You are on page 1of 2

Ilaalchaa fi sirreeffama

1) Eddattoo (SAMPLE) afoosha Waltaaneerraa


Keeyyata 3
Kaayyoo afooshichaa -Miseensotarratti qofa xiyyeeffata.

Garuu nuti dhaloota nu booda dhufan barnootaan,technology fi kkf


kan bilchaatan gochuuf kallattii hundaan ni tumsina. Akkasumas
haala jireenya hawaasa naannoo buuyyaa, booda gara naannoo biraatti
babal’isuu kan danda’amu ta’ee, barsiisaa, hojjetoota fayyaa,fi
hojjetoota biroof, qotee bultootaaf haala mijataa uumuuf
carraaquudha.

Keeyyata 7
Warra ammaaf kaffaltii kaffaluu hin dandeenyeef seerri (dambiin)
bulmaataa itti dabalamuu qaba.

Keeyyata 10
Akkamitti walgahuu akka dandeenyu mijeessu.
-Irra jireessa fayyaatti walgargaaruu irratti xiyyeeffachuu qabna.
-Madda galiirratti xiyyeeffachuu qabna.
-Madda galii yeroon jedhu wanti nuti hojjennu waan guddaa bor
hojjechuuf karoorsinuuf bu’uura nuuf tahuu qaba.

Keeyyata 14
-Ammaaf kaffaltiin miseensaaf kaffalamu (yoo rakkoon isa
mudaterraan kan hafe) xiyyeeffannoo hin qabu. Sababnisaa bu’aa
xixiqqoo ammeef kan hojjennu miti jedheen yaada.
Keeyyata 16
Yeroo gaddaa waljajjabeessuun gaariidha. Garuu fayyaatti
walgargaaruutu caala. Akka kootti.

You might also like