You are on page 1of 21

Kutaa

Faaruu Loonii
Leveled

Afaan Oromoo
Kitaabni deggarsaa kun gargaarsa maallaqaa ‘USAID’ irraa
argameen Dhabbata ‘Save the Children’ fi Biiroo Barnoota
Oromiyaa Wajjin qophaa’ee kan maxxanfamedha.

Bara 2009/2017

The CC By license lets others distribute, adjust, and build upon


this work, for free or commercially, as long as credit is given to
the original creation. However, any changes from the original
must be indicated.

For more info please refer: https://creativecommons.org/licenses/


Faaruu Loonii
Kutaa 3
Yaadannoo gabaabaa maatiifi barsiistotaaf
♦♦ Yaadannoon kun akkaataa ati barreeffama kitaaba
dabalataa kanarraatti dhiyaate barattoota kee ittiin
dubbisuu shaakalsiistu siif dhiyaate.

♦♦ Osoo gara dubbisaa hinseenin dura gaaffiilee dubbisa


duraa akka barattoonni irraatti mari’atan taasisi. Kanaanis
yaada isaanii gara mata duree dubbisichaatti akka fidatan,
muuxannoo isaaniis akka walyaadachiisan taasisi.

♦♦ Itti aansuun, barattoota rakkoo dubbisuu qabaniif


gargaarsa taasisuun akka isaan dubbisan taasisi.

♦♦ Dhumarratti, gaaffiilee dubbisuun boodaa akka isaan


hojjetan taasisi. Haala kanaanis dubbisanii ergaa
barreeffamichaa akka hubataniifi akka madaalan taasisi.

Gaaffilee dubbisuun duraa

1. Loon irraa bu’aan argamu maalii?

2. Faaruuwwan afoolaa naannoo keetti


bebbeekaman maal fa’i?

3. Naannoo keetti loon akkamiin faarsu?


Fayyidaan faaruu loonii maali?
Oromoon loon waliin hidhata guddaa qaba.
Hidhanni kunis lafa qotuutti aanee, madda
soorataafi galii isaa ta’uun tajaajiluu looniii
bu’uureffata. Kanarraan kan ka’e Oromoon
loon isaa nifaarsa. Faaruun loonii kunis
akaakuu afoola isaa keessaa isa tokko.
1
Akkuma afoolawwan biroo, faaruun loonii
afaaniin dhalootaa dhalootatti darba.
Darbiinsa kana keessattis qabiyyeen isaa
osoo hinjijjiiramin bifni isaa jijjiiramuu
danda’a. Kun ammoo, garaagarummaa
godinaa godinatti ta’uuf qabata guddaadha.

Garaagarummaan godinaalee Oromiyaa


keessatti faaruu looniirratti mul’atu
irra caalaa haala ittiin dhiyeenyaa
bu’uureffata. Kana jechuun jechoonniifi
gaaleewwan Oromoon godina tokkoo
walaloo faaruu loonii ittiin dhiyeessu kan
biraarraa adda kan ta’u bifa isaatiini
jechuudha.

2
Qabiyyeen faaruu loonii Oromoo baay’inaan
gumaacha loon jiruufi jireenyaa isaatiif
qabu ka calaqisisudha. Kana jechuunis,
tajaajilli loon hawaasa Oromootiif kennu
hundi bu’uura faaruu isaa ta’a jechuudha.
Kun ammoo tajaajilaan ala waan biraarratti
xiyyeffachuun loon faarsuun hinjiru jechuu
miti.

Oromoon bifa, bakka isaan oolaniifi waan


isaan sooratanirratti hundaa’uun loon farsa.
Haata’u malee, faaruun haala kanaan
dhiyaatu tajaajila loon hawaasichaaf qabutti
hidhatee malee qofaa isaa miti. Kunis
bakki itti hawaasni Oromoo bifa loonii qofa
faarsu jiraachuu dhiisuu mala jechuudha.

3
Yeroo Loon Faarfaman

Loon faarsuun itti karoorfatamee ta’uu


dhiisuu mala. Loon kan farfaman haala
adda addaa keesaatti. Haallan kunis yeroo
namoonni gamtaan bahanii walii hojjetan
ta’uu mala.
4
Yeroo namoonni gamtaan walii hojjetan
ammoo daboo, daadoo, jigiifi kanneen kana
fakkaatanidha. kunis yeroo gamtaan mana
ijaaran, lafa qotan, aramaniifi haaman ta’uu
danda’a. Dalagaaleen kun humna cimaa
waan barbaadaniif, afoola dadhabbii nama
dagachiisanitti fayyadamuun dirqama ta’a.
Faaruu looniis ta’ee kanneen biroo kan
dhimma baasanis yeruma akkanaati.

Kanaafuu, faaruun loonii afoola namoonni


yeroo daboos ta’ee yeroo daadoo itti
fayyadamuun dadhabbii dagachiisan
keessaa isa tokko jechuudha. Tajaajilli
loonirraa argamu qabiyyee faaruu looniiti.
Qabiyyeewwan faaruu loonii kana keessaa
inni tokko madda soorataa ta’uu looniiti.

5
Aannaaniifi foon loonii soorataaf ta’u.
Faaruun loonii aannan qabiyyee taasifatus
bu’aalee isaa hunda ammata. Bu’aaleen
aanaannii akka qabiyyee faaruu looniitti
tajaajilanis dhadhaa, areera, dhamaafi
baaduudha.

Areerri nidhugama baaduun ammoo


ninyaatama. Dhadhaanis akka mi’eessituutti
tajaajiluu danda’a. Kun martuu bu’aa
aannaniiti.

6
Faaruu Yeroo Mana Ijaarsaa

Guyyaa tokko Obbo Kumalaan daboo mana


ijaarsaa qaba ture. Daboo kanarratti
faaruun loonii tureera. Faaruun kun garuu
qabiyyee adda addaarratti xiyyeeffata ture.

Faaruun loonii tajaajila aannanii


bu’uureffatu akkanaan dhiyaate.

Maarree saawwaa!
Saawwanii saawwanii muchi afran
aannaanii
Maarree saawwaa!
7
Saawwa abbaa areeraa kan gaafa
wareeraa
Marree saawwaa!
Areera unannee bareeda fudhannee
Maarree saawwaa
Areera dagannee bareedas lagannee
marree saawaa.
Garaatti simannaan laphee qabbaneessaa
Maarree saawwaa!
Mataatti dibannaan miidhegine qabeessaa
Maarree saawaa!
Saawwa abbaa aannaanii isa kan
waamanii
Maarree saawwa

8
Gurruun aannaan kuusaa garraatti
addeessee
Maarree saawwaa!
Kanat nagaa buusee ummata gurmeessaa
Marree saawwaa!
Qaamni looniille bu’aa ta’uu isaa faaruu
loonii kanaan gaadiitiin agarsiifama.
Maarree sawwaa!
Gaafni waancaa ta’ee aannan unachiisaa
Marree sawwaa!
Dhoqqeen xaawoo ta’ee biqilaa bubbuksaa
Maarree saawwaa!
Foon soorata ta’ee maddii boollaa baasaa
Maarree saawwaa!
Kotteen shinii ta’ee lafa didibbeessaa
Maarree saawwaa!

9
Faaruu Bu’aa Loonii Xiyyeeffatu

Gogaan loonii gurguramee qarshii


argamsiisuu isaa ibsuuf loon nifaarfatama.
Qarshiin gurgurtaa looniirraa argamus
soorataafi kanneen biroo bituuf oolu. Kana
malees, gogaan loonii duugamee itillee ta’uu
isaatiifis Oromoon loon nifaarfata.

Fakkeenya, Ururuu yaa saawwaa, ururuu yaa


saawwaa
10
Googaan qarshii ta’ee jireenya gabbisaa
Ururuu yaa saawwaa, Ururuu yaasaawwaa
Gogaan itille ta’ee, keessummaa raffisaa
Ururuu yaasaawwaa jechuun faarfatu.
Oomishni callaas hirmaannaa loonii
malee galma gahuu hindanda’u. Gama
kanaanis ammoo irra caalaa sangaatu
xiyyeeffatamuun faarfatama. Fakkeenyaaf,
faaruun kun sangaa xiyyeeffata.
Maarree saawwaa!
Sangaa salgii jirmaa kan timjii buqqisuu
Maarree saawwaa!
Ofii isaa luqqa’ee kan jeejee kuffisuu
Maarree saawwaa!
Sangaa waanjoo baatuu, innoo kaayyoo
hinyaatu
Maarree saawwaa!

11
Lafa addaan butte beela garaa kuttee
Maarree saawwaa!
Bajjii addaan baaftee jeejee garaa raaftee
Maarree saawwa!
Kanamalees, bu’aan saawwaa du’a nama
oolchuullee akka danda’u faaruu looniitiin
nihimama. Kanaaf, guyya lubbamaa bu’aa
sa’aatiin walqaqqabu jechuudha. Fakkeenyi
armaan gadiis faaruu loonii kana agarsiisa.
Maarre saawwaa
Saawwa gaafa dheeraa isa gaafa? areeraa
Maarree saawwaa
Saawwa gaafa dalgee isa gaafa nabsee
Maarree saawwaa
Saawwa gaata gumcuu?
Isa gaata lubbuu
Maarree saawwaa

12
Faaruu Miidhaafi Bu’aa Loonii Dorgomsiisu

Itti dabalees, Oromoon saawwi jiraachuufi


dhibuun dhiibbaa akkamii akka qabu wal
bira qabee faaruudhaan ibsa. Kun ammoo,
kanaanis akka namoonni walcinaa qabanii
bu’aafi miidhaa loon qabaachuufi dhabuun
geessisu dorgomsiisuufi morkisiisuun
hubatan haala mijeessa.

Fakkeenyaaf,
Erga saawwi badee
13
dandiin ollaah induudee
jaartiin ollaa induutee
Yaa saawwaa
Erga saawwi galee
jaarsi baaduu nyaatee
jaartiin Baatuu baatee
yaa saawwaa
Oromoon miidhaan loon dhabamuurraa
namatti dhufu hedduu ta’uu faaruu
looniitiin agarsiisa. Miidhaaleen kunneenis
beela namatti fiduurra darbee hanga walitti
dhufeenyi namootaa addaan citutti ilaalama.
Kana malees, osoo loon hinjiraanne
lubbuun jiraachuulleen rakkisaa akka ta’u
faaruudhaan waliif dabarsa.

Yeroo miidhaan loon dhabamuurraa


namatti dhufu danda’an ibsamus akka

14
inni dhalootaaf darbutti itti yaadameeti.
Faaruun faarfamus loon dhabamuun callaa
oomishuun nyaata argachuu qofaaf rakkisaa
hinta’u. Ittoon ittiin nyaatanillee yaaddoo
ta’uu isaa nihubaachiisa.

Faaruun loonii godinaalee Oromiyaa


keessatti bifa adda addaatiin dhiyaachuu
mala. Haata’u malee, qabata bifni isaa
jijjiiramuu danda’uuf garaagarummaa unkaa
agarsiisuu danda’a. Garaagarummaan kun
ammoo qabiyyee isaa jijjiiruu irratti gaheen
inni qabu xiqqoodha.

Qabiyyeen faaruu loonii garuu hedduttu


walfakkaata. Qabiyyeen faaruu loonii
kunis irra caalaa tajaajila bu’aa loonirraa
argamuu bu’uureffata. Tajaajilli kunis
soorataaf, madda galii ta’uufi mukuu bahuuf
ta’uu mala.
15
Walumaagalatti, faaruun loonii afoola
Oromoo keessaa isa tokkoodha. Innis, jiruufi
jireenya hawaasichaatti dhiyoo kan ta’e
faarsuurratti xiyyeeffatudha. Xiyyeeffannoo
kanaanis, daa’imman guddachaa jiran
barsiisu. Kunis akka kunuunsi looniif
taasifamu cimee akka itti fufu taasisa.
Akkasumas, jaalalli Oromoon looniif qabu
akka itti fufu godha. Jaalala qofas osoo
hintaane, faaruun looniis itti fufiinsa akka
qabaatu gumaacha guddaa taasisa.

Gaaffiile dubbisuun boodaa


1. Faaruu loonii dhiyaate keessaa tokko
faarfadhu.

2. Qabiyyee faaruu loonii keessaa lama himi

3. Naannawa keetti faaruu loonii beektu


hiriyoota keetiif faarfadhu.

16

You might also like