You are on page 1of 5

HAXXEE NAMAA Share by Taliila Castro Booru (notes) Friday, December 4, 2009 at 7:50am Garaan wac wac jettee-Maagaa

dammaqsitee Nyaata isa keessaa-Wacaan xureesitee Cororiif wac waciin lafa balleesitee Qabaa na gadhiisaa-iyyaan lafa cirtee Qoccoodhaaf boqqolloo-Dhiittee dhoqqeesitee Garaa keessa baafti-bishaan fakkeesitee Kana waaqatu beeka - maaf akka jarjartu Garaa keessa turuu-maaf akka balfattu Gaaddisaa isa fayyaa Boqonnaa dhorkiti Tasa irra baatee - Amala jijjiirti Aa..a'aa..uu..xar..xarxar ...saglee gadadoo sagalee bareedaa Maalumaaf kadhata tasgabbii godhatee maalumaaf sagada Maaf gammadee adeema maaf biiroo isaa taa'ee kabajaan dalaga Jettee inaaffaadhaan boqonnaa sarbiti Gaaddisaa isa nagaa Huggum nama dhiba -safuu ya tooftaasaa Silaa tasa hindhibuu namni inni haxxeensaa Biiroo isaa godhata mana haara galfiisaa(Rest room) Corqaan boqqolloodhaa-silaa garaa kaasaa Tasa suuta hinbeeku-nama ariifachiisaa Naan hedduu na raaja- haxxummaan Gaaddisaa Maaliif gadi ba'a -Maaf yeroosaa guba Maaf garaa qabatee deema mana duuba? Biiroomasaa taa'ee waraqaas barreessaa Jarjartiin dhufnaanis corqaasaa gadhiisaa Achumarra taa'ee bilbilas odeessaa Jiraadhu Gaaddoo koo ati haxxeen namaa Yoo namni dhufemmoo anumtuu sin waamaa Maaliif baala cirta hinbarbaadin Sooftii Waa baala barbaannaan-Doolaariin kunooti Abadan hin nyaatin Corqaa Boqolloodhaa Isa ittiin guddatte waan akka qoccoodhaa garaa keef gadheedhaa Kunoo akkas si godhaa Bineentii daggalaa-Haxxee akka Qalamee Corqaa boqqolloodhaa- Namaan facaafame Harka lamaan nyaattu-Ol baatee mummeetti Kanaachi otuu hingalin laguma boneetti Ol jettee cabsatti akkuma namaatti Boqqolloo Alaltuu-Dirree isa balleensa Kan bonee haata'u-yookaan qe'ee keessa Kan abbaan dadhabee-Soqee facaafatee Haramee shoggoaree-Dafqa xuruurfatee Qasaatee kofaltee-Ol jettee wal waamtee Sallaq gootee fixxi-akka waan gargaartee Imimmaan iyyeessaa yoom achiin callise Asimmoo ishee fide Xiyyaaratti ol baasee

Kan uummataan guute-Bosona Ameerikaa Qalamee qaroomte eenyuut argee beekaa? Miilla lamaan kaatee -ol jettee ijaajjitee Kan dur furguggattu-samiin darbatamtee Qalamee ta'uushee- har'a irraanfattee Maxanxarii aduu - ijatti dirattee Gidduu namaa adeemti isa ittiin guddatte boqqollooshee qorqaa Gunbii hankaaksitee kichuutti hanbifte xobbeesaa isa Corqaa Qalamee qaroomte ishee akka Gaaddisaa Qe'ee keessan dhufnnaan Saree itti gadhiisaa

HOJII IJOOLLEE QOTAA!! Share by Taliila Castro Booru (notes) Tuesday, November 17, 2009 at 10:17am Qalbbeefachuun gaarii Yaadachuun kan durii Qabee butaa namaa Culullee balfamaa Nama darbatamaa Eenyuutu sin beeku Gaaddisaa Dhufeeraa Kan ati nu goote Himnee fixnaa bara? Daabboo bituu ergamnee mana obbo Taammiruu Balbala Jaalalfaa...Jaalal Tolosaadhaa...Tolsaa Ilma Birruu Akka nama ilaaluu Qilleensa wal gaansu Yoggaa namni darbu boorsaa quba keessu Ollaa Leliseefaa, Lelisee Waaqwayyaa-Bishaan Boonoo bira Aduun dhihee jennaan Maaltu darba achirra Dhagaa qabatanii karaarra ijaajitu ASSIRII dhaaf jecha namatti roorristu Dubartiin hin haftu isheen gabaa galtu Hongeef dhoqqee hinjedhin kan waa daldalattu Dhaabbattanii eegdanii achii gadi ilaalaa Micciirtanii Buttu Saantima Insilaalaaf Birrii Dinbilaalaa Yoom isin teessise xuuriin haadha iyyeessaa Dhahee isin baase biyya sana keessaa Maalumaaf owwaaltu gochaa isa darbe Qalbbii diddiirradhaa akka nama gaabbee Kidaane Miretiin isheen fuullee Najjoo Buqqistee isin gattii akka muka qoccoo Gattiraa gamarraan mana abbaa Xilaahuu Maraamartoo dibbee isa gurra dhahu Gama xidii keessaan qullaa isin fiigsisee Darbateee kuffisee mukatti isin buuse Laga mi'aa keessa halakan adeemsisee

Alaltuu baroodu haalaan gurdumsiisee Aggaar hamuumatu cirracha facaasee Isin liqimsuudhaaf is awwaara kaase Gochaa keetiif miti salgan booranaatu asiin isin baase Cubbuun haadha iyyeessaa yoom achiin callise? Giiftii haadha eegee uleen dhahuun haftee Wagon fi Hondaa dabaree jijjiirtee Maqaa keenya nyaatta Minisotaa teessee Kaan keenya ilkaaniin kaan quba nu keessee Saamu'eel Jiraataa Fi kan akka Tuujjubaa Kalaalee Abaatee intala abbaan lubaa Waa'een kansaaniimmoo maalumaaf si gubaa? Margaa Galataa dhaa ollaa koo garraamii Maqaa isaa hin kaasin adaraa Maaramii Naga'ee magarsaas obboleettii Teedii Xuquun sitti haa afu dubbii sitti fiddii Nuurfeta Legesse gurbaa sammuun qaraa Dhugaa of eeggadhu si waraanaa adaraa ASSIRII Harmekees maqaa hinballeesinii Kabaja DUNBULLOO cilee itti hindibinii Dhugaa juru himi Waa tokko hindhoksinii Eenyuutu wallaale hojii ijoollee qotaa Kan ganama raftan halkan dhiisifataa Baasharee Abarraa mucaa gubbaa Teelee Kan bifaan doorsiftu warra akka ISKAANCHILLEE Yoom yeroo qabaattee goda keessan dhufte Muuzii keessan saamuuf gubbaa sanaa baatee?? Yoo jette ittiin jedhi warra gubbaa Hoomee Tarii shonkoraadhaaf Muuzii isaantu uumee Xuxuquu itti dhiisi Nu warra godanaa Isaan naannoo Teeleef maqa-bataskaanaa Ija keessa ilaallaa shamarran bareedduu-warra ABBAA SEENAA Guuboo Muuzii dhaabuuf yoom yeroo qabaanna?? Balbala Duratti gognee akka Dhagaa Ijaajinee eegna shamarran bareedoo-Urjiii Abdiisaa Aagaa Baasharee fi Loomitee Heeraan Kumarraafaa Jennee isaan abaarra Ijarraatii hafaa Yoo nutti ammaatemmoo Alaltuu gadi buunaa Agadaa Bitannee dhabbannee xuxuuxnaa Alaltus boora'ee yoo hoomacha tufu Fakkareerraan wacaa guungumaa yoo dhufu Yanbala gaaraa olii Bokkaan yoo kurruufu Manni Keekii hinjiruu eessatti dheessinaa Mana abbaa biyyaatii Bookaan wal doorsifnaa Toyottaa fi Hondaa Suzukkiidhaaf Maazdaa Isaan gachisiisan Harreen warra Giddaa Intala Bareedduu ALMAAZ HAADHA CIRAA

Nuu fidanii dhufu warri qilxu-kaarraa Warra-Jirruuf Gooriin silaa isaan beekamuu Ishee Dhiittaa hinbbarre qabachuuf wal saamu Ijaajinee ilaallee Qalbbiin wajjin kaannee Argannaan fudhannee dhabnaan itti dhiisnee Gorora liqimsaa galla egaa deebinee Karaa jala Aga'oo qe'ee obbo Fiqiruu Tooleeraas waammannaan silaa mana hinjiruu Achi baate malee gama abbaa wallaggaa Lelisaa Fikiruu qe'eetti eenyuutu argaa? Gaaddisaa hindhabanii balbala duraarraa ASSIRII Qabaannaan balaarra buuneerraa Akka sangaa didaa biyyoo bobbooratee akka harree Halaakee Karaatti nu dhaabee bookkisee nutti harqee ASSIRIIIIII fudhata harka nu cafaqee Deebii "ASSIRIIIIIIIIIIIII" Gaaddisaa Dhufeeraaf Abdi Fiixee aka Taliila Castro

Hin Feedhu Kan Biraa Share by Abba Firaa (notes) Saturday, March 6, 2010 at 2:42am Akkamiin ishee qufa naa seente qaama koo Simboon ishee dhalee agartuu ija koo Ilaale ishee hin qufu bareeddu Oromiyaa Sanbootuma mucaa isheema na wayyaa! Irrikuum bareeda Walloo naa koottu jette Haadha fi abba dhookatte gad naa baate Na eegdi turte lagatti okkotee ishee baatte Karruu ishee baasaq goote naa koofalte! Anis filoo mataa keessa baafadhee Lookoo koo gatitti baadhe Ishee arguuf lagatti qaajelee Fira bira hin qabu takka ishee malee! Koottu bareeda Arsii yoommu jettu Bareeddu diimtu koo dahootti na waamtu Shirri na sirbi anuu si dhungadhaa Tokkicha koo mareen si hammadha! Yoo warri nurrati bares si fuudhen bada Lafti Oromiyaa baloo Finfineetti galla Jetti aannan siif taa laaphe si qabaneessa Gammachuun jiraadhe si waliin hunda dabarsaa! Shaggoyyee sirbitee na moote bareeda Oromoo Mee natti sikii qabaadhu mudhii koo Naan jette qalbii na fuute bareeddu Harargee

Nama haajaa hin qabne ani ishee argee! Haalli taatu ni taati dhibuus itti beekti Hin ciinqamtu dandeessu qarree durbaati Aadaa fi eenyumaa isheef dutii Deemsa isheen mana naa midhagsiti! Hangafaa Oromoo ati kiyya saboona Kottu deemne teenya qabana Hojiin warra hin dhumtu gara galgala Boraanni guutun sumaa narratti ilaala! Ilkaan ishee asheeta akka anaan gala Ishee dhungu baree akkamiin manatti gala Magaallee qalloo mudhii migiiraa Yaadan taeen ishee bira jira! Bareeda Wallagga yoomiree wal argaan Shagaar guuba jira dhufaan jira eega Ambootti hin nyaadhu laaqana si arguuf hawweera Naan jetti ani keeti hin feedhu kan biraa! Akkam itti beekti keesssa nama nyaachu Uuummaa uummaa jette sagal na dhungachuu Ani kana baree kunoo dhisee qoachuu Bubbulee kunoo hiidhishee muuxachuu! Na jajjabeessitu koo intaala Shawaa Dhukkubbii kootti naaf taate dawwaa Shaggaa koo maal si guudhu jetti Ganama galgalaa caccaabsa na qopheesiti! Hunda na taate amaal qabeettin koo Ishee waliin hin qabaadhu yaaddo tokko Hamman ishee anaaf dahoo Ani isheerra hin fagaadhu lakkiiyyoo! Akkamiinan dhiisa bareeddu mucaa Balee Isheeno naaf miidhaga intaloo magaalle Soofaa Umar cinatti ishii waliin qabdoo baree Garaan na ta'uu didee irrati fagaadhe! Babbareeddu ijoollee Oromoo guutu Miilla biita lama ormaa galagale hin ilaalu Mucaa biyya koo isheen maraarfadha Ishee waliin jiraadhe jiruu koo toolchadha! Abba Firaan Bitootessa 05, 2010

You might also like