You are on page 1of 1

Cheeklistii Bobbaa supparvijinii

1, Karoora waggaa, Guyyaa, Gumiilee,DOWfi karoorota dura bu’aa mana barnootaa tokkorraa eeggamu
hunda guuttatee argamuufi dhiheeysii barsiisota barbaachisu guute argamuu isaa adda baasu.

2,Raawwii galmeefi raawwiin daree M/B keessatti argamu daree seenuun ilaaluun yoo barataan guutuun argamuu
baate hatattamaan GMBfiBBL walitti waamuun maariisisuun akka daretti argaman taasisuu, deeggarsa
barbaachisu gachuu.

3,Humna namaa M/B keessa jiru karooraafi raawwii adda baasuu, hanqina barsiisaafi kuufama barsiisaa iddoo jiru
adda baasuun qaama dhimmi ilaaluu waliin ta’uun bakka hanqinni jiru bakka barsiisaan hedduun jiru irraa
furmaata kennu.

4,Kufaatii barattoota kutaa 8ffaa ilaalchisee xiinxala gosa barnootaa hundaan gaggeessuun barsiisonni bakka itti
kufan akka baraniif xiinxaluun maxxansuun barsiisota beeysisuu.Barsiisonni hundi isaanii kufaatii isaanii beekanii
fula duraaf karoora mataa isaanii baafachuun haalli itti deemaa jiran maal akka fakkaatu adda baasu. Bakka
deeggaramuu qaban irratti deeggarsi barbaachisu deegarsa gochuu.

5, Maanuwaaliin{ kitaabni} shalaguu, barreessuufi dubbisuu, torbee jaha[6] koppiin mana barnootaatti gad bu’uun
qixa seeraatiin barsiifamaa jiraachuu isaa adda baasuufi barataan meeqa akka dandeetti isaanii cimsatan faayilaan
barsiisaa harkaafi M/B argamuu isaa adda baasuun deeggarsa barbaachisu kennu.

6, Kitaaba sirna barnoota haaraan wal qabatee harka barsiisaa gahufi kan dhufe immoo M/B gahuu isaa adda
baasuu.

7,Haala mijjataa barataafi barsiisaaf akka taasisan qaama dhimmi ilaalu waliin mari’achuun furmaata kennu. FKN.
Manni jireenya barsiisaa iddoo hin jirreetti caasaa waliin mari’achuun hawaasa keessaa akka kennamuuf taasisuun
dura bu’ootafi barsiisota deddeebi’aa barsiisan M/B galchuu .

8, Seera ittiin bulmaata mana barnootaa,barreeffamoota waa’ee barnootaa ibsan, Taappeellaa M/Barnootaa ibsu
qabaachuufi Mul,ata mana Barnootaa qabaachuu isaa adda baasuu,yoo hin qabaanne hatattamaan akka
barreessanii maxxansan gochuu bakka deeggarsa barbaaddutti deeggarsa barbaachisu kennu.

9, Deeggarsi harka qalleeyyiif sassaabamaa ture meeqa akka ta’efi meeqa akka harka qalleeyyii harka gahe adda
baasuu. Akkasuma boorsaan UNSEF kenne hangam takka dhugumaan harka qalleeyyi bira gahu isaa daree keessatti
adda baasuu.

10, Manneen barnootaa nyaata eegalefi hin eegalle adda baasuu,Nyaanni barataa sassaabamaa jiru akka mana
barumsaatti gale jiru adda baasuu, yoo M/B galuu baate akka galu taasisuu. Manni barnootaa nyaanni hin eegalin
yoo jiraate meeshaaleen nyaataa qophaa’uu, namoonni nyaata godhan qophaa’u, qoraan, bishaan qophaa’uu
isaani adda baasuun deeggarsa barbaachisu gochuun akka nyaanni eegalu taassisu.

11, Galiin keessoo hawaasarraa akkaataa itti sassaabamaa jiru,meeqa akka sassaabame, baankii kam irratti galchaa
akka jiran adda baasuun hanga waajjirri kallatti kaa’utti bahii ta’uu akka hin dandeenye qaboon qabachuu , galiin
mana barumsaarra argamu fkn citaa, baarzaafii, omisha midhaanii, kuduraa saqoxaafi lukku saqoxaan kennameen
kan argamu hoo meeqa? Eessatti gala jira akkamitti bahii ta’aa akka jiruu adda baasuu

Horaa bulaa!

You might also like