You are on page 1of 2

rreecha Malkaa Soor, Iluu Abbaa Booritti

**********
Gaazexaa Bariisaa
Irreechi Malkaa Soor Yeroo 14faf Aanaa Mattuu Odaa Maarutti kabajame.
Irreechi sirna galateeffannaa Oromoon Ganna dukkanaafi bacaqii keessaa ba’uun booqaa
Birraatti ce’ee wal arguu isaaf sirna uumaa ittiin galateeffatudha.
Sirna galateeffannaa Irreecha Malkaa Soor Abbootiin Gadaa, Haati siiqqeefi caasaalee Gadaa
sadarkaa sadarkaan jiraniin durfamuudhaan ganama barii deemsi lafootin gara malkaatti
taasifame.
Qeerroofi Qarreen itti aanun jilichaaf akkasumas Irreeffattonni waliigalaas itti fufuudhaan
deemsa gara Irreeffaaatti taasifamuuf hawwatummaa kenne.
Irreeffattoonni Abaaboo birraa of harkatti qabachuudhaan weedduu mareewoo wal jalaa
qabanii waaqa gurraacha garaa garbaa lemmoo garaa taliilaa ulfeessaa gara deemsa lafoo
hanga Malkaa Sooritti taasisuudhaan Irreeffatan.
Irreeffattonni Irreechi bara 2013 kun bara qormaanni itti heddumatu ta’us injiffannoo
Ummataatiin wanti hunduu milkaa’uu akka danda’us bara itti arginedha jedhaniiru.
Keessumaa Irreechi Malkaa Soor ammoo yeroo itti Addunyaan Koronaa waliin wal’aasuu
ijibaataa taasisaa jirtutti akka biyya keenyaatti ammoo Juntaan biyya diiguf si’a waraana bane
jirutti kabajamuun Ayyaanota dabarsine hunda irraa adda taasisa jedhaniiru.
Injifannoo Raayyaan Ittisa Biyyaa Maqalee too’ate barii kabajamuun gammachuu isaanii
dacha taasisuus dubbataniiru.
Abbaan Gadaa Salgee Iluu obbo Kaliifaa Shoonoo bara kana qormaatilee gurguddoo nu
quunnaman furachuuf qabsoo Ummanniifi mootummaan taasise qabsoo nagaa barbaaduu
ta’uusaatiif Waaqni faaraa tolaan waan nuuf mil’ateef rakkina nu quunnamu hunda
injifannoon darbaa jiraachuu himan.
Kanaaf Irreecha kana irratti waaqaaf galata dhiyeessina jedhaniiru. Bara kana kan nutty
darbinee waaqa galateeffannu bacaqqii Gannaa qofa osoo hin taane dhibee Addunyaa
yaaddoo keessa galcheefi akka biyyaattis waraana humni badii nu irratti bane injifachuu
keenyaani jedhan.
Fuula durattis Ummanni tokkummaa isaa cimsuun nageenya isaa eeggachuu akka
barbaachisu himaniiru.
Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turiizimii Godina Iluu Abbaa Boor Aadde Tsiggee
Raggaasaa Godinichatti Iddoowwan ga’umsa Tuuristii ta’an qorachuu, daangessuufi
beeksisuuf hojiilee guguddaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Iddoowwan Ga’umsa Tuuristii ta’uu danda’an 250 qarannoodhaan addaan ba’ee
daangeeffamuun beekamtii argatee jiraachuus himaniiru.
Namoota bebeekamoo Godinichatti bu’aa olaanaa busaniifi seenaan yaadatuus yaadannoof
kan oolu hojiileen garaa garaa hojjetamaa jiru.
Akka fakkeenyaatti Siidaan Caalii Shoonoo qarshii miliyoona sadii oliin hojjetamee
eebbifameera jedhan. Abbaa ogbarruu Oromoo kan ta’e Abbaa Gammachiisifis jiddugalli
Aadaafi manni kitaabaa sadrkaa isaa eeggate ijaaramaa jiraachuu himaniiru.
1
Bookii Kabbadaa Waajjira DhKM Godina Iluu Abbaa Boorirraa

You might also like