afuurri sombaa dhufu arrabxiqqeen daandii afaanii cufuudhaan karaa funyaaniitiin bahu
kan uumamanii dha. Sagaloonni kunis, /m, n, ny/
e. Maddee/cinee/rogee (Lateral)
Fiixeen arrabaa irga tuquutiin qilleensi karaa bukkee lamaan arrabaatiin akka yaa’u taasisuun
sagaleen uumamtu sagalooni maddee, cinee, yookiin rogee jedhamu. Sagaloonni kunniin yeroo
qilleensi sombaa dhufu fuuldurri arrabaa irgatti maxxanuun cinaa lamaan arrabaatiin bahuun kan
uumamuu dha. Innis, [l] dha.
f. Batee/flap/
Sagaloonni yeroo fiixeen arrabaa si’a tokkicha irga tuquun yeroo darbu uumaman sagaloota
batee/rom’aa jedhamu. Sagaloonni kunneen yeroo fuuldurri arrabaa si’a tokko irga tuquun deebi’u
kan uumamuu yoo ta’u, Afaan Oromoo keessatti sagaleen haala kanaan uumamtu [r] dha.
g. Dhootuu/Explosive/
Sagaloonni yeroo qilleensi afaan keessatti akka yeroo sagaloonni cufaan uumamaniitti qabamuufi
kokkee keessatti dibbeen sagalee qilleensa sombaa dhufu akka hindabarre yeroo muraasaaf dhorkuun
walfaana gadhiisan uumaman sagalee kokkee jedhamu. Dibbeen sagalee waliitti maxxanuun qilleensa
sombaa dhufu qaba. Kana jechuun yeroo sagaloonni kokkee uumaman qilleensi soombaa dhufu
bakka lamatti qabama (gufata).
1. Daandii afaanii keessatti qaamonni dubbii adda addaa walitti dhufuunii qabu.
2. Kokkee keessatti.
Sagaloonni dubbii kun yeroo qilleensi inni amartii dibbee sagaleetiin kokkee keessatti qabame amartii
sana dhiibuun bahee gara daandii afaanii dhaquun ammas yeroo lammaffaatiif qaamolee dubbii adda
addaatiin qabamee gadi lakkifamu (dhuka’uun bahu) kan uumamanii dha. Sagaloonni kunniinis, /x, q,
c, ph, dh fi (ts)/.
h. Gamduubee /Semivowel/
sagaloonni kunniin yeroo uumaman qilleensi sombaa dhufu akka yeroo dubbifamoonni kaan
uumamaniitti baay’ee hinqabamu; akka yeroo dubbachiiftonni uumamaniittis walaba hinta’u. Haalli
kunimmoo amala lamaaniiyyuu akka qabaatu yookiin gidduu dubbifamaafi dubbachiiftuu akka inni
ta’u isa taasisa. Kanumarraa kan ka’e maqaan sagaloota kanneenii ‘gamduubee/semi-vowel’
jedhame.
Sagaloonni kunniin qilleensi soombaa dhufu akka dubbifamootaa otoo baay’ee hin qabamin
akkasumas akka dubbachiiftuu walabaan utuu hin yaa’in haala giddu galeessa ta’een yoo qilleensi
yaa’uun kan uumamanii dha. Isaanis, /w fi y/ dha.
10
[Type text]
Dibbeen sagalee yeroo sagaleen uumamu bifa lama qabaata. Yeroo sagaloonni tokko tokko
uumaman gamaa gamana kokkeetti maxxananii osoo walitti hindhufiin qilleensa sombaa dhufu
dabarsu. Yeroo sagaloonni kaan uumamanimmoo walitti siquun yookiin kirkiruun qilleensa sombaa
bahu dabarsu. Haalli kunis dubbifamoota bakka lamatti qooda.Isaanis,
A. Walitti dhufanii (kirkiruun) sagaleen tokko qooqa akka qabaatu (xiixaa ta’u) taasisuu;
B. Addaan siqanii (kirkiruu dhiisuun) sagaleen tokko akka qooqa dhabu (mit xiixaa) ta’u taasisuu
dha.
A. Sagalee Qooqa Qabeessa (xiixaa)
Sagaleen tokko qooqa qabeessa kan ta’u yeroo sagalichi uumamu qilleensi soombaa dhufu tokko
ribuuwwan amartii dibbee sagalee keessa jiran walitti siquudhaan wal rigan, keessaa rigatee ba’uu
dha. Isaan kunis, /b, d, dh, g, l, m, n, ny, r, j, w, y, v, z/
Yeroo ribuuwwan amartii dibbee sagalee keessa jiran otuu walitti hin dhufiin (hin kirkirin) hafan
sagaloota uumamanii dha. Isaanis, /c, ch, h,f, k, s, sh,t, q, ph, ?, x, p, ts/
1. Qilleensa gadii
Qilleesna gadii kan jedhamu qilleensa somba keessaa gara alaatti bahu jechuu yoo ta’u, irra caalaan
sagaloota Afaan Oromoo kan isaan uumaman qilleensa gadii kanaani.
2. Qilleensa olii
Qilleensi gadii qilleensa gara sombaatti olfudhannu jechuudha. Afaan Oromoo keessatti sagaleen
qilleensa kanaan uumamu sagalee /dh/ qofa.
3. Qilleensa harsassee
Afaan Oromoo keessa qilleensi sagalee harsasseetiin uumamu hinmul’atu. Ta’ullee afaanota biroo
keessatti kan mul’atan waan ta’eef xiinqooqa keessatti xiyyeeffannoo argateera.
Ulaagaalee qooqa, bakka uumamaa akkaataa uumamsaafi daandii qilleensaa armaan olitti ibsamaniin
dubbifamtoonni hundinuu amala dhuunfaa isaaniitiin adda baafamu. Yeroo amala kanneen
hundaa’uun amala sagaleelee yeroo ibsinu haala tartiiba armaan gadii lamaaniin fayyadamuu ni
dandeenya.
11
[Type text]
1. A. Bakka uumamsaa
B. Akkaataa uumamsaa
C. Qooqa
D. Daandii qilleensaa
2. A. Daandii qilleensaa
B. Qooqa
C. Bakka Uumamsaa
D. Haala uumamsaa
Gocha
Sagaleelee armaan gadii fakkeenya solii irratti hundaa’uun amala isaaniitiin dhuunfaa keetti
erga ibsitee booda kan hiriyaa kee waliin walbira qabii ilaali.
a. [g]
b. [s]
c. [l]
d. [x]
Gabatee-1 Sagalee Dubbifamaa Afaan Oromoo Itti Fayyadamu
Xiixaaa B d g
Mit-xiixaa (p) t k ?
Dhootuu(-q) Ph x q
Dhootu(+q) dh
Rigataa Xiixaa J
Mit-xiixaa Ch
12
[Type text]
Dhootuu(-q) C
Lootuu Xiixaa (v) (z)
Mit-xiixaa F s Sh H
Dhootuu
Funyee M n Ny
Maddee l
Batee r
Gamduubee w Y
Hub → ( ) – Mallattoo Sagalee Dubbifamaa A/O ergifate.
Dubbachiistonni lakkoofsaan muraasa ta’uufi haalli uumama isaanii dubbifamaarra adda isaan
taasisa. Lakkoofsaan shan yoo ta’an, isaan, /a, e, i, o fi u/ dha. Haalli uumama isaanii kan
dubbifamaarraa adda. Sagaloonni kun yeroo uumaman akka dubbifamaatti qilleensa sombaa dhufu
daandii afaanii keessatti otuu hinqabamiin walabaa ta’ee yaa’a.
Kanumarraa kan ka’e dubbachiistuun akka dubbifamaatti ulaagaalee dubbifamaan ittiin ibsamaniin
hinibsamani. Dubbachiistonni kan isaan ibsaman sochii arrabaafi haala hidhiitiini. Kanaafuu,
dubbachiiftota shanan jiran addaan baafnee ibsuuf sochii arrabaa olii fi gadii, duraa duubaa fi haala
sochii hidhii irratti hundaa’uun ta’a. Amaloota dubbachiiftota addaan baasan kana akka itti aanutti
tokko tokkoon ilaalla.
Gara laagaatti ol ka’uufi laagaarra gadi bu’uu arraabarratti hundaa’uun dubbachiiftonni bakka sadiitti
qoonnee ilaalla. Isaanis,
Dubbachiiftonni kunniin yeroo arrabni keenya bakka jirurraa gara laagaatti ol ka’uu arrabaatiin kan
uumamanidha. Isaanis,/i fi u/ dha.
Sagaloonni kunniin yeroo arrabni keenya gara laagaatti baay’ees ol hinka’inii fi gadis hinbu’in
giddugaleessatti kan uumamanii dha. Sagaloonni kunis, /e fi o/ dha.
Sagaleen kun yeroo arrabni keenya gadi bu’ee lafee afaan gadaanuurra ciisu kan uumamuudha.
Dubbachiisaan haala kanaan uumamu, /a/ dha. Dubbaciiftonni kun hundinuu lama ta’uun dheerachuu
ni danda’u.
13
[Type text]
Gubbaa (ol)
i u
Gidduu e o
Jala(Gadi) a
Sochii arrabni duraa gara duubaatti yookiin duuba gara duraatti godhurratti hundaa’uun (fuuldura
afaaniitii gara kokkeetti) godhurratti hundoofnee dubbachiiftuun bakka sadiitti qoodamu.
Sagaloonni kun yeroo arrabni keenya bakka jiru irraa duraatti yookiin fuuldura afaaniitti socho’u kan
uumamanidha. Sagaloonni kunis, /i, e/
Sagaleen kun yeroo arrabni keenya baay’uma fuuldurattis ta’e duubatti hindeebi’iin walakaadhumatti
uumamuu. Dubbachiiftuun haala kanaan uumamtu, [a]dha.
Sagaloonni kun yeroo arrabni keenya gara duubatti yookiin kokkeetti siqu kan uumamanii dha.
Isaanis, /u fi o/.
e o
a
e
14
[Type text]
a) Amartaa’uu
b) Diriiruu/mitamartaawu
Haala kanarratti hundoofnee dubbachiiftota bakka lamaatti qoodna.
Sagaloonni kun yeroo uumaman hidhiin keeenya bifa amartii qabaata. Dubbachiftonni haala kanaan
uumaman kunis, /o fi u/ dha.
Dubbaciftonni isaan hafan immoo yeroo hidhiin keenya diriiru kan uumamanii dha. Isaanis, /i, e, fi
a/ dha.
15
[Type text]
2. Xiindhamsaga/Phonology/
a. Sagalee/phone/
Sagaleen tuuta amalootaa ta’ee firsagaa fi dhamsagatti osoo hin qoodamiin bu’uura afaanota
adduunyaa kan ta’e, qaama xiqqaa fi isa duraa ti.
b. Dhamsaga/phoneme/
Murna/qaama afaanii isa xiqqaa fi kan hiika jechaa jijjiiruu danda’uu yookiin kan ofii hiika hinqane
garuu hiika jechaa keessatti gumaacha qabdudha. Kana jechuun sagaleen jecha tokko keessaa sagalee
biraan yoo bakka bu’e hiika jechichi duraan qabu kan jijjiiru taanaan sagaleen sun sagalee osoo
hintaane dhamsaga jechuudha.
Dhamsagoonni ibsa sammuutiin malee kan ifaan mul’atan waan hintaaneef dhokatoodha. Kan
barreeffama keessatti ifaan mul’atu firsaga. Ibsa mul’ataa ykn barreeffamaa kan qabaatan yeroo
qaama dubbiitiin uumamanii gurraanis dhagahamaniidha. Kanarraan kan ka’e dhamsagni tokko yeroo
qaama dubbiitiin uumamu haala galumsaa irratti hundaa’ee bifa gara garaa qabaata.
Fakkeenyota a, b fi c kana yoo ilaallee barreeffama irratti adda addummaan isaanii sagalee tokko
tokko dha. Jijjiirama sagalootaa kanaarraa kan ka’e jechoonni cimdii cimdiin kaa’aman armaan olii
16
[Type text]
hiika adda addaa akka qabaatan tasiseera. Sagaloonni jijjiirama hiikaaf sababa ta’an kun dhamsagoota
afaanichaati. Dhamsagni tokko yoo dhabee dhabe innumtuu fira mataa isaa waan ta’eef dhamsagni
fira ittiin mul’atu dhabe hinjiru.
c. Firsaga/Allophone/
Jechi ‘firsaga’ jedhu jechoota ‘firaa’fi ‘sagalee’ jedhanirraa adeemsa tisheessuutiin kan uumamedha.
Dhamsagni tokko sagalee gara garaa waliin bakka adda addaatti yoo hiriire bifa adda ta’e qabaachuu
danda’a.
Bifti gara garaa dhamsagni tokko bakka gara garaa galuun qabaatu firsaga jedhama. Kana jechuun
sagaleen tokko bakka gara garaatti sagaloota adda addaa waliin galuutiin dhiibbaa sagalee waliin
galerraa isa mudateen bifa isaa yoo jijjiiruu jechuudha. Haalla kun hiika jechichaa waan hin jijjiirreef
firsaga jedhama. Kanas kan jedhameef fira sagalee isa jalqabaa (haadhoo) waan ta’eefi.
Fakkeenyota armaan olii kana yoo ilaalle (a) jalatti jecha ‘mana’ jedhu irratti /n/ haala isaa duraa
qabatee mul’ata. Garuu jecha itti aanu keessatti waan sagalee harsasseetti aanee dhufeef bifa isaa
jijjiirrate. Jechoota (b) jala jiran lamaan keessattis akkasuma isa jalqabaa keessatti yoo /a/ n haaluma
isaa duraa qabatee dhaabbatu jecha itti aanu keessatti garuu waan sagalee funyee dursee dhufeef ni
funyaa’e. Fakkeenyota lamaanuu keessatti haalli sagaloota lamaanuu hamma tokko jijjiiramuyyuu
yoo kan bakka sagaloota kanaa kan jijiirru ta’e hiika jechichaa hin jijjiirru. Kun kan ta’eef sagaloonni
lamaan fira walii (firsaga) waan ta’aniifi.
Sagaleen tokko bakka adda addaatti yoo dhufu haala adda addaatiin sagaleeffamuu danda’a. Kun
immoo karaa biraatiin firsagni bakka galumsa mataa isaa akka qabu argisiisa. Haata’u malee firsagni
17
[Type text]
tokko tokko bakka waljijjiiranii yoo tajaajilan ni mul’ata. Kanaafuu firsagoota haala adda addaatiin
ilaalla:
Isaan ulaagaa faca’iinsa walabaa (free variation) guutan- kan bakka walii hinbuunee,
bu’anillee jijjiirraa hiikaa hinfidnee fi,
isaan ulaagaa wal-deeggaraa (complementary distribution) guutan- kan gonkumaa bakka
walii hinbuune dha.
Isa jalqabaa keessatti haala sagaleessuu sagalee isa bu’uuraatiifi firsaga isaa gidduu jijjiiramni jiru
ifaan mul’achuu danda’uyyuu, namoonni bakka adda addaatti wal jala jijjiiruun itti fayyadamu. Afaan
Oromoo keessatti jecha ‘bishaan’ jedhu akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Jecha kana
namni tokko tokko akkuma jirutti yoo sagaleessu inni kaan immoo ‘bisaan’ jedha- sagalee sh fi s wal
jala jijjiiruun fayyadama. Jijjiiramni sagalootaa jiraatuyyuu hiikni jechichaa hinjijjiiramne. Kanaafuu
[s]n firsaga /sh/ ta’a. Bakka biraatti sagaloonni kun of danda’anii dhaabbachuun dhamsagoota mataa
isaanii danda’an ta’aniyyuu bakka kanatti inni tokko isa kaaniif firsaga ta’a.
Ati immoo fakkeenyota biroo barbaadi!
Inni lammaffaa firsagoota bakka isaanii malee hinhiriirredha. Yaada kanaaf fakkeenya gaarii kan
nuuf ta’u, haala dhamsaga /t/ jechoota adda addaa keessatti itti sagaleeffamuudha. Dhamsagni kun
jecha ‘tiruu’ jedhu keessatti yoo sagaleeffamu hafuurawaa ta’a. Jecha ‘gatii’ fi ‘saddeet’ jedhu
keessatti garuu tartiibuma isaaniitiin lakkifamaa fi mit-lakkifamaa (released and unreleased) ta’a.
Kanas haala armaan gadiitiin kaa’uun ni danda’ama.
Firsagoonni sadiin kun kan argaman /t/n bakka adda addaatti galuun waan ta’eef jijjiirama faca’insa
wal-deeggaraatiin (in complementary distribution) jechuu dandeenya.
Sagaloota afaan adduunyaa keessa jiran mala adda addaa fayyadamuun dhamsaga afaan tokkoo ta’uu
adda baafachuun ni danda’ama. Maloota kanneen keessaa isaan gurguddoon kanneen armaan gadiiti.
18
[Type text]
Jechoonni adda addaa lama sagaloota hundaan wal fakkaatanii sababa sagaloota lamaa kan fuullee
waliitti argamaniif yoo hiika adda addaa kennan xunda xiqqaa uuman jedhama. Sagaloonni haala
kana uumuun isaanii dhamsagoota afaanichaa ta’uu mirkaneessa.
2.2.2 Faca’iinsa
Faca’isi mala lammaffaa dhamsaga afaan tokkoo ittiin adda baasanii dha. Kana jechuunis sagalee
tokko jechoota afaanichaa adda addaa keessatti fuuldura, gidduu fi duubatti hiriiree argamuu isaati.
Fakkeenyaaf jechoota ‘tiruu, gatii fi saddeet’ jedhan kanneen ilaaluu ni dandeenya. Jechoota kana
keessatti sagaleen t bakka sadiinuuttuu waan hiriireef dhamsaga Afaan Oromoo ta’uu isaa nu
mirkaneeffachiisa.
2.3 Hasbarruu/Transcription
Hasbarruu jechi jedhu jechoota haasaa fi barreessuu jedhan irraa mala kutanii hidhuutiin(suphuutiin)
kan uumamee dha. Hiikni isaas haasaa akkuma jirutti barreessuu jechuu dha.
Haasaa tokko akkaataa itti haasa’amutti barreessuuf Q.W.A(IPA) tti fayyadamuu barbaachisa.
Hasbarruun bakka gurguddaa lamatti qodama: Dhamsageessuu fi Firsageessuu dha.
a) Dhamsageessuu (Phonemic Transcription) – Gosa hasbarruu keessaa isa tokko ta’ee haasaa
haasa’amu tokko akkuma jirutti barreeffamaan kaa’uu dha. Yeroo kana barreeffamichi mallattoo //
keessa kaa’ama.
Maangudoo /ma:ŋgoddo:/
b) Firsageessuu (phonetic Transcription) –Gosa hasbarruu isa lammaffaa ta’ee haasaa tokko akkanni
itti sagaleeffamutti amala dabalataa sagaloonni argatan hunda bira kaa’uun barreeffamaan argisiisuu
dha. Barreeffamni kun immoo mallattoo [ ] keessa kaa’ama.
19
[Type text]
3.4 Irsaga/Suprasegmental
Irsagni haala qindaa’ina dhamsagoonni jecha ittiin ijaaran –kan akka uumamsa irra butaa fi
dhamsagummaa fi firsagummaa dubbifamaa yeroo laafuu fi jabaatu, kan dubbachiiftuu yeroo
gabaabbatuu fi dheeratu akkasumas kussagaa fi kissagaa kan ilaallatuu dha.
Irra butaa jechuun sagalootni dubbifamaa adda addaa lama jecha tokko keessatti yeroo walitti aananii
dhufan isa jalqabaa irra butuun haala itti dubbisanii dha. Haalli irra butaa afaan tokkorraa tokkotti
adda adda ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf kan Afaan ingiliizii fi kan AFAAN OROMOO yoo fudhanne
adda adda. Afaan Ingiliizii keessatti dubbifamaan adda addaa lamaa fi sanaa olii walfaana hiriiruu
akkasumas jalqaba ykn xumura jechaa irratti dhufuu ni danda’a. Afaan Oromoo keessatti garuu
dubbifaamaan adda addaa lamaa ol wal faana hiriiruu hindanda’u. Kana jechuun akka seera Afaan
Oromootti dubbifamaan gosti lamaa, lamaa ol walitti aanuun barreeffamuu hindanda’u. Akkasumas
irra butni jalqabaa fi xumura jechaa irratti hinuumama.
Irra butaa uumuu keessatti dhamsagoonni adda addaa duraa duuba ittiin hiriiran kan mataa isaanii
qabu. Haala kanaan dhamsagoota irra butaa kessatti jalqaba hiriiran, lammaffaa irratti kan hiriiran,
bakka lamaanittuu kan dhufuu danda’anii fi gonkumaa irra butaa kan hinuumne jechuun
dhaamsagoota adda baasuu ni dandeenya.
a) Dhamsagoota qindoomina keessatti dhamsagoota biraatti aananii dhufan. /t, x, d, dh, s, ch, c,
?, ph, j/
bulchaa
20
[Type text]
gurmuu
c) Dhamsagoota dhamsagoota biroo dursanii ykn itti aananii dhufan /b, k, q, f, g, sh, m fi n/
d) Dhansagoota dhamsagoota biroo dursanii ykn itti aananii hindhufne yookiin irra buta uumuu
hindandeenye- /h fi w/
Adeemsa irra butaa uumuu kana keessatti sagaloota akka miseensa tokkoffaa fi lammaffaatti galuu
danda’an bakka lamatti qoonnee ilaalla.
1. Sagaloonni akka miseensa tokkoffaatti galuu danda’an dhamsagoota warra qabamuu qilleensa
xiqqaatiin (less sonorant) yeroo qilleensi xiquma qabamu uumamaniidha. Fknf /l, r fi y/.
2. Sagaloonni akka miseensa lammaffaatti galuu danda’an warra qabamuu qilleensa guddaatiin
yookiin yeroo qilleensi baay’ee qbamu (more sonorant) uumamaniidha. Isaanis sagaloota cufaa,
lootuu , rigataa ta’uu danda’u.
Jabeessuufi laaffisuun sagalootaa haala yeroo dubbifamaan uumamu ittiin qaamolee dubbii keenya
walitti dhufuun qilleensa qaban kan ilaallattudha. Kunis yeroo dubbifamaa laafaan uumaman
qaamoleen dubbii keenya salphiseetuma waltuquun kan walirraa adda deemu yoo ta’u, yeroo
dubbifamaa jabaan uumaman immoo cimsee walqabachuun yeroo muraasaaf erga turee booda addaan
deema. Dhimmi kun barreeffama keessatti dubbifamaa walfakkaataa lama walitti aansanii
barreessuun mul’ata. Haalli kun jecha keessatti uumamuun hiika jechaarratti jijjiirama fida.
gaddaa gubbaa
21
[Type text]
Kuussaga jechuun birsagoota jecha tokkoo haala adda addaatiin- sagalee ol fuuchuu fi gadi buusuun
haala itti dubbisnuu dha. Haalli dubbisuu kun Afaanota keessatti jecha tokko hiika adda addaa
qabaachisutu jira. Afaanotni akkanaa kun Afaanota kuussagaa (tone language) jedhamu. Fakeenyaaf
Afaan kafaa (Kafi Noonoo) keessatti haala jechi qubee wal fakkaatu qabu hiika adda addaa itti argatu
armaan gaditti haa ilaallu.
Jechoota garee 1ffaa keessa jiraniif kan 2ffaa keessa jiran hiika adda addaa kan argachiise haala ittiin
sagaleeffamuudha.
Afaanota kissagaa (pitch Language) keessatti garuu, kissagni garaa garummaa hiikaa otuu hin ta’in
caasaa himaa (grammatical structure) jijjiiruudhaan tajaajila himaa (grammatical function) kenna
(Malmakjack, 1991).
Sadarkaa socho’iinsa foon kokkee irratti hundaa’uun kissagni bakka lamatti qoodama:
22
[Type text]
A. Kissaga ol’aanaa/high pitch/- Kirkiruu foon kokkee guddaan uumama. Innis mallattoo/´/mataa
birsagaarra kaa’uun mul’ifama.
B. Kissaga gadi aanaa/low pitch/- Kirkiruu foon kokkee xiqqaan uumama. Inni kun immoo
mallatoo /`/ mataa bisagaarra kaa’uun mul’ifama.
LASSAGA/MORPHOPHONETICS/
Dameen kun walitti dhufeenya latii fi dhamsagaa-dhamsagni tokko latii tokko keessatti akkaataa itti
argamu ykn akkaataa itti jijjiiramu qorata.
Afaan Oromoos walitti dhufeenya latii fi dhamsagaarraa kan ka’e wiillaa(stem) jechootaa keessatti
jijjiirraa fida. Jijjiirraan bebbeekamoon afaanicha keessatti adeemsifamanis firoommii, haqiinsa,
saaguu, waljafuu fi birdummaa dha.
1. Firoommii/Assimilation/
Firoommii jechuun saagaleewwan qindaa’ina ykn hiriira jecha ijaaruu keessatti sagalee olla irraa
amala wahii fudhachuun ykn kennuun amala wayiitiin walfakkaachuu jechuu dha. Firoommii kanas
bakka lamatti qooduun ilaalla: Kallattii firoommii fi sadarkaa firoommii ti.
Gosa galoommii keessatti kallatiin firoommii kan ilaalamu sagalee isa amala isaa kennerraayi. Kana
jechuunis sagalee isa kamtu amala isaa sagalee isa olla isaatiif kenne kan jedhuu dha.
Kallattii kana irratti hundaa’uun firoommiin bakka sadiitti qoodama: Firoommii gar duree,
garduubee fi firoommii gar lamee dha.
Firoommiin tokko gar duree kan jedhamu yeroo sagaloota jecha keessatti walfaana hiriiran keessa
inni gara bitaa amala wayii sagalee isa cinaa gara mirgaatiin jiruuf kennuun ofitti miroomfatuu dha.
Sagaloota kana lamaan keessaa inni amala isaa kenne firoomfataa yoo jedhamu inni fudhachuun
firoome immoo firoomaa jedhama. Adeemsa kana hubachuuf jijjiirama lakkoofsota amaan gadiirra
ga’e ilaali.
1 23 4 1224
23
[Type text]
Kana jechuun /l/ n amala isaa /n/ dhaaf kennee gara /l/tti jijjiire.
Jijjiirraa kana argisiisuuf jecha armaan olii kana haala armaan gadiitiin keenya.
/falne/ [falle] falle - kana jechuun jechi inni jalqabaa dhamsageessuun kaa’amuu isaa, inni
lammaffaa firsageessuu fi inni sadaffaa immoo seera barreeffamaatiin (qubeen) kaa’amuu isaa nutti
agarsiisa.
Sababa firoommii sagalootaa adda baafachuuf amaloota sagaloota sadanii ilaaluun dirqama ta’a.
Amalootni sagaloota kanaa yoo wal bira qabnee ilaallu sababni jijjiirraa haala uumamaa ta’uu
hubanna. Kana jechuunis /l/ amala maddummaa isaa /n/ dhaa kennee gara ofiitti jijjiire.
/barne/→ [barre]
/n/→[r] //r/
Firoommiin tokko firoommii garduubee Kan jedhamu sagaloota jecha tokko keessatti walcinaa
hiriiran keessaa, sagaleen gara mirgaa jiru tokko sagalee isa gara bitaa isaa jiruuf yoo amala wayii
24
[Type text]
kenneefii ofitti firoomfatuu dha. Adeemsa kana hubachuuf jijjiirama lakkoofsota armaan gadiirra ga’e
ilaali.
1234→1334
/gatne/→[ganne]
/danbii/ → [dambii]
/kunbii/→ [kumbii]
/n/ → /m//-/b/
25
[Type text]
kana jechuun jecha tokko keessatti sagalootni olla walii jiran yeroo tokko gara duraatti, itti aansuun
immoo gara duubaatti ykn faallaa kanaan yeroo firoomanii haala mul’atuu dha.
/fiigte/→[fiigde] →[fiidde]
Jecha ‘fiigde’ jedhu armaan olii keessatti /g/n /t/dhaaf amala qooqaa kenneefii /d/ tti jijjiire. Sana
booda immo ‘fiigde’ kan jedhu keessatti /d/n /g/dhaaf amala irgummaa kenneefii gara /d/ tti jijjiire.
B. Sadarkaa Firoommii
Sadarkaa firoommii jijjiirama sagalee irratti mul’atu irratti hundaa’uun bakka gurguddaa lamatti
qoodamu. Isaanis, firoommii gartokkee fi firoommii guutuu dha.
kana jechuun sagaleen tokko yeroo sagalee ollaa isaa irraa amala muraasa (qooqa ,bakka uumamsaa
ykn akkataa uumamsaaa) fudhateeyoo itti firoomu jechuu dha.
/q/→[g] /-/n/
26
[Type text]
/k/→[g] /-/r/
Firoommii guutuu jechun adeemsa qindoomina sagalee keessatti yeroo sagalee tokko amala sagalee
olla isaa guutummaa guutuutti fudhachuun sagalechatti firoomu (fakkaatuu) dha
Fkn.(1) /qarne/→[qarre]
/n/→[r] //r/-
Firoommii kessatti amala sagaleen tokko sagalee olla isaatii kenne irratti hundaa’uun firoommiin
gaggeeffeme kan maalii akka ta’e dubbachuun ni danda’ama.
27
[Type text]
a) Hidhummaa/labialization/
Hidhummaa jechuun adeemsa walitti qindaa’ina sagalootaa keessatti yeroo sagaleen hidhii hin ta’in
tokko sababa sagalee hidhii cinaa hiriireen gara hidhiitti jijjiiramu ykn amala hidhummaa fudhatuu
dha.
b. /danbii/→ [dambii]
c. /tanboo/→ [tamboo]
b) /fooddaa/→ [fwooddaa]
c) /xuuxuu/→ [xwuuxwuu]
Fakkeenya 2ffaa keessatti sagalootni s, x fi f amala dabalataa hidhii amarteesuu qabu. Kanas kan
argatan sababa dubbachiiftota [u] fi [o] duuba isaanii dhufaniifi. kanaafuu sagalootni dubbifamootni
armaan olii dubbachiiftota kana lamaan dura dhufan yoo dubbifaman hidhii geengessuun ta’a.
Firoommiin akkasii kunis firoommii hidhummaa gamiisa jedhama.
b) Laagummaa/ Palitilization/
Laagummaa jechuun adeemsa walitti qindaa’ina sagalootaa keessatti sagaleen tokko sababa sagalee
laagee bira hiriireef yeroo sagalee laagaatti jijjiiramuu dha.
28
[Type text]
c) Harsassummaa /Velalization/
Harsassummaa jechuun sagalee uumamaan harsassee hin taane sababa sagaloota harsasseetti aananii
dhufaniif gara harsasseetti jijjiiramuu jechuu dha.
d) Qooqummaa (voicing)
Adeemsa firoommii keessatti haala sochii dibbee sagalee irratti hundaa’uun sagaleen uumamaan
qooqa dhabeessa ta’e tokko sababa sagalee qooqa qabeessa cinaa hiiriiruun gara sagalee qooqa
qabeessaatti yoo jijjiiramu qooqummaa jedhama.
29
[Type text]
Adeemsa firoommii keessatti sagaleen uumamaan qooqa qabeessa ta’e tokko sababa sagalee qooqa
dhabeessa cinaa hiriiruun yeroo gara qooqa dhabeessaatti jijjiiramu qooqa dhabeessummaa jedhama.
/gogse/→ [gokse]
As keessatti /g/ sababa /s/ cinaa hiriireef qooqa qabeessummaa isaa dhiisee gara /k/ kan qooqa hin
qabnetti jijjiirame.
f) Funyummaa (Nasalization)
Funyeessuu jechuun adeemsa firoommii keessatti sagaleen uumamaan funyee hin taane tokko, sababa
sagalee funyee faana hiriiruun amala funyummaa walakkaa argachuu dha. Kunis kan mul’atu
dubbachiiftuu irratti dha. Dubbachiiftonni yeroo sagalee funyee duuba dhufan amala kana fudhatu.
kanas argisiisuuf mallattoo (~) dubbachiiftuurra keenya.
b) /mana/ → [mãna]
Firoommii fagootiin dubbifamaan funyee hin taane tokko guutummaan gara sagalee funyeetti
jijjiiramuun funyummaa argisiisuu ni danda’a.
30
[Type text]
Saaguun adeemsa firoomsuu osoo hin ta’in adeemsa caasaa birsaga afaan tokkoo ittiin sirreessanii
dha. Kana jechuun Afaan Oromoo keessatti dubbifamaan lamaa ol walcinaa hiriiruu hin danda’anu.
Haata’u male adeemsa jechoota horsiisuu kessatti yeroo seera kanaa ala ta’antu jira. Seera adeemsa
keessa cabe kana sirreessuuf dibbachiiftuutu saagama. Mee fakkeenya armaan gadii ilaali.
Inni siikse
Isheen siikste. X
Isheen siiksite.
2) fiigse
Fiigsine
3) kolfe
Anni kolfe
Isheen kolfite.
Kolf + te → kolfte. X
Kolfite.
4) Elme
Elm + te → elmite
5) darbe
Darb +- ne → darbine
Fakkeenyota armaan olii irraa wanti hubatamu adeemsa jecha Afaan Oromoo barreessuu keessatti
dubbifamaan lamaa ol wal faana hin hiriiru. Kanaafuu haala adeemsa jechoota horsiisuu keessatti
yeroo dubbifamtootni lamaa ol wal faana hiriiruu mul’atan gidduu isaanii dubbachiiftuu [i] galchuun
waan sababa horsiisaatiin seera afaanichaatiin ala ta’uu barbaade gara seeraatti akka deebnuu dha.
31
[Type text]
3. Haquu(sabala) /Deletion
Haquu jechuun akkuma jechicha irraa hubatamu jechoota keessaa sagaloota dubbachiiftuu ykn
dubbifamaa balleessuu dha. Kunis adeemsa jechoota afaan tokkoo uumuu ykn horsiisuu keessatti
yeroo sagaloonni seera afaanichaatiin alatti walfaana hiriiran adeemsa ittiin sirreessanii dha.
a) Dubbachiiftuu Haquu
Seera Afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuu gosti adda addaa lama wal bira hin hiriiranu. Sagaloonni
kunniin adeemsa qindaa’ina jechootaa keessatti yoo wal bira dhufan tokko ni haqama.
/a/ → ø -/-oo/
/a/ → ø -/-ee/
/a/ → ø -/-u/
b) Dubbifamaa Haquu
/?/→ ø -/-ne/
/?/→ ø -/-ne/
c) Birsaga Haquu
Afaan Oromoo keessatti yeroo jechi tokko jechoota adda addaa lama irraa ijaaru birsagni tokko ykn
sanaa ol ni haqama.
/xala/→ø -
BIRSAGA
32
[Type text]
Birsagni caasaa xindhamsagaa keessaa isa tokko. Birsaga jechuun walta’iinsa dhamsagootaa kan
seera birsaga afaan tokkoo eeguun ijaaramu jechuudha. Birsagni sadarkaa itti sagaloonni
walfaannommii agarsiisan malee, sadarkaa itti hiika kennan miti. Kana jechuunimmoo birsagni hiika
kennuu danda’u hinjiru jechuu miti.
Akka seera Afaan Oromootti birsagni tokko yoo xiqqaate dubbifamaa tokkoofi dubbachiiftuu
tokkorraa ijaarama. Kana jechuun birsagni dubbifamaa yookiin dubbachiiftuu tokko qofa ta’uu
hindanda’u.
Birsagni qaamota ka’umsaafi jiddugala jedhamutti kan qoodamu yoo ta’u, jiddu galli ammoo
utubduufi cuftuutti qoodama. Ka’umsifi cuftuun birssagoota Afaan Oromoo yeroo hundumaa
dubbifamaa yoo ta’u, utubduunimmoo dubbachiiftuudha.
7. Xinjecha/ /morphology
Xinjechi damee xinqooqaa ta’ee kan waayee akkaataa jechoonni itti uumamaniifi walhoranii kan
qoratudha. Dabalataanis akkaataa jechoonni gara garaa itti seerluga adda addaa agarsiisan qorata.
Xiinjechi qaama afaanii dhamjecha jedhamurratti xiyyeeffata. Xindhamjechi xiyyeeffannoo isaa
(qorannoo isaa) kan eegalu (ka’umsi xinjechaa) qaama xiqqaa damee kanaa kan ta’e, dhamjecha
irraati.
7.1 Dhamjecha
Dhamjechi qaama afaanii xiqqaa ta’ee kan hiika mataa isaa qabudha. Qaamni kun bakka lamatti
yookiin yoo qaama biraatti caccabe hiika qabaachuu hindanda’u.
fakkeenyaaf jechi ‘namoota’ jedhu dhamjechoota lama irraa kan ijaaramedha. ‘Namaa’ fi ‘-oota’.
Dabalataanis fakkeenyota armaan gadii ilaali.
Nama saree
Mana muka
Jechoonni armaan olii jechadha; dhamjechasi. Qaamonni kunneen ofdanda’anii ergaa guutuu
dabarsuu isaaniitiif ‘jecha’ jedhamu. Karaa biraatiin yoo qaama biraatti caccabe (bakka lamatti caban)
hiika dhabuun isaaniimmoo dhamjecha isaan jechisiise.
33
[Type text]
Dhamjechi sagalee tokkoofi isaa olirraa ijaaramuu danda’uyyuu, hiika mataa isaa ni qaba.
Fakkeenyaaf jecha ‘beeksise’ jedhu keessa dhamjechoota, ‘beek-’, ‘sis-‘fi ‘-e’ jedhanitu keessatti
argama.
Dhamjechi bakkawwan adda addaattii bifa garagaraa qaba. kunis jechoota maxxanfatuufi itti
maxxanurratti hundaa’uuni. Bifti dhamjechi jechoota gara garaatti maxxanuun qabaatu sanyii
dhamjechaa jedhama.
Fkn. [oota]-oota
-ota
Dhamjechoota kan hiiknu hiikaafi qabiyyee isaanii irratti hundoofneeti. Dhamjechoonni dhaabbii
isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qoodamuu:
34
[Type text]
Dhamjecha walabaa
Dhamjecha hirkataa
I. Dhamjecha walabaa-
Gosti dhamjechaa kun kan ofii isaatiin qofaa isaa dhaabbatee hiika guutuu dabarsuu danda’u
jechuudha.
Fkn. Mana
Lafa Keessa
Irra Cina
Karaa biraatiin dhamjechoonni walabaa immoo qabiyyee isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti
qoodamu.
a. Dhamjecha hiikaa
Dhamjechi hiikaa jecha ofdanda’aa tokko ta’ee , hiika mataa isaa kan qabuufi kan yoo bakka lamatti
cabe hiika qabaachuu hindandeenyedha. Dhamjechoonni kunneen yaada, gochafi meeshaa wayii
bakka bu’uu danda’u. karaa biraatiin dhamjechoonni kunneen maqaa yookiin maqibsa ta’uu malu.
b. Dhamjecha faayidaa
Dhamjecha faayidaa kan jedhamani immoo dhajechoota walabaa ta’anii kanneenn faayidaa seerlugaa
agarsiisuuf fayyadaniifi kan qabiyyee mataa isaanii qabanidha. Dhamjechoonni akkanaa qofaa isaanii
dhaabbatanii hiika hinqabani. Hiikni isaaanii kan mul’atu yeroo jecha yookiin dhamjecha birootti
waliin dhufanidha. Hiikni dhamjechoota kunneenii faayidaa isaaniiti.
Dhamjechoonni armaan olii tajaajila gara garaa kan qaban yoo ta’uu, fakkeenyaaf tajaajilli isaanii
kallatti agarsiisuufi jechoota lama walqabsiisuun walitti dhufeenya isaanii ibsuudha.
35
[Type text]
Fkn. –oota, -ina, -mmaa, -t-, -e, -icha, -ittii, deem-, dhuf-, fiig-, …
Dhamjechoonni armaan olii dhamjechoota birootti osoo hinmaxxaniin yookiin hinmaxxanfatiin hiika
ifa ta’e dabarsuu hindanda’ani. Dhamjechoonni hirkatoon qabiyyee isaanii irratti hundaa’uun bakka
lamatti qoodamu. Isaanis,
i. Dhamjecha hundee
Dhamjecha hundee kan jedhamu gosoota dhmjecha hirkataa keessaa tokko ta’ee, kan mataa isaa
danda’ee hindhaabanne yookiin kan hiika guutuu hinqabne jechuudha. Dhamjechi gosti kun ergaa
guutuu dabarsuuf dhamjecha biroo maxxanfachuu barbaada.
Dhamjechoonni gosa kana jalatti ramadaman irra goddaan hundee xumuraa ta’uyyuu darbee darbee
hundeen maqaafi maqibsaas akkasuma.
Shaakala
Xumura waliin galuun, heennaa, darbiinsa gochaa, mormii,---. Fakkeenya itti aanu ilaali.
36
[Type text]
Ibsoota maqaa waliin galuun baay’ina yookiin danooma maqaa, maqlaalee, koorniyaa---
Shaakala
Shaakala
Tajaajila tokko tokkoon dhamjechoota kanneen qaban erga ibsitee booda hundeejechaatti
maxxansuun agarsiisi.
Fikas-jabaa
Fumikas- jabaachuu
Fusu- diina
37
[Type text]
Fakkeenya:
Beek-sis-t-e
Nam-oota
Nam-ummaa
Afaan Oromoo keessatti dhamjechi ‘-t-‘n waan lama agarsiisuuf tajaajilti. Isaanis ramaddii korniyaa
agarsiisuufi.
Dhamjechoonni lama bifaan tokko hiikaan lama yeroo ta’u dhamjecha bifa tokkee (homo phonous)
jedhama.
i. Dhamjecha hortee
Dhamjechoota hortee kan jedhaman dhamjechoota garee jechoota gara garaatti maxxanuun tajaajila
seerlugaa adda addaa agarsiisan jechuudha. Gosti dhamjechaa kun garee jecha itti maxxanuu osoo
hinjijjiiriin unka isaa qofa jijjiiruun caasaa seerlga wayii agarsiisuuf tajaajila. Kana jechuun gareen
jecha dhamjechi hortee itti maxxanuu fakkeenyaaf xumura yoo ta’e, xumura ta’uu jechichaa osoo
hinjijjiiriin unka inni duraan qabu qofa jijjiiruun tajaajila isaa jijjiira. Fakkeenyota armaan gadii ilaali.
38
[Type text]
1. Nama +oota=namoota
2. Jabbii+lee=jabbilee
3. Deem-+e=deeme
4. Deem- + an=deeman
5. Diim- + tu=diimtuu
6. Diim- + a=diimaa
Gocha
1. Jijjiirama dhamjechhoonni armaan olii jechoota yookiin hundee jechaa irratti maxxanan irratti
fidaniifi tajaajila isaan bakka itti maxxananitti qaban ibsi.
2. Dhamjechoota akkanaa shan jechatti/ hundee jechaatti maxxansuun erga agarsiistee booda jijjiirama
inni jechicha irratti maxxanerratti fide ibsi.
Fakkeenya (1fi 2) keessatti dhamjechoonni (-ootafi -lee) maqaarratti maxxanuudhaan maqummaa
isaanii osoo hinjijjiiriin maqaa qeentee gara maqaa danuutti jijjiirani. Akkasumas fakkeenyota (3fi 4)
keessatti dhamjechoonni maxxantuu (-efi -an) hundee xumuraatti maxxanuudhaan xumu ta’u jecha
kanaa osoo hinjijjiiriin heennaa darbe keessa namoota adda addaatiin raawwatamuu gocha deemuu
agarsiisu. Fakkeenyota (5fi 6) keessattis hundee maqibsaatti maxxanuun maqibsummaa isaa osoo
hinjijjiiriin kornayaa (‘–tuu’ dhalaa, ‘-a’ dhiira) agarsiiseera
39
[Type text]
Fakkeenya armaan olii keessatti dhamjechoonni (-maata, -ina, -icha, -tuu, –sa fi -ummaa)n
maqeessitoota. Kana jechuun dhamjechoonnii kunneen garee jechoota kan birootti maxxanuun garee
jechichaa gara maqaatti jijjiiru. Gama biraatiin dhamjechoonni (-oom-, -am-fi –t-)n immoo garee
jechaa kaanirraa gara xumuraa yookiin gochimaatti jijjiiraniiru.
8. Garee Jechootaa
Jechoota qofa qofaatti waayee isaanii qorachuurra gareen qorachuutu filatama. Kanumarraa ka’uun
hayyoonni jechoota akkaataa walfakkeenya isaaniitiin garee gareen qooduun qorataniiru. Haaluma
kanaan jechoota maqaa, ibsa maqaa, xumurafi dabala xumuraati.
I) Ulaagaa hiikaa
Jechi tokko garee jechaa tokko jalatti ramadamuuf unka hiikaa gareen jechaa sun qabu guuttachuu
qaba. Fakkeenyaaf jecha tokko maqaa jalatti kan ramadnu yoo ta’e, hiika maqaaf kennamu kan
guutuu ta’uu qaba. Haala kanaan maqaa jechuun jechoota yaada, bakka yookiin wanta wayii bakka
bu’an jechuu yoo ta’e, jechoonni hiikti kun isaan ilaallatu hundi maqaa jedhamu jechuudha. Kanneen
biroonis akkasuma.
Akkasumas xumura jechuun jechoota gocha yookiin raawwii wayii bakka bu’an
jechuudha.fakkeenyota itti aanan ilaali.
40
[Type text]
Dabaltaanis ibsoota maqaa warreen jedhaman kanneen waayee maqaa odeeffannoo dabalataa kennaan
yookiim maqaa ibsan jechuudha. Fakkeenyota itti aanan ilaali.
Kunis fakkeenyaaf heennaa (yeroo) gochi itti raawwate agarsiisuuf, ramaddii agarsiisuuf, ilaalchaafi
mormii agarsiisuuf ni maxxamfata. Haalaa kanaan jechoota maxxantoota gosa kana maxxanfatanii
xumura jennaani jechuudha. Haala kanaan jechoota qoqqooduun ulaagaa xinjechaa jedhama.
Fkn. Dhuf-e
Dhuf-t-e
Hin-dhuf-ne
Fkn. Mana-oota
Sa’a-wwan
Lammii-lee
Ulaagaa kan maqibsa jalatti kanneen ramadaman jechoota dhamjecha maqibsi maxxanfatan kanneen
maxxanfatanidha. Maqibsi maxxantoota –aafi –tuu maxxnfachuun ramaddii agarsiisu. Akka ulaagaa
41
[Type text]
1. Hoolaa bite.
2. Hoolaa koo bite.
3. Hoolaa baay’ee bite.
4. Akka hoolaa mar’ata.
Akka hima armaan olii keessatti mul’atutti, jechoonni bakka ‘hoolaa’ galuu danda’an marti ulaagaa
kanaan maqaa jalatti ramadamu.
Gama biraatiin jechuunni dhuma himaarratti galanimmoo akkaataa ulaagaa kanaatiin xumura jalatti
ramadamu. Fakkeenyota itti aanan ilaali.
1. Tolaan dhufe.
Hima kam keessattuu jechoonni bakka jecha ‘dhufe’ jedhuu galuu danda’an ulaagaa xinhimaatiin
xumura jalatti ramadamu.
Akkasumas ijaarsa gaalee yookiin ciroo keessatti iddoofi jecha inni waliin galu irratti irratti
hundaa’uun jecha tokko maqibsa jalatti kan ramadnu yoo ta’e, ulaagan kun ulaagaa xinhimaa
jedhama. Jechoonni bakka jecha armaan gaditti gurraacha’anii galan hundi ibsa maqaa jedhamu.
42
[Type text]
a. Maqaa
Maqaa jechuun itti waamama namaa, bakkaa, wantootaafi kkf jechuudha. Kana jechuun jechoonni
amala kana qabaniifi tajaajila kan fakkaatan qaban garee jechaa kana jalatti ramadamu. Fakkeenyota
armaan gadii ilaali.
Jechoonni armaan olii hundi garee maqaa jalatti ramadamu. Haala kanaan jechoonni hiika akkasi
qaban hundi maqaa jalatti ramadamu. Kunis ulaagaa hiikaatiin waljalatti ramaduu jedhama. Ulaagaa
biroon gareen jechootaa ittiin qoqqoodamu ulaagaa xiinchaati
Gosoota maqaa
Maqaa waliinii
Maqaa dhuunfaa
Maqaa garee
Maqaa mul’aatu
Maqaa hinmul’anne
Ibsa maqaa
43
[Type text]
Gareen jechaa kunniin kanneen maqaa ibsuuf tajaajilanidha. Maalummaa maqaa, madda maqaa,
tajaajila maqaa, bifa maqaa, hanga (furdina, huqqina, ulfaatina, baay’ina) maqaa… ilaalchisuun
odeeffannoo dabalataa kan kennanidha. Fakkeenyota armaan gadii ilaali.
Jechoonni armaan olitti tarreeffaman jechoota ibsa maqaa ta’an yoo ta’u, jechoonni biroon yeroo
maqaa ibsanis ni mul’ata. Fakkeenyota itti aanan ilaali.
Mana dhagaa
Buna Wallaggaa
Garbuu biiraa
44