Professional Documents
Culture Documents
Dhiibbaan Dhiig
Dhiibbaan Dhiig
Namni tokko dhiibbaa dhiigaa qaba kan jedhamu yoo inni ogeessa fayyaa tokko biratti meeshaa
dhiibbaan dhiigaa ittiin safaramuun dhiigni Isaa ilaallamee giddu-galeessatti yoo xiqqaate yeroo lamaa fi
achii ol safarri isaa yoo kan 140/90 fi sani ol ta’e. Maal akka fakkaatu immoo suuraa armaan gadii kana
irraa baruun ni danda`ama.
Mallattoolee
Mallattooleen Dhiibbaa Dhiigaa Maal Fa`a?
Namoonni hedduun dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiin wal qabatee mallattoolee dhukkuba kanaa
daddafanii of irratti arguun isaanitti ulfaata.dhukkubni kun mana yaalaa dhaqanii yoo ilaallaman malee
dursanii of irratti beekuun hin danda`amu.irra hedduun namoota dhiibbaan dhiigaa irratti argamee
yeroon isaan dhukkuba kana qabaachuu baran,yeroo akka tasaa sababa dhukkuba akka onnee,dhukkuba
kalee fi sammuu keessatti dhiiguu(stroke) isaan mudate.
Alkoolii Baay`isuu.
Dhiphachuu.
Dhukkuba Kalee Nama Qabu.
Dhukkubni kun yoo namatti hammaatee gar malee dabalaa dhufe mallattoolee armaan gadii kanniin
arguun ni danda`ama.
Dhukkubni kun yoo namatti hammaatee gar malee dabalaa dhufe mallattoolee armaan gadii kanniin
arguun ni danda`ama.
Dhukkuba onnee:-dabaluun dhiibbaa dhiigaa onnee irratti hojii dabaluudhaan onnee dadhabsiisa.
Sammuu keessatti dhiigni dhiiguu:- kun ammoo qaamni namaa akka laaisha’u/paralyze/ ta’u taasisa.
Kaleen dadhabuu fi hanga hojii dhaabuu gahu:- Dhiibbaan dhiigaa dhukkuba onnee fiduu akkuma
danda’utti, dhukkuba kalee qabachunis dhiibbaa dhiigaatiif nama saxila.
Sochii Qaamaa Taasisuu: guyyatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30,torbanitti ammoo guyyaa 4 sochii qaamaa
gochuun barbaachisaadha.
Nyaata Kuduraa fi Muduraa qabu Hedduminaan soorachuu fi nyaata cooma qabu hirdhisuu.
Dhiibbaa Dhiigaa akka Qabdan yoo bartan immoo hanga rakkoo biroo isinitti fidu eeguu osoo hin taane
yeroodhaan ogeessa fayyaa bira dhaqanii laallamuun barbaachisaadha.