You are on page 1of 21

AFOOSHA WAL-GARGAARSA WALIIF JIRRAA

MAGAALAA DUUKAM
DAMBII ITTIIN BULMAATAA
FOOYYA'EE BAHE LAKK. 3FFAA.

SEENSA.
Miseensoonni kanaan dura Afoosha Wal- gargaarsa utuu hin qabaatiin jireenyaa
hawaasummaa hundaa akkasumaas dhimmoota hawaasa biroo gammachuu Fi
gaddaa isaan mudatan fedhii Fi kaka'umsa gaariin wal-cinaa dhaabbachuudhaan
jaalalaa Fi kabajaa waliif qaban hojii qabatamaan ibsaa turaniiru.
Tokkumman miseensotaa Kun caalmaatti Akka itti fufuuf deeggarsaa
hawaasummaatti gaddaa Fi gammachuu isaan mudatuuf taasifamu Wal-fakkaataa
Akka ta'uuf hangi buusii yeroon sassaabamuu Fi wal-qixa ta'uu,walumaa galaatti
miseensota kana wal-qixa hirmaachisuu Fi wal-qixa fayyadamaa taasisuuf immoo
dambiin ittin bulmaataa afoosha qooheessuuf Akka mirkanaa'u gochuun
barbaachisaadha.

MUL’ATAA (VESION)
Mul’anni keenyaa jireenya waloo fi dhuunfaa keessatti Qarshiin, jaalalaa fi
tokkummaan irkoo walii tanee har’a fi egeree keenyaa bareechuudhaan akka
dorgommii Hawwaasummaa Naannootti fakkeenya gaarumma ta’e taanee
argaamudha.
Afoosha Wal gargaarsa irraa gara waldaa hojii gamtaatti Akka guddatu taasisuuf
hojjeechuu.

1
ERGAMA (MISION)
Tokkummaadhaan kaanee harka wal qabachuudhaan walii wajiin tokko ta’uun
wal qabannee hariroodhaan, akka hawaasa (community) tokkotti, dinagdee fi
jireenyaa keenyaa fooyyesuu fi human fi dandeetii qabnu gumaachinee
cimsachuudhaan, rakkoos ta’ee gammachuu miseensa Afooshichaa mudate cufa
falaa fi furmaata ta’u keessatti waliin hirmaachuun, akaasumas walitti dhufeenya
fi jaalala miseensa Afooshicha kanaa cimsuudha.
Mata Duree Gabaabaa
Seeri kun seera ittiin bulmaataa “AFOOSHAA WAL-GARGAARSA WALIIF
JIRRAA’’ jedhamuun waamama.

Hikama
Haala biratiin yoo hikamee yoo ta’e malee akkataa seera ittiin bulmaata
Afooshaa wal-gargaarsa waliif jirraa kanaa keessatti,
1 Maatii jechuun Abbaa mana, Haadha mana, Ijoollee fi obbooloota abbaa
Warraa fi ObbolootaHaadhaa Warraa dhiiga tokko ta’an kan seeraan
beekaman jechudha.
2 Miseensa jechuun dirqama miseensummaa Seeraa ittiin bulmaataa kana
keessaatti keewata 10ffaa B jalatti ibsamee guute argamu Fi Mirgaa
keewata10ffaa A jalatti ibsamee kabajameef jechuudha.
3 Fira fooni dhiyoo, jechuun abbaa fi haadha irraa dhalatee/tte,
obbooleessa fi Obbooleetti waliin dhalatan jechudha.

2
Daanga Seerichaa
1. Seeri kun Afooshaa wal-gargaarsa waliif jirraa kana qofa irrattii raawwii
argata.

Dirqamaa Afooshichaa
1. Seeraaf ajaajamaa ta’uu isaa ni ibsa.
Keewata 1ffaa
Maqaa Afoosha fi bakkaa ittii argamaa isa
1.Afoosha wal-gargaarsa Waliif Jirraa.
2.Magaalaa Duukam Gandaa Kootichaa keessatti argama.
Keewata 2ffaa
Kaayyoo Afooshichaa
1.Yeroo gaddatti, gammachuuti, humnaan, Qarshiini fi meeshalee adda addaan
wal gargaarudha.
2.Qaama mootummaa waliin ta`uudhaan miseensoni Afooshaa hojiihojatammu
irratti hirmachuu fi jiratoota magaalaa waliin hariiroo uumu.
Keewata 3ffaa
Akkata hundeffama Afooshaa
 Miseensaa Afooshaa hundaan kan hogganamuu yeroo ta’u namoota 6 (ja’a)
dabalate adeemsii hojii akka armaan gadii ta’a:-

3
1. Dura taa’a :- Obboo Abdii Lataa
2. I/A/ Dura taa’a :- Obboo Daggafaa Cawwaqaa
3.Barreessa:- Obboo Misgaanaa Bushaa
4.Qaba Mallaqa :- Obboo Bantii Gabayyoo
5. Odditara:- Obboo Gannat Mokonoon
6.Hojjeta Herrega :- Obboo Mootummaa Guutuu

7. Namoota Ergaa daddabarsan :-


7.1. Obboo Abdii Lataa
7.2. Obboo Misgaanaa Bushaa
7.3. Obboo Bantii Gabayyoo
8. Koree Bittaa Meeshaalee
1. Addunyaa Dheereessaa Walitti Qaba.
2. Addunyaa Qannoo Barreessaa.
3. Zalaleem Abdii Qarshii Qaba.

Keewata 4ffaa
Seera filaanoo Miseensoota bakka bu’oota
1. Miseensi Afooshaa hundi walitti qabamsii isaanii waggaa keessatti al (1)
tokkoo yoo ta’u, hojii geggeesitooni haala yeroo irratti hunda’udhaan wal-tajjii
walii gala waamu ni danda’u.

4
2. Wal-tajjiin walii galaa yeroo ta’amuu keessatti miseensoota Afooshaa keessaa
walakaan yoo argamee akka waan miseensi hundi argameeti ilaalama.
3. Miseensi tokkoo sagaalee tokkoo qofa qaba.
4. Murtoo ykn Filanoo keessatti harkaa baasudhaan sagaalee ol-aanaa kan
argateetu darba.
5. Yeroo filanoo keessatti namooni filatamaan lama sagalee wal qixa yoo
argataan gara durataa’aan jedheeti murta’aa.
6. Bakka bu’oonni Afooshicha yeroo ittii jijjiiramaniiti miseensoota keessaa
namooni filanichaa geggeesan ni hundeefamu

Keewata 5ffaa
Yeroo tajaajiila isaanii
 Hojii geggeesaan tokkoo yeroon innii itti hojjatu waggaa lama (2) yoo ta’u,
yeroo filanoon geeggeefamu keessaatti miseensooni irraa deebidhaan
filachuu fi namnii filatamu sun fedhii isaa yoo ta’ee filachuun ni
danda’amaa.
 Miseensi dirqamni ittii kenamee yeroo isaaf kenamee keessatti hojii hin
hojjanee ykn koroota jiraan keessaa hojiidhaaf bakkaa biraa yoo deeme
waltajjii walii galaa waamudhaan bakkaa isaa miseensaa biraa akkaa bu’uu
ni tasifamaa.
Keewata 6ffaa
Maddaa Galii Afooshaa
5
1. Miseensoota Afooshaa irraa buusii ji’a fi adabbii irraa kan walitti qabamu ta’a.
2. Miseensoota haara seenan irraa kan walitti qabamu.
3. Gargaarsa garagaraa irraa kan argamu.
4. Gargaarsa addaa walitti dhufeenya warshaalee adda addaa irraa argamu.
5. Qarshii akkawontiin banamee jiru irraa dhala argamu.
6. Qaama mootummaarraa kara seeratiin kan heyamaamuuf yoo ta’ee maddaa
galii mataa isaa uumachuu ni danda’aa.
7. Afooshni qabeenya horachuu yoo barbadee buusii idileen alaatti buusii addaa
buusuudhaan.
Keewata 7ffaa
Buusii ji’a fi namoota haara seenan
1.Yeeroo kamiyyuu buusiin ji’a Qarshii Dhibbaa tokkoo (100) yoo ta’u, haala
yerroo irratti hunda’uudhaan yoo dabaluu 120 ykn yoo hir’atumoo 80 ta’u ni
danda’a.
2.Namnii haaraan seenu tokkoo buusii miseensi tokkoo buuse buusuun seenu ni
danda’a.
Keewata 8ffaa
Seerota Nama Adabsiisan
1. Namnii tokkoo yeroo buusiin Afooshaa buufamuti yoo argamee hin buufne
yeroo galmeen itti cufamee irraa eegalee Qarshii Digdama (20) ni adabama.
Hata’umalee yeroo sadiif walittii ansee adabii fi wantaa isa irra barbaachisu
yoo hin rawanee Afooshicha keessaa akka waan fedha isattiin ba’eeti
lakawamee ni haqama.
2. Miseensi ajajamee osoo yeroo qabu bakka gadi galeti hin argamne Qarshii
shantama (50) baasu qabu irratti dabalataan walakkaa Qarshii k.ana ida'un
kanfaluu Qaba.

6
3. Miseensii Afoosha hundii yeroo waltajiif wammamaaniti miseensi hin
argamnee Qarshii shantama (50) ni adabama.
4 .Miseensi Afoosha kana maqaa baleesufis ta’ee diigudhaaf yaali godhe
argamee haala koreen ta'ee murteesseen gaaffii tokko malee ni haqamaa.
5. Yeroo sadi (3) f walittii ansudhaan miseensii bakkaa gaddati argamnee :-
5.1. Koree duratii dhiyachuudhaan gorsa fudhata.
5.2. Of eeganoon bareeffamaan ni kenamaaf.
5.3.Gaaffii tokoo malee afoosha keessaa ni haqama.
6. Akkataa kaminiyuu miseensii Afooshaa tokkoo seera Afooshichaa bukkeeti
dhisudhaan waantoota faayidaaf lafaa ta’ee jiru ittii fayaadamuuf jedhee haala fi
raga tokko tokkoo faayadamudhaan fayaadamuuf kan yaale ykn fayaadamee kan
argamee fi miseensi miseensaa yakkaa uume kana kan gargaree ta’ee yoo
argamee,koreen yoo qulqulleefatee arganaa tokkoo malee qabeenya fayaadamee
kisaara isaa waliin deebisuudhaan Afooshichaa keessaa haqama.

Keewata 9ffaa
Mirgaa fi Dirqamaa Afoosha
1. Akkataa seera mootummaatti Afooshni kun seera ittiin bulmata kan mata
isaa bafachuu ni danda’aa.
2. Afooshni kun koree mata isaa filachu, busuu fi bakka bufachuu ni danda'a.
3 . Miseensoota haara ofiiti fudhachuu wareen baleesa qabaan gorsuu Fi
geggeessu ni danda'aa.
4. Miseensi Afoosha kana tokkoo jireenyaan ykn hojiidhaan naannoo fagoo

7
deemee Afooshicha itumaan fufa yoo jedhe akkuma nama tokkooti mirgi fi
dirqamni isaa ni eegamaaf. Garu miseensoota Afoosha keessaa yeroo balaan
du’a ga’uti awaala irrati argamuuf dirqama hin qabu, miseensoonis yeroo
balaan du’a isa muudate awaalchaa irrattii argamuuf dirqama hin qaban.
5. Miseensi nageenyaa Afooshichaa jeqeen ari’ame ture tokkoo yoo debi’ee
gaafii miseensummaa gafate fudhatama hin qabu.
6.Miseensa Afooshaa jalaa haadha mana, Da’ima ykn abbaan mana yoo du’an
Afooshichi konkoolata fi sanduuqa reeffa dhiyeessu qaba baasii afooshaa
keessaa argamudhaani.
7. koreen Afooshichaa waggaa keessatti yeroo afur (4) wal argu qaba.
Keewata 10ffaa
Mirgaa fi Dirqamaa Miseensaa
A. Mirgaa miseensaa
1. Abbaan waarra fi haati mana Afooshicha keessatti mirga wal qixa qabu.
2. Miseensi maqaan isaa Afoosha kana keessatti galma’ee jiru koree filachufis
ta’ee filatamufis mirga qaba/di.
3.Miseensi tokkoo sabaaba hojiitin naannoo galakiise yoo deeme fi deebi’ee kan
dhufu yoo ta’e nama umuriin isaa 18 ti oli ta’ee baka bufachuu ni danda’aa.
4.seera ittiin bulmaata Afooshichaa ragasisuufis, fooyesufis, yaada dhiyeesu ni
danda’aa.
5.Miseensa tokkoo balaan du’a yeroo itti galeetti awwaalchaaf gaaffii inni
dhiyeesuuf akkaataa ittiin bulmaata Afooshichii itti gafatamummaa fudhatee kan
rawwatu ta’a.

8
6.Miseensi tokkoo Afoosha kana keessaa du’aan yoo addaa ba’ee firrii bakkaa
bu’een afooshicha ittaan fufaa jedhu yoo jirate ji’a lama (2) keessatti beeksisu
qaba.
7.Guyyaa seeri kun hojii irra ole irraa eegalee obboloni lama gaaffii
miseensummaa yoo dhiyeesan seenu ni danda’uu.
8.Gargaarsa Afooshiichi kenuu kamiyyuu miseensi tokkoo gafachuu ni danda’aa.
9.Abbaan warraa fi haati mana yoo gargar ba’aan nama seeri murteesefitu dursii
kenamaaf.
10. Mirgaa Afoosha kamiyyuu keessaatti hirmaachuu ni qaba.
11.Mirgaa Yaada isaa bilisaan ibsaachuu ni qaba.
B. Dirqama miseensaa
1.Miseensi tokkoo seensa ji’a Dilbata guyyaa jalqabatti ganamaa sa’a 1:00 – 1:30
ti argamee buusii Afoosha Kafalachu qaba.
2.Yeroo duti galeeti bakka awwaalchati miseensi Hindi argamu qaba.yoo bakki
gadda as hin taane miseensa keessaa namni lama (2) dabareedhaan waliin deemu
qaba.
3.Filuufis ta’e filatamuuf, Afooshicha tajajjiluuf dirqama qaba.
4.Yeroon kafaltiin kafalamuu kamiyyuu keessatti miseensi tokkoo daa’ima
umuriin hin geenye eergee hir’achuu qarshii fi rakkoolee uummamaaniif
Afooshichii itti hin gafatamuu.
5.Mana gadi galeeti awwaalchaa irratti argamuu fi meeshalee barbaachisoo ta’aan
geessuu fi deebisuuf dirqamaa qaba.
6.Miseensi Afooshaa tokkoo yeroo turti ji’a sadi (3) erga fixe booda maati
ofjalatti bulchuu maqaa isanii fi firumaa isaani akkasumaas kara abbaa warraa

9
ykn haadha mana kan jiraan Abbaa, Haadha, Obboleesa fi Obboleetti gucaa
kenamuuf irratti galmeesee fidu qaba.
7.Daa’ima dhalatee/tte tokkoo turti satii (24) keessaatti galmeesu qaba.
8.Miseensaa Afooshaa tokkoo bira fira ykn kan fira hin taane keessuminatii isa
bira kan taa’u yoo du’ee miseensi Afooshaa bira ga’uuf dirqama hin qabu. Garu
Afooshichii meeshaalee ittii fayyaadamuun gargaarsa gochu ni danda’aa.
9. Miseensi Yeroo maqaan wamamuuti maqaa isaa/ishee dhageefatee/tte maqaa
isaani galmeesissuuf dirqama qabu.
10. Rakkoo humna olii yoo mudaate eeyyamaa koreetti himaachuuf dirqamaa
qaba.
Keewata 11ffaa
Gaaffii miseensa haara fi kafaltii isa
1.Gaaffii miseensummaa barreefamaan dhiyefachu qaba.
2.Buusii miseensi tokkoo buusa ture buusudhaan seenu qaba.
3.Miseensaa guutuu ta’uudhaaf turtii ji’a sadii (3) booda.
4. Kaffaltii galmee Qar.100 (Dhibbaa tokkoo) kafaluu qaba.
5.Teessoo tokko haaraa Isaa bitee Afooshaaf galii gochu qaba.

Keeyyata 12ffaa

10
A. Seera Murtoo Afooshaa
1.Miseensa gaddi itti galee tokkoo waliin deemudhaaf Miseensa keessaa namni
lama (2) akkaa waliin deemuu murta’eera.
2.Miseensa haadha warraa ykn abbaa mana isaa jalaa balaan du’a dhaqabe yoo
ta’e Qar. 4,000 (kuma Afuur) osoo sirnii awwaalchaa hin rawatiin harkati akka
kenamuu fi mana gadi itti galeeti immoo Qar. 1,000 (kuma tokko) gatiin bunaa
akka kenamuuf murta’eraa miseensi immoo mana gaddi galeetti argame kisii
isaarraa qarshii dhibbaa tokko (100) Akka kanfaalus murta'era.
3.Miseensa Afoosha tokkoo jalaa maatiin yoo du’e miseensa afoosha keessaa
namni lama (2) wajjiin deemu qabu Fi Qarshii Kuma lama (2000) waliin.
4.Miseensa Abba, Haadha, Obboleesa, Obboletii, Hadhaa warraa, Abba warraa fi
da’ima kan isaa ykn ishee yoo ta’ee, osoo sirnii awwalchaa hin raawatiin qarshiin
murta’ee dursee akka waliti qabamu murta’eera.
5.Miseensi Afoosha kanaa fedha isatiin gad-lakisee wanti inni argatu tokkoolee
hin jiru.
6.Miseensi tokkoo haala jireenyaa fi hojittiin naannoo gad-dhiise yoo deeme,
fedha isattiin Afooshichati hin hirmadhu yoo jedhe, koreen ta’e ilaale qarshii
Kuma lama(2000) ragaa jijjirraa qabatamaa yoo qabatee gaggeessaan akka
tasifamuuf murta’eraa
7.Seeri Afoosha yeroo barbaachisaa ta’ee irratti hunda’uun ni haaromfamaa.
8.Buusiin ji’a Qar. 100 (Dhibbaa tokkoo) dha.
9.Miseensi Afoosha waliin yeroo gaddaa hin deemne yoo jirate koreen ta’ee ilaale
murto qarshii Kuma lama (2000) itti kennaa.
10.Abbaa warraa, haadha mana ykn Da’ima miseensa Afooshichaa keessaa
balaan du’aa yoo mudate mana reefi ba’eef Qar. 10,000 (kuma kudhan)
Afooshichii baasii yoogodhu miseensi Afooshaa hundi immoo Qar. 200 (Dhibba
lama) buusuun akka harkattti kenamuuf murta’eera.

11
B. Seera murtoo Afooshichaa kan gargaarsaa dhorkanii
1.Afooshichii abbaa warraa ykn haadha mana seeraatiin ala gargaarsa hin godhu.
2.Afooshichi deedebidhaani fi mana daldaalaa keessaa qacaramanii kan hojataniif
gargaarsaa hin godhu.
3.Firummaa miseensa Afooshaa kan qabaan Addaada, waasila, kiristinaa fi
adaraan kan isa bira ta’uuf gargaarsa hin godhu.
4.Afooshichii reefa ala itti dhufee tokkoo gargaaruuf dirqama hin qabu. Haata’uu
malee meeshaleen gargaruu ni danda’aa.
5.Kara seera qabeessumadhaan wal-hiikumsaa abbaan warraa fi haati mana
giduuti raga dhiyeefataniif ijoole isaani isaan wajiin gargar ba’anirraa balaan du’a
yoo dhaqabee Afooshichii gargaarsaa kan godhu nama miseensa Afooshichaa
ta’eef qofadha.
6.Daa’imnii tokkoo dhalatee/tte turtii sa’ati (24) giduuti galmeessissee boda yoo
lubbuun darbite gargaarsi ni godhamaaf.
7.Miseensii Afooshaa tokkoo abbaa warraa ykn haati mana yoo du’aan gargaar
ba’aan maatiin nama du’ee sun turti ji’a lama (2) gidduuti nama Afooshicha ittii
fufsiisu bareefamaan dhiyeesu qaba. Garu osoo hin dhiyeesin yoo hafe
Afooshichii gargaarsaa barbaachisuu hin godhu.

keewata 13ffaa
Hojiif itti gafatamummaa korewwani
 Kaayyoo Afoosha kanatti hin bu’u; Afoosha kana nifayyaada jedhee waanti
itti amanu tokkoo yoo jirate hojii irra olchu ni danda’a.
 Seera ittiin bulmata Afooshicha haala yeroo waliin wal qabsiisudhaan
fooyesse dhiyeesudhaan akka ragasifamu ni tasisaa.

12
 Seera ittiin bulmaata Afooshicha keessatti dirqama jiru miseensa kabaju
dhiise:-
1. Ni gorsuu
2. Of eegannoo bareffamaan keenuuf
3. Baleessan miseensa sana cimaa fi irra deddeebiin kan rawatee yoo
ta’e miseensota durati dhiyeesun akka inni galmeerra haqamu ni
tasisuu.
 Miseensi Afoosha haaran dhufe yoo jirate galmesuu ni danda’u.
 Maddaa galii Afooshaaf ni fayadaa kan jedhaan hojii irra olchu ni
danda’u.
 Dhimaa Afooshichaaf dhaabata Motummaa, miti motummaa, uumataa fi
dhabilee dhuunfa waliin dhiimmaa hojiif waada wali galu ni danda’u.
 Dhiimmaa Afooshichaaf kara seera qabeesa ta’een himata dhiyeesu fi
dhabatee falmuuf ittii gafatamummaa qabu.
 Miseensa Afoosha hunda wal qixa tajajiiluufis ta’ee, gargarufis dirqama
qabu.
 Mallaqaa fi Qabeenya Afooshaa irra balaan akka hin geenye seera
bu’uura godhachuun ittisuuf dirqama qabu.

Keewata 14ffaa
Hojiif itti gafatamummaa Dura ta’aa
1.Itti wamamummaa Afoosha qaba.
2.Miseensa Afooshaa hundaa fi koreewaan dabalate dura bu’uudhaan waltajjii ni
geggeesa.

13
3. Yeroo waltajiin jiruti miseensotaa Afoosha hunda fi koreewaan hojii irra
jiraniif kan dhiyaatu bareesaa waliin ta’uudhaan Ajandaalee marii ni qophesa.
4. Waanta koreen ta’ee murtesee hojiirraa akka oluuf mallaattoo isattiin ni
mirkanesaa.
 Hojii fi itti gafatamummaa ittii aanaa dura ta’aa
1.Bakka durata’aan hin jireeti bakka bu’uudhaan itti gafatamummaa dura ta’aaf
kenname hunda kan adeemsisu ta’a.
2.Ga’ee hojii dura ta’aaf keenname qoodate kan hojatu ta’a.
3.Yeroo miseensi Afooshaa rakkoo fi sabaabni addaa mudatee eeyama gafataniiti
eeyyamaa kenu ni danda’a.
 Hojii fi itti gafatamummaa Barreessa
1. Dhimmaa koreewaniin dhiyaatu hunda walitti qabudhaan Ajandaadhaan
qopheese dura ta’aa waliin waltajiif akka dhiyatu tasiisa.
2. Yeroo balaan du’a galeeti miseensi Afooshaa hundi dirqama isaa akka ba’uu
tasisaa.
3. Mana gadi galee sana keessatti miseensoota Afoosha ramadee hojii qabsiisa.
4. Mana duti itti galeetti fi bakka sirnii awaalchaa itti rawatamuutti maqaa kan
waamu ta’aa.
5.Miseensoota Afooshaa dirqama isaani hin bane akkataa seera Afooshichaattin
akka adabamaan godha.
6. Qaboo yaa'ii ni qaba.
7.Waltajjii ni waama.
 Hojii fi itti gafatamummaa qaba Mallaaqa
1. Mallaaqa fi Buukii mana baankii ni qaba.

14
2. Buusii Afooshaa irra walitti qabamu, waliitti qaba mallaaqa harkaa fuudhee
heerega mana Baankii maqa Afooshichaattiin baname irratti galii gochuun
naga’ee fudhachuu qaba.
3. Qabaan mallaaqa miseensa Afoosha irraa kan walitti qabamee mallaattessee
erga fudhee booda mallaaqichii yoo bade ittii gafatamummaan kan isati.
4. Sanadoota Odiittiif barbaachiisaan ni dhiyyeessaa.
 Hojii fi itti gafatamummaa hojataa Herreega
1.Galiin sirri ta’u isaa ni mirkaneesa.
2.Buusii ji’an walitti qabamu waliiti qabaan, qaba mallaaqati kennuu isa ni
mirkanessa.
 Hojii fi itti gafatamummaa Oditeeraa.
1. Maallaqa sassabamee Fi baasii bahee waggaatti yeroo lama (2) oodtii
godha akkasumaas walitti qabaf ni dhiyyeessaa.
Keewata 15ffaa
Seera Sirna Awaalchaa
1. Yeroo kamiyyuu sirni Awaalchaa sa’a 6:00 irratti ni rawatama.
2. Miseensi mana gaddi galeetti argamuu kan qabu yeroo ergaan Isaa qaqqabee
kaasee turtii satii tokko (1) hin callee keessaatti argamuu qaba.

Keewata 16ffaa
Boolla qochisisuu
1. Boolli kan qotamu baasii Afooshichaa irraa ba’utiin ta’a.
2. Boolla qochisiisun miseensa Afooshaatiif dursi kenamaa.
3. Baasiin booldhi ittiin qotamu haala gabaa yeroo Sanaa irratti hunda’a.

15
4. Warreen iddoo Awaalcha qopheefatanii qabaniif baasiin booldha
qochisisuuf olu harkati Kenamaaf.
5. Hojii ijarsaa hin dabalatu.
Keewata 17ffaa
Akkataa itti fayadamiinsa meeshalee
1.Miseensa Afooshaa kan ta’ee hunduu itti fayadamuu ni danda’a.
2.Meeshaleen itti fayadamuuf fudhate yoo cabe, urate ykn bade Afooshichi
kafalchisuu qaba.

3.Yeroo Gammaachuuf guyyaa sadii (3) eeyyamama, guyyaa gaddaaf guyyaa


torbaa (7) kan gammachuus ta'ee kan gaddaa namni yeroo jedhamee keessaatti
meeshaa itti fayyadame hin deebisne Afooshichaaf qarshii dhibbaa shaan (500)
adabamaa.

16
Keewata 18ffaa
Fooyya’insa Seera ittiin Bulmaataa
1.Seeri ittiin bulmaat yeroo fooyefamuti miseensi Afooshaa harki 2/3 faan
argamee yoo murtesee qofadha.
2.Haala yeroo irratti hunda’uun seeraa Afooshichaa haromsuun ni danda’amaa.
Hata’uu malee yeroo seeri Afooshichaa haroomfamuu keessatti miseensotni
Afooshichaa walakaa ol argamu qabu.
3.Seeri Afooshicha miseena Afooshaa hundaan ta’amee erga ragasifamee booda
guyyoota sodomaa (30) giduutti qulqula’uudhaan miseensota Afooshaa hundaaf
harkati kennamufi qaba.

17
Tartiiba miseensota Afooshaa Misoomaa fi Wal-gargaarsaa Waliif Jirraa Nama Gaddi Itti
Dhufe Hojii Kan Gargaaran

Lakk Maqaa Nama Gaddicha Waliin Deemuu


Saala Lakk.Bilbila

1 Mootummaa Guutuu Dhi 0911586238


2 Zalaalem Abdii Dhi 917638029
3 Girmaa Dirrbsaa Dhi 0939692179
4 Mootummaa Moosisaa Dhi 0955239428
5 Daffaaruu Waggaarii Dhi 0922000185
6 Addunyaa Qannoo Dhi 0935875402
7 Maammuyyee Abarraa Dhi 0927465416
8 Tamasgeen Dabalaa Dhi 0918907822
9 Shallamaa Indaashaaw Dhi 0925777273
10 Bantii Gabayyoo Dhi 0921173422
11 Gabbisaa Cimdeessaa Dhi 0911293362
12 Mootummaa Taarraqeeny Dhi 0922839471
13 Gaaddisa Obsaa Dhi 0904439913
14 Gannat Mokonnoon Dhi 0954620546
15 Tasfaayee Magarsaa Dhi 0913308600
16 Soorii Maammoo Dhi 0917098675
17 Misgaana Bushaa Dhi 0917132896
18 Addunyaa Dheeressaa Dhi 0925267657
19 Addaam Addunyaa Dhi 0935870622
20 Daggafaa Cawwaaqaa Dhi 0912294104
21 Mangistuu Balaachoo Dhi 0988971102
22 Abdii Lataa Dhi 0910175762
23 Naggasaa Dirribaa Dhi 0921759314
24 Waaqumaa Gammachuu Dhi 0946934919
25 Indaaluu Guutuu Dhi 0911293845
26 Garramaa Nagaroo Dhi 0925932343
27 Kuusaa Dafaa Dhi 0917030453
28 Tasfaayee Tufaa Dhi 0912831960
29 Asheetuu Gammachuu Dhi 0922205325
30
31
32
33
34
35

18
Tartiiba miseensota Afooshaa Misoomaa fi Wal-gargaarsaa Waliif Jirraa Nama Gaddi Itti
Dhufe Waliin Deeman.

Lakk Maqaa Nama Gaddicha Waliin Deemuu


Saala Lakk.Bilbila

1 Maammuyyee Abarraa Dhi 0927465416


2 Naggasaa Dirribaa Dhi 0921759314
3 Girmaa Dirrbsaa Dhi 0939692179
4 Addunyaa Dheeressaa Dhi 0925267657
5 Soorii Maammoo Dhi 0917098675
6 Mootummaa Taarraqeeny Dhi 0922839471
7 Mootummaa Guutuu Dhi 0911586238

8 Zalaalem Abdii Dhi 0917638029


9 Daffaaruu Waggaarii Dhi 0922000185
10 Addunyaa Qannoo Dhi 0935875402
11 Tamasgeen Dabalaa Dhi 0918907822
12 Shallamaa Indaashaaw Dhi 0925777273
13 Bantii Gabayyoo Dhi 0921173422
14 Gabbisaa Cimdeessaa Dhi 0911293362
15 Gannat Mokonnoon Dhi 0954620546
16 Misgaana Bushaa Dhi 0917132896
17 Gaaddisa Obsaa Dhi 0904439913
18 Tasfaayee Magarsaa Dhi 0913308600
19 Addaam Addunyaa Dhi 0935870622
20 Daggafaa Cawwaaqaa Dhi 0912294104
21 Abdii Lataa Dhi 0910175762
22 Waaqumaa Gammachuu Dhi 0946934919
23 Indaaluu Guutuu Dhi 0911293845
24 Garramaa Nagaroo Dhi 0925932343
25 Mangistuu Balaachoo Dhi 0988971102
26 Kuusaa Dafaa Dhi 0917030453
27 Tasfaayee Tufaa Dhi 0912831960
28 Mootummaa Moosisaa Dhi 0955239428
29 Asheetuu Gammachuu Dhi 0922205325

19
30
31
32
33
34
35

Afooshaa Wal-gargaarsaa waliif Jirraa Guca Maatiin Miseensaa Irratti Galmaa’u

1. Maqaa Guutuu______________________________________________________________
Saalaa__________Umurii___________Bakka Jireenyaa ____________Godina__________________
Aanaa________________Ganda ________________Lakk.mana _____lakk. Bilb.____________________
2. Haala Gaa’ilaa kan dhaabbate/tte_____Hin dhaabbanne______
3. Nama yeroo rakkinaattii itti dhiyeenya qabu
3.1 Maqaa Guutuu____________________________________________
Saalaa_____Umurii_____Bakka Jireenyaa _____________________Godina_____________________
Aanaa________________________Ganda ________________________Lakk.mana _____lakk.
Bilb.______________
4. Maqaa Guutuu kan abbaa manaaykn haadha mana________________________________________________________
5. Maqaa Ijoollee kan miseensaa
1. __________________ 6.___________________________
2. __________________ 7.___________________________
3. __________________ 8.___________________________
4. __________________ 9.__________________________
5. ___________________ 10.___________________________
6. Maqaa abbaa fi haadhaa kan miseensaa

Maqaa
abbaa____________________________Godina______________Aanaa_______________Ganda______________

Maqaa
haadhaa___________________________Godina______________Aanaa_______________Ganda______________

7. Maqaa haadhaa fi abbaa miseensaa kan abbaa warraa ykn haadha warraa

Maqaa
abbaa______________________________Godina______________Aanaa______________Gandaa_____________

Maqaa haadhaa____________________________
Godina______________Aanaa______________Ganda______________

8. Maqaa Obboloota miseensaa


6. __________________ 6.___________________________
7. __________________ 7.___________________________
8. __________________ 8.___________________________
9. __________________ 9.___________________________
10. ___________________ 10.___________________________

20
9. Maqaa obbolootaa abbaa warraa ykn haadha warraa miseensaa
1. __________________ 6.___________________________
2. __________________ 7.___________________________
3. __________________ 8.___________________________
4. __________________ 9.___________________________
5. ___________________ 10.___________________________
10. Maqaa namaa hirkattummaadhaan ykn hojiidhaan miseensa tokko bira jiraatu.
1. .__________________ 3. ___________________________
2. ___________________ 4..___________________________

Akka lakk.1-10 tti waanta gucichi jedhu seeraan guutuu koo mallattoo koon nan mirkaneessaa.

Maqaa
Guutuu__________________________________________________Mallattoo____________Guyyaa__________
_

21

You might also like