You are on page 1of 26

Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Baafata
Kaarentii Elektiriikii, Voolteejii fi Hittisa Safaruu...........................................................................4
Foormulaawwan Hittisoowwan Daandii Sirrii fi Wltarree(Paaralaaliin) Qindaa’an.......................4
Hittisoowwan Daandii Sirrii...........................................................................................................4
Hittisoowwan Daandii Paaralalii....................................................................................................5
Elektiroomaagineetizimii...............................................................................................................5
Seera Harka Mirgaa Dabarsoo Qajeelaa Kaarentii of Keessaa Qabu.............................................6
Dirree Maagineetawaa Naannawa Solonooyidii............................................................................6
Motora Elektirikii...........................................................................................................................7
Sinina Elektiroomaagneetii............................................................................................................7
Jenereetara...................................................................................................................................7
Tiraansifoormarii...........................................................................................................................8
Daddarbiina Aangoo Elektiriikii.....................................................................................................8
Guduunfaa boqonnichaa.............................................................................................................13
BOQONNAA 2..............................................................................................................................14
IFA...............................................................................................................................................14
Ifni maali?....................................................................................................................................14
Maddoonniifaa maal fa’i?............................................................................................................14
Haala ifni ittiin daddarbu.............................................................................................................15
Balaqqeessa’uu Ifaa.....................................................................................................................15
Seerota Balaqqeessa’uu Ifaa.......................................................................................................16
Peeriskooppii...............................................................................................................................16
Fakkaattii daawwitii gomboobaan uummammu.........................................................................17
Dabee darbuu ifaa.......................................................................................................................18
Gosoota Leensii...........................................................................................................................19
Bittinnaa’uu Ifaa..........................................................................................................................19

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

BOQONNAA 1

MAAGINEETIZIMII FI ELEKTIRISIITII

1.1 Balbii Ifaa Elektiriikii Moodeleessuu

Balbii keessatti wanta sibiila ta’ee taangistonii jedhamuun tolfamu.


Taangistoniin qabxii baqinaa baay’ee

guddaa ta’eyoo ta’u utubduuwwan isa irra baay’ee qal’ata. Utubduun


tokko hundee iskiriiwuu wajjiin kan

wal qunname yoo ta’u inni kan biroo ammoo qabxii hundee wajjiin
walqunnama.

Hariiroo Voolteejii, Kaarentii fi Hittisa Kaarentii Elektiriikii

Kaarentii elektirikii

Kaarentiin elektirikii hamma chaarjota elektiriikii qixa bal’ina


qaxxaamuraa dabarsoo tokko keessatti yeroo yuunitii tokkotti
yaa’aniidha.

Yuuniitiin waaltawaa kaarentii elektirikii Ampeerii (A) jedhama.

1mA = 0.001A = 10-3A

1A = 0.000001A = 10-6A

m = miilii (m),  = maayikiroo

Yuuniitiin waaltawaa chaarjii kolombii (c) jedhama.

1A = 1C/s = 6.25 x 1018elektiroon/sec.

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Voolteejii

Voolteejiin safara dandeettii dalagaa dalaguuti.Kallattii murtaa’e waan


hin qabneef kal-dhabeedha. Akka

caalmaa kuufamaa yookiin dandeettii chaarjii dhiibuutti fudhatamuu


danda’a.

Maddoota Caalmaa Kuufamaa;

Maddoonni caalmaa kuufamaa meeshaalee anniisaa kuufamaa gara


anniisaa elektiriikiitti jijjiiraniidha.

1. Seelii Elektiriikii: Seeliin elektrikii anniisaa keemikaalaa gara


anniisaa elektiriikiitti jijjiiruudha.

2. Jenereetara: Jenereetarri meeshaa anniisaa makaanikaalaa gara


anniisaa elektiriikiitti jijjiiruudha.

3. Soolaarii: Soolaariin meeshaa anniisaa ifaa gara anniisaa elektirikiitti


jijjiiruudha.

Barattootaa!! Maddoota caalmaa kuufamaa kan biroo ni beektuu? eera!

Hariiroo kaarentii fi Voolteejii

Seera Ohm ( ohm’s law)

Daandii elektrikii keessatti caalmaan kuufamaa (Voolteejjii) fi kaarentiin


elektirikii hariiroo waliin qabu.

Voolteejjiin yommuu guddaa ta’u kaarentiinis guddaa ta’a


Volteejjiin yommuu xinnaatu immoo kaarentiinis ni xinnaata.

Mormiin yaa’uu kaarentii dabarsoo keessatti hittisa jedhama

Caalmaa Kuufamaa/ Kaareentii = Dhabbataa

V/I= DHAABBATAA

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Dhaabbataan pirooporshinaalii kun hittisa hittisoo (R) jedhama.


Yuuniitiin waaltawaa hittisaa Ohm (W) jedhama.

V/I=R ta’a.

Seerri Ohm akka armaan gadiitti ibsama:

“Kaarentiin Voolteejii waliin hariiroo sirrii yommuu qabaatan,


hittisoo walii ammoo hariiroo fuggisoo qabu.”

Hammi hittisa shuboo dabarsoo wantoota armaan gadii irratti


hundaa’a.

 Dheerina Shuboo (l)


 Furdina Shuboo (A)
 maateeriyaala Shuboon irraa tolfame
 Teempireechara Shuboo

Haalota armaan oliirraa ka’uun hittisni shuboo hima walqixaa armaan


gadiin kennama.

Kaarentii Elektiriikii, Voolteejii fi Hittisa Safaruu


 Meeshaan kaarentii safaruuf fayyaddu Ammeetirii jedhama.
Ammeetiroonni yeroo hunda daandii elektiriikii keessatti daandii
sirriin wal qabata.
 Meeshaan caalmaa kuufamaa safaruuf fayyadu
Vooltimeetiriijedhama. Vooltiimmeetiroonni yeroo hunda daandii
elektiriikii keessatti daandii paaralaaliin wal qabata.

Foormulaawwan Hittisoowwan Daandii Sirrii fi


Wltarree(Paaralaaliin) Qindaa’an.
Daandii elektrikii keessatti hittisoowwan daandii sirriin yookiin daandii
paaralaliin yookiin immoo daandii sirrii fi paaralaliin walqabsiifamu.

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Hittisoowwan Daandii Sirrii


Hittisoowwan lama yookiin lamaa ol ta’an fiixee isaanii walduraa
duubaan yoo walqabsiifaman

hittisoowwandaandii sirrii jedhama

Hittisoowwan daandii sirrii keessatti:

1. Kaarentiin dimshaashaa fi kaarentiin tokko tokko hittisoo keessa


yaa’u wal qixa dha.

It = I1= I2= I3

2. Voolteejjiin dimshaashaa ida’ama voolteejjii tokko tokko hittisoo


irratti cophuuti.

V = V1 + V2 + V3

3. Hittisni dimshaashaa ida’ama tokko tokko hittisa hittisoowwaniiti.

RT = R1 + R2 + R3

Hittisoowwan Daandii Paaralalii


Hittisoowwan lama yookiin lamaa ol ta’an wal maddii taa’uun yoo
walqabsiifaman hittisoowwan daandii paaralalii jedhamu.

Barattootaa!!Fakkii qindoomina hittisoo daandii sirrii fi paralalii


kitaaba keessan irra jiru ilaala.

Hittisoowwan daandii paarallalii keessatti:

1. Voolteejjiin dimshaashaa fi voolteejjiin tokko tokko hittisoo irratti


cophu walqixa

V = V1 = V2 = V3

2. Kaarentiin dimshaashaa ida’ama kaarentii tokko tokko hittisoo keessa


yaa’uuti.

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

IT= I1+ I2+ I3

3. Fuggisoon hittisa dimshaashaa ida’ama fuggisoo tokko tokko hittisa


hittisoowwaniiti.

Elektiroomaagineetizimii
Elektiroomaagneetizmiin hariiroo elektirisiitii fi maagneetizimii
gidduu jiru kan qoratuudha. Taatee maagneetummaa kaarentii
maagneetiin uumamu elektiroomaagneetii jedhaama.

 Naannoon maagneetii bakka humni maagineetii gahuu danda’u


dirree maagneetawaa jedhama.
 humni maagneetii wantoota maagneetawaa irratti dalagaa’uu (ufirraa
dhiibu yookiin harkisu) danda’u
 jechuu dha. Dirreen maagneetawaa ijaan waan hin argamneef sarara
yaadoo sarara humna maagneetummaa jedhamuun agarsiifama.

Amaloota sarara humna maagneetummaa

 Sararaan humna maagneetummaa, maagneetii alaan, bantoo kaabaa (N)


irraa ka’uun bantoo kibbaa (S) seenu, keessa maagineetiin ammoo
bantoo kibbaa (S) irraa bantoo kaaba (N) seenu.
 Sararaan humna maagneetummaa daandii cufaa uumu. Walirraa hin
citan.
 Sararaan humna maagneetummaa gonkumaa wal hin qaxxaamuran.
 Hedduminni sarara humna maagneetummaa cimina dirree
maagneetawaa agarsiisa.
 Ciminni diree maagneetummaa shuboo kaarentii baatuu wantoota
armaan gadii irratti hundaa’a:
 Cimna kaarentii shuboo keesa yaa’u
 Fageenya shuboo kaarentii baatuu ti dirree maagneetii gidduu jiru.
 Yaa’a shuboon keessa jiru.

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Seera Harka Mirgaa Dabarsoo Qajeelaa Kaarentii of Keessaa


Qabu
Shuboo kaarentii qabu harka mirgaan qabi. “Quba abgudduu kee
kallattii kaarentiin itti yaa’u yommuu agarsiisu, quboonni kee kan
shubicha marsanii jiran kallatti dirree maagneetii agarsiisu.”

Seera kana fayyadamuun:

1. Kallattiin kaarentii yoo beekame kallattii sararawwan dirree


maagineetii murteessuu fi

2. Kallattiin sararawwan dirree human maagineetii yoo beekame,


kallattii kaarentii murteessuu ni Dandeessa

Dirree Maagineetawaa Naannawa Solonooyidii


Solonooyidiin maali?

Solonooyidiin maraa shuboo (kooyilii) maraa baay’ee qabuu fi boca


siliindarii qabuudha.Kallattiin dirree maagneetii solonooyidii seera harka
mirgaatiin beekamuu danda’a.

Solonooyidii wantoota armaan gadii irratti hundaa’a.

o Dheerina solonooyidii
o Cimna kaarentii solonooyidii keessa yaa’u.
o Baay’ina lakkoofsa shuboo (kooyilii) solonooyidiitti marameeru.
o Akaakuu sibiila duudaa solonooyidii keessa jiru.

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Motora Elektirikii
Motorri meeshaa yommuu kaarentiin keessa darbu naanna’uudha.
Yommuu kana Motorri anniisaa elekriikii gara anniisaa
makaanikaalaatti jijjiira. Dandeettii naanna’u morora elektirikii
dabaluuf.
 Shuboo sibiila dudaa irratti hedduminaan maruu.
 Lakkoofsa maraa shuboo maramuu baay’isuu.
 Maagneetii dhaabbataa irra elektiroomaagineetii fayyadamu\

Sinina Elektiroomaagneetii
Maagneetii fi kooyiliin sadhaataan yommuu socho’an kooyiilii keessatti
kaarentiin uumama. Akkaataa itti
kaarentiin uumama kun sinina elektiroomaagneetii jedhama.
Kaarentiin haala kanaan uumamu immoo kaarentii indiiyuuzidii
jedhama.
Ciminni kaarentii indiiyuuzidii wantoota armaan gadii irratti hundaa’a
 Baay’ina maraa shuboo (kooyilii)
 Cimina dirree maagneetii fi
 Saffisa sochii maagneetii yookiin kooyilii

Jenereetara
Jenereetarri meeshaa anniisaa makaanikaalaa gara anniisaa
elektirikiitti jijjiirudha. Jenereetarri duudhaa sinina
elektiroomaagneetii hordofuun dalaga. Qaamoleen gurguddoo
jenereetaraa maagneetii, kooyilii, qubeewwan maramanii fi birushiidha

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Tiraansifoormarii
Tiraansifoormarri meeshaa voolteejjii madda irraa dhufu jijjiirudha.
Kunis, voolteejjii ni guddisa yookiin immoo ni xiqqeessa jechuudha.

Tiransifoormarri maraa shuboo lama qaba. Isaanis shuboo maraa


duraa (NP) fi shuboo maraa lammaffa (Ns) jedhamu. Volteejjiin gara
tiraansifoormariitti seenu, Veelteejjii seenu (Vp) jedhama veelteejjiin
gara alaatti bahu immoo veelteejjii bahu (Vs) jedhama.

Baay’ina maraa duraa fi maraa lammaffaa irratti hundaa’uun


tiraansifoormariin bakka lamatti qoodama

Tiraansifoormarii ol kaasaa: Kana Keessatti baay’inni maraa shuboo


lammaffaa isa maraa dura (Ns> Np) ni caala. Yeroo kana voolteejjiin
bahu isa seenu (Vs >Vp) ni caala.

2. Traansifoormarii gadi buusaa: Kana keessatti baay’inni maraa


shuboo duraa isa lammaffaa (Np > Ns) ni caala. Yeroo kana immoo
voolteejjiin seenu isa bahu (Vp> Vs) ni caala.

Egaa, baay’ina maraashuboo jijjiiruun volteejjii jijjiiruun ni danda’ama


jechuu dha. Hariiroon isaanii kun hima walqixaa tiraansifoormariin akka
kanaa gadiitti kennama.

Vs/Vp=Ns/Np=Ip/Is

Daddarbiina Aangoo Elektiriikii


Biyyi teenyaa Itoophiyaan anniisaa elektiriikii warshaalee, manneen
jireenyaa fi dhaabbilee adda addaatiif dhiyeessuuf buufataalee aangoo
haayidiroo elektiriikii fayyadamti.

Fakkeenyota

1. Chaarjiin hammi isaa 4C ta’e elektiroonii meeqa qaba?

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Kennamaa: Barbaadamaa:

Q = 4C number of electrons?

1C = 6.25 x 1018elektiroonii

Deebii:

1C = 6.25 x 1018elektiroonii

4C = 4 (6.25 x 1018) elektiroonii

= 25.00 x 1018 elektiroonii ta’a.

2. Elektirooniin tokko chaarjota 1.6 × 10-19C baata. Chaarjiin tokko


elektiroonota meeqaan baatamaa?

Deebii:

1e = 1.6 × 10-19C ? = 1c

Barattootaa gaaffii armaan oliitiif deebii sirrii hojjadha.

3. Chaarjiin hammi isaa 2C ta’e yeroo 4s ta’eef dabarsoo elektiriikii


keessa yommuu yaa’e kaarentiin isaa meeqa ta’a?

Kennamaa: Barbaadamaa:

Q = 2C I = ?

t =4s

Deebii:

I = Q/t =2C/4s = 0.5A

4. Chaarjiin 5C ta’e yeroo hammamii keessatti kaarentii 50mA


fayyadamuun daandii elektiriikii keessa yaa’a?

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Kennamaa: Barbaadamaa:

Q = 5C t=?

I = 50mA = 0.05A

Deebii:

t = Q/I = 5C/0.05A = 100s

5. Chaarjonni 240C ta’e daandii elektiriikii keessa daqiiqaa


lamaaf yoo darban kaarentiin yeroo kana keessatti yaa’u meeqa ta’a?

Kennamaa Barbaadamaa Deebii

Q = 240C I=?

t = 2min = 2A

= 120sec

6. Kaarentiin 120mA ta’e daqiiqaa shaniif yoo ya’e, chaarjota


daddarban shallagi.

Kennamaa Barbaadamaa Deebii

I = 120mA = 0.12A Q=? Q = It = 0.12A


×300s

t = 5min = 300s Q = 36C

7. Caalmaan kuufamaa balbii tokkoo 20V dha. Kaarentiin 2.5A


balbii kana keessa yoo yaa’e hittisa balbichaa shallagi.

Kennamaa Barbaadamaa Deebii

V = 20V R=? R = 8W

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

I = 2.5A

8. Balbiin elektiriikii hittisni isaa 30W ta’e tokko daandii


elektiriikii caalmaan kuufamaa 240V ta’een walqabsiifameera.
Kaarentii balbii kana keessa darbu barbaadi.

Kennamaa Barbaadamaa Deebii

R = 30W I =? I = V/R =
240V/30W = 8A

V = 240V

10. Hittisa 16W qabu keessa kaarentiin 5A yommuu yaa’e,


caalmaa kuufamaa hittisoo kanaa Meeqa ta’a?

Kennamaa Barbaadamaa
Deebii

R = 16W V = ? V = IR = 5A ×16W

I = 5A V = 80V

11. Hittisoowwan lama hittisa 4W fi 6W daandii elektiriikii


sirriin baatirii caalmaa kuufamaa 12V ta’een wal qunnaman. (a) Hittisoo
dimshaashaa (b) kaarentii hittisa tokkoon tokkoo keessa darbu fi (c)
caalmaa kuufamaa hittisa tokkoon tokkoo keessa darbu barbaadi.

Kennamaa:

R1 = 4W , R2 = 6W , V = 12V

Barbaadamaa

a. RT b. I1fi I2 c. V1 fi V2

Deebii:

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

a. Daandii elektiriikii sirrii keessatti

RT = R1 + R2

= 4W + 6W = 10W

b. IT = VT/RT

=12V/10W = 1.2A

Daandii elektiriikii sirrii keessatti kaarentiin dimshaashaa


kaarentii tokkoo tokkoon wal qixa ta’a.

IT= I1= I2= 1.2A

c. V1= I1R1

= 1.2A (4W) = 4.8V

V2= I2R2

= 1.2A (6W) = 7.2V

Deebii:

RT = R1 + R2 = 2W + 3W = 5W

IT = VT/RT

= 10V/5W = 2A

Daandii elektiriikii sirrii keessatti kaarentiin hunduu wal qixa waan


ta’eef dubbisni Aameetirii 2A ta’a.

IT= I1= I2= 2A

Dubbisn Vooltimeetirii V2=V1

= I1R1

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

= 2A (2W) = 4V

Dubbisn Vooltimeetirii V2=V1= I2R2= 2A (3W) = 6V ta’a.

12. Hittisni balbii baatirii voolteejii 12V qabu irraa kaareentii 1.5A
fudhatu meeqa?

Kennama Barbaadama Furmaata

V = 12V R=? I = 1.5A R = V/I =


12V/1.5A = 8Ω

Hojii daree

Barattootaa gaaffiilee armaan gadii dhuunfaa keessa yeroo siniif


kenname keessatti hojjadhaa!

1. Tiraansifoormarii tokko keessatti baay’inni maraa duraa 600


yommuu ta’u kan maraa lammaffaa immoo 150dha. Veelteejjiin seenu
240V fi kaarentiin seenu 5A yoo ta’e.

(a) voolteejjiin bahu hammam ta’a?

(b) kaarentiin bahu hammam ta’a? (c) Akaakuun tiraanisfoormarii kanaa


maali?

2. Sekondii 4 keessatti chaarjonni 100C dabarsoo keessa yoo darban,


yeroo kana keessatti kaarentii

dabarsoo keessa yaau shallagi

3. Hittisoon hittisa walqixa qaban lama yommuu dandii sirriin


walqabsiifaman hittisni dimshaashaa

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

isaanii 8W yoo ta’e daandii paaralaliin yommuu walqabsiifaman


hittisni dimshaashaa isaanii meeqa ta’a?

4. Balbiin elektiriikii tokko 220V fi 5A n wal qabateera. Hittisa isaa


barbaadi.

5. Tiraansifoormariin raadiyoo tokko voolteejjii 220V irraa gara


6Vtii xiqqeessa. Baay’inni maraa shuboo duraa 8800 yoo ta’e
baay’inni maraa shuboo lammaffaa meeqa ta’a?

6. Tiraansifoormarii tokko keessatti maraan duraa 400 yommuu ta’u


maraan lammaffaa 100dha.

Voolteejiin seenu 240V fi kaarentiin seenu 3A yoo ta’e, voolteejii bahu


shallagi.

Guduunfaa boqonnichaa
Barattootaa qabxiileen armaan gadii kun qabxiilee ijoo isin boqonnaa
kana jalatti barattanii dha. Kanneen haala gaariin adda baafachuu
keessan mirkaneeffadhaa/ yaadadha.

o wanti maagineetawaa wanta maagineetiin harkifamuudha


o Aameetiroonni daandii elektiriikii sirriin walqabsiifamiin kaarentii
safaruuf fayyadu.
o Vooltimeetiroonni ammoo daandii elektiriikii waltarreen
walqabsiifamiin voolteejii safaruuf gargaaru.
o Fiyuuziin kaarentii humnaa ol ta’e yommuu yaa’u daandiin elektiriikii
akka addaan citu taasisa
o Kaarentii elektiriikiin yaa’insa chaarjii bal’ina qaxxaamuraa dabarsoo
tokko keessa yeroo yuunitii tokkootti taasifamuudha
o Seerri ohm hariiroo kaarentii, voolteejiifi hittisooti. V = IR
o Voolteejiin safara dandeettii dalagaa dalaguuti

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

o Mootorri elektiriikii meeshaa anniisaa elektiriikii gara anniisaa


makaanikaalaatti(sochiitti) jijjiiruudha
o Jenereetarri meeshaa anniisaa makaanikaalaatti(sochiitti) gara anniisaa
elektiriikii jijjiiruudha

BOQONNAA 2

IFA
Bu’aawwan Boqonnichaa:
Barattoota koo barnoota boqonnaa kanaa booda:
o Yaad-rimeewwan ifaan wal qanatan ni hubatttu
o Ogummaalee piroobleemota ifaan walqabatan shallaganii furuu ni
dagaagafattu
o Wantootni hundumtuu walitti dhufeenya kan qaban ta’uu ni hubattu.
o Beekumsa yaad-rimeewwan garguddoo Fiiziksii dagaagfachuuf
karaalee fi filannoowwan adda addaatiin fayyadamuu ni dandeessu

Ifni maali?
Ifni dambalii elektiroomaagineetii qaamolee hoo’an irraa
madduudha. Ija namaatiifi miira

arguu kan uumuudha. Ifa burqisiisuuf anniisaan akaakuu tokkoo


gara anniisaa ifaatti jijjiiramuu qaba.

Maddoonniifaa maal fa’i?


Maddoonni ifaa qaamolee anniisaa ifaa ofii isaanii burqisiisaniidha.
Qaamoleen kunneenis
qaamolee luminasii jedhamu. Fakkeenyaaf, akka aduu, ibidda,
balbiiwwan ifanii fi
dungoowwan ifan maddoota ifaa beekamoodha.

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Qaamoleen baay’een ifni madda isaa irraa dhufuun iratti yommuu


qubatu ija keenyaan arguu
dandeenyu. Qaamoleen kunneenis qaamolee illuminasii yookiin
mul’atan jedhamu.
6.2. Ifni haala akkamiin daddarba?
Ifni sarara qajeelaa qabatee adeema.Kallattiin ifin irra deemu xiyyaan
bakka bu’a.xiyyi kunis
xiyya ifaa jedhama.
Gurmuun xiyyoota ifaa caama ifaa jedhama. Xiyyoonni gosa adda
addaa qabu. Isaanis;
xiyyoota sassaabbamoo, xiyyoota bittinnaa’oo fi xiyyoota
waliitarreedha.

Haala ifni ittiin daddarbu


Ifni bakka duuwwaa(vaakiyuumii) fi yaa’aa muraasa keessa
daddarba. Wantoonni tokko
tokko kanneen akka mukaa fi kanneen kana fakkaata ifa of keessa hin
dabarsan. Wantoonni
akkasii kunneen ooptiksii (ittisoo ifaa) jedhamu. Wantoonni tokko tokko
knneen akka fuullee
fi bishaanii ifa of keessa ni dabarsu. Wantoonni akkasii kunneen
dabarsoo ifaa jedhamu.
Kaameraa uraa lilmoo
Kaameraan uraa lilmoo ifni sarara qajeelaa qabatee adeemuun
fakkaattiin uumamuu agarsiisa.
Innis saanduqa cufamaa gama tokkoon uraa xiqqoo fi fala gama
birootiin immoo iskiriinii
qaba. Iskiriinichi waraqaa adii yookiin huccuu adii irraa tolfama

Qaamni oppeekiin madda ifaa fi iskiriinii gidduu yommuu oolu


gaaddidduun iskiriinii irratti

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

uumama. Sababni isaas ifni daandii qajeelaa irra malee daandii


marfataa irra waan hin
deemneefi.

Balaqqeessa’uu Ifaa
Ifni yaa’aa tokko keessa adeemaa ture daangaa yaa’aa biraa yommuu
dhaqqabu:
 Hammi murtaa’e yaa’aa isa lammaffaan xuuxama
 Hammi hafe ammoo balaqqeessa’uun gara yaa’aa isa duraatti deebi’a
Ifni yaa’aa tokko keessa deemaa ture dirra yaa’aa biraa rukutee
deebi’uun isaa balaqqeessa’uu
ifaa jedhama.
Gosoonni balaqqeessa’uu lamatu jiru:
 Balaqqeessa’uu sirnaawaa: dirra lassanamaa fi calaqqisaa ta’e irratti
raawwata
 Balaqeessa’uu bittinnaawaa: dirra lassanamaa hin taane yookiin
quqquuqaa irratti raawwata
Xiyyi madda irraa ka’uun dirra irraa balaqqeeffamu gahu xiyya
battallee jedhama.
Xiyyi balaqqeeffamu immoo xiyya balaqqeessa’aa jedhama

Seerota Balaqqeessa’uu Ifaa


i. Kofni battallee kofa balaqqeessa’aa wajjiin wal qixa
ii. Xiyya battaallee, xiyya balaqqeessa’aa fi sararri ijaajoo diriiroo tokko
irratti argamu
Fakkeenya 1
Xiyyi battallee qaama daawwitii irra qubate, daawwitichaan kofa
30°uume. Kana
irratti hundaa’uun:
a.kofa balaqqeessa’uu,
b.kofa xiyyi balaqqeessa’uu daawwitii wajjiin uumu barbaadi

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Furmaata:
a. Sararri ijaajjoo daawwitiif parpandiigulaarii waan ta’eef,
300+ i = 900, ykn
i = 900 – 300= 60o
i = r = 600 ta’a.
b. kofni θ:
θ + r = 900 θ = 900 – 600= 300 ta’a
Fakkaattii Daawwitii Diriiroon Uummammu
Daawwitiin diriiroo fuullee battee fuulli isaa tokko dibata gurraacha
yookin meetii dibameedha
Fakkaattiin daawwitii diriiroo keessatti uumamu amaloota armaan
gadiiqaba:
 Ol qajeelaadha
 Dheerinni isaa dheerina wantoo wajjiin wal qixa (ho= hi)
 Dalga fuggifamaadha
 Fakkaatti yaaddoodha
 Duuba daawwitiitti waan uumamu fakkaata
 Fageenyi wantoo fi fakkaattiin daawwitii irra qabu wal qixa (so= si)

Peeriskooppii
Peeriskooppiin meeshaa optikaalaa wanta dudduuba wanta biraatti
argamu ilaaluuf
fayyaduudha.
Fakkaattii Daawwtii Diriiroo Lama Keessatti Uumamuu
Daawwitiiwwan lama gidduu isaaniitti kofa uuman gidduu wanton
yommuu taa’u baay’inni
fakkaattii uumamuu foormulaa armaan gadiin ibsama.
Shaakala barattootaaf..
1.Daawwitoonni lama M1fi M2haala adda addaan qindaa’uun jidduu
isaaniitti

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

kofa θ uuman. Wanti tokko jidduu daawwitootaa yommuu


dhaabbate,
kofoonni daawwitoota lamaan jidduutti uummame (a) θ = 60°, (b)
θ = 90°, fi
(c) θ = 0° yoo ta’e baay’ina fakkaattii tokkoon tokkoo kofootatiin
uummamuu barbaadi

Fakkaattii daawwitii gomboobaan uummammu


Daawwitiiwwan gomboobinaa fuulle boca duqunqulaa qaban irraa
tolfamu. Ifni gama dirra
alaatiin akka balaqqeeffamu yoo taasifame daawitichi daawwitii
gophaa ta’a. Akkasumas, ifni
gama dirra keessaatiin akka balaqqeeffamu yoo taasifame
daawitichi daawwitii golbaa ta’a.
daawwitiiwwan akkasii daawwitii gomboobaa jedhamu.
Hiika jechootaa
Bantoo (P) – handhuura (guuttiyyee) daawwitichaa
Handhuura gomboobinaa (C) - handhuura duqunqulaa
Siiqqee haadhoo – sarara bantoo fi handhuura gomboobinaa keessa
darbu
Raadiyesii gomboobinaa – dheerina P fi C gidduu jiru yoota’u
raadiyesii daawwitichaa duqunqula irraa murameeti
Qabxii fuulleffannaa (f) – dheerina walakkaa reediyesiiti. F = ½ R
Fakkaattii daawwitii golbaan uummammu
a) Wanton baay’ee fagaatee yoo jiraate Fakkaattiin uumamu; F irratti
uumama, dhugoodha,

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

gombifamaadha, wantoo wajjiin wal qixa


b)Wanton C duuba yoo taa’e(so>2f) Fakkaattiin uumamu; C fi F
gidduutti uumama,
dhugoodha, gombifamaadha, wantoo irra xiqqaata
c) Wanton C irra yoo taa’e Fakkaattiin uumamu; C irratti
uumama, dhugoodha,
gombifamaadha, guddinni fakkaattii wantoo wajjiin wal qixa
d)Wanton C fi F jidduu yoo taa’e Fakkaattiin uumamu; C duubatti
uumama, dhugoodha,
gombifamaadha, wantoo irra guddaadha
e) Wanton F irra yoo jiraate Fakkaattiin uumamu; hin mul’atu, faagaatee
uumamuu danda’a
f. Wanton F fi P gidduu yoo taa’e Fakkaattiin uumamu; duuba
daawwitichaatti uumama,
yaaddoodha, olqajeelaadha, wantoo caalaa guddaadha.
Fakkaattii daawwitii gophaan uummammu
Wantoon daawwitii fuuldura yommuu taa’e fakkaattiin uumamu
yeroo hundumaa; dalga fuggisoo, yaaddoo, wantoo irra xiqqaata, duuba
daawwitichaatti uumama. Kunis fageenya wantii irratti hin hundaa’u.

Dabee darbuu ifaa


Ifni yaa’aa tokko irraa gara yaa’aa biraatti habalakeeffamee yommuu
darbu dabee darba. Kunis kan uummammuu danda’u ifni yaa’aa adda
addaa keessatti ariitii adda addaan waan adeemuuf.(fakkii kitaaba
keessan irra jira jiru ilaalaa)

Hiikkaa Jechootaa
Xiyya battallee - xiyyaa yaa’aa isa duraa keessa yaa’u
Xiyya dabee darbe - xiyyaa yaa’aa isa lammaffaa keessa dabee darbu
Kofa battallee – kofa xiyya battallee fi sarara ijaajjoo gidduu jiru

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Kofa dabee darbu - kofa xiyya dabee darbee fi sarara ijaajjoo gidduu
jiru
Seera Dabee Darbuu Ifaa
 Xiyya battallee, xiyya dabee darbee fi sararri ijaajjoo diriiroo tokko irra
oolu
 Ifni habalakeeffame, yaa’aa rukkina guddaa qabu keessatti gara
sarara ijaajjootti jallata, yaa’aa rukkina xiqqaa qabu keessa ammaa
sarara ijaajjoo irraa achi fagaatee jallata.
6.6. Leensota(lenses)
Leensonni meeshaalee adda addaa kanneen akka pirojaktaroota,
maayikirooskooppii,
teleskooppii fi kanneen biro keessatti argamuun faayidaa adda addaatiif
kan oolaniidha

Gosoota Leensii
i. Leensii gophaa
Leensonni gophaa gidduu isaanii irratti furdachuun fiixeewwan
isaanii irratti qal’aadha. Xiyyoota ifaa kan walitti sassaabaniidha.
ii. Leensii golbaa
Leensonni golbaa gidduu isaanii irratti qal’achuun fiixeewwan isaanii
irratti ni furdatu. Xiyyoota ifaa kan walitti sassaabaniidha.
Fakkaattiiwwan Leensii Gophaan Uummamman
i)Wantoon baay’ee fagaatee yoo jiraate Fakkaattiin uumamu; F irratti uumama,
dhugoodha, wantoo caalaa xiqqaata
ii) Wantoon C duuba yoo taa’e(so>2f) Fakkaattiin uumamu; C2 fi
F2gidduutti uumama,
iii) dhugoodha, gombifamaadha, wantoo irra xiqqaata
iv) Wantoon C irra yoo taa’e Fakkaattiin uumamu; C2 irratti uumama,
dhugoodha, gombifamaadha, guddinni fakkaattii wantoo wajjiin wal
qixa

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

v) Wantoon F1irra yoo jiraate Fakkaattiin uumamu; hin mul’atu,


faagaatee uumamuu danda’a
vi) Wantoon F1fi leensicha gidduu yoo taa’e Fakkaattiin uumamu; fuuldura
leensichaatti (gama wanton taa’etti) uumama, yaaddoodha,
olqajeelaadha, wantoo caalaa guddaadha

Fakkaattii Leensii Golbaan Uummamman


Wantoon leensicha fuuldura yommuu taa’e fakkaattiin uumamu
yeroo hundumaa; yaaddoo, ol
qajeelaa, wantoo irra xiqqaata, fuuldura daawwitichaa f fi leensicha
gidduutti uumama.

Bittinnaa’uu Ifaa
Ifti haalluuwwan gara garaatti caccabuun bittinnaa’a. kunis piriizimii
fuullee keessa kofa adda addaan yommuu dabee darbu akka
fakkeenyaatti ilaaluun ni danda’ama.
Sabbanni waaqayyoo baandii yookiin ispeektiramii halluuwwanii
yoo ta’u, dabee darbuu ifaa copha bishaanii samii keessa taasifamuun
uumama.
Barattootaa gaaffilee armaan gadiitiif shaakalaa
Hubadhaa: dhuunfaan hojjatama
1. Baay’inni fakkaattii dungoo daawwitoota lama kofa 450n qindaa’anii
jiran jidduu jiruu meeqa ta’uu danda’a?
2. Xiyyi ifaa yaa’aa rukkina cimaa qabu irraa gara yaa’aa rukkina
laafaa qabuutti darbu yoo maal ta’e?
A. xiyyi dabee darbu gara sarara ijaajjootti daba
B. xiyyi dabee darbu sarara ijaajjootti irraa achi daba
C. txiyyichi battallee osoo hin dabin darba.
D. Deebii hin qabu

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

3. Wantoon daawwitii golbaa fuuldura qabxii F fi P gidduu yoo


taa’e Fakkaattiin uumamu:
A. yaaddoo fi wantoo caalaa xiqqaata
B. dhugoo fi wantoo caalaa xiqqaata
C. guddaa, ol qajeelaa fi duuba daawwitichaatti uummama
D. A fi B
4. Fakkaattiin daawwitii golbaan uummamu dhugoo fi wantoo
caalaa guddaa ta’e uumuuf wanton eessa taa’uu qaba?
A. Baay’ee fagaatee taa’uu qaba
B. 2f duuba
C. 2f irra
D. f fi 2f jidduu taa’uu qaba
Kitaaba wabii
1. Fiiziksii kitaaba barataa kutaa 8ffaa
2. Extreme physics for grade 7th

XUMURAMEERA!!

Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

MBOA TTI MOOJULA

BARNOOTA FIIZIKSII

KUTAA 8FFAA’F

QOPHAA’E

BARA 2014

QOPH. Alamaayyoo Badhaasaa


Compiled b y: Alemayehu B.
Moojula barnoota fiiziksii kutaa 8ffaa

Compiled b y: Alemayehu B.

You might also like