You are on page 1of 2

LGMM15359

Guyyaa 26/1/2012

Falmii afaanii Ijoo himannaa irratti

1. Duutun addee Ashamii Akaalawald haadha himattoota 1ffaa fi 2ffaa


miti.

 Haati himataa 1ffaa deesse addee Bulloo Magraa jedhamti

 haati himattuu 2ffaa Addee Askaalaa Diinagdee jedhamti.

 yeroo ammaa lamaanuu lubbuun waan jiraniif dhiyaachuu


danda’u. Dhiigni isaanis qoratamee adda ba’uu danda’a.

 Kanaafuu sobaan Ashamee Akalawald haadha teenya jedhan waan


ta’eef mirga dhaaluu hin qaban.

2. Himataa 3ffaan haati isaa addee Tanaanyee Tafarraa intala Ashamii


Akaalawld miti.

 haati Tanaanee Tafarraa addee Abbabuu Lammaa jedhamti.

 yeroo ammaa lubbuudhan kan jirtu waan ta’eef dhiyaachuu


dandeessi. Dhiigni isaanis qoratamun adda ba’uu danda’a.

 Kanaafuu himataa 3ffaan mirga dhaalummaa hin qabu .

2. addee Ashamii Akaalawald haadha himatamtuu Addee Balaayee


Tafarraa qofa deesse.

 Ishiinis bara 1969 duute. Haati himatatuu tunis ilmoo himatamtuu


malee hin qabdu.

 Himatamtuun akkawoo tana xoortee qabiyyee lafa qabdus waliin itti


fayyadamaa turte

 haadha tiyya bakka bu’ee mirga dhaaluu kan qabu himatamtuu


qofa

 dhaaltummaas mana murtiitti mirkaneeffadhee jira.

 Himattoonni dhaaltummaan mirkaneeffatani dhiyeessan hin jiru

Kanaafuu himattoonni mirga dhaaltummaa otoo hin qabaanne seeran ala


himanni dhiyeessan kufaa ta’ee mirga dhaaltummaa kan qabu himatamtu qofa
jedhamee bilisaan akkan gaggeeffamu gaafadha. baasi fi kisaara ana irra
gahuuf himattoota irratti akka naaf murtaawu gaafadha.

You might also like