You are on page 1of 2

Gahee Hojjetaa Galmeessaa fi To’annoo qabeenyaa II

1. Ibsa waliigalaa
 Maqaa Mana Hojii; …………………………………….Waajjira Ispoortii Aanaalee
 Waamama Gita hojii……………………Hojjetaa Galmeessaa fi To’annoo qabeenyaa I
 Itti Waamama Gita Hojii…..…………………………………………..….I/G Waajjiraa
 Sadarkaa Gita Hoji; …….. ………………………………………………………….VI
 Lakk. Enyummaa gita hojii;………………………………………….32/GXX-AXX-03
 Koodii gita hojii; ………………………………………………………..……010401
 Baayina Gita Hojii;……… …………………………………………….……..1(tokko)
 Maqaa Hojjetaa………………………………………………………XXXXXXXXXXX
2. Kaayyoo ,Bu’aa Fi Tarreeffama Hojii
2.1. Kaayyoo Gita Hojichaa
 Hanga Kuufama meeshaa to’achuu,baasii fi galii fi sochii meeshaalee
to’achuun,hojimaatni iftoominaa fi ittigaafatamummaa qabu akka diriiruuf haala mijeessuu.
2.2. Bu’aa Fi Tarreeffama Hojii;
2.2.1. Bu’aa 1ffaa: Meeshaaleen akkaataa qajeelfamaatiin baasii fi galii gochuu.
2.2.1.1. Qabeenyaa mootummaa akkaataa qajeelfamaa fi danbii qabeenyaa
mootummaatiin akka qabamanii fi akka itti fayyadaman ni taasisa.
2.2.1.2. Meeshaalee bittaanis ta’e madden adda addaa irraa gara mana kuusaatti galii ta’an
sirnaan ni gurmeessa,ni naqa,tokkoon tokkoon isaaniitiif stook kaardii,biin kaardii akka
hundaa’u ni taasisa,baasii fi galii galmeessuun madaallii baasii fi galii
geggeessuudhaan,meeshaa dhaabbiif koodii ni kenna.
2.2.1.3. Meeshaaleen yeroo dhumuuf ka’an gaafatee bakka akka bu’uuf gaafannoo ni
dhiheessa.
2.2.1.4. Moodeloonni fi sanadoonni mana hojiif barbaachisan seerii isaanii eeguun,ni
galmaa’u, yeroo hayyamamu baasii ni raawwata,madaallii baasii fi galii ispttokii ni
raawwata.
2.2.1.5. Meeshaalee Baasii fi Galii ta’an gosaa fi gatiin adda baasuun gabaasa yeroo
yeroon hoogganaaf ni dhiheessa.
2.2.1.6. Kaardii qabiyyee Meeshaalee dhumataa fi dhaabbataa hojjetaa mootummaaf
gurmeessuun yeroo waraqaa qulqullinaa gaafatu adda baasee hoogganaaf ni dhiheessa.
2.2.1.7. Daddabarsa meeshaalee ni raawwata,sanadoota dabarsi meeshaalee itti
rawwatame nama tokko irraa gara isa biraattii akka dhaalamu ni taasisa.
2.2.1.8. Meeshaaleen baasiinis ta’e ergisaan baasii ta’anii turan yeroo deebi’an kanneen
taajajila kennanii fi hin kennine adda baasuun unka barbaachisaatti guutuun mana
meeshaatti galii akka ta’an ni taasisa.
2.2.1.9. Meeshaalee dhaabbiif mallattoo addummaa ni kenna,sanadaan galmaa’anii akka
qabaman ni taasisa.
2.2.1.10. Meehsaalee dhaabbii deebi’anii tajaajila kennuu danda’anii fi meeshaalee
dhumataa gaafatamanii yeroo hayyamaman baasii ni godha,meehsaalee dhaabbii fi
dhaabbii dhumataa tajaajila hin kennuu hin dandeenye akka dhabamsiifaman yeroo
murtaa’u akkaataa murtoo kennameetti baasii ni godha,madaalsisa ni hojjeta.
2.2.1.11. Meeshaalee dhaabbii fi dhumataa bitamanis ta’ee gargaarsaan argaman mana
meeshaa keessatti argaman adda baasuun madaalsisa hojjetee hoogganaaf ni dhiheessa.
2.2.1.12. Akkaataa qajeelfama qabiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa mootummaa bu’uura
godhachuudhaan meeshaalee tajaajila isaanii xumuran adda baasee murtoof akka ta’utti
hoogganaa isaaf ni dhiheessa.
2.2.1.13. Ji’a ji’aan lakkoofsa meeshaalee ni geggeessa,caalmaan yookaan hir’inni yoo
argame qulqulleessee murtoof akka tolutti yaadaa murtoof gargaaru waliin wal qabsiisee
hoogganaaf ni dhiheessa.
2.2.1.14. Lakkoofsi meeshaa waggaatti yeroo geggeeffamu haala ni mijeessa.yeroo
meeshaan lakka’amus ragaawwan barbaachisan dhiheessuudhaan hojichaaf deeggarsa ni
taasisa.
2.2.1.15. Yeroo lakkoofsi meeshaa waggaatti geggeeffamu meeshaalee dhaabbiin hin
argamne yoo jiraatan tarreessee murtoon akka itti kennamuuf hogganaa isaaf ni
dhiheessa.
3. BARUUMSAAF DANDEETTII;
 Sadarkaa barnootaa; …………………………………………….Digrii jalqabaa
 Gosa barnootaa; ……………Supply mgt, material mgt Accounting,. &related.
 Muxannoo hojii ; ………………………………………………………. 0

Hogganaa Gahee hojii mirkaneesse


Maqaa__________________________Mallattoo________________Guyyaa____________

You might also like