You are on page 1of 13

Weeddu / Faarsa

Bara Dargaggummaa
(Malaakuu Tafarraa)
Man ijjeerra cirrachoo falaanaan mulluu nyaatu Wal-ajjefnaam sirattoo jaalaataan lubbu hin yaadu Atii kittaakee gad xaafi anis kitta koo gad xaafa Wayyaan Amaaraa kittaa dha Atis jirta natti dhaami anis jirtaa sitti dheema Nagaan alaala jirtaa dha Yommuu daaktuun birbir daaktu bookeen harbuu irraa gad-yaati Yommuu gaariin washakkaatu moogeen antuuta fakkaatti As ooleen jirbii funaana sangaan kosoruutti aseene Dasooree mudhii sinnaara siman gorroshuu kajeele Akka bosonuu maseene Gaaddissa yaa ilma danboobaa gaarri gamaa dabaqqaa dha Gaabbita gaafan namoomee barrii namaaf dabarsaa dha Yoon ijaaree yoon kabee diigi diigi naan jedhaa Yoon siyaade naaf gamee fiigi fiigi naan jedhaa Fiiguuf laftti koo tabba dhiisuuf barri koo in darba Kottu Harree feenaa jennaan an teepha hin shaaru jettee Kot wajjiin teenya jennaan an deega hin jaallu jette Deegni-illee akkaakuu miti yaa shaggee kaarru shifii Oosanaan raada bitee yaa gumbii abbaan margee Soodarii nyaara siree koo garaan qaata dide Qilxuu guddaa gama keessaa yaa shuree garbuun asheetee Sichoo guddaa mana teessaa kan fuudhee galchuu kajeelee Dabbasoon boora tiksaa aguggitti reebani Dosooree nyaara jigaa na dhungachuu feetani Maaf hidhiin koo na sirbaa Alaakuu fardaan darbee hundee qilxuu qirixuu Basaqoo sarbaa shaffee lamatuu tarkaanfadhee Durbeen qeerro hin jibbitu biyya kootiin si lixuu Coqorsa kee yaa waaraati micciramee gaafnii hoolaa Gorora kee na obaasii ittinan gaaf lama oolaa Manni abbaa kee Jimma keessaa kan nagaadeen bira yaatu

Jaalala keetu irraa keessaa kan garaan kee jibba yaadu Wayyaa Wayyeessaa Gondee Jotee yaa soddaa Limmuu Kaarruu baddeessa goote xinnoo yaa gomjaasiftuu Harka na boraasiftuu Yaa kalaala kuttuu koo karaan Gimbii duudeeraa Yaa alaala dhuftuu koo garaan shifxii fuudheeraa Baddeessa yoo muran maalii gatamaa qilensii hin raasuu Adeemaa yoo bulan maalii rakkataa bineensi hin nyaatu Kan murtee mana hin ijarree maaf laga dhadhabdaa heennaa Kan dhuftee nama hin ilaallee maaf namatti dhaamta seenaa Bosonuu maaluma uumee kan sokorruu keessa dheedu Abbayyee maaluma goonee kan sokossuu keenya eeguu Mana ijaarrachuun baayeessaa shimalaan kabuun kun maalii Nama jaalachuun baayeessaa tokko ijaan qabuun kun maalii Ijaarrataa mana qaalluu wayyaa Baaccuu jalli kuulaa Ilaallataa nama jaallu mata fanxoo irraa siibuusaa Mataa fanxoo dargeggeessaa, dhiiga ijollummaa balleessaa Baddaa buleen ala ijaaja farsoo wuleetti naqu Mashaaqulee dhala jaarsaa qalloo qileensi taphisiisuu Dabbasoon boora qalee mootiin warqee sagalii Gaggabdoo koo na qabee loosii laphee na qabii Yaa ijaaraa Abbaa Caafee qaalluun galma isaa bulaa Yaa ixaana abbaan dhalchee kaarruu mormaa mashaaqulaa Anqaaqu guraa mala yaa hurrii dachaa muummee Xiyyoo ija kee kuule, simbo si gubbaa tuulee Kan kaarruun uraa manaa siin likkii nama uumee? Qilxuu kee murii hin jennee murii gabaabsii hin jennee Baala geeshee baala hoomii Michuu kee jibbii hin jennee gaafa oole gaafa qoomnii Garaachii saree in jigee tiruun attam haa tau Garaan si mallee hin didee jiruun attam haa tau Guduuruun baeetani Gommaani bau dadhabee Uggum yaa karaa Gommaa karaa Gommaa ammaan baaa Ururuu bareettan qophaa rafuu dadhabee Uggum yaa garaa gowwaa garaa gowwaa naan taphaa Badda Naqamtee yaa Leeqaa haarreen garbuu keessa yaatee

Naganuu kee-illee nan beeka giddii hin qabdu kee na nyaatee Gidaamiin kan Buushan Waatoon kan Abbaa Reebu Ijaajjii na miijanii, taai nattii miidhagii Qalloo akkaa farsoo dheebuu gaarii kan irraa hin beeku Teepha looni teepha harree teepha harree lamaan bitu Sheballee sarbaa billuu kee taree namaa hin lixuu Shaggarii kutaan haalaadaa yoo kutaa naaf foote maalii Haalkanii fi guyyaan si yaadaa yoo dhugaa naa goote maalii Mana keessan gajallaa fiixeen gufuu gad-cabee Sagalee kee dhagaeen fiige dhufuun dhadhabee Yaa mucaa bukee qilxuu, otuun siif jedhee cichuu Na irraan baafattee michuu Yaa mucaa bukke kaakiltii, eega heerumtee gaaritti Saanni kee guutee jedhee okolee kee hin fanniisuu Fokseen qoraasa malee At ni-eerumtee jedhee dabaree kee hin jallisuu dhokseen sii faarsa malee Kalessii gabaa Guyyoo iftaan duulaa Gittanii Bareedduu sarbaa yuukoo ilkaan kuula miicanii Mana ati ijaarrattee beeka fuulee gabaa Gondoree ti Nama ati jaalattee beeka nama garaan hokkotee ti Nama garaan hidda yaasee natuu maqaa sirraa baasee Yaa biiftuu jiaan qixxee si gosseem Gambeela koo Yaa diimtu lipha-liphee sitti obseeraam beela koo Otuun ijaaruma ijaaruu lafeen dhaddee na waraanee Otuun si jaalluma jaallu lafee dhabdee na gattaa ree? Yaa baaqilaa mana irraa kabaan manaa gubatee Yaa Waaq ilaa in argitaa jabaa na irraa fudhatee Yaa naggaadee Gommaa Yaayyoo mootiin boyyee sooma soomaa Yaa alaalaa dhuftuu koo kooti fi kan kee hin oole hin oolee Atis wandaboo kee fidii anis wandaboo koon fidaa Waan ittiin galaana daaknu Atis dhoksii na jaalladhu anis dhoksen si jaalladhaa Waan ittiin garaa wal-raafnu yommu wal-irraa fagaannu Obbo Jooteen waa qaleera wanaagaan foonuma nyaataa

Yoo samaanteef naaf samaanii maamulle koo naaf gameeraa Faraanjiin dildila hiite laaxaa baar gamattii guuru Bar sadiin irriba dhiise rakkoo abbaan ofitti fuudhu Yoo sangaan qotuu didee Bribiriin gad-buusani Sakkoo buusanii qaluu Yoo jaarsii rafuu didee mimixaa ija-busani Bullukkoo itti aguuganii shaggee fuudhanii baduu Jimma foo Jimma Jimmaa walakkaat Gibeef malee Jirraa foo jirra jirra wal-aargaat dhibeef malee Mannii abbaayeen kee ijaaree inni guddan sibilaa Ana hin wayyu ree hiriyyaa kee inni guddaanoo si miidhaa Rukuteen harree geessa yaatee kaa gabaan Billoo Dungujee qarree leensa nyaatee kaa gabaabino Iddoo gabaabina ishee shitto gabaa bita ishee Baddeessaa lamaan dame karaa keessa dhaabataa Adheessaa namaaf malee garaa kee na jaallaataa Wallaggaa yadii madoo saanni hin dhallee dullachaa Waldhabneem anaa fi atoo waan hitaane dubbattaa Jaarsa hin taane dhungattaa Yaa lasaallasee kutame, beenu wajjin galla qullaa kee Achittu in binna wayya kee Yaa Haaru Abbaa Mangasha gubatera baalli hiddi Acaalu abbaan horii kasaareera abbaan hidhii Badda baaqilaan asheeete dhangaggon ittoo taaare Abba daiimaa na seete, abba daimaa isaa jeeje Dargagoon iddo dhabaa ree? Yoommu gugeen baala raaftu soofeen addesse rigaa koo Yoommu narraan tokko yaaddu maalan baleesse irriyaa koo Ani mana dalgeen ijaara dagalee beekte murtaa ree? Laga irra demeen siin waamaa sagalee beekte dhufta ree? Mana keessan gajjallaa fixeen gufuu caccabee Sagalee kee dhagaeen figee dhufuu dhadhabee Axanxarii keessa loona laafto guddaa burkutaae Ati attamin teessa yoona natto guyyaan dukkanaae Attaminan mura geeshe saanni Amaaraa hindheedu doobbii

Attaminaan dhufa beeke namni alaala hin beeku qomni Eega ofii dhadhaabatte dhadhaabadhuu naan jedhii Darbeetan dhadhaabdha falaxaa dhibe miti Eega ofii barbaadatte barbaadadhu naan jedhii Darbeetan barbaadadha alagaa dhibe miti Alagaa fi dhagaa daaku lafa dhaqanii baasuu Jajjabaadhu anaa haa nyaatu Nafsee keef homaa hin taatu qaree kee fayya hin baatu Saayyan Abbaa Galate addi duwwat dhalatee Yaa subboo dabaladhu yaa qeerro maraxadhu Gatiin durba hin rakasee Silaa shaashiin siif bita maalan shaashi siif bita maal atoo hin shurbannee Silaa raajiin sitti himaa maalan raajii siiti himaa maal atoo nan dunuganne Eftaan Daabanaa galla simaan duule Abbaan Sayyoo Ilkaan walalaa damma siin maal uumee Waaqayyoo Waaqayyoon maalan godhee kan bokkaa rooba dhowwee Qileensa gad-kachiisu Abbayyee maalan godhe kan shaggee laga dhawwee Bineensa na nyaachiisu Bishaan waraabatatniitu tabba irra dhaabbatanitu Boombiin liixnaan gad-dhangalaasu Ijaan wal jaalatanitu qoomniin dhibnaan Dalga ilaalu maa boossa ana haa dhangalaasu Mannii keessan haa jiguu situu ijaarrataaf malee Warri keessan na jibbuu situ na jaallataaf malee Yoo kaleessa adeemanii haraaffa Gimbii gau Yoo bareedda yaadani mucca dhalatu tau Karaan mana kessani dandit-na fide goruu? Maali jarii baaccuun kun jaartiitii qaree qoruu? Yaa ijaara Tasamaa Damuseen hoolaa qalee Wal-iaalaa dabaraa? lalisee koo naaf gamee Uttuu roobuu bollaqqe dhagaa diidaa waqarruu Uttuun boouu na gatte anaa fi sin haa agarruu Harree koo yaa baaburii karkarroon saafaa dhalaa Laphee koo qabaa bulii qallayyoo akka maatabaa Kaleessii-illee Dafinoodha xaafi tabba jala meesu Bareedni ishee anciroodha gaari sarbaa jala beeku

As hin oole Jimman oole haguddu koomee bitaachaa Ani sin qodne si-naqoode ani lubuu koo irraan siin jaalla Agadaan agaduma nyaadhu sanaafica kee Alagaan alaguma jaallu qalloo fira kee Yaa timboo gabaa kaleessaa sin bite malee sin xuxnee Yaa dimtu magaala leensaa sin argee male sin hinquufnee Andoodeen wayyaa hin adeessu lakkii kuttaa sana miicii Anafoo silaa hin dhageessu lakkii gurbaa sana dhisii Yaa dhadee ya-hadhaa mia yaa bineenti dorrobdu Naagateem ya-hadha firaa atto hiyeessa hin qoqqobdu Sinbiroo shawu shawu Goondee lafti kootichaa Dubbichoo silaa hin tau boosse maaf na boosifta Anqaaquu sinaataraa dhadeen nyaatte godarree Kan kaarruun guraamalaa nadheen taate joofare Atarii dachaa facaasu warqeen akka daabanaa ti Hin boiin anaa lolaasu yommuusoo akka jaalalaa ti Shaggarii gulufaan deemaa yaa hawwaara mula koo ti Kopheedhaan na dura yaati mamagaaleen biyya koo ti Bosonuun coomtee jennaan Sanbateen foon bitattee Yaa qallo shooxee jeennaan qarbaxeen qooqqifattee Bosonuun coomuma coome kan sokooru keessa dheedu Abbaa kee maaluma goone kan sokoosu keenya eegu Gammachuu yaa soddaa koo Gibee daaktu sadeet nyaate Wa naaf hin maltu yaa hiriya koo garaan didee tokko yaadee Otuun kusaaye haamu sinnaara bishaan nyaate Utuun mukaae taau essaa na biraan baate Shagee yaa giramaashee Yaa qilxuu Bookkaa Bulii kot-jaldeessa leenjifnaa Yaa michuu moofaa durii kot-baleessa deebifnaa Innaa mana ijaarani kombolcha dhaabaa muruu Mixoo dagalee muruu Innaa nama yaadani boroon mana saaqani Bakkalcha ilaalaa buluu bakkalcha goodaa Sayyoo Atam na goota wayyoo Xaaxeessaa daari gubba maaf qotta xaafi adii Raateessaa maali qabda maaliin na dhoofte ati

Qotee qoteen dalga meesaa Naqamtee jirti jabbiin koo Sabee sobeen of jabeessa garaa kee jirti qalbiin koo Silaa bunan siif qala buna duuda hin qalani Silaa si duukaan galaa durba duukaa hin galani Koo na duuka gali atii Kormaa hindaaqqo keessani inni adiin lagaa gala Morma haallaaloo gootani isin faiif namaa gamaa Yaa qilxu irratto qilxuu yaa baddeessaa cirrachoo Yaa michuu irratto michuu wal ajjefna si irratto Saawwalii keenya keessa kuuma gaallamoota Ilkaan kee inni goodaa tumaa moo dhaloota? Yoo tumaa tortorii yoo dhaloota tolii Duubana roobee malee Boojii qileensa hin qabu Fuulan godoomee malee Boranni iyyeessa hin qabu Akoon buna amacci buni akkoo hin gubatuu As siqii natti himi gurri koo hin hubatuu Anii abbaa kee beeka Sanbatoo Galaanii Loosi naan dhungadhuu wandaboo jalaanii Kuula uffadheen kuula miicaa Jimma hin nyaatu foon haandaaqqoo Siin abdadheen fuudha dhiisa sin hin mararru ijoollumman koo Baddeessaa jalaan gad-yaane kormi qaallu gaana gaansaa Akkeessa jarreen shamaanee mormi taakku lamaa baasaa Boqqollo laga Amayyaa qalqalloo laman muree Eda abjuun wal haammane wandaboo jalan bulee Ya jala buufata gaangoo iraangadee finqilaachoo Yoo nama dhuunfatan taatee siin argadheem misraachoo Okkoteen bishaan dhaqxii gufuu yaaban gubbanaa Dombooshee gilaa maddi dhufuu yaa ishee gubbanaa Gubbaa mana katamaa robeef labeessii hin marguu Tubbaa mataa jamjamaa boee malee si hin arguu Gabaan Dafiino baddee kan dur dhangaggoo biittuu Amma jaarsa-illee hin dhabdee kan dur dargaggo didduu Kumaraan tumaa tumaa amartii qalloo tokkoo Tur amman si irraa kutaa gurbatti farroo tokkoo Duuba duuba Abbaa Sorii amuumaan garbuu haamaa

Suuta suuta naaf booii na dura badduu baataa Nagaadeen yoo duute maali mandaraa Joteetti awwaaluu Hidhii kee yoon xuuxee maali kan damma bookee fakkaatuu Damma bookee isa kaniissa takka xuuxeen gad-siidhiisaa Mana atii ijaarratte beeka lafaa gabaa Gondoree ti Nama ati jaallate beeka namaa garaan okkote ti Nama garran hidda yaasu nama garaan jibba yaadu Bakkaniis caccabee laafto seeranii gogsuu Haalkan ciisan dhadhabe guyyaa deemanii obsuu Yaa qamalee yaa gugee in godaane warri Iluu Na waxxalee na gubee in bobaane wajjinoo Robii robii yaa bookkaa inni gara abbaa kuraa Boii boii yaa garaa imimmaantu abbaa furaa Inni xaafii tuule tuulee inni kaan gate cidii isaa Inni gaarii fuudhe fuudhee inni kaan gatee horii isaa Ani maafan gata birri koo barbaade hin fuudhu likki koo? Shaggarii gaditti boolla lafa ilmaan booyye itti duute Maranee walitti boonyaa akka ijoolle haati duute Ijoolleen Sibuu Siree faanosii bobeesitee Ofi kee raafte bultee na xabdiin bobeesite Akka inni ishetetti meesi gomanni ashetu gaeera Akkuman taaetti taaii koo mallii adeemssa taera Dhabii dhaabii goodarree kee jala deebitu caffee dha Raasi raasi goofaree kee qabbaneessitu laphee dha Baddaan-illee migira goromsi raada dhalee Haraaf illee si bira boriin siin yaada malee Axanxarii laga soole gowwaan mukaa dhoqonuu dha Barbaacha keen laga oole akka korma bosonuu dha Samaroo keessan adeema waanan jirbi bituu seetee Adamoo keefan adeema waanan sirraa cituu seetee Yoo haarren Saasiga baate komeen hawwaare biyyoo dha Yoo shaggeen saamicha taate Koo ishee magaala xinnoo dha Obboo Joote Abbaa Iggu jaarsa ariin ballessitee Kutaa foote naan fidduu nacci-arri fakkesiitee Arkiiftu idda machaaraa tephaa lafaa fuutee ijoolleen

Achittu sittan marmaara eega maqaa-fuut hin oollee Bishaan waraabbiin hin oollee ceene waraabbanna cooree Silaa wal-jaalalli hin oollee teenye wal baanna akka ijoollee Utuun hin cabaa beekee cabees hin baddaa beekee hin kolaasuu abraangoo Utuun sin dhabaa beekee siin dhabeen galaa beekee hin lolaasuu imimmaan koo Yaa baddeessaa muka soolee mootiin mukaa dhoqonuu dha Barbaacha keen laga oolee akka kormaa bosonuu dha Shimalan muraa yaa geeshee mana bantii gad ijaaruu Si jalan bulaa akka ilmoolee anaan qalbii namni hin caaluu Hoyaa biyya dardaraa gafarsii ciisee hin dhaluu Kaeen iyya qaanqanaa anoo si dhiise hin galuu Atobusiin Amboodha buee karaa Wallaggaa Atis jiru koo jette anis jiru koon jedhee dhibeem karaan wal-argaa Ani abbaan jiruun taee waanbadee barbaaddadhuu Waanbadee akaakoo durii yoo dhabdeef na waamadhu Quba hin kaiin kaa si hiddaa wajjiniin nyaanaa damma-illee Ormaa hin yaadiin kaa siin jibbaa wajjiniin baana ganna-illee Iyyaasuun hin daakkachiisuu talbaa willee lamaan daakee Gaangoo hin qabuu hin shaakalsiisu, silki hin qabu hin dawwalchiisu Nagaa qilleensattan dhaamee Sitti himeera moo hin tamsaasee? Albeenii tumaa faranjii citaa faranjii hin haaminaa Warraa akka Kitaaba Rabbii isaan garmalee hin waamiinaa Ijaareen dallaa diiga huummon dannabaa galtii Dasooree sarbaa duuda kuunnoo shandabaa galtii Hiddinee fooneef malee kutaan kan abbaa jirbiiti Iyyinee boonyeef malee mucaan kan abba birriti Ol kaanaan bakkee Gumaa gad kaanaan bakkee Gumaa Goosuu mataan isaa cabee Ol kaanaan laphee gubaa gad kaanaan garaa muraa Mala maal na gaafatta koo iyyuu karaa isaan dhabee Karaa ishee Asoosaa dhaaqxu manni Maammitee qulfi dha Mataa kee shaashiin hidhuu Garaa sabbataan hidhuu Wal hin agarruu qurxii dha, yoo wal agarree dubbii dha Daagujjaa keetiif miti tamboon kee daraareera Gaarummaa keetiif miti simboon kee na raaseera

Daagujjaa qabbana laaftoo qophamakoon aramsiisee Kan mudhiin shafshafaa gaangoo koummakoof na dhaphisiisee Koummaa koo yaa taphisiisa; si gaarii nama dhaphisiisaa Bishaan abbayyaa lamaa burqitudhaan jaatamaa Isaan obbolaa lamaa quxusuudhaaf naa gamaa Mucaa quxusuu boddee, laga ijaajjitee boosse na maraachitee oolte Jaldeessii duulaa galaa karaa manaa abbaa Bantii Kaeen si duukaa galaa yaa ishee ilkaanni warqii Uggaan Shaggarii gad duuluu boyyeen bisingaa kolaasaa Yommuun waaee kee gad fuudhu taaeen imimmaan lolaasaa Bakareen qeeransa baasee hin uffadhu irruman ciisa Waan atii gataa na goote hin dubbadhuu ittumaan dhiisa Abbaa Gulummaa yaa rorroo dhiqatee hin nyaatuu jaldessii Shaggee shurrubbaan jorooroo ija kee hin baatu dabeessii Yaa qabee guchuma diimaa sit-hodhee natuu kalaalee Yaa shaggee guntutaa biilaa sit-obsee natuu maraatee Aduun hin dhiinee guyyaadha kormi saree mana hin eeguu Waanti nu taanee guddaa dha Rabbi malee namni hin beekuu Qotee qoteen dalga meesaa Haarargee jirtii jabbiin koo Sobee sobeen dalga ilaalaa gara kee jirtii qalbiin koo Bisingaa baalli hin addaatu maaf baalli addaatee midhaan koo Hiriyyaan nama hin kaddaatuu maaf na kaddaate hiriyyaa koo Yoo mana ijaarratanii kombolchaa dhaabaa muruu Mixoo dagalee muruu, hidda kalaalaa muruu Yoo nama jaallatanii boroon mana saaqani Uurjii lakkaawwatani bakkalcha ilaalaa buluu Naqamtee yaa biyya Leeqaa laftii dhaabbatan gabaa dhaa Nagattee kee illee naan beekaa namni jaallatan badaa dhaa Shawaa irraa gad naannaeen Naqamteen gaee bulee Eda maqaa si dhaeen irribaa malee bulee Yoo robeef silaa ganna calcalii waraabbannaa Yoo duneef silaa hin bannaa sinsinni wal jaallanaa Yaa mana Baacaa Sillaase gaangoon midhaan sallaqi goote Maaf na ilaalta akka waarsaa baalee ijaa lasasii goote Nan dhungattuu xambasii gootee

Garrachii saree jigee tiruu maaltu waada ree? Garaan si malee hin didee jiru maaltu yaada ree? Heennaa walakkaa Gibee baaburrii barii hin daakuu Innaa wal argaan dhibee seenaafaa waliif dhaamuu Waanbadeen buttaa hin qaltuu Birruu Abbaa Ammayyaa malee Natti aantee qullaa hin raaftu na-yyuu siif wayyaaf malee Mana Jaallataan ijaaruu dagalee jalaan sussuquu Malaa jaalalaan walaalee halkan moo guyyaa wal quufu Yaa titiisa ilkaan cabaa maal sareen sagal dhaltuu Yoo itti dhiisan maal qabaa yommuu isheen kachachaltuu Kan fardaan darbuuf jirtuu maaf kooraa na baachiiftee Kan barbaaddachuuf jirtuu maaf qorra na nyaachiiftee Bakkannisii haroo jigee kophaa sawwaa hin yaasanii Ittan dhiisa yoo dhibee kophaa nama hin yaadanii Roobiin Abbayyaan galuu galaana irra shaakkisaa Bifaan hamma kee hin gau garaat natti roorrisaa Yoo dheedan haa dheedanii gaarattan baasaa burree Yoo beekan haa beekanii daaran si baasaa surree Nagaadeen kurmuu buutee gogaa feetii kaa yoonaa Shaggeen koo mukuu duutee kophaa tessikaa yoonaa Didibbeen asheete asheete kooniin dinbilaala daakaa Sijibben adeeme seete horiin biyyaa namaa baasaa Akkuman daaketti dakii gommanni asheetuu gaeeraa Akkuman taaeetti taai koo malli adeemsa taeeraa Sangoota kuullee diddimtuu Gammadaan booyyee waraanee Kan boddee quufnee wal-dhiifnu ammanaa fi boonyee maraannee Otuun ijaaruma ijaaruu lafeen booyyee na waraanee Otuun si-jaalluma jaallu booree dhabde na gattaaree Yaa galaana daabanaa silan hin guuta moo hin darbaa? Maaf garaan na raafamaa silaa in duuta moo in bada? Maaf sawwa baajii gad-ooftaa maaf reee na tiksisiiftaa Maaf nama raajii na gootaa maaf qeee na jibbisiiftaa Jiboota maali qabna yoo kormaa baajii malee Firooma maali qabna yoo kolfaa ilkaani malee

Biyya sareen gaallamoota qurupheen daarii irraa hin baatu Jibba malee maal nagoota rukuttee aarii ana hin baatuu Bakkanniisa duubanaa muka araaraa Waaqayyoo Arganii dhabuu kanaa nu baraarii Waaqayyoo Yaa qilxuu gama Adaree otuu irra muratanii Warraatti michu gadhee utuu irraa fudhatanii Jinfudhaan tumatanii hamma ishee hubatanii Wayyaa Abbaan Rooba dhauu kan Roobaa lafaan haaruu Otuun mirga kee bulee bor coomaaf lafaa hin kauu Jaarsii hin beelaee yaa jaartii yoo xuwwee irra keessee maali Natti dheeratee marmaarsi yoo torbee irraa keessee maali Biyya Jimmaa Abbaa Jifarii daalachoon gabaatti aleeluu Ijaa jibbaan na ilaalii jaalala garaan haa beekuu Yaa hoolaa gabaa Goorii mandarraan ajjeseeraa Of harkaa qabda koorii nu dharraan ajjeesseera Maaf mana ijaarta yaa Baashaa gaangoon midhaan sallaaq gootee Maaf na iaalita akka waarsaa baallee ijaa lambas gootee Mee garaacha naaf murii cammiseen bishaan dhugaa Mirgamoo bitaa rafta qaxxiseen jiaan dhufaa Dubartiin galaana hin daaktu Goobanee xinnoon lixxeetti Isattiin garaa na raaftu goofaree shittoo dibdeetti Adii qalloo yaa sariitii yaa billiqqee mana duubaa Anii fi atoo kan waliitii yaa sinniqqee qoma duudaa Kot-wajjiniin kolfa duunaa Aduun hin dhiinee guyyaa dha kormii saree mana hin eeguu Waanti nu taanee guddaa dha Rabbii malee namni hin beekuu Harreen koo bullaa bullaadha bullaa miti boora booraa Gamteen koo guyyaa guyyaadha guyyaa miti yoona yoonaa Baddeessaa keetoo jigee baala adaamin gad hordaa Fakkeessa keetoo dhibee maal ilaaleetan obsaa Mana ijaarratta jedhu kombolchaan kabdaa jedhuu kan bobeessan mukumaa? Ana jaallata jedhuu tokko ijaan qabdaa jedhuu kan odeessani dhugumaa? Yoo qotteef gaara qotii bajjiin qaqaroo qabaa Yoo sobdeef jaarsa sobii qerroon nagaroo qabaa

Daalachoo kee yaa mardaasaa sawwa okolee lama guutuu Jaalalaa keef na maraachaa yaa boddosee nyaaraa guutuu Kusaayyeen boroo koo jiraa bajjiin rooba keessa hin qottuu Mukayyeen qophaa koo jiraa arbii duuba keenya hin dhuuuftuu Harree Likkaasaa Likkaasaa silaa gangee dhalte laataa? Maaf xiyyoon ijaa si laafaa silaa waan kee dhabde laataa? Didibbeettan sawwaa yaasa lafti ishee dirree akkaa waashaa Limxii akka Waaqa arfaasaa namni isheen qixxe dha laataa? Harrojjiin jirbiin wal reebaa baddaan goodarreen wal reebaa Shurrubaa murii gababsii shaggee goofaree bareeda Kormi hindaaqo mana hin eeguu adalli maal fidee laataa Dur abbaan koo kana hin beeku jabannii maal fidee laata

You might also like