You are on page 1of 43

BIIROO QONNAA OROMIYAA

Paakeejii teeknooloojii
oomisha midhaan
Ruuzii

Bara 2015
1. Seensa

• Ruuziin nyaata ijoo fi midhaan galii ummata addunyaa walakkaa ol ta‘u

dha.

• Ruuziin midhaan naannoo bishaan itti baayya’atutti misoomuu danda’uu

dha.

• Ityoophiyaatti Keessatti waggaa 30 dura akka jalqabame ni beekama,


garuu oomishaa fi omishtummaan hanga barabaadamu hin guddanee.
• Yeroo amma Midhaan nyaataatiin of danda’uuf carraaqqii taasifamu
keessatti ruuziin abdii guddaan kan itti kennamee fi qorannoo fi hojiin
1. Seensa…
• Oromiyaa keessatti Aanaan Cawaaqaa iddoo ruuziin yeroo ammaa
bali’inaan itti omishamaa jiruu yoo ta’u, Aanaalee birootiif madda sanyii
ta’ee jira.

• Oromiyaa keessaa Kibbaa-lixaa(Jimmaa, Iluu-Abaabor, Beddellee)


nannoolee poteenshaala guddaa qaban fi abdii guddaan itti kennamedha

• Ruuziin wantoota anniisaa kennan sadarkaa olaanaa kan of keessaa qabu


yoo ta’u, wantoota qaama namaa ijaaruu fi dhukkuba ittisan of keessatti
qabate jira .

• Ruuzii irraa Daabboon, Bideenii, akkayiin , dhugaatiin addaa adda


tolfamuu ni danda’a, warshaa keessatti oomishaalee adda addaa
hojjechuuf akka meeshaa jalqabaa itti fayyadama jiru.
2.Kaayyoo

• Oomishaa fi Oomishitummaa ruuzii karaa qulqullina,


baay`inna fi fedhii hawasaa guutuun omishuun wabii
midhaan nyaataa mirkaneesuu
• Baasii warshaaleen omishaa biyyaa alaatii galchuuf baasan
akka xiqaatuu taasisuu
Aanaa Boorachaa Hag. 14
Carraa ruuzii Oomishuuf Naannoon
Oromiyaan qabdu?

 Haali qillesnsaa Ruuzii omishuuf ta’u jiraachuu


 Lafa yeroo gannaa bishaan irra ceesuu fi omishaa biraatii tajaajila hin kenninee jiraachuu
 Fedhiin ittifayyadamaa ruuzii hawasaa biratti dabalaa deemuu.
 Warshaalee biyyaa keessatti nyaataa omishan ijaaramaa jiraachuu
 Mootumaan ruuzii akka omishamuuf xiyyeefanoo kennuu
 Jallisiin omishuuf lafti jallisiif ooluu danda’u bali’an jiraachuu
 Akaakuun sanyii ruuzii kan jillisii, kan lafa olka’a fi kan lafa bishaan irra cisuu Qorannoo bahan
jiraachuu.
Rakkoolee Gurguddoo Oomisha fi Oomisitummaa ruuzii maali?

• Dhiyeesiin galteewwan Qonnaa


• Qonnan Bultoon ykn Omishitoon biratti Hubannoon Gaha ta’e jiraachuu dha.
• Walitti hidhamnsa gabaa jiraachuu laafaa
• Dhiyeesii fi itti fayyadamni meeshalee maakaanazeeshiin Qonnaa xiqqaa ta’u.
• Hojiin argsiin teknolojiiwan Qonnaa WLQB keessaa jiraan dhabuu.
• Dhabileen sanyii baayisaan haala xiyyeefanaa mootumaa bu’ureefachuun sanyiii gahaa
baayisuu dhabuu
4. Gosoota Ruuzii Adunyaa irratti Balinaan
omishaman
 Haala adeemsi oomishaa ruuzii (Ecology) addunyaa bakka shanitti qooduun ni
danda’ama.

• Biyyee qooraa ykn ruuzii lafa olika’aa (upland rice)

• Biyyee jiidha qabu ykn ruuzii lafa gadi bu’aa (lowlandrice)

• Ruuzii jallisii(Irrigated)
• Ruuzii bishaan gadi fagoo ( deep water rice)

• Ruuziin lafa cisaa kan yaainsaa bishaan lageen fi haroowwan uumuun irratti
biqiluu.

 Gosoonni ruuzii biyya keenya keessatti oomishamuu danda’an biyyee goggogaa ,


ruuzii lafagadi bu’aa( biyyee jiidha) fi ruuzii jallisii dha.
Haala Mijaa’aa Oomisha Ruuzii
Olika’insa :
Sirrii Glaaanaa irraa akka biyya keenyaatti hanga meetra 1200tti
hoomisha guddaa kan kennuu fi hanga meetraa 1500 irratti omishaa
giddu galeessaa ni kenna.
Hanga Roobaa :-
jidhinsii mm. 2000 ta’u yoo argata kan omishaa gaarii kenna.
Omisha quubsaa argachuuf yoo xiqqaate rooba mm 800 barbaada.
Bakka hammi rooba gahaa hin taanetti bishaan obaasuu fi jallisii
deeggarsaa kennuu
Ho'ina:
Giddugaleessaan DC- 25-35 irraa guddachuu danda’a.
Gosa Biyyee: .
Biyyee bifa bunaa fi kootichaa gurraachaa ni jaalata.
Hojimaata Fooyyaa’aa Oomishaa Ruuzii
Qophii Oyiruu

• Qotiyyoon Yeroo 3-4 tiraakteraan yeroo 2 irra deebi'in qophesuu


• Biyyeen wal-dhiibuu (compaction) hojjachuu

• Oyiruu wal qixxeessuun Garagaruumaa irran gadee zeeroo


gochuun sirreessuun akka bishaan dirree keessatti wal qixa qotamuu
danda’u gochuun gaariidha.
Madaba
Haala qophii madaba Biqiltuu ruuzii qophaa’ee
• Ruuzii biqltuun dhabbatuuf madaba
qophesuun biqiltuu danfisuun barbaachisaa dha.

• Lafa heekataraa tokkoo dhabuuf biqiltuu m2


100 irratti biqilchuun barbaachisaa dha,Kunis
madaba dheerin m 10 dalgeen m 1 ta’e 10
irratti raawwachuun ni danda’ama.
• Madabin kan irraa qopha’uu
 Biyyoo naannoo % 70-80
 Qaccee ruuzii (husk) % 5-10
 Kompositii % 10-20
 NPS kg 1.5 m2 100 irratti walitti
makamanii madaba gadi fageenya
Haala Fayyadama bishaanii
• Fedhiin Bishaan midhaan ruuzii tokko akka sadarkaa guddina isaatti
garaagarummaa qaba.
• Waliigala bishaan midhaan ruuziitiif barbaachisu mm 1500-2000 dha
• Biqlituun Ruuziin firii guutachuun dura guyyaa 20 irraa kaasee hanga
firii guutatee guyyaa 10 itti fedhii bishaanii olaanaa agarsiisa.
• Kanaaf, yeroo kana keessatti hanqina bishaanii yoo muudate omishin ni
hiri’ata
• Kana malees, yeroo damee/dala/ baafatu (tillering ) fedhii bishaanii
olaanaa agarsiisu.
• Kanaafuu, ruuzii roobaan ykn jallisiin misoomsuuf, bishaan gahaa ta’e
Bishaan ruuzii sadarkaa guddina adda addaa irratti barbaachisu
Sadarkaa guddinaa Barbaachisummaa bishaanii Ibsa dabalataa
Sanyii bishaaniin yoo haguugame, hiddi biqilu
Yeroo biqilaa Gadi bu'aa (radical) miidhamuu waan danda’uuf of eeggannoo
gochuun dirqama.
Bishaan lafa uwwisee fi gadi
Guddina sadarkaa baala akka hiddi isaa baay’inaan ba’u fi akka dhala /
fageenyaa hin qabnee barbaachisa .
( vegetative stages) damee (tillering) baafatuu taasisa .
(Shallow water depth)
Midhaan ruuzii sadarkaa guddinaa
Sadarkaa Daraaraa fi kanatti bishaan gahaa barbaada. Bishaan gahaan adeemsa daraaraa fi firii ruuzii ni
mataa baafachuu Yeroo kana keessatti hanqina saffisiisa. Bishaan baay’achuun, keessumaa yeroo
(flowering and heading bishaaniitiin midhaan ruuzii sadarkaa hudhinsa (booting) cimina ufanaa ija
stage) salphaatti miidhama ruuzii (Culm) ni hir’isa.
(Sensitive to moisture stress)

Sadarkaa bilchaachuu Jiidhiinsa baayyee xiqqaatu omishaa sassaabuun dura guyyaa 10 durisan
midhaan barbaachisa. Bishaan oyiruu irra bishaan masaa/oyiruu keessa goggogsuun
ruuzii(Ripening stage) ciisee hin barbaachisu. barbaachisaa dha
Akaakuu sanyii , hanga sanyii fi mala facaasaa

 Sanyiin Ruuzii facaasuuf qopheessinu


 Gosoota ruuzii biroo wajjin kan hin makamne:
 Sirnaan qulqullaa’ee xurii irraa bilisa kan ta’e:
 Dandeetiin biqiluu isaa %80 fi isaa olkan ta’e.
 Raammoo fi dhukkuba irraa bilisa ta’uu qaba:
 kan hin cabne fi kan hin ciccitni ta’uu qaba.
 Hanga ammaatti gosootin akaakuu ruuzii biyya keenyaaf mijataa ta’an
36 galmaa’aniiru. Kanaafuu, haala qabatamaa naannichaatiin
sanyiiwwan filachuu fi itti fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa
guddisuun ni danda’ama.
Akaakuuwwan Ruuzii
Maqaa Akaakuu Wagga Sirna Ikoo Guyyaa Oomishaa (toonii)
TL
gadil itti gaha
lakfama Oyiruu QB Oyiruu
QQ
1 2011 114 4.8 4.6
Asimaraa Lafa olika’aa
2
2009 Lafa bishaan irraa 110-120 3.9-5.0 4.9-6.8
Shagaa ( Scrid017-1-4-4-4-1)
ciisuu
3
2009 Lafa bishaan irraa 120-130 3.5-3.9 4.5-6.5
Wanzaaye(Scrid006-3-2-3-2)
ciisuu
4
Lafa bishaan irraa
Ribbii ( WAB880-1-32-1-2- P1-HB) 2009 115-125 3.0-4.1 4.7-5.3
ciisuu
5
Abaayi ( ARCC16Bar-21-5- 2009 Lafa bishaan irraa 130-145 3.5-4.0 4.4-5.3
12-3-1-2-1) ciisuu
6
Foogaraa 1( ART15-7-16-30-2- B-B) 2008 Lafa olika’aa 105-120 3.2-3.9 4.2-5.0
2008 Lafa bishaan irraa 131-139 3.7-4.9 4.2-6.1
7 Foogaraa 2 ( KOMBOKA)
ciisuu
Adeet ( WAB450-1-B-P-462-
8
HB )
2006 Lafa olika’aa 112-120 2.4 4.2

9 NERICA 13 2006 Lafa olika’aa 104 3.3 3.8


Akaakuuwwan Ruuzii…
Oomishaa (toonii)
TL
Wagga
Guyyaa itti
Maqaa Akaakuu gadi Sirna Ikoo
gaha Oyiruu QB Oyiruu QQ
lakfam
a

12 Cawwaqaa (YIN LU20) 2005 Lafa olika’aa 160 3.3 4.2


Lafa bishaan irraa
13 VRH 606 2005 121 6-7
ciisuu
Lafa bishaan irraa
14 VRH 640 2005 119-121 6-6.8
ciisuu
Lafa bishaan irraa
15 VRH 654 2005 130-135 7.5-8.6
ciisuu
16 Hidaasee (WAB515-B-16A1-2) 2004 Lafa olika’aa 100-130 2.2-3.2 3.0-4.2
Lafa bishaan irraa
17 Idigati (WAB189-B-B-B-HB) 2004 ciisuu 132.8 3.2 5.2
18 NERICA-15 2003 Jallisiin 80-91 5.0 6.2
19 NERICA-6 2003 Jallisiin 90-110 5.5 6.3
20 NERICA-14 2002 Jallisiin 80-90 5.0 6.2
21 Qallaafo-1(FOFIFA3737) 2002 Jallisiin 90-100 5.0 6.5
Akaakuuwwan Ruuzii…
Maqaa Akaakuu Wagga Sirna Ikoo Guyyaa Oomishaa (toonii)
TL
gadi itti gaha
lakfama Oyiruu QB Oyiruu QQ

24 Geetaachoo (AD01) 1999 Lafa olika’aa 97-125 2.1 3.0


25 Idassaa (AD012) 1999 Lafa olika’aa 111-135 2.5 3.8
26 Xaanaa (AD048) 1999 Lafa olika’aa 109-135 2.4 4.4
27 Shebele(IR688059-76-3-3-3-2) 1999 Jallisiin 120-135 4.5 5.9
28 GODE-1(BG-90-2) 1999 Jallisiin 120-135 4.3 5.7
29 HODEN (MTU-1001) 1999 Jallisiin 120-135 4.0 4.7
30 NERICA-3(WAB-450-IB-P-28-HB 1998 Lafa olika’aa 110 2.9 4.5
31 NERICA-4(49WAB-450-IB- P-9/1) 1998 Lafa olika’aa 110 3.0 4.8
32 SUPERICA-1(WAB-4507) 1998 Lafa olika’aa 115 2.3 5.1
33 Gumaraa (IAC-164) 1991 Lafa bishaan irraa ciisuu 130 3.0 3.8
34 Xigaabe (IREM-194) 1991 Lafa olika’aa 90-97 3.2 3.7
35 Kokit(IRAT-209)- 1991 Lafa olika’aa 90-97 2.8 3.6
36 Lafa olika’aa
Yeroo Facaasaa

Yeroon facaasaa haala jalqabuu rooba gannaa irratti kan hunda’uu yoo ta’u.
Sanyii kallattiin facaasuuf : Caamsaa 20 hanga waxxabajii 20tti
Biqilichaanii facaasuu : Sanyiiwwan dursanii biqilan jiidhina biyyee irratti
hundaa’uun jalqaba roobaatti waxabajii jalqabaa hanga waxabajii 20 itti ni
facaafama.
Biqilituu Dhaabuun (trasnplanting) ;
Guyyoota 21f biqiltuun madaba irratti kan biqilu yoo ta’u, ka’umsa rooba irratti
hundaa’uun waxabajii 15 irraa eegalee ni dhaabama.
Hanga sanyii fi mala facaasaa
Sanyiin goggogaan sararaan yeroo facaasan:
• Sanyiiwwan dandeetii biqiluu % 85 ol qabaniif heektaara tokkotti sanyii kg 80
barbaachisa.
• Fageenyi sararoota gidduu jiru seentimeetira 20 hanga 25 dha
• Gad fageenyi isaa cm 3-4 caalu hin qabu.
• Gad fageenyi akkuma dabalaa deemuun humni biqltuu biyyee dhiibee bahuu hir’ataa
adeema
Biqlichanii facaasaa.
• Ruuzii bishaan keessatti sa'aatii 48 jiisuun guyyaa tokkoof wayyaa jiidhaan maruudhaan
tursisuu . Biqilchanii facasuun kan gogaa facaasuu guyyoota 5-6 dursee biqilaa
akkasumas guyyoota 10-11 dursee gaha.
Biqiltuu Ruuzii dabarsaan dhabuun (transplanting) omishamuu
• Hektaara tokkoof sanyii kg 25 barbaachisa.
• Yeroo biqiltuun ruuzii sadarkaa baala afur gahutti dhaabuu
• Yeroo dhabatuu tarree/bo’ii/ gidduutti sm 25. biqiltuu jidduu seentimeetira 20 Tokkoon
tokkoon boolla dhaabbii keessatti biqiltuu sadii dhaabuu
Hanga fi itti fayyadama xaa’oo
Xaa’oo namtolchee
• Iddoo biyyoon qoratameetti haala qorannoo irratti hunda’an fayyadamuu
• Naannoolee hin qorratamnitti NPS kg 100 fi yuuriyaa kg 100 heektaara
tokkotti fayydamuun barbaachisaa ta’a.
• Saraaran yeroo faca’uu , Xaa’oo NPS+ gadi fageenyaa Sm 5-7 itti buusuu/
Drilling/ ; Sana booda sababa adda addaatiin akka hin qisaasofneef biyyeen
akka gaariitti uwwifamuu isaa mirkaneessuun barbaachisaadha.
• NPS barbaachisuu hunda yeroo facaasaa guutummaatti fayydamuu.
Xaa’oo namtolchee…
• Yuuriyaan bakka walqixa sadiitti qoodamee yeroo adda addaatti itti
dabalamuu qaba.
 1/3 yeroo facaasa NPS waliin:
 1/3 Yeroo damee/dhala( tillering) baasuu ( facaasaa booda guyyaa 25 -
30);
 1/3 yeroo midhaan daraaruuf dhiyaate (midhaan erga facaafame booda
guyyaa 50-60tti) itti dabalama.
• Yuuriyaa itti dabaluun dura midhaan armaa irraa bilisa ta’uu qaba.
Itti fayyadama xaa’oo ruuzii biqlituun dhabatuu fi lafa bishaan
irraa ciisuu irratti faca’uu(Transplanting +Lowland ).

• Yeroo dhaabbii hamma xaa’oo NPS+ hunda


• Yuuriyaan
 1/3 erga dhaabamee booda hanga guyyaa shanaffaatti
 2/3 hafe immoo yeroo daraaruuf dhiyaatutti ( befor flowering ) armaan keessaa
erga qulqula’ee booda itti dabaluu.
• Yuuriyaa yeroo itti dabalee sm 3.5 biyyoo keessa gadi fageesuu fi biqlituu irraa
siqisuun dabaluu ( side dressing)
• Yeroo itti naaquun duraa bishhaan irraa goggogsuun barbaachisaa dha.

Xaa’oo uumamaa fayyadamuu


Ittifayydama Xaa’oo uumamaa irratti qorannoon biyyoo taasfamee jiraatuu baatus
Qonnan bultoon Kompostii qopheesuun itti fayydamuu danda’an
Sirna oomishaa/ cropping system /

• Jijjiirraa midhaanii (Crop rotation) : Ruuzii midhaan kuduraa, Midhaan sanyii


zayitaa (nuugii) Midhaan dheedhii ( gayyoo, shumburaa fi misiraa ) wajjin wal
jijjiiruun facasuun barbaachisaadha.
• Kaasanii facaasuu : Bakka dafanii facaafa’ee fi dafee gahatti midhanoota akka
gayyoo, shumburaa fi misiraa facaasuun yeroo lama omishuun ni danda’ama.
• Midhaan wali irraa fuusiduu (Relay cropping): Midhaan ruuzii osoo hin
sassaabamin torban sadii dura / jiidhina biyyee ilaaluun / midhaan akka gayyoo
facaasuun ni danda’ama.
Sadarkaalee guddina biqiltuu ruuzii
Eegumsa midhaanii

Ittisaa fi to’annoo Aramaa

• Armaan Yeroon yoo hin aramane oomisha irratti


hir’ina guddaa fida. Kanaaf yeroo 3-4 itti
armamuu qaba.
• Armaan jalqabaa midhaan erga biqilee guyyoota
20 hanga 25 booda osoo jalqaba yuuriyaa itti hin
dibamin dura ni armamuu qaba .
• Armaan lammataa erga midhaan biqilee guyyoota
35 hanga 40 booda raawwatama. Harkaan Armamuu
• Armaan sadaffaan erga facaafame booda
guyyoota 50 hanga 60 booda xaa’oo yuuriyaa isa
dhumaa osoo hin dibamin dura raawwatamuu
qaba.
Ittisaa fi to’annoo Aramaa
• Armaan afraffaan akka barbaachisummaa isaatti
hojjetamuu danda’a. Armaan baayinaan harkaan
kan armamuu yoo ta’u, filannoowwan biroos
fayyadamuun barbaachisaa dha.
• Qonnaan bultoota maashiina ruuzii aramuu
bitachuun armaa marsaa jalqabaa fi lammaffaa
keessattu ruuzii oyiruu bishaan gaha irratti
ittifayydamuu danda’an.
• Maashinii armaa kana maasii ruuzii saraaran fi
biqiltuu dabarsuun misoomee irratti fayydamuun
yeroo fi humna qusata.
• Maashinicha fayyadamuuf duraa oyiruun yoo
To’annoo raammoo ilbiisota ruuzii

1. Urtuu Agadaa (Stem borer)


Mallattoo
• Sadarkaa biqilaa irratti hanqaaquu dugda baala irratti kaa’ama
• Erga hanqaaquun baqaqee booda raamoo (larve) qolaa baala keessa
seenee sorachuun gara hundee itti ce’aa
• Baali mallattoo magariisa irraa gara keelloo bunniitti jijjiirama
• Biilaan Biqiltuu addii fi googaa ta’a , keessi isaas firii kan hin
qabu.
Mala ittisaa
• Akkuma midhaan sassaabameen oyiruu qotuudhaan raammoo
aduudhaaf saaxilu.
• Oyiruu irratti bishaan akka ciisuu gochuu
• Sadarkaa biqiltuutti sakkata’insa walduraa duubaan gochuun
Akkuma raamoon sadarkaa jalqabaa mul’ateen qoricha ilbiisota
biifuu
• Haftee midhaanii gubuu
2.Ririmaa (Termites)
Mallattoo :
• Yeroo qotiyyoon qotamuu miilii sangaan biyyoo
keessa gadi seena
• Bishaan lolaa yaa’u biyyoo keessa seena,
• Iddoo rirmi jiru bineensotaan qotamee argamuu
Mala ittisaa:
• Kuyyisa jigsuun hadhaan rirmaa baasuu
• Keemilkaala Fara ilbsaa fayydamuun balleesuu
• Kuyyisa osoo hin jigsnee Bishaan itti naquun akka
ukaamaamn gochuu.
3.Dana’oo ruuzii /Rice Weevil/

Mallattoo miidhaa
• Hadhoo guddate fi raamoon (larva) miidhaa geesisuu
• Raamoon guddina isaa guutuu firii keessatti dabarsee, firii sana
sooratee daakuu taasisa
• Midhaan kuufame foolii jijjiiruu qofa osoo hin taane, jijjiirama halluu
akka qabaatuu taasisa .
Mala ittisaa
• Yeroo midhaan kuufamu jiidhinsa barbaadamuu eeganii gogisuun
kuusuu.
• Meeshaaleen kuusaaf fayydamnuu qulqulina akka eeggatan gochuu.
• Sanyiiwwan qoricha farra ilbotaatiin sukkumuu fi mala aadaa biroo
fayyadamuu ta’achuu.
To’annoo fi ittisa Dhibee

1. Michii baalaa fi jirmaa (Blast):


Mallattoo
• Biqilaa, baala fi jirmaa irratti mul’ata.
• Ruuziin sadarkaa biqiltuutti dhukkuba kanaan qabamee
haalluun qabduu baalaa gara gadi jiraan bifa buna fi gara
gurrachatti itti ni jijjiramuu.
• Jalqaba irratti halluu magariisa diimaa fi boca geengoo kan
qabu yoo ta’u, suuta suutaan bocin jijjiramataa adeemaa.
• Qaamni biqiltuu kamiyyuu dhukkuba kanaan ni miidhama.
Mala ittisaa
• Aakaakuu dhibee dandamatuu fayyadamuu
• Sanyii dhibeen faalamee fayyadamuu dhisuu
• Midhaan jijjiraan facaasuu
• Haftee midhaanii oyiruu irra gubuu
Midhaan sassaabuu ( haamuu, dha’uu fi kuusuu )

Haamaa
• Ruuziin hamamuun duraa osoo oyiruu irraa jiru Jiidhinsi firii sanyii
%20 hanga 25 ykn sanyiin biilaanirraa jiru keessaa %80 hanga 85
ta’u halluun isaa garaa keelloo fi jajjabaata ta’uu qaba.
• Ruuziin erga daraaree guyyaa 30-32 booda sassaabiif ni gaha .
• Yeroo barbaadame dura yoo sassaabame, firii baay’een waan hin
geenyeef qulqullinni sanyii baay’ee hir’ata.
• Yeroo booda yoo sassaabame sanyii keessaa waan harca’uuf ni
qisaasama, sanyii yeroo dhahamuu ni babaaqaqaa yeroo dakaamuu
(Milling) ni caccaba.
Dhahuu

• Ruuziin osoo hin dhahamne dura guyyoota muraasaaf aduu akka


argatu bakka qulqulluu fi goggogaa ta’etti tuulamuu qaba.
• Ruuziin yommuu goguu ooyidii qulqulluu qopheessuun humna
namaa ykn humna loonii fayyadamuun dhadhuu.
• Mala aadaa kan qonnaan bultootaa fayydaman ta’us, maashinii
daakuu/yaasuu/ gabaa irratti argamu fayyadamuun yeroo fi humna
namaa akkasumas qulqullinaa fi baay’inaan qisaasama sanyii
hir’isa.
• Yoo maashiniin haamamuu jiidhinni isaa % 20-25 ta’uu qaba, yoo
Gogsuu
• Omishaa Ruuziin xiqqaa meeshaalee mana keessaa xixiqqoo
fayyadamuun aduu keessatti gogsuun ni danda’ama.
• Omishiini guddaa yoo ta’e akka barbaachisummaa isaatti sharaa lafa
irraa afuudhaan ykn oyidii qulqullina qabu qopheessuun gogsuun ni
danda’ama.
• Hammi jiidhina yeroo inni bakka kuusaa keessa turu irratti hundaa’a
• Torban 2 hanga 3 yoo kuufame jiidhinni sanyii %14 hanga %18 ta’a.
• Ji’a 8 hanga 12 yoo kuufame jiidhinni sanyii %13 fi isaa gadi ta’a.
• Waggaa 1 ol kan turu yoo ta’e % 9 fi gadi ta’uu qaba.
Qulquleesuu
• Sanyiiwwan ruuzii wantoota alagaa adda addaa offikeessatti qabachuu waan
maluuf, osoo mana kuusaa keessatti hin kuufamin battalumatti qulqula’uu
qabu. Hojiin kun harkaan ykn maashiniin hojjetamuu ni danda’a.
kuusuu
• Sanyii ruuzii osoo hin kuufamin dura jiidhinni sanyii giddu galeessaan %14
ta’uu qaba.
• Yoo jiidhinni isaa garmalee gadi aanaa ta’e rakkoo caccabuu kan qabu yoo
ta’u yoo garmalee olka’e ammoo ilbosta mana kuusaatiif haalii waan
mijatuuf tortoruuf carraa guudaa qaba.
• Sanyii ruuzii kiisha/Qabee/ , Mana kuusaa muka, baambuu ykn dhoqqee irraa
hojjetame keessatti kuusuun ni danda’ama. Haa ta’u malee meeshaaleen kun
goggogaa fi qulqulluu ta’uu qabu.
• Bakki kuusaa akka gaariitti yoo cufame carraan sanyiin raammoodhaan
nyaatamuu ni hir’ata akkasumas jiidhina naannoo irraa akka hin xuuxnee fi
roobaan akka hin miidhamne ni gargaara.
• Bakki ruuziin itti kuufamuu kan hin ukkaamfamnee fi qilleensi kan qabu
ta’uu qaba
Kuusuu...
• Midhaan ruuzii bulee kan haaraa wajjin walitti makuun hin gorfamu sababiin
isaas raammoo fi dhibee mana kuusaa adda addaatiin faalama waan fiduuf.
• Keemikaalonni adda addaa kanneen akka qoricha aramaa, qoricha dhibee fi
xaa’oo naannoo ruuziin itti kuufamee kaa’amuu hin qabu.
• Sanyii ruuzii kuufamee irratti raammoon uumamuu fi dhiisuu isaa,
akkasumas jiidhinni sanyiiwwanii sakatta’uun barbaachisaadha. Yoo
raammoon jiraate keemikaalaan mana kuusaa fayydamuun to’achuu;
jidhiinsii % 14 ol yoo ta’ee irraa deebiin gogsuun barbaachisaadha
Daakuu (Milling)
• Ruuzii erga sassaabamee booda sadarkaa jiidhina sirrii ta’e eeguun wantoota alagaa
balleessuun daakuuf qopheessuun barbaachisaadha.
• Daakuun adeemsa sadarkaa adda addaatti hojjetamu yoo ta’u, biyya keenya keessatti
maashiniiwwan daakuu baay’inaan mul’atan maashiniiwwan al tokko dabarsaa (one-
pass ) jedhanii dha.
• Qonnaan bultoonni muuxannoo ruuzii mana keessatti daakituu aadaa tiin daakaan
fayyadamuu danda’u haa ta’u maalee qulqullina isaa irratti dhiibbaa guddaa qaba.
• Biyyoonni ruuzii oomishuuf karaa dheeraa deeman maashinii daakuu qulqullina isaa
eegu fayyadamuun ruuzii qulqullina qabu oomishuuf waan danda’aniif gabaa addunyaa
irratti dorgomaa dha.
• Omishni jalqabaa erga midhaan sassaabamee booda argamu ruuzii hin dakamni
( paddy rice) jedhama, inni itti aanu erga uwwisin/qoli) jabaan irraa bahee booda ruuzii
halluu bunaa (brown rice) jedhama, qulqulla’an dhumaa immoo ruuzii adii jedhama.
• Ruuziin gaariin yeroo ruuziin hin daakamne adeemsa daakuu isa dhumaa keessa darbee
ruuziin adii qulqullina qabu %65 argamuu danda’uudha.

You might also like