You are on page 1of 401

Home Of Laws.

https://t.me/eluLaw
Seensa

Namni kamiyyuu murtii yookin ajaja mana murtii dhimmicha sadarkaa


jalqabaatiin kenname irratti komii yoo qabaate mana murtii aangoo ol
iyyannoo qabutti dhiyeeffachuu fi dhagahamuuf mirga qaba. Heericha
kwt 20(6)-Justiciable matter-kwt 37

All persons have the right of appeal….(civil or criminal????)


Kana mirkanneessuuf immoo sadarkaa manneen murtii heeraan fi
seeraan akka murtaa’u ta’eera. Heera. 78- (Labsii 216/2011 fi
1234/2021)

Adeemsoonni itti hogganaman immoo akka qajeeltoottii


SDFHH(320-349) fi SDFY(181-196) keessatti kaa’amanii jiru.
Exception Labsii 1161/013, 1156, etc
Namni kamiyyuu, himati yakkaa ykn civiilii yeroo isarratti dhiyaatu, qaama
abbaa seerummaa seeraan hundeeffame, aangoo kan qabuufi bilisa ta’e bira
dhiyaatee murtii seeraa loogii hinqabneefi ifa ta’e argachuuf mirga
qaba.(ICCPR kwt 14(1))

Namni yakkaan itti murteeffame kamiyyuu, bu’ura seeraatiin


murtichis ta’e adabbichi mana murtii sadarkaa oliitti argamuun irra
deebi’amee akka ilaalamuuf taasifachuuf mirga qaba jechuun
kaa’ameera.(ICCPR kwt 14(5))
Leenjii kana keessatti haala danda’aameen rakkoolee sirnaa fi dhagahaa
ol’iyyannoon dhimmoota HH fi Yakkaa walqabatani jiran kaasuun mariidhaan
gabbisuun ilaaluun furmaata kaa’uufiidha
Presentation outline

Ol’iyyannoo Sirna Sirna


akka Aangoo Ol Dhagahaa
Dhagahaa Iyyannoo Ol’iyyannoo
Waliigalaatti Ol’iyyannoo
Manneen Dhimmoota
(General Dhimmoota Hariiroo
overview) Yakkaa Murtii Hawaasaa
Ol’iyyannoo akka
Waliigalaatti
(General overview)
Maalummaa

Seenaa Dhufaatii

Barbaachisummaa

Daangaa(Limitations)
MAALUMMAA OL’IYYANNOO
 Seera keenya keessatti hiikoo kallatiidhaan ol’iyyannoof kenname
hin jiru.
Seeroonni mirga bu’uuraa ol’iyyannoo haammatan al-kallatiidhaan
kaa’aniiru.
 Mana murtii falmiin itti dhagahamutti namni ajajni ykn murtiin
itti kenname tokko mana murtii itti aanutti mirgi ol’iyyannoo
qaba.(HF fi HMN KWT 20(6))
Black’s Law Dictionary: Appeal is a proceeding undertaken to

have a decision reconsidered by bringing it to a higher

authority: esp., the submission of a lower court’s or agency’s

decision to a higher court for review and possible reversal,

the case is on appeal.


Hiikkaa kana irraa kan hubannu

Qaama aangoo ol’aanu qabutti dhiyeessu

Keessa deebiin ilaaluu fi sirreessuu

Carraa ittiin murtichi jijjiiramu kan itti argamu


akka ta’eedha.
Concise legal dictionary: Appeal is the right of entering a
superior court and invoking its aid and interposition to redress
the error of the court below. A proceedings taken before a
superior court or authority for reversing or modifying decision of
an inferior court or authority on the ground of error.
Mana murtii aangoo
daran ol’aanaa qabutti

Dogoggora mana murtii


jalaa sirreessuuf gargaarsa
gaafatamu

Bu’aa jijjiramuu ykn


fooyya’u murtii kan
hordoofsisuu.
Paul Bergman & Sara J. Berman (The Criminal
Handbook)

“An appeal is a request to a higher (appellate) court for that court


to review and change the decision of a lower court.

Hiikkaa kana irraa kan hubatamu ol iyyannoo jechuun Manni Murtii


oliyyannoo dhagahuu murtii mana murtii jalaa akka keessa
deebiin ilaaluu fi jijjiruu gaaffii dhiyaatu akka ta‟eedha.
Seera Keenya keessatti:
HMF fi HMNO kwt 20(6)- jalatti mirgii ol’iyyannoo kaa’ameera.

SDFHH kwt 320(1)-seera kanaan yookiin seera addaa biroodhaan


yoo dhoorkame malee himataan ykn himatamaan murtii dhumaa
manni murtii kennerratti ol’iyyachuu danda’a.

SDFY kwt 181(1) fi kwt 185(2)(AA)- Murtii bilisaan gadhiifamuu,


discharge, ykn adabbii kenname irratti ol’iyyachuun ni danda’ama.
Walumaagalatti……..
Ol’iyyannoo: Murtii dhumaa manni murtii kenne dhimma dhagahe
kennurratti daangaa seeraan murtaa’e keessatti mana murtii sadarkaan
ol’aanuu fi yeroo angoo ol’iyyannoo dhagahuu qabutti dogoggorri mana
murtii jalaatiin uumame jedhamee komatamu akka sirratuuf iyyannoo
dhiheeffachuu falmachudha jechuun gudunfuu dandeenya.
 MMWFDHI jildii 12ffaa L.G 59025-ol’iyyannoon maalii kan jedhu
hiikuuf yaaleera.(read)-he also refer blacks law.
???????Kallattiidhaan ibsamu dhabuun dhibbaa qabaa?
MMWFDHI jildii 12ffaa L.G 59025
Biyyoota Civil law keessatti bara 1100 A.D(middle age) beekamtii
argate. Amantaa uummanni mootummaa giddu galeessa irratti
qabu dabaluuf qophaa’e.

Biyyoota Common Law keessatti immoo jaarraa 20ffaa keessatti


argate. Sana dura garuu Doggogora MMJ uumamee fi haqa
sirreessuuf mala adda addaa fayyadamaa turan. fknf juriin garee
heddu of keessaa qabu- firii dubbii(KD), new trial
Yeroo booda mirgi ol’iyyannoo mirga murteessaa ta’e nama
hundaaf kennamu kan qabu akka ta’e fudhatamaa dhufe.

Bara 1966 irraa eegalee, keessattuu murtii bilisummaa fi adabbii


dhimma yakkaa ilaalchisee ICCPR(Kwt 14(5), chaartarii Africa,
America fi Europe keessatti mirga bu’uuraa ta’ee kaa’ameera.
Mirgi ol’iyyannoo amala addaa qabu irraa- opportunity right-which
means:

Mirgi itti fayyadamuu fedhi nama dhuunfa irratti hundaa’a.

Mootummaan mirga kana daangessuu irraa dirqama of qusachuu


(negative action).

Dirqama haala mijeessuu: qaama bilisa ta’ee wal-dhabbii hiikuu fi


dhaqqabamaa ta’e qopheessuu- bilisaa fi dhaqabama..
Now….
Beekamtiin mirga
ol’iyyannoo

beekamtii heeraa
beekamtii seeraa
(statutory right)- (constitutional right)-
USA,Canada SA, New Zealand
Sadarkaa biyya keenyaatti

Yeroo Jalqabaaf ifatti heera keessatti ibsamu baatuus Caaseeffamni manneen


murtii sadarkaan ta’u fi Mootummaan giddu galeessa adabbii jijjiruu
akka danda’u kaa’ameera.(Heera 1931-kwt 16 fi 50,1955 kwt 35,109)

SDFHH kwt 320 fi SDFY kwt 181 –ol’iyyachuun mirga akka ta’e kaa’uu.

Sirnoota darbaan keessatti ol’iyyannoon mirga seeraa (statutory right) akka


ta’e hubatama.
Yeroo amma, Waadaan mirgoota siviilii fi siyaasaa Idil-addunyaa qaama seera
biyya keenyaa ta’uun akkuma eeggametti ta’ee, HMF kwt 20(6) fi HMNO kwt
20(6) jalatti mirgi kun kaa’ameera.

HMF kwt 78(2) -Caaseffamni manneen murtii mootuummaa federaalaa fi


naannoolee illee mirga ol’iyyannootti gargaaramuuf akka tolutti kan
hundaa’aniidha. So, ol’iyyannoon mirga heeraa (constitutional right) ta’eera.
Civil matter?? English Ver-All persons but Amha ver-only for criminal
matters-so amh. prev.(106)
Biyyi tokko mirga ol’iyyannoo qabiyyee gahaa qabdi
jechuuf:

Mana murtii bilisaa

Ragaa mana murtii jalaatiin


dhagahame yookiin ragaa haaraa Aangoo diiguu, fooyyessuu
dhiyeessuu fi falmii seeraa ilaaluuf
angoo qabaachuu qaba.
yookiin cimsuu qabaachuu
Biyyi keenyaa
hoo?
Biyyi keenyaa biyyoota qabiyye ol’iyyannoo gaha qabaan
keessatti ramaduun ni danda’aama. kuniis
1ffaa- HMF kwt,78(1) fi HMNO kwt 61(1) fi 216/2011 kwt 6- Qaama
AS bilisa heeran hundaa’u fi bilisaan hojii isaanii raawwachu.
2ffaa- Manneen Murtii ol’iyyannoodhaan ilaalanni cimsuu, diguu fi
fooyyessu qabu- SDFHH 348, SDY kwt 195

3ffaa- Haqaaf jecha ragaa haaraa fudhachuu-SDFHH kwt 345 fi


SDFY kwt 194- necessary evidence
Mirga
Barbaachisumma Ol’iyyannoo
Tilmaamamummaa Murtii Manneen
Murtii dabaluu
(Increasing uniformity & standardization in z application of legal
rules) at least three judge
1234-MMWFDHI
216-Ergama(MMWO(DHI), MMO

Haqni akka hin


Sirna jabeessuuf hir’anne/Jal’anne
gochuun itti quufinsa
(encouraging the dev’t &
refinement of legal principles ) uummataa dabaluu
(building public trust)
Seera keenya keessatti kaayyoo isaa akka waliigalaatti hubachuun kan
danda’amudha malee haala ifa ta’een kaa’ame hin jiru.

Draft Cr.P.C garuu kaayyoon ol’iyyannoo maal akka ta’e kaa’eera. FKNF
mirga ol’iyyannoo himatamaa heeraan kenname mirkanneessuuf,
dogongoora seeraa fi firii dubbii uumame sirreessuu fi murtii walitti
dhiyeenya qaban akka kennaman taasisuu akka ta’e kaa’ameera.(Kwt 336)-
haqaa baasuu hoo??????
Daangaawwan mirga (limitations)
ol’iyyannoo irra kaa’aman
A. Daangaa yeroo qabaachuu
Ol’iyyannoon daangaa yeroo taa’e keessatti dhihaachuu akka qabu seeroota
adeemsaa fi bu’uura keessatti kaa’ameera. fknf

SDFHH kwt 323(2) fi kwt 327-Guyyaa murtiin kenname kaasee guyyaa 60.

SDFY 187(1)- Guyyaa 15 beeksisuu- Guyyaa 30 erga garagalchi dhaqqabee.

Accelerated procedure yoo seeraan hayyamame guyyaa 10 keessatti.(kwt 306)


Labsii Lakk. 128/1999 kwt 34(2)- Guyyaa 10 keessatti gaafachuu-guyyaa 30
keessatti dhiyeessuu. is it impliedly amended????

Labsii Lakk. 1156/2019 kwt 139(3)-Guyyaa 30 keessatti dhiyeessuu

Labsii 215/2011 kwt 82(6)- Guyyaa 60 keessatti dogongora seeraa ilaalchisee


MMWO

Kanaafuu Daangaa guyyoota taa’e keessatti komataan ol’iyyannoo yoo hin


dhiheeffatin, hayyamsiisni haala addaan akkuma jirutti ta’ee mirgi ol’iyyachuu
isaa ni daangeffama.
B. Dhimmoota dhuma argatan qofaa irratti ta’uu
isaa.
Yoo murtii dhumaa hin taanee ta’ee humna fi baajata manneen murtii fi
baasii(dhamaatii) abbaa dhimmaa irratti midhaa dhaqqabsisuun ala faayyidaa
hin qabu. Mirga ariitiin murtii argachuus midha waan ta’eef

SDFHH kwt 320- Final Judgement, remedy under the code and
interlocutory matters.(non appealable)-principle

Interlocutory means garee iyyaticha dhiyeesseef isa dhumaa ta’a moo?hin


ta’u? kan jedhu sirnaan madaaluun barbaachisadha. Lack of finality.
But there are Exceptions:
Kafaltii AS malee bilisaan banachuu(yoo dhoorkame)-jildii 6ffaa lakk G.

23744 –SDFHH kwt 320(3)-permission to suit as pauper…

Falmii bakka hin jireetti gaggeeffame(SDFHH kwt 70(a)- filannoo 78 dhiisee

ol’iyyannoo ijoo seeraa irratti gaafateef- Jildii 8ffaa lakk galmee 36412)-

Fknf decision without jurisdiction or no cause of action(C.p Art 231(1)) or

against constitution.(pure question of law)


Dhimmoota yakkarrattis haaluma wal fakkaatuun dhimmootni
utuu dhuma hin argatiin dursanii ol’iyyannoo fudhachuun hin
danda’amu.( SDFY kwt 184 - SDFY kwt 94, SDFY kwt 131 ,
SDFY kwt 146( Objection to evidence)
C. Mirgichi jiraachuu isaa seeraan ibsamu
qabaata.
Mirgii ol’iyyannoo mirga uumamaan argamu miti. The rights of appealing are not
inherent. None of facets of natural justice requires there should be right of
appeal from any decision. Power of appellate forum, mode and manner if
exercise should be clearly provided by statute.

Mirgi kun haala ifa ta’een seeroota adeemsaa ykn bu’uuraa keessatti ibsamu
qabaata.
Mirgi kun akka mirga himannaa haaraa hundeessuu mirga
uumamaa jedhame beekamutti kan fudhatamu miti.

Mirgi kun erga seeraan argame booda haala ifa ta’een ykn by
necceessary implication yoo dhoorkame malee void kan ta’u miti.
D.Gosa Dhimmootaan ol’iyyannoon kan Daanga’u Ta’uu.

Haala addaatiin dhimmoota tokkoo tokko irratti murtiin sadarkaa


jalqabaan kennamu kan dhumaa ta’u danda’a.

Falmii dhirsaa fi niitii diigaa gaa’ilaa qofa irratti.(SMO kwt 126)??

Dhimma yakkaa irratti jecha amantaa irratti hundaa’uun murtii kenname.


(not legality issue- SDFY kwt 185(1) jildii 18ffaa Lakk:Galmee 11742-
L.G 99589(hin maxx.)) Jechi amantaa bu’uura seerii jedhuun hin
kennamne kan jedhu irratti oliyyannoo dhiyeessuun ni danda’aama.
Hayyamsiisa oliyyannoo dhorkame irratti. (SDFH kwt 326(3))-Kan
hayyamamee hoo maal ta’aa kan jedhu seerichi ibsu dhabuus
MMWFDHI jildii 12ffaa L.G 57360 fi jildii 13ffaa L.G 74785 ta’e
irratti garuu ol’iyyannoo fudhachuun ilaalee jira.

Iyyata abbaan seeraa dhimma qabaterraa naaf haa ka’u jechuun


dhihaaturratti-(Labsii 216/2011 kwt 37(5))
Granting and rejecting application for review-Art 6(3)-hayyamamu qaba
moo hin qabu kan jedhu irratti oliyyannoon hin danda’aamu garuu erga
hayyamame booda falmii gaggeeffame murtaa’u irratti adeemsa ol’iyyannoo
idileetiin ol’iyyannoo dhiyeessuun ni danda’aama.(L.G 236316(hin maxx.),
jildii 9ffaa L.G 42871, l.g 224964(Hin maxx.), L.G 206512(hin maxx.)-But
what about legality of the decision?
E. Ol’iyyannoon dhimmoota falmii jalaa keessatti ka’an
irratti kan daanga’an ta’u

Himataan himatamaa irra mirgoota barbaadu hundaa duguugee ala


tokkoo dhiheeffachuu qaba.
Kanaafu Himataan mana murtii jalaatti himata qabu duguugee yoo
hin dhiheeffanne dhimma jalatti hin falmiin irratti ol’iyyachuu fi
mana murtii ol’iyyannotti falmachuu hin danda’u. kuniis daangaa
qabaachu agarsiisaa. SDFHH kwt 329(1)-new facts and arguments.
F. . Dhimmoota hariiroo hawaasaa irratti yeroo
tokko qofaa kan heyyamamu ta’uu.
Akka qajeeltootti Dhimmoota hariroo hawaasaa ilaalchisee dogongora seeraa
irratti yoo ta’een ala ol’iyyannoon 2ffaa kan hayyamamu miti. fknf
Labsii 128/2000 kwt 34(1) MMA yoo cimse isa dhumaa ta’a.
Labsii 1156/2019 kwt 140(2) MMO kennu kan dhumaa ta’a. yoo cime
moo?yoo digamee??fooyyesse??
Labsii Federaala variation yoo jiraate MMWF Ol’iyyannoo ilaalaa kan jedhus
kaa’ameera. (Labsii 1234/2021 kwt 9(2))
Labsii 223/2015(Naannoo Amaaraa) kwt 16- variation
Issue

Akka Naannoo keenyatti murtiichi yoo cime ta’ee ol’iyyannoo 2ffaa


hayyamamu isaa akkamitti ilaaltuu?

Labsii 141/2000 kwt 29(civil) vs 216/2011 kwt 25(2)(a) fi 30(1)

• Aangoo MMWO- Dhimma naannoo irratti murtii Manni Murtii Ol’aanaa


kenne irraatti komii dhiyaate ol’iyyannoon dhagahee murtii dhumaa
kennuu
Maal
jettu?
REMARK
Labsii 1234/ 2021 kwt 9(2)-MMWF appeal from HC(variation
only)

• Yeroo fi baasii guddaa fuudhachu

• Murtii Mana Murtii jalqabaa xumura dhabsisu

• Amantaa Uummataa MMJ irra qabu hiri’isuu


• Waldiiddaa xumura dhabsisuun nageenyi fulduraa akka hin jirre
taasisuu
• Murtiin kennamu uncertain akka ta’uf fi walfalmitoota jiddutti shakkii
uumu
• USA: In federal court and in nearly every state, litigants who lose in
the trial court are guaranteed one appeal as of right.
Biyya Hindii, Beljiyeem, Ingilizii fi kanneen biroos mirgii
ol’iyyannoo akka mirgaatti Kan beekamu mana murtiicha yeroo
jalqabaa kenne irrattiidha. kanaafu murtiichi yoo cime ol’iyyannoo
2ffaa kan heeyaman miti. garuu haala addaatiin qofa kan eeyamamu
ta’u isaa seeraa biyya isaan keessatti tumamee argama.
Dhimma Yakkaa irraatti oliyyannoo 2ffaa ni eyamamaa?

SDFY kwt 195(3)-murtiin balleessummaa yoo cime hin danda’aamu jedha.


Garuu kewwanni kun mootummaan Dargii labsii 51/68 ta’een kwt 2(1)
keewwata kana haqeera.

 Kanaafu labsii oliyyannoon walqabate jiru labsii 216/2011 waan ta’eef


ol’iyyannoon yeroo lama hayyamameera jechuudha.
issue

Dhimma Mana Murtii hawaasummaa gandaa ilaachisee labsii 128/99 jalatti yoo
mana murtii Aanaatti cimee ta’e isa dhumaa ta’a jechuun kaa’eera. Ol’iyyannoo
2ffaa mana murtii aanaatiin erga cimee booda MMO tiif dhiyaachuu ni
danda’aa? labsii lamaan keessaa kamtu raawwatiinsa qaba??
Issue

Ol’iyyannoo Manni Murtii Hawaasummaa gandaa irraa


dhiyaatu hoo MMA ilaaluu ni danda’aa?Labsii 216/2011 vs 128/99
ilaalaa
Maal
jettu?
Remark

Murtiiwwan dhimmoota Naannoo Oromiyaa MMOtiin kennaman irratti


MMWO’tti ol iyyachuun ni danda’ama. kwt.25(2,a) tumaan jedhu
duuchaadhumatti kan taa’edha.

 Sababa kanaaf, mirga ol iyyannoo si’a lama eeyyame otuma jedhamellee


dhimmoota hunda irratti eeyyame jechuu hin dandeenyu.
Bakka saditti gargar baafnee ilaaluu dandeenya.

1) Dhimmoota mana murtii idilee ykn aanaa irraa dhiyaatan ta’anii addatti
seera birootiin mirgi ol iyyannoo si’a tokkichatti kan daangessan ni jiru,
fkn. labsii 1156, kwt.140(2)

2) Dhimmoota qaamolee aangoo A/S/qaban irraa ol iyyannoon MMO’tti


dhiyaatan irratti murtii MMO kennu isa dhumaa akka ta’ee fi si’a 2ffaa
MMWO’tti ol iyyachuun kan hin danda’amne ta’uu labsii 216 kwt.30(6)
3) Dhimmoota qaama abbaa seerummaa kenname ykn MMH Gandaa
irraa ol iyyannoodhaan dhiyaatan MMA yoo cimse ol iyyannoo kan hin
qabne ta’uu, labsii 128/99 kwt.34(1). MM Aadaa- 240-kwt 33(1) vs
216-kwt 30(1)- sadarkaa jalqabaatiin MMA ilaalanii???-Murtii
yookiin ajaja kenname irratti namni komii qabu Mana Murtii
aangoo qabuuf dhiyeeffachuu ni danda’a.(Labsii 240/2011 kwt
33(11))-so Mana Murtii Ol’aanaatti dhiyaata jechuudha.
Remark
MMHG heeraan kan hundaa’edha. (HMNO kwt 101(1))

Labsiin 128/99 immoo aangoo isaa kenneera. Dhimma ol’iyyannoo isaa


ilaalchise ofii tumee jira.

Irra deebiidhaan tumuun hin barbaachisu.

Labsiichi kwt 34(1)-MMA tii ol’iyyatamaa jechuun kaa’eera.

So Labsiin haqameera jedhu dhamaqabeessa miti.


Labsii lakk.216/011 kwt.31 aangoo ol iyyannoo mana murtii Aanaa
ifatti hanga hin daangessinetti seeronni ykn labsiiwwan kan biroo
aangoo ol iyyannoo gara mana murtii aanaatti akeekan yoo
jiraatan kan hojiirra oolan ta’u jechuu dha.
Aangoo fi Sirna Dhagaha Ol’iyyannoo Yakkaa
Qabiyyee
Darbiinsa Yeroo fi
Dhiyaatinsa Sirna Hayyamsiisa
a fi Hafiinsa Ol’iyyannoo
Walfalmitoo
taa
Sirna Kenniinsa
dhoorkii adabbii
Adeemsa ni bu’uura SDFY kwt 188
dhiyeessisaa
fi hin
dhiyeessisuu
Sirna Dhagaha Ragaa
Aangoo fi Dabalataa (SDFY kwt
Adeemsa 194)
Dhagaha
Ol’iyyannoo
Kenniinsa Murtii fi
Aangoo Mana
Murtii Ol’iyyannoo
Aangoo Ol’iyyannoo Dhimmoota
Yakkaa Manneen Murtii Oromiyaa
Waa’ee aangoo HD dhimmoota yakkaa M/M/W Oromiyaa aangoo
ol’iyyannoodhaan ilaalee murteessuu gama lamaan ilaaluun ni
danda’ama.
1ffaa: akka tumaa Heera FDRI kwt.80 (5), Heera Naannoo Oromiyaa
kwt.64(4), fi Labsii lakk.216/2011 kwt.25(2,c) tti, murtii Manni
Murtii Ol’aanaa Naannichaa dhimmoota [yakka] Federaalaa
aangoo Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaatiin ilaalanii
kennan irratti.
2ffaa: Dhimmoota Naannichaa irratti murtii M/M/Ol’aanaa
naannichaa kennes ol’iyyannoodhaan ofitti fuudhee akka ilaaluu fi
murtiin haala kanaan kennamus isa dhumaa akka ta’e Labsiin
216/2011 kwt.25(2, a) tumee jira.
Haa ta’u malee MMWO ol’iyyannoodhaan dhimma federaalaa ta’e ilaaluuf
bu’uura labsii 1234/2022 tiin dhimmichi kan federaalaa ta’u isaa adda
baasuun dirqama ta’a.
Bu’uura Labsii 25/96(repealed) ta’een dhimmoonni federaalaa MMO fi
MMSDJF tiif kennaman adda bahaanii kaa’amanii jiru. kuniis
 Labsii 1234/2021 kwt 4 jalatti dhimmoonni yakkaa manneen murtii
federaalatiin ilaalamuu danda’an kaa’ameera. MMO fi MMSDJ

haala kwt 12 fi jalatti caqafameen aangoo kan argatu ta’a.


Issue
Yakkoota baala sammuu adoochan naanneessuun walqabatee (crimes
regarding illicit trafficking of dangerous drugs) kwt 4(7) jalatti
kaa’ame ilaalchise aangoo kan MMOF moo?kan MMFSJ ta’u qabaata?
Labsii 1234/2021 kwt 12(1) –High court acquire jurisdiction ..falling
under the jurisdiction of the high court pursuant to appropriate laws…
Which one is appropriate law?
Kanaafuu hanga seerri adda ta’e hin jirreetti MMO aangoo sadarkaa
jalqabaa hin argatu jechuudha?
Dhimma Qabatamaa MMWO-398569

Himatamaan S/Y kwt 525(4)(a) jalatti baala sammuu adoochuu


kaanabisii jedhamu qabatee waan argameef himannaan
kallattiidhaan MMWO tii dhiyaate jira. (yakkichi gaafa 20/7/2014
raawwatame)

Manni Murtiichaas balleessaa gochuun adabbii kennee jira.


Dhimma Qabatamaa MMWO-398147

Himatamtootni S/Y kwt 525(4)(a) jalatti baala sammuu adoochu


kaanabisii jedhamu 1.42g ta’e qabatanii waan argamaniif himannaan
kallattiidhaan MMWO tii dhiyaate jira. (yakkichi gaafa 9/7/2014
raawwatame)

Manni Murtiichaas balleessaa gochuun adabbii kennee jira.


Dhimma Qabatamaa MMWO-385473

Himatamaan S/Y kwt 525(2)(d) jalatti baala sammuu adoochuu kaanabisii


jedhamu ofiif fayyadamuuf yaadee 4.22g ta’e MAS keessatti qabatee
waan argameef himannaan kallattiidhaan MMWO tii dhiyaate jira.
(yakkichi gaafa 16/4/2014 raawwatame)

Manni Murtiichaas balleessaa gochuun adabbii kennee jira.


Dhimma Qabatamaa MMOGJ- 62252

Himatamaan S/Y kwt 525(2)(d) jalatti baala sammuu adoochuu kaanabisii


jedhamu ofiif fayyadamuuf jedhee magaala keessatti qabatee waan argameef
himannaan kallattiidhaan MMMOGJ tii dhiyaate jira. (yakkichi gaafa
13/1/2015 raawwatame)

Manni Murtiichaas balleessaa gochuun adabbii kennee jira.


Dhimmoota kana akkamitti
ilaaltuu?
Remark
Labsiin 1234/2021 kwt 12(4)- falling under the jurisdiction of the high court pursuant
to appropriate laws……kun seeroota lama irra madduu danda’a.

1. Labsiilee adda addaatiin MMO tiif kennamu.

2. SDFY dhimmoota labsiichaan hin haammatamne irratti raawwatiinsa akka


qabu kaa’ameera. (kwt 7)

Kanaafuu SDFY keessatti dhimmoonni qoodiinsa aangoon walqabatanii kaa’aman


yakkicha ilaaluun kan MMO yoo ta’ee MMO dhimmicha ilaaluu danda’a. Bu’uruma
kanaan dhimmoonni lamaan yoo guutan MMO aangoo horata jechuudha.
Appropriate law jechuun yeroo draft ta’u seera deemsa falmii yakkaa
haaraan(draft) ni baha yaada jedhuun qoodinsa aangoo manneen murtii sana
ilaalcha keessa galchuun akka bahe drafteroonni kaasuu.

Drafteroonni aangoo dhimmoota labsiidhaan kaa’uun barbaachisaa miti jechuun


seeroota biroon akka ilaalamuufi-specially draft criminal procedure
Labsiin 1234/2022 kwt 7 immoo Seerri deemsi falmii yakkaa raawwii akka
qabu kaa’eera. SDFY keessatti immoo S/Y kwt 525 ammaa kan duraanii(penal
code) keessatti kwt 510 jalatti kaa’eera. Kuniis Awradja Court tiif akka
kennamedha.
Kanaafuu caaseeffama federaalizimii ammaatiin immoo aangoon
SDFY keessatti Awradja fi Woreda jechuun kenname kan MMSJ akka
ta’eedha. Kanaafuu s/y KWt 525 hanga seerri addatti baase MMO
tiif taasisee hin jiretti aangoon kan MMSJ ta’a.

Bakka bu’uumaadhaan MMO naannootti dhiyaachuu qaba.


Kanaafuu qabatamni jiru kanuma labsii duraaniin hojjatamaa
jiraatuus garuu ilaalamu qabaata.

hanga haala ifa ta’een seera rogummaa qabuun MMOf tiif hin
kennamneetti MMSJF tiif kan dhiifame (resudual) ta’e fudhatamu
qaba. (1234-kwt 15(1)-not referred to FHC)

Kun mirga ol’iyyannoo (conist. Right) ta’e ni bal’isas.(with


accessibility)
 Dhimma qoodinsa aangoo MMOF fi MMSJ erga labsiin 1234 bahe booda
dhimma Habeas corpus ilaalchise angoo dhimmaan (by subject matter)
ifatti adda bahe MMOF tiif kwt. 11(2)(a) jalatti hin kennamnetti aangoo
hundee dubbii kan qabu mana murtii federaala sadarkaa jalqabaa ta’aa
jechuun yaada labsiichaa agarsiisee jira. (MMWFDHI lakk. Galmee
230167 –hin maxxanfamne)
Adeemsa Dhagaha
Ol’iyyannoo
Seensa

Dhimmoota yakkaa irratti himatamaaf mirgi ol’iyyannoo mirga


heeraati.(Heericha kwt 20(6))-Mana Murtii Aangoo qabuutti dhiyeessu
A/A tiif immoo mirga seeraati. (Labsii 214/2011 kwt 7(27))-
Adeemsi Ol’iyyannoo SDFY keessatti kwt 181-196 jalatti kaa’ameera.
Adeemsi ol’iyyannoo haala raawwii isaa maal akka fakkaatu akka
naannoo keenyatti fi Manneen Murtii federaala keessatti jiru dhimmootaan
deeggarree kan ilaallu ta’a.
Ajajoota ykn Murtii ol’iyyannoon irratti
dhiyaatu fi hin dhiyaanne
Amaloota ol’iyyannoo jedhamuun beekamu keessa inni tokkoo
namni Komii isaa dhiyeeffachuuf murtii ykn ajajni dhumaa jiraachuu
isaa agarsiisuu qaba.

Akka qajeeltootti murtii balleessummaa fi murtii adabbii


murtiiwwan dhumaa akka ta’anitti kan fudhatamaniidha. (SDFY kwt
184 fi 185(1)).
Haa ta’u malee ajajoota ykn murtiilee bu’aa cufsisuu
hordofsiisuu danda’an akka murtii dhumaatti yeroo fudhataman jira.

Kaayyoon dhimmoota kanneen adda baasuu adeemsi ol’iyyannoo


si’ataa fi bu’a qabeessa akka ta’uufiidha
Muuxannoo biyyoota

 Murtii haqa qabeessa ta’e kennuuf barbaachisaa yoo ta’e, yeroo


kamituu ajaja kenname irraa ol’iyyannoo fudhachuun akka
danda’amu kaa’anii jiru.(Victoria CPC act 2009 article 297)
Biyya Ameerikaa keessattis ajaja manni murtii jalaa kennuu irraa ol’iyyanno
haala itti fudhatamu kaa’anii jiru. Kuniis Manni murtii ol’iyyannoo dhagahu
yoo heyyame akka ta’e kaa’anii jiru.

Kanaafuu ajajoota kennaman irraa madaallii adda addaatiin ol’iyyannoo


fudhatamu akka danda’u ni hubatama
Biyya keenya keessattis ajajoonni ol’iyyannoon hin heyyamamne
jedhamanii SDFY kwt 184 jalatti tarreeffamanii jiru. Tarreeffamni
kaa’ame garuu banaadha(illustrative list)

Dhimmichi ajaja ykn murtii dhumaa ta’u isaa amala isaa irratti
hundaa’uun bu’aa hordofsisuu irratti hundaa’uun case by case
ilaalamuu kan qabudha..
Kanaafuu akka fakeenyaatti ajajoota ykn murtiilee ol’iyyannoon
irratti gaafatamu danda’aman fi hin danda’amne haala armaan
gadiitiin ilaaluu dandeenya
Dhimmoota ol’iyyannoo irratti dhiyaachuu danda’u.

MSD Manni Murtii bu’uura SDFY kwt 130(2)tiin fudhatu irratti

Bu’uura SDFY kwt 141 tiin himatamaa bilisa gaggeeffame irratti.

Adeemsa falmii keessatti ajaja kenniinsa ykn dhoorkaa mirga


wabii irratti.(discharge)-sdfy kwt 181(1)-
Bu’uura SDFY kwt 149(1) tiin murtii balleessummaa fi adabbii
kennamu. (bilisa, balleesummaa, keewwata jijjiruuniis ta’e osoo hin
jijjiramiin).
Himannaa fooyyeessuuf gaaffii dhiyaate kufa gochuun ajaja kennamu
irratti. (jildii 17ffaa Lakk.Galmee 93234)- yoo haayyamamee garuu
himatamaan qabxii komii oliyyannoo gochu danda’a.
Murtii jecha amantaa irratti hundaa’ee murtaa’e. (haala amantaa
kootiin hin murtoofne kan jedhu(legality plea of guilty-)SDFY kwt
134- jildii 18ffaa L.G. 111742, jildii 14ffaa Lakk.G. 77842).

Jildii 25- L.G- 203051 ta’e (ajaja yaalumsa irratti- Baqqala Garbaa)

Jildii 25-L.G- 200520 ta’e (dhagahaa ragaa(መጋረጃ ጀርባ እና በዝግ ችlot)


ilaalchise ajaja kenname irratti MMO-dhoorkee-MMW immoo ajaja yeroo
jedhe-MMWFDHI ajaja yeroo miti. እስክንዴር ነጋ)
Xiinxala Mana Murtii….…
issue

Ragoota AA muraasa bira darbuun ajaja kennamu irratti


ol’iyyannoon yoo dhiyaate ajajiichi ajaja yeroo ta’a moo?miti?
L.G


Dissenting opinion
Final Remark

Bu’uuruma kanaan murtii kana irraa kan hubatamu ajajni tokko


ajaja yeroo(interlocutory) ti moo?miti?jechuuf bu’aa ajajichi
hordofsisuu danda’uu fi falmii xumuraa waliin ol’iyyatamuu
kan danda’u ta’uuf dhiisuu waliin sirnaan xiinxaluun
barbaachisaadha.
Ajajoonni tokko tokko bu’aan isaanii ol iyyannoo dhumaa
fudhatamu waliin hidhamiinsa kan hin qabne fi sadarkaa ol
iyyannoo sanatti yoo jijjiramaniis falmicha irratti bu’aa hin qabne
taanaan akka ajaja dhumaa fudhachuun ol iyyannoon ilaaluun
barbaachisaadha.
Dhimmoota ol’iyyannoo irratti dhiyaachuu hin
dandeenye.

SDFY kwt 94 ajajoota beellama kennuu fi dhoorkuu, kwt 131 MSD


kufaa gochuun ajaja kennamu fi kwt 146 adeemsa falmii keessatti
ragaa fudhachuu fi dhiisuu ilaallatan ilaalchisee ol’iyyannoon akka
hin danda’amne haala ifa ta’een kaa’ameera.(SDFY kwt 184-only
ground of appeal.
Haa ta’u malee kwt kun banaa(illustarative list)- fakkeenyaaf
Abukaatoon bakka bu’u fi bakka bu’u dhabuu falmii ka’u ilaalchisee
ajaja kennamu irratti ol’iyyachuun hin danda’amu. (jildii 19ffaa
Lakk. G. 120762)
SDFY kwt 184(a) yeroo ilaalluu bu’uura SDFY kwt 94 tiin beellama
kennuu fi dhoorkuu jechuun kaa’eera.

Sababni kun duuchumaan kan kaa’amedha.

Haa ta’u malee ajajoonni bu’uura kanaan kennaman bu’aa galmee


cufuu hordofsisan jiraachuu danda’u. yeroo akkasii ol’iyyannoo
ajaja kana irra hayyamamu qaba.
Fknf sababa gahaa malee AA fi himatamaan hafanii jiru jechuun sababa dhiyaatu
fudhachuu dhabuun beellamni bu’uura SDFY kwt 94(2)(a) tiin kennamu hin
qabu jechuun manni murtii yoo galmee cufe ta’e ajaja kana irra A/A
ol’iyyannoo akka hin gaafanne dhoorkuun sirrii hin fakkaatu.

MMWFDHI L.G 236400 gaafa 28/6/2015(hin maxxanfamne)_AA ragoota qabu


keessa muraasni akka dhiyaatan yaaliin taasisee hin jiru jechuun mirga ragoota
dhaggeessisuu bira darbuun ajaja bu’uura SDFY kwt 94(2)(b) kenname irratti
ol’iyyannoon hin danda’aamu.(majority)_dissenting one judge.(interlocutory miti)
Bu’uura SDFY kwt 146 tiin fudhatamummaa ragaa ilaalchisee
murtiicha irratti dhiibbaa guddaa qabu yoo ta’e ol’iyyannaa
dhoorkuun sirriidha jettuu? Bu’aa hordofsisu waliin ilaallamuu hin
qabuu???? Production of evidence ni hammata?
• MM jalatti bu’uura SDFY kwt 141 tiin bilisaan gaggeeffame MM
ol’iyyannoo dhagahu bu’uura SDFY kwt 142 tiin ittisuu qaba
jechuun qajeelfamaan yeroo deebisu hin danda’aamu.(Jildii
13ffaa L.G 74041, Jildii 12ffaa L.G 59537)
MMWFDHI jildii 12ffaa L.G 59537
Dhimma kana irratti iyyataan S.Y kwt 407(1)(c) fi 413(1)(b) jalatti
himatamee.MMO tti dhiyaate.
MMO: bu’uura SDFY kwt 141 tiin bilisaan gaggeessee.
MMW:Murticha cimsee jira.(Majority)
MMWN(Cassation): Bu’uura SDFY kwt 142 tiin ofirraa ittisuu qaba
jechuun qajeelfamaan deebise.
Iyyataan kana irratti Ol’iyyannoo MMWFDH Ijibbaataaf dhiyeesse.
MMWFDHI: ofirraa haa ittisuu jechuun ajajni kenname murtii
dhumaa hin jedhamu jechuun kufa godheera.
Dhimma kana akkamitti Interlocutory matter kan
ilaaltu? jedhamu yoom murtaa’a?
sadarkaa ol’iyyannootiin
dhimmichi yeroo ilaallamu
moo?sadarkaa jalqabaa
irratti yeroo ilaallamuudha?
REMARK
Draft criminal procedure code….
 ajajoota ol’iyyannoon irraa fudhatamu qabaniis kaa’eera. Ajajoota
galmee cuufsisuu danda’an, mirga wabii(allow or denial)-Kwt 339

Jecha amantaa, bakka himatamaan hin jireetti falmii gaggeeffame duubatti


deebisuuf iyyannaa dhiyaatu irratti ajaja kennamu, heyyamsiisa
ol’iyyannoo irratti ajaja kennamu, murtiin irra deebiin akka ilaallamu
gaafatamee kufaa ta’e irratti, ajaja moggaafama fi murtii yakkoota
dambii darbii irratti kennaman irratti ol’iyyachuun hin danda’amu
jechuun kaa’eera.(draft cri.p kwt 340)-only listing
Darbiinsa Yeroo fi Sirna
Hayyamsiisa Ol’iyyannoo
Ol’iyyannoo daangaa seerri kaa’e keessatti hin dhiyaannee taanaan mirgi
falmachuu fi dhagahamuu ni dhabama.

Darbiinsa yeroo ol’iyyannoo yakkaa irratti seera deemsa falmii yakkaa


keessatti kaa’ameera.

 Seera kana keewata 187(1,2) guyyaan 15 fi guyyaan 30 jechuun kaa’eera.


Dabalataan keewwata 190 jalatti guyyaan 15 baaxii darbiinsa yeroo mirgi komii
ol’iyyata dhiyeeffachuu itti daangeffamu danda’u tumamee taa’era.
Raawwii keewwatoota kana ilaalchisee-187(1)(2) fi 190(1):

Gareen tokko: yeroon keewwattoota kana jala jiran lamaan walitti


ida’uun darbiinsi yeroo guyyaa 45n kan jedhan jiru.

 Gareen biraa: yeroon keewwattoota kana jala jiran hundi isaanii


kophaa kophaa waan ta’aaniif yeroon adda addatti kaa’mee sun
yeroon isaa darbeera ykn hin darbine jechuun lakkaa’u.
Haa ta’u malee seericha yeroo ilaallu walitti ida’anii lakkaa’u osoo hin
ta’iin yeroon sadanu kan of danda’e ta’u isaati.

1ffaa. Guyyaa murtiin kennamee eegalee murtii kenname irratti


ol’iyyannoo kan gaafatu ta’u guyyaa 15n keessatti beeksisuu qaba.
Guyyaa 15n kana keessatti iyyanni hin dhiyaanne taanaan yeroon
komiin dhiyaatu kan darbe ta’ee lakkaawama.(SDFY kwt 187(1)
2ffaa-Murtiin garagalfamee guyyaa kenname irraa eegalee komiin
ol’iyyataa qophaa’ee mana murtii dhimmicha sadarkaa jalqabaa irratti
ilaalee murtii kenneetti kan deebi’uu qabu guyyaa 30 keessatti ta’uu
akka qabuudha. Guyyaa kana keessatti yoo hin deebine yoo ta’e
yeroon kan darbe ta’e kan lakkaa’amuu dha.(SDFY kwt 187(2))
3ffaa- Keewwata 190(1) jalatti guyyaan 15n kan tumame guyyaa
komiin ol’iyyannoo ol’iyyataadhan qophaa’ee mana murtii dhimmicha
jalqaba irratti ilaalee murtii kenne dhaqqabe irraa eegalee mana murtii
komii ol’iyyataa dhagayuutti ergamuu qabu kan agarsiisuu dha.
Yeroo kana keessatti komiin ol’iyyannoo mana murtii komii dhagayuutti osoo hin
dhiyaatin yoo hafee sababni isaa rakkoo gama mana murtitiin jiru yoo ta’ee, akka
yeroon ol’iyyannoo darbetti ol’iyyataa irratti lakkaawamee mirga isaa kan sarbuu miti.

Draft Cr.p. kwt 344(4)-guyyaa murtaa’e irraa kaasee guyyaa 60.(yeroo koopii gochuuf
gubate hin dabalatu)-hateta- ከዚህ ቀደም የነበረው 15 እና የ30 ቀናት ልዩነት የይግባኝ
ማቅረቢያው ጊዜ ቢሰፋም የይግባኝ መጠየቅ እድል ያጠበበ ከመሆኑም በላይ ትርጉም
ያለው ክፍፍል ሆኖ አልተገኘም፡፡
Garagalchi ol’iyyannoo sirreeffamaaf kan dhaqqabu karaa Mana amala
Sirreessaatiin ta’a. Garuu guyyaan 30 kan lakkaawwamu guyyaa MAS tiif
dhaqqabe moo guyyaa sirreeffamaaf manni amala sirreessaa kenneerra
kaaseetii? kan jedhu ilaalamu qaba. SDFY kwt 187(1) yeroo ilaalamu
guyyaa MAS tiif gahee irraa kaasee kan lakkaawwamu akka ta’eedha.
Yaadamni seericha guyyumma sanitti ni kenna kan jedhuudha. Haa ta’u malee
sababa adda addaatiin kan hin kennine yoo ta’e guyyaa sirreeffamaaf
dhaqqabe irra kaasee lakkaawwamuu kan qabu gochuun haqa qabeessa.

Firiin dubbii guyyaa yoom ol’iyyataaf dhaqqabe kan jedhu sirnaan


qulqullaa’ee mirkanaa’uu kan qabu falmii ijoo dubbiitti. (MMWFDHI jildii
13ffaa L.G 73264)-Manni murtii erga dhimmichi dhiyeessise ilaalee booda
dhimma kana irratti falmiin yoo ka’e qulqulleessuuf aangoo qaba.
Yeroon kaa’ame kun kan darbe yoo ta’e mana murtii ol’iyyannoo ilaaluuf
heyyamsiisni dhiyaachuu qaba. Adeemsa falmii keessatti yoo beekamees manni
murtii cufu qaba. Unlike 325(3) c.pr.code under which the respondent is heard.

Manni murtichaas sababa ol’iyyataatiin yeroon ol’iyyannoo akka hin tarre ta’u yoo
amane heyyamsiisicha kan kennu ta’a.

Haa ta’u malee adeemsa isaa ilaachisee akkasumas sababoota fudhataman ykn
ulaagaa akkamitiin sababoonni madaalamu kan jedhu irratti hojiimaata keessatti
adda addummaan ni mul’ata.
Issue

Sababoota heyyamsiisa ol’iyyannoo ulaagaa maaliitiin


madaaluu qabna? bal’ifamee ilaaluu qabna moo?miti?
haala kamiin madaalaa jirtu?
Remark

Sababoonni heyyamsiisaa akkuma haala abbootii dhimmaatiin garagara ta’uu


danda’u. there is no objective criteria.

Madaalamu kan qabuus bu’aa hordofsiisuu danda’u faana ta’u qabaata. Mirga
bu’uura dhabsiisuu waan ta’eef sababicha bal’ifamee ilaalamu qabaata.garuu
abbaa dhimmaa ofeeggannoo hin qabneefis caluma jedhani bal’isanii
fayyadamuun sirrii miti.case by case.

Mirga dhagahamuu haala hin dhiphisneen ykn hin dhoorkineen hiikamuu


qabu.
Yeroo hangam keessatti dhiyaachuu qaba kan jedhuus seerichaan
kaa’amee hin jiru. Haa ta’u malee yeroo kenname sana keessatti
rakkoon mudate erga bade kaasee tattaaffiin(carraaqqiin)
taasifame ilaalamu qaba.

ciminni adabbichaa hoo ilaalamuu hin qabuu????


Ibsa Wixinee irratti kenname…
• ይግባኝ ማቅረቢያ መንገዱ ሰፋ ያለ እንደመሆኑ መጠን በማናቸውም ምክንያት ይግባኝ
ሳይጠየቅ አንድ አመት ያለፈ እንደሆነ ከወንጀል ቅጣትና ከሥነ ሥርአቱ አላማ ውጪ
ስለሚሆን በይግባኝ እንዲታይ የሚፈቀድ አይሆንም፡፡ በወንጀል ጉዳይ ቅሬታ ያለው አካል
ለዚህን ያህል ጊዜ ቅሬታ ያስከተለበትን የወንጀል ፍርድ ተሸክሞ ይቆያል ማለትን አይቻልም፡፡
ጉዳዩ ከተከሳሽ ነጻነት እና ከተጎጂ ፍትሕ የማግኘት መብት ጋር በቀጥታ የሚገናኝ በመሆኑ
ስህተት ያለበትን የወንጀል ፍርድ ለማሳረም ፍርደኛውም ሆነ አቃቤ ሕግ ይህንን ያህል ጊዜ
ይግባኝ ሳይጠይቁ ይቆያሉ ማለትም አስቸጋሪ ነው፡፡
Yeroo tokko tokko immoo sirreeffamaan guyyaa 30 keessatti komii isaa
barreessee dhiyeessee garuu MAS sababa isaatiin osoo Mana Murtii jalaaf hin
ergiin turuu danda’a.

Kanaafuu sababni guddaan manni murtii madaaluu qabu hanqinni abbaa


dhimmaa jira moo?hin jiru? kan jedhu ta’u qaba.Guyyaan tare hangamii?guyyaa
lama, sadii, afurii kan jedhuu ilaaluu.(tattaaffii fi carraaqqii isaa agarsiisa
waan ta’eef)
A/A heyyamsiisa gaafachuu danda’a moo?hin danda’u?kan jedhu yeroo
ilaallus A/A akka hin dhiyeessine seerichi hin dhoorkine. Garuu sababni AA
dhiyeessuu akka dhaabbataatti kan madaalamuu qabu fi mirga
ariitiidhaan haqa argachuu deebii kennaaf heeraan kenname haala hin
miineen ta’u qabaata.
Erga sababni dhiyaate hayyamsiisni kennamee booda yeroon komii dhiyeessuuf
guyyaa meeqa kennamu qaba kan jedhu SDFY kwt 191(4) jalatti hin
kaa’amne.Unlike C.P.C Art 326(1)-ten days.

 Garuu fix gochuu akka qabu kaa’eera. Haa ta’u malee guyyaa gahaadha jedhee
manni murtichaa amane kennuu danda’a. yeroo ol’iyyannoo SDFY keessatti jiru
faana madaaluun ta’u danda’a. fknf ji’a lama keessatti jechuu hin danda’u.
Crim. Proce. Draft- hayyamsiisni komii oliyyannoo faana walqabate waan
dhiyaatuuf guyyaan oliyyannoon dhagahaamu murteessa. So guyyaan fix
godhamu hin jiru jechuudha.

Yoo dhoorkame ol’iyyannoo gaafachuu wanti dhoorkuu seericha keessatti


hin kaa’amne. unlike CPC Art 326(3)-Draft crim. Proc.
Dhimma Qabatamaa MMOGA L.G- 87271
Ol’iyyataan guyyaa 30 keessatti komii isaa deebisuu kan qabu ji’a sadii fi guyyaa 5
tursiisuun dhiyeessee jira. sababni dhiyeesse qarshii kooppii ittiin godhu dhabee fi
namnii na gargaaruu hin jiru waan ta’eef naaf haa hayyamu jedhe.

MMO: guyyaan taree ji’a sadii olii, kooppii gochuuf immoo baasii guddaa kan
gaafatu miti.(fuulli waliigalaa 19 qofa),Manni murtii murteessee M/Asallaa yoo ta’u
MAS tiis magaaluma kanaa. Teessoon isaa achi waan ta’eef namni na gaafatu dhabe
kan jedhu amansiisaa miti fi humna ol ta’uus ragaan hin deeggaree jechuun kufaa
godhe.
Sababoota Galmee keessatti argine keessaa muraasa …

Ogeessi qarshii guddaa Poolisiin akka naa geessu


na gaafate. kenne irraanfate.

Maatiin dhufee waan nu hin Roobni na jalaa balleessa


gaafanneef nama nuuf jedhe oomisha sassaabuuf
barreessisuu dhabne. ture.

Haati manaa koo waan Sababa koronaatiin fi


nageenyaatiin namni dhufee
deesseef namnii biroo immoo na hin gaafanne fi MM cufaa
na gaafate waan hin jirreef ture.
Guyyaan ol’iyyannoo sun darbee sababa dogoggora manni murtii
jalaa raawwateen fknf gargalcha murtii yeroon kennuu, dhimma
kennamu adda baasuun kennuu dhabuutiin ykn harkiffannaa MM tiin
yoo ta’ee sirnaan qulqullaa’ee hayyamni kennamu qaba. doggogoora
abbaa dhimmaa akka hin taane hubatama waan ta’eef-(MMWFDHI
Jildii 11ffaa L.G 39722, jildii 9ffaa L.G-39722)
Sirna dhoorkii Adabbii (Stay of
Execution) bu’uura SDY kwt 188.
Manni murtii jalaa akkuma falmii mirga wabii xumureen ajaja mirga wabii
irratti kennu falmiin mirga wabii xumurama. Exception corruption case-
434/97 Art 5

Ol’iyyataan ol’iyyanni dhagahamuun duraa ykn yeroo ilaallamaa jirutti


murtichi akka dhoorkamuuf MM ol’iyyannoo dhagahuuf iyyannaa dhiyyeessuu
danda’a.(SDFY kwt 188(5)

Mana murtiichaatiin fudhatama yoo argate ol’iyyataan adabbichi yeroodhaaf


dhoorkame wabiidhaan kan bahu ta’a.
Kaayyoon isaa miidhaa beenya’amuu hin dandeenye akka hin dhaqqabne
ittisuudha. Protect bundle of rights.

Haa ta’u malee haala manni murtiicha ulaagaa akkami irratti hundaa’uun
ilaaluu qaba kan jedhuu seerichaan hin kaa’amne. Yeroo baay’ee murtii
balleessummaa irratti ilaalamu danda’a jedhamee yoo tilmaamame ni
kennama.

Iddoo tokko tokko immoo akkuma komiin dhiyaateen galmicha osoo hin
ilaaliin heyyamuun ni jira.
Dhimma Qabatamaa MMWF L.G-200253
Ol’iyyataan MMJ tti Labsii Liizii 721/2004 kwt 35(1)(a) jalatti adabbii waggaa 4
adabameera.

Komii ol’iyyannoo erga dhiyyeessee booda manni murtii komii ol’iyyataa dhagahuuf
yeroo beellameetti adabbiin akka dhoorkamuuf bu’uura SDFY kwt 188(5) tin gaafate.

MMWF: Iyyanni mirga wabii waan dhiyaateef dhimmichi ni dhiyeessisa moo miti
kan jedhu ilaaluun barbaachisadha jechuun qoratee deebii kennaan haa dhiyaatu
jechuun erga kenne booda miidhaan beenya’aamu hin dandeenye dhaqqabu
danda’a jechuun wabii qarshii 4000(kuma afur) heyyameera.

Dhuma irratti adabbiin daangeeffamee jira.


Dhimma biroo MMWF L.G-200252
Ol’iyyattaan S/Y kwt 693(1) jalatti adabbiin kenname ol’iyyannaa gaafateera.

Manni murtiichaa deebii kennaan akka dhiyaatee falmii gaggeessuu jedhee ajajeera.
Ol’iyyattaan iyyannaa bu’uura SDFY kwt 188(2)tiin gaafateera.

MMWF: Adabbiin haa dhoorkamu jechuun qarshii 5000(kuma shan)


hayyameera.Sababnii caqasee:

Mana Murtii jalatti amanee jecha isaa kenneera.

Midhamaaf qarshii kaffalee araarameera.

Dhuma irratti adabbiin daangeeffamee jira.


Dhimma MMOGA L.G-95362
Ol’iyyataan mana murtii jalatti S/Y kwt 626 jalatti himatamee adabbii
hidhaa cimaadhaan adabamee jira.

Ol’iyyannaa MMO tiif dhiyeessee adabbiin yeroof akka dhoorkamu


gaafatee jira.

MMO: Manni Murtiichaas murtii balleessummaa irratti ijoo


qabachuun dhiyyeesisuu isaa ibsuun qarshii 20,000 akka bahu ajaje.

Dhuma irratti bilisaan gaggeesse jira.


Issue
Iyyannaa dhoorkaa adabbii bu’uura SDFY kwt 188(2) tiin dhiyaatu
ilaalchisee ulaagaalee akkamiin ilaalaa jirra? muuxannoo keessan
nuuf kaasaa.

Himatamaan bilisaan gaggeeffame ilaalchisee AA ol’iyyannoo


dhiyyeessee irratti himatamaan wabiidhaan akka bahu ni dirqamaa?
Remark
Ol’iyyataan kan adabame waan ta’eef of-eeggannoo addaatin
ilaaluun barbaachisaadha.

Ol’iyyataan wabiidhaan yoo bahe baduu kan hin dandeenye ta’uu


isaa mirkaneessuu, adabbiin kennamu fooyya’uuf carraa
qabaachuu ykn gara adabbii biirootti jijjiramuu danda’uu isaa
galmiicha ilaaluun adda baasuu qabna.
Manni Murtichaa adeemsaa fi haaloota mirga wabii itti kennamu fi
dhoorkamu SDFY kwt 63-79 jalatti kaa’aman ilaaluu qaba.

Fknf yakkichii adabbiin irratti kenname mirga wabii seeraan kan


dhoorke ta’u, carraa baduu isaa(adabamee waan ta’eef-bal’achu
danda’a), ragaa dabalataa MM ol’iyyata dhagahu ajaju
sodaachisuu danda’a jedhamee yoo tilmaamame .
Manni Murtii ajaja kana yeroo kennuu iyyannaa dhiyaatuu fi galmee
mana murtii jalatti ilaalame irratti hundaa’uudhaan. Haa ta’u malee
carraan AA itti dhagahamuu wabii sana irratti mormii dhiyeessu
hin jiru.
Indian Cr.p.C Section 389 yeroo ilaalluu nama adabbii du’aa,
umrii guutuu ykn hidhaa cimaa waggaa 10 ol adabame yoo ta’ee AA
yaada akka kennu carraa kennuu qaba. dabalataan adabbiiwwan
biroo ilaalchisee immoo AA wabii heyyamame akka haqamuu
gaafachuu danda’a jechuun kaa’eera.
Yeroo tokko tokko MM jalatti mirgii wabii isaa adabbii yakkicha irratti
hundaa’uun yoo dhoorkame (fknf malaamaltummaa waggaa 10
adabsiisuu) fi murtiin yeroo kennamu waggaa 10 gadii yoo adabame,
sadarkaa ol’iyyannootiin wabii isaa ilaaluuf adabbii dhuma ilaalla
moo?kan duraniin dhoorkina?kan jedhu gaaffii kaasuu danda’a.
• Garuu yeroo akkanaa already adabbiin beekkamee jira waan ta’eef
heyyamuun ni danda’ama. Haa ta’u malee manni murtii adabbiin
jijjiramu danda’u fi ol’iyyataan deebi’ee dhiyaachuu akka
danda’u amantaa cimaa qabaachuu qaba.
Murtii balleessummaa irratti hin dhiyaanne jechuun yeroo hunda
dhoorkuun sirrii hin ta’u. carraa adabbiin daangeeffamuu, adabbii
qarshiitti jijjiramu isaas ilaaluun barbaachisadha.

Ol’iyyataan yakka mirga wabii dhoorkisisuun himatame dhimma isaa


wabii malee hordofaa turee sadarkaa ol’iyyannootiin waan ta’eef qofa wabii
heyyamuun sababawaa miti. yoo keewwanni jijjiramuuf carraa jiraate
malee. Fknf S/Y kwt 543(3) gara 543(2) tii. Sababa birootiin dhoorkuun ni
danda’ama.
Our Draft Cr.P. kwt 342 jalatti ulaagaa dhoorkaa adabbii ilaalchisee
dhimmicha keessa seenuun barbaachisaadha jedhe yoo amanee fi midhaa
beenyaa’amuu hin dandeenye dhaqqabu isaa ilaaluun dhoorkuu danda’a
jechuun kaa’eera.

Dhoorka mana murtii jalaatiin guyyaa 7 kennamuus kaa’ameera.

Akka waliigalatti manni murtichaa miidhaa beenya’amu hin dandeenye


haala dhaqqabu danda’u galmicha sirnaan ilaaluu qabaata.
Issue

• Yoo himatamaan bilisa bahe fi AA ol’iyyannaa dhiyeesse


himatamaan (deebii kennaan) wabii dhiyeessuuf ni
dirqamaa? kan jedhu ilaaluun barbaachisadha.
Ejjannoowwan jiran

Ejjannoo 1faa: yakka kamuu yoo ta’e dhimmi wabii ilaalamu hin qabu. deebii
kennaan MM jalatti bilisaan kan gaggeeffame waan ta’eef waa’ee mirga wabii
wanni kaasisuu hin jiru. (Heericha kwt 20(3),SDFY kwt 193).

Rakkoon isaa: MM aangoo hundee dubbii hin qabu jechuun yoo cufe bilisaan
gaggeeffame jechuun hin danda’amu.
Ejjannoo 2ffaa: Yakkoota duraanuu seeraan mirga wabii dhoorkisiisan(SDFY
kwt 63,Labsii 434/97 kwt 5) yoo ta’an qofa sadarkaa ol’iyyannootiiniis
himatamaan bilisaan gaggeeffame yoo ta’ees Mana Amala Sirreessaa akka turuu
gochuun barbaachisaadha.

Himatamaan sadarkaa mana murtii tokkootiin bilisa bahuun hanga


dhumaa bilisa kan jechisisuu miti. kanaafuu mirgii wabii heyyamuun fi
dhoorkuun hanga dhumaa himatamaan bilisa bahuutti ilaalamu qaba jedhu.
Ejjannoo 3ffaa: yakka kamuu yoo ta’aaniis dhimmi wabii ilaalamu
qaba. yakkoota wabii hin dhoorkiisiisan yoo ta’ees bu’uura SDFY
kwt 67 tiin ilaaluun waa’ee wabii deebii kennaa murteessuun
barbaachisaadha.
Fknf ol’iyyataan carraa baduu qabaachuu yoo hubatee ykn ragaa
dabalataa waamamuu danda’u sossobaa yoo jiraate ykn yakka biroo kan
raawwatu ta’u yoo hubatamees ilaalamuu qaba jedhu. Adeemsa SDFY
kwt 188(2)tiin hoogganamuu qaba jedhu)
Dhimma qabatamaa MMOGA L.G-96051

Deebii kennaa irratti mm jalatti filannoodhaan S/Y kwt 589(1) ykn


626 jallatti himatameera. MM jalatti bilisaan gaggeessee jira.

A/A komii dhiyyeesseen MMO bilisaan gaggeeffamuu irratti


dhiyeessise jira.

MMO:Gaafa falmii afaanii, falmiin erga gaggeeffamee booda AA


deebii kennaan wabiidhaan akka bahu nuuf haa ajajamu jechuun
gaafate.
• MMO: Mana Murtii jalatii bilisaan gaggeeffame jira. kuniis akka
mirga nama qulqulluutti lakkaawwamu qaba. bu’uura SDFY kwt
193 akka dhiyaatu qofa barbaadama. Kanaafuu wabii akka
waamuu ykn MAS akka turu seerri sababni seeraa waan hin jirreef
gaaffii AA kufaa taasisee jira. Ejjannoo 1ffaa qabachu isaa argina
Remark

Indian CR.P.C art 390 jalatti deebii kennaan bilisaan gaggeeffame


irratti ol’iyyannoon dhiyaate yoo ta’e manni murtichaa dhimmicha
ilaaluun mana hidhaa akka turuu ykn wabiidhaan akka bahu ajajuu
qaba jechuun kaa’eera.
• Cri.procedure(Draft) under Art 342-(convicted kan jedhu 188
fudhate
MMWFDHI L.G 143820(Hin Maxx.)-AA himatamaa bilisa bahe ilaalchise yeroo
oliyyannoo gaafatu bu’uura kwt 188(2) tiin adabbiin akka dhorkamuuf gaafachu hin
danda’u. Keewwatichi kan inni hayyamu nama adabameef qofa waan ta’eef by
analogy hiikaa kennuun hin danda’aamu. Keewwatichi bali’ifame hiikamu hin qabu.
Mirga heeraan kenname ni dhippisa waan ta’eef. Kanaafu keewatichi himatamaan
adabamee adabbiin isaa akka dhoorkamuuf yeroo gaafatu qofa raawwii kan
qabudha malee AA tiif kan fayyadu miti.
Kunoo xiinxalichi
Dhagaha Ol’iyyannoo
Komiin ol‘iyyannoo barruudhaan erga dhiyaatee, dhimmichi kan
dhagayamu afaaniin.(SDFY kwt 192)

Iyyatni ol’iyyannoo erga dhiyaatee, beellamni itti aanu dhimmicha


dhagayuuf kan qabamuudha.

Gaafa dhagahaaf beellamamee sababni gahaan ol’iyyatni itti


ilaalamu yoo hin jiraatne ta’e oliyyannoon ni haqama.(SDFY kwt
195(1))
Issue

• Adeemsi ni dhiyyeesisa fi hin dhiyyeesisuu jedhuu seera


deemsa falmii yakkaa amma hojii irra jiru keessatti wanti
tumame jiraa? hojimaanni hoo maal fakkaata?
Haa ta’u malee seerichi hiikkoof saaxilamaa ta’ee hojimaanni adda
addaa akka jiraatu taasisee jira.

Adeemsoota kanneen Dhimmoota qabatamaa waliin kaasuun haala


armaan gadiitiin ilaalla.
Adeemsa ni dhiyeessisaa
ilaalchisee adeemsota jiran.
Adeemsa 1ffaa

Galmeen qoratamee ijoon


qabame ni dhiyeessisa jechuun Murtiin ni
deebii kennaan barreeffamaan kennama.
deebii akka dhiyeessu
(Day 4)
ajajama.(SDFY kwt 187(4) – Deebii kennaan deebii barreeffamaa
dhiyeessa qorachuuf beellamni
OS Galmee banee (day 2) kennama.
qorachuuf(AS ykn (day 3)-
OS) jechuun ajaja ol’iyyataan deebii deebii yoo qabaate
kenna.(day 1) beellama dura galmeen wal haa
qabsiisu jechuun ajajamaa.
Adeemsa kana MMWO dhaddacha jiddu galeessa irratti galmeelee
kanneen akka lakk. 353654, 353444, 353112 fi 354316 ta’e irratti
hordofame jira.

Dabalataan MMWO dhaddachii Bahaa galmeelee kanneen lakk,


372671,372980 fi 384660 ta’e irrattiis adeemsi kun hordofamee jira.
Dhimma MMWODHB lakk.G 372617
OS Galmee banee dhaddachaaf dhiyeesse. AS Qorachuuf jechuun ajaja
kenne.(Day 1)

Galmeen qoratamee ijoon qabame ni dhiyeessisa jechuun deebii kennaan


barreeffamaan deebii akka dhiyeessu ajajame.(Day 2)

Deebii A/A fudhatame qorachuuf beellamame.(Day 3)

Murtiin kenname.(Day 4)

Dhimma kana irratti ol’iyyataa deebii AA kenneef deebii akka dhiyeessu


carraan kennamees hin jiru.
Adeemsa 2ffaa
OS galmee banee qorachuuf beellama kenna ykn dhaddachatti
dhiyaata (Day 1)

Dhaddachi galmee qoratee ijoo qabate ni dhiyeessisa jechuun deebii


kennaan afaaniin akka falmii gaggeessu ajaja kenna(Day 2)

Falmii Afaanii gaggeessuu(jechaan)-Day 3

Murtiin kennama.(Day 4)
• Adeemsi kun irra caalaa MMO biratti kan baratameedha. Fknf
MMOGHB Lakk.G 54289, MMOGSH Bahaa Lakk.G. 64869,
MMOG Arsii Lakk.Galmee 98619 fi 96370.

• Galmee manneen Murtii ol’aanaa hedduu irratti adeemsa


kanatu hordofama jechuu dandeenya.
Adeemsa 3ffaa
Galmeen baname dhaddachaaf dhiyaate komii ol’iyyataa dhagahuuf
jechuun beellamni kennama.(Day 1)

(Yeroo tokko tokko galmee qorachuun komii dhagahuuf kan jedhanii


beellama kennaniis jiru)

Galmee qoratame komii dhagahuu ibsuun xalayaan waamichaa deebii


kennaaf haa ergamu dhiyaatanii haa falman jechuun ajajuu (ijoon
qabamu hin jiru)-Day 2
Falmicha afaanii dhagahu ykn barreeffamaan fudhatanii murtiif
beellama kennuu. Barreeffamaan kan fudhataniif karaa mana
galmeetiin deebii deebii wal haa qabsisuu jechuun ajaju.(Day 3)

Murtiin kennama.(Day 4)
Adeemsi kun Manneen Murtii Federaalaa keessatti mul’ata.
MMWF Lak.Gal 200252,200253, 200254(galmee kana irratti
jechaan dhagahame) irratti adeemsi kun jira.

Adeemsa kana keessatti qabxiin ilaalamu ijoon ni dhiyeessisa


jedhamu qabamu hin jiru.
• Ol’iyyata dhagahuun akka dirqamatti fudhatu.(sababa humna ol
yoo ta’een ala fkf galmee 200254 ta’e irratti vc waan hin hojanneef
osoo ol’iyyatoota hin dhagahiin qoratamee ajajni ni dhiyeessisa
jedhu kenname jira.)
Adeemsoota
kanneen akkamitti
ilaaltuu?
Remark-Adeemsa ni dhiyeessisaa.
Adeemsi SDFY
Mirgi dhagahamuu ol’iyyataa haala kaa’e.

mirkaneessuun ta’u qaba. Galmeen baname


dhaddachaaf dhiyaata.
(Day 1)
Falmiin ol’iyyannoo afaaniin qofa
A/S dhagaha ol’iyyannoof beellama.(187(4)
gaggeeffama. fi 192)-abbootiin dhimmaa falmiif akka
dhiyaatan ni ajajamu(Day 2)

Falmii ol’iyyannoo
gaggeessa.(Afaaniin falmiicha
gaggeessa)-SDFY kwt 192-Day 3

Murtii kennaa. Day 4


Ijoon ni dhiyeessisa jedhame qabamu hin jiru.
Manni murtii komii ol’iyyataa(ground of appeal) akka ijootti ilaala.
SDFY keessatti ijoo frame gochuu ilaalchisee wantii kaa’ame hin
jiru. Even at trial court kwt 136(1)-pp shall open his case…jechuun
kaa’aa.
Barreeffamaan falmiin gaggeeffamu hin jiru.

falmiin afaaniin geggeeffamu ilaalchisee, namoota dandeetti


falmii afaanii geggeessuu hin dandeenye irratti miidhaa waan
fiduuf falmichi barreeffamaan geggeeffamuu qaba jedhanii
ogeessoonni kaasan jiru.
Haa ta’u malee seerichi ifaan kaa’ee jira.

Muuxannoo jiruniis namoonni haasa’uu hin dandeenye muraasa, carraa akkasii


kennuun sirnaan akka dhimma isaanii hubachiisan carraa kenna waan ta’eef
mirga dhagahamuu mirkaneessuu keessatti gahee ol’aanaa qaba waan
ta’eef afaaniin ta’uun bu’aa qabeessa.(OS Mambare Tsahaay Taaddasaa)

Barreeffamaan ta’uun mirga ariitiidhaan murtii argachuu kan dhiphisuu fi


baasii hin malleef abbootiin dhimmaa akka saaxilaman taasiisa.
Qabatamatti dhimmoota yakkaa keessatti akka naannoo keenyatti ijoon kan
qabamaa jiru yoo ta’u, ijoo qabamu keessattis rakkooleen mul’atan yeroo
ilaalluu ijoowwan murtii akeekuu danda’an qabachuun jira. Fknf

Ragaan ittisaa himatamaa irraa ittisee osoo jiru murtiin balleessummaa


kenname sirriidha?
• FKNF: Gocha yakkaa butii fi dirqiidhaan gudeeduu jedhame himata
dhiyaate xiinxala ragaa galmee keessaa waliin yeroo ilaalluu, iyyataan fedhii
miidhamtuun alatti dirqiidhaan butuun haala haqaa mirkaneessuunii fi
ulaagaa tumaa S/Y kwt 589(1) guutuun osoo hin qulqullaa’iin keewwata
kana jalatti murtiin balleessummaa kenname deeggarsa seeraa qaba moo?hin
qabu?(ijoo dhaddachi ijibbaataa qabate)
Adeemsa hin dhiyeessisuu
Ol’iyyannoon erga baname booda manni murtii bu’uura SDFY kwt 192 tiin
guyyaa dhagaha ol’iyyannoo ni murteessa. Abbootii dhimmaas ni beeksiisa.

Guyyaa Dhagaha Ol’iyyannoo murteesse sana deebii kennaan akka dhiyaatu


ajajamees dhiyaachuu qaba.

Sana booda ol’iyyataan komii isaa dhiyeessa. Sana booda komii ol’iyyataan
dhiyeesse fudhatama kan hin qabne ta’u isaa yoo hubate falmii deebii kennaa
osoo hin dhagahiin komiicha kufa godha.(SDFY kwt 195(1)- Bench Book on
appeal-bara 1997 (በፍ/ቤቶች ማሻሻያ ፕሮጀክት እና በፍትህ/አካላት/ባ/ስልጠና/ማዕከል በጋራ የተዘጋጀ )
Qabatamaatti adeemsoota jiran
Galmeen OS banee qorachuuf jechuun beellamni kennama.(Day 1)

Galmeen qoratamee ajajni ykn jal-murtiidhaan bu’uura SDFY kwt 195(1) hin
dhiyyeessisu jedhama.(Day 2)

Adeemsi kun Manneen Murtii Oromiyaa keessatti kan baratameedha. Fknf


MMWODHB lakk. 384836, 384875, 384842…MMOGH Liixaa Lakk.
61044, MMOGH Bahaa Lakk. 54401 etc

Adeemsa kana keessatti carraan ol’iyyataa dhagahamu hin jiru.


Adeemsa MM Federaalaa
Galmeen baname dhaddachaaf dhiyaate ol’iyyataa komii isaa irratti
dhagahuuf jechuun beellama kennu(Day 1)- yeroo tokko tokko galmee
qorachuun ol’iyyataa dhagahuuf jechuun beellamu.

Ol’iyyataa komii isaa irratti dhagahuun sababa dhimmichatti seensisu


hin jiru jechuun komiin fudhatama hin qabu.(day 2)

Deebii kennaan hin yaamamuu. Deebii kennaan kan waamamuu ol’iyyataa


erga dhagahamee booda sababa seensiisu jira yoo jedhame akka dhiyaatu ajajni
kennama. Fknf MMWF L.G 200251
Issues
Haalli raawwii SDFY kwt 195(1) akkam ta’u qaba?dhimmicha keessa
seenuuf sababa gahaan hin jiru jechuuf dirqama deebii kennaan
dhiyaachuu qabaa? ol’iyyataa qofa dhiyeessuun komii dhagahuun cufuun
ni danda’amaa? seenuun hin barbaachisu jenna ta’ee deebii kennaa
waamuun maaliif barbaachisa?

Ajaja bu’uura SDFY kwt 195(1) tiin kennuun dura Ol’iyyataa dhagahuun
barbaachisaadha yoo jenne, sababa humna ol ta’een ol’iyyataan
dhiyaachuu yoo hin dandeenye hoo?
Remark
Hafuurri seera deemsa falmii yakkaa keewwatoota 192 fi 195(1) komiin
ol’iyyannoo akkuma dhiyaaten battalummatti galmee qorachuun bu’uura s/d/f/y/
kewt.192tiin guyyaa ol’iyyannoon bitaa-mirga itti dhagayamu murteessun/ajaja
kennuun/ ni beellamama.

Gama biraatin komiin battalumatti yommu qoratamu sababni dhimma keessa


seensisu yoo hin jiraanne deebii kennaa yaamuu osoo hin barbaachisin bu’uura
s/d/f/y/ kewt.195 (1) komii ol’iyyannoo fudhatama ni dhabsiisuu dha.
Ol’iyyataa dhagahuun barbaachisaadha. kuniis mirga dhagahamuu isaa
mirkanneessuu keessatti gahee ol’aanaa qaba.

Guyyaa dhagaha murteessitee deebii kennaa waamtee ol’iyyataa erga


dhageesse booda galmee cufta jechuun SDFY kwt 195(1) jalatti kan kaa’ame
mirga dhagahamu ol’iyyataa mirkanneessuufiidha.

 Haa ta’u malee dhageessee kan cuftu yoo ta’e immoo deebii kennaa
yaamuun hin barbaachisu.
Kanaafuu mirga dhagahamuu mirkanneessuuf akkasumas deebii kennaa baasii
hin malleef saaxiiluu dhabuuf deebii kennaa osoo hin waamiin ol’iyyataa
dhagahuun caalmaatti bu’aa qabeessa ta’aa.

Haa ta’u malee ol’iyyataan sababa amansiisaatiin dhiyaate dhagahamu hin


dandeenye ta’e sababa kanaan ol’iyyanni bira darbamu waan hin qabneef
sababa humna ol ta’e jiraachuu isaa ibsuun komii isaa galmee faana qorachuun
ajaja kennuun barbaachisadha. Fknf VC jiraachuu dhabuu,Manni
Sirreessaa fageenya irra jiraachuu fi sababoota biroo jiraachuu danda’u.
Deemsi SDFY kwt 195(1) jalatti hordofamuu qabu…..

Galmee banuun dhaddachaaf dhiyeessuu(OS)

Ol’iyyataa komii isaa irratti dhagahuu

Galmee qorachuun ajaja kennuu


Remark-adeemsii ni dhiyeessisa fi hin dhiyeessisu
jedhu irratti
Garagalchii komii ol’iyyannoo akkuma dhaqabeen guyyaa dhagahaa ni
murteessa.(SDFY 192)
sana booda guyyaa dhagahaa ol iyyannoof beellamametti ol iyyataan komii qabu
irratti falmii isaa dhiyeessuudhaan deebii kennaan immoo falmii dhiyaate irratti
deebii erga kennee booda ol iyyataan falmii keessa deebii taasiisuun falmichi ni
xumurama.
Manni murtichaas guyyaa dhagahaa kanatti abbootii dhimmaa lamaanuu erga
dhagahee booda gara dhimmichatti seenuun barbaachisaa miti jechuun yoo itti amane
bu‟uura SDFY kwt. 195(1) tiin ol iyyannoo dhiyaate ni haqa.
SDFY kwt. 195 yeroo ilaallu mata-dureen isaa „caption‟ Aangoo mana murtii ol
iyyannoo(power of court of appeal) kan jedhu yoo ta‟u kun immoo SDFHHkwt. 348
jalatti mata-duree kaa‟ame waliin kan wal-fakkaatuu dha. Kunis aangoon mana murtii
ol iyyannoo dhagahuu SDFY kwt. 195 jalatti kaa‟ame keessaa tokko murtii mana
murtii jalaa cimsuu, fooyyeessuu, diiguu ykn qajeelfamaan deebisuu akka ta‟e ilaaluu
dandeenya.

Gama kanaan SDFY kwt.195(1) jalatti keessa seenuun yoo hin barbaachifne jechuun
gaaleen ibsame murtii mana murtii jalaa cimsuu kan jedhu kan bakka bu‟uudha.
Simeneh Kiros…
• Akka waliigalaatti seerichi haala kanaan kan kaa’e waan ta’eef
adeemsi ni dhiyeessisa jedhu fi deebii kennaa osoo hin waamiin
ol iyyannoo hin dhiyeessisu jedhu seericha waliin kan deemuu
miti.
Indian crim. Proc. code(1973) section 384. Summary dismissal of appeal- If upon examining the
petition of appeal and copy of the judgment received, the Appellate Court considers that there is no
sufficient ground for interfering, it may dismiss the appeal summarily:

Provided that—

(a) no appeal presented shall be dismissed unless the appellant or his pleader has had a reasonable
opportunity of being heard in support of the same.

(b) no appeal presented shall be dismissed except after giving the appellant a reasonable opportunity of
being heard in support of the same, unless the Appellate Court considers that the appeal is frivolous or
that the production of the accused in custody before the Court would involve such inconvenience as
would be disproportionate in the circumstances of the case.
Final Draft Criminal law Procedure and Evidence Code Art 348-

ol’iyyataa erga dhagahee booda ajaja akka kennu kaa’a.

Yoo ol’iyyataan dhiyaachuu hin dandeenyee fi isa dhagahuu malee


ajaja kennuun hin danda’amne ta’e immoo galmee cufe deebisa.

Osoo ol’iyyataa hin dhagahin ajaja kennuun danda’ame immoo ajaja


kennu ni danda’a.
350
Issue
Bu’uura SDFY kwt 195(1) tiin dhimmi raawwatamu ajajaan cufama
moo? Jal-murtiidhaan? Murtiidhaan/ajajaan? sababnii caqasuun dirqama
moo? miti?
MMF :ውሳኔ jedhu. Sababa kan barreessuu(majority)-kan hin barreessinees
jiru.
 MMO: Ajajas –jal-murtiis jedhu. Sababeessanii barreesuu.(Majority)
MMWDHB- Jal-murtii(Lkk.G-384836,384875)- Ajaja –L.G-384842-
hunda irratti sababaan xiinxalamee jira.
Remark
Maanuwaaliin KTAS- Murtii kennuu jedha..Garuu formii irrattii Ajaja
kennuu. Sababni akka kaa’amu kaa’a.

 Qajeelfama odiitii 14/2013-sababaan kan deeggarame fi sirnaan kan


xiinxalame-Murtiin(Ajajni)

Ajajni bu’uura SDFY kwt 195(1) tiin kennamu ajaja dhumaati. Bu’aa
walfakkaata ajajoota kanneen biroo waliin qaba.

Draft crim. Proce- ውሳኔ-Decisions-Galmee jechoota ILQSO-Decisions-


Murtii
Amala mana murtii keessa tokko ajaja, jal-murtii fi murtii kennuu hunda isaa
sababa itti kenne ibsuu qabaachuu isaatti. (general principle-Natural justice
principle.)

Mirga haqa argachuu fi dhagahamuu namni kamuu qabu ittiin mirkanaa’u


keessaa tokko waan dhiyeesseef sababaan deeggaramee yoo abbaa dhimmaaf
ibsameedha. Yoo hin taanee mirgichi guutuu hin ta’u.
Kanaafuu komii dhiyaate ilaalchisee sababa fudhatama hin arganne ibsuun
sirnaan xiinxaluun amantaa manneen murtii dabaluu keessatti gahe kan
qabudha.

Kanaafuu xiinxalamee kennamuun haqa qabeessa. SDY kwt 195 sababeessi


kan jedhu hin jiru garuu bu’aa murtii dhumaa kan qabu waan ta’ee
sababeessuun barbaachisadha.
Guduunfaa
Sirni dhagahaa ol’iyyannoo mirga dhagahamuu abbootii dhimmaa
kan sarbu ta’u hin qabaatu.(Heericha kwt 13)- ICCPR -kwt 2(3)

Sirni ol’iyyannoo dhimmoota komiin irratti dhiyaate hunda irratti


raawwatiinsa qaba. fknf oliyyannoo mirga wabii, yeroo beellamaa
kkf irrattis
Adeemsi ol’iyyannoo kaayyoo SDFY dhimmoota ariitiidhaan haala
bu’aa qabeessa ta’een raawwachuu waliin kan deemu ta’u qaba.

Falmiin ol’iyyannoo afaanii adeemsifamu qaba. haala addaatiin seeraan


haala ifa ta’een yoo ibsame qofa barreeffamaan fuudhamuu
danda’a.(dambii 6/2011-MMWODHI) -MMWFDHI-1234-kwt 28(4)
Dhiyaatinsaa fi Hafiinsa
Walfalmitootaa
Gaafa ol’iyyannoo dhagahuuf beellamameetti bitaa fi mirgi ykn
abukaatoon dhiyaatanii falmii gaggeessuu qabu.(SDFY kwt 192)

Ol’iyyataan(AA dabalate) ykn Abukaatoon isaa yoo hafe deebii


kennaan dhiyaate ta’e bu’uura SDFY kwt 193(1) tiin galmeen ni
cufama. Sababa gahaa yeroo itti aanuu yoo dhiyeesse galmiicha
sochosuun gaafachuu ni danda’a.
Deebii kennaan ykn abukaatoon isaa yoo hafe xalayaan waamichaa sirnaan
dhaqqabuu isaa qulqulleessuun bakka hin jireetti falmichi ni gaggeeffama.
(SDFY kwt 193(2)

Manni murtii guyyaa dhagahaa murteessee akka dhiyaatan ni beeksiisa.

Ajajni dhimma kana irratti kennamu abbootiin dhimmaa akka beekaniidha


kan taasifamu.
Keessattuu deebii kennaan himatamaa yoo ta’ee manneen murtii xalayaan
waamichaa akka dhaqqabu qofa taasisuu qabu.(only notify)-in case of bilisa
bahu,adabbii daangeeffamu ykn adabbii qarshii.

Dirqamaan poolisiidhaan akka dhiyaatu gochuun barbaachisaa miti.


Dhimma Qabatamaa MMOGAONF L.G-74045
Manni murtiichaa adabbii kenname waan daangeessseef AA ol’iyyannaa
dhiyyeessee jira.

MMO dhimmicha ni dhiyyeessisa jechuun ajaja erga kennee booda poolisiin


deebii kenniitoota akka qabee dhiyeessu jechuun ajaja kennee jira. haa ta’u
malee beellama itti aanutti AA akka xalayaan dhaqqabu gaafate immoo akka
poolisiin xalayaa waamichaa dhaqqabsisuu jechuun ajaje jira.

MMWO L.G-352404- Deebii kennaaf poolisiin waamicha


dhaqqabsisee nagahee haa dhiyeessuu jechuun ajajameera.
Manneen Murtii bakka deebii kennaan hin jirreetti falmiin akka gaggeeffamu
ajajuuf xalayaa waamichaa deebii kennaaf bu’uura sdfy kwt 187(4) fi 192 akka
dhaqqabu tattaaffii fi carraaqqii gahaa taasisuu qabu.

Bakka hin jireetti falmii gaggeessuun mirga dhagahamuu fi falmii


dhiyeessuu himatamaa kan dhiphisuu waan ta’eef dhaqqabsiisanii xalayaa
waamichaa sirnaan of eeggannoodhaan raawwatamu kan qabu ta’u isaa
heericha kwt 20(4) fi ICCPR kwt 14(3)(b)(d) kan hubachisudha.
Issues

1. Ol’iyyataan mana hidhaa jiru ol’iyyannaa isaa erga dhiyeessee booda


sababa isaatiin osoo hin ta’iin gaafa dhagahaaf beellamame hafe
furmaanni maal ta’u qaba? bu’uura SDFY kwt 193(1)tiin cufun
sirriidhaa? fkn vc hojjachu dhabuu,MAS sababa humnaa oliitiin
dhiyeessuu dhabuun, AA barreessee deebii yoo dhiyeesse
2. Ol’iyyataan yeroo hangam keessatti galmee cufame sochoosuu
danda’aa?

3. Ol’iyyataan hafee deebii kennaan dhiyaatee komii dhiyaate irratti


mormii kan hin qabne ta’u isaa yoo ibsee ta’e murtii kennuun ni
danda’amaa moo?hin danda’amu?
4.. Gaafa dhagahaaf beellamame AA yoo hafe bakka hin jirreetti
haa ilaalamu jenne falmii ol’iyyataa kophaa isaa dhagahuun
maaliif barbaachisa?komii isaa qorannee murtii kennuuf jenne yoo
beellamne hoo?
Dhimma Qabatamaa MMWF L.G-200254

Ol’iyyattoota komii isaanii dhagahuuf gaafa beellamame MASG


Harargee(Ciiroo) akka isaan dhiyeessuu jechuun ajaja kenne jira.

Haa ta’u malee gaafa beellamaa sababa VC hojjachuu hin


dandeenyeef ol’iyyattoota dhagahuun waan hin danda’amneef
sababa gahaa ta’uu isaa ibsuun bira darbuun komii isaanii fi galmee
jalaa qorachuun ajaja kennee jira.
Remark
Ol’iyyataan sababa gahaadhaan dhiyaachu kan hin dandeenye ta’u MM
yoo mirkanneesse beellama kennu qaba malee cufu hin qabu. (Jildii
7ffaa L.G-35611)- Miseensa raayyaa ittisaa dirqama irra jiraachu yoo
mirkannaa’e- Hanga yoomii jijjiraan beellamaa kennama??????

Ol’iyyataan sababa humnaa oliitiin dhiyaachuu hin dandeenye taanaan


galmee cufuun haqa qabeessa hin ta’u. mirga haqaa argachuu
ol’iyyataa kan daangeessu ta’a
Manni murtii sababa kana madaaluun falmii deebii kennaa fudhatee
komii faana qoratee murtii kennuu qaba. MMOGA L.G. 86923-
ol’iyyataan MAS Martii turee MASGA dhiyeessuuf baajata hin
qabnu jedhee. VC hin jiru. Deebii kennaa falmii isaa fudhachuun
murtiin kennameera.
Draft CRPC-kwt 351(1)-yoo sababa bitaa fi mirgi hafanii
galmeen cufame ta’e ji’a tokko keessatti sababa gahaan sochosuu
qaba.-what if ol’iyyataan hafee galmeen cufame? no solution

Art 350(1)(e)-where both parties fail to appear,


the court shall strike out the case

Wixinee kun kwt 350 jalatti yoo deebii kennaan hin mormine
murtiin ni kennama.
Issue

Bu’uura SDFY kwt 193(2) tiin bakka deebii kennaan hin jireetti
falmiin gaggeeffame kan murtaa’e yoo ta’e furmaanni deebii
kennaan qabu maali?

Bu’uura SDFY kwt 197-202 jiraniin moo? mana murtii itti aanuutti
ol’iyyannoo dhiyeessuudha? furmaanni biroo hoo jiraa?
MMWFDHI Jildii 12ffaa Lakk.Ga. 57632
Iyyataan MMOF tti ajeechaa dagannoodhaan himatame. Iyyataan dhiyaatee
ragaan AA dhagahamee jira.

MMOF: Ragaan AA mirkanneessuu hin dandeenye jechuun bu’uura SDFY


kwt 141 tiin bilisaan gaggeessee jira.

A/A ol’iyyannoo MMWF tiif dhiyeessee jira.

MMWF: Ragaan AA mirkaneessee waan jiruuf iyyataan offirraa ittisuu qaba


jechuun ragaa ittisaa akka dhagahamu qajeelfamaan deebisee jira.
MMOF:bu’uura qajeelfamaatiin ragaa ittisaa dhagahuuf yoo jedhu AA
himannaa koo gara ajjeechaa cimaatti fooyyeessuu nan barbaada jechuun
iyyatee jira. Manni murtiicha hin danda’amu jechuun kufaa taasisuun ajjeechaa
dagannoodhaan iyyataa balleessaa taasisuun adabbii kenneerra.

AA himannaa akka fooyyeessinu hayyamamuu qaba turee jechuun ol’iyyannaa


MMWF tiif dhiyeesse.

MMWF: himannaa akka fooyya’u ajaju osoo qabu bira darbuun sirrii miti
jechuun murtiicha diiguun himannaan akka fooyya’u ajajee deebise.
MMOF: himannaa fooyya’e ajjeechaa cimaa dhiyaate simachuun iyyataan
akka dhiyaatu ajajuus dhiyaachuu waan hin dandeenyeef gaazeexaan waamicha
taasisee bakka hin jirreetti falmii gaggeessee ragaan AA ajjeechaa cimaa
iyyataan raawwatamu hin mirkanoofne jechuun bilisaan gaggeessee jira.

AA ol’iyyannoo MMWF tti dhiyeessee jira.

MMWF: iyyataan akka dhiyaatu gaazeexaadhaan waamee waan hin


dhiyaanneef bakka hin jirreetti bu’uura SDFY kwt 193(2) tiin falmiicha
gaggeessuun ragaan dhiyaate ajjeechaa dagannoo mirkanneessa waan ta’eef
keewwaticha jijjiruun balleessaa gochuun adabbii kenne jira.
Iyyataan iyyannaa bu’uura SDFY kwt 197 tiin MMWF tiif dhiyeessee falmiin
bakka anii hin jireetti bu’uura SDFY kwt 193(2) tiin gaggeeffame osoo anii hin
dhagahiin fi xalayaan osoo na hin dhaqqabin waan ta’eef narraa haa ka’u
jechuun gaafatee jira.

MMWF: iyyataan yeroo duraa falmaa osoo jiruu keewwanni jijjiramuu isaa
beekuun mirgi wabii waan dhoorkamuuf biyya alaa kan deeme waan ta’eef
iyyanni isaa kufaa jechuun bu’uura SDFY kwt 202 tiin kufaa taasisee jira.

Iyyataan murtii kana komachuun MMWFDHI tiif ol’iyyannoo dhiyyeesse.


MMWFDHI. Bakka hin jireetti falmiin ol’iyyannoo bu’uura SDFY kwt
193(2) tiin yoo gaggeeffame adeemsoota SDFY kwt 197-202 jiraniin Manuma
murtii sanatti gaafachuu ni danda’a. kanaafuu iyyataan gaafatee jira.

 bu’uura SDFY kwt 202(2) tiin iyyannaan kufaa yoo ta’e murtii balleessummaa
irratti ol’iyyachuun hin danda’amu. Haa ta’u malee adabbii qofa irratti
bu’uura SDFY kwt 202(3) tiin guyyaa 15 keessatti ol’iyyachuu ni danda’a.
kanaafuu balleessummaa irratti dhaddachi ijibbaataa ilaaluu hin danda’u.
adabbiin immoo sirriidha jechuun kufaa godhee jira.
• Sagalee xiqqaa(N-2) immoo: fuula 11
 Raawwiin keewwattoota SDFY kwt 197-202 jiran falmii jalqaba irratti ajaja
bu’uura SDFY kwt 160-163 jalatti kennamaniif qofaadha. Kunis adabbii isaanii
waggaa 12 yakkoota adabsiisaniif qofa. Special procedure in case of default.

Raawwiin SDFY kwt 193(2) immoo namoota hundaaf yoo ta’u innis
ol’iyyannoo qofa irratti raawwata. Kanaafuu bu’uura kanaan falmiin bakka hin
jireetti gaggeeffameef kwt 197-202 raawwii hin qabu. Absence of respondent to
appeal
• Kanaafuu achitti iyyachuuf seeriichi hin hayyamu. Bu’uura kanaan
iyyataan furmaanni isaa mana murtii sadarkaa ol’aanu jiruuf
ol’iyyachuudha. Kanaafuu dhaddacha ijibbaataa kanaaf
iyyachuun isaa sirriidha. Murtii dhumaa kan jedhamu waan ta’eef
ilaalamuu qaba.
Remark
Bu’uura SDFY kwt 193(2) tin falmiin bakka hin jireetti ajajamuuf xalayaa waamichaa
sirnaan qaqqabsiisuu.( fknf gaazeexaadhaaniis)

Kuniis gaazeexaa naannoo tokkoo keessatti naannawuuf qofa osoo hin ta’iin biyyatti
keessatti gaazeexaa tamsaasa qabuun. (MMWFDHI L.G 173967-hin
maxxanfamnee)

SDFY kwt 197-202 jiran falmii bakka hin jireetti bu’uura SDFY kwt 193(2) tiin
gaggeeffameefiis raawwii qabu. (MMWFDHI jildii 12ffaa,LG.57632, Jildii 18ffaa
L.G. 98014)
Falmicha duubatti deebisuuf guyyaa 30 gaafa beeke irraa kaasee kan
lakkaawwamu ta’a. Akkasumas guyyaan ol’iyyannoo tare jechuun
registarii(OS) deebisuuf aangoo hin qabu.

kanaafuu Manneen Murtii sababa dhiyaate qofa madaaluun ajaja


barbaachisaa kennuu qabu. hanga guyyaa beeke irraa kaasee guyyaa 30
ta’etti.(SDFY 198)-DHI jildii 18ffaa L.G. 98014)
Deebii kennaan falmiin bakka inni hin jireetti bu’uura SDFY kwt 193(2)
ilaalame mana murtii jalatti iyyannaa dhiyeessuu dhiisee kallattiidhaan Mana
Murtii ol’iyyannoo dhagahuutti komii isaa yoo dhiyeesse wanti dhoorku
waan jiru hin fakkaatu. (no need of exhaustion local remedy)- garuu ijoo seeraa
qofa irratti fakkaata. Draft Cr.p.Code kwt 337- first you have to exhaust
available remedies at the lower court jedha.
Issue

Himatamaan bakka hin jirreetti falmiin akka gaggeeffamu


ajajame murtiin osoo hin murtaa’iin yoo dhiyaate hoo
bu’uura SDFY kwt 197-202 jiraniif iyannaa dhiyeessi ni
danda’a?
Remark
MMWFDHI L.G 228597(Hin maxx)-29/6/2015 murtaa’e- SDFY kwt 197-
202 raawwii kan qaban murtiin booda fakkaata. Haa ta’u malee manni murtii
bakka himatamaan hin jirreetti falmii dhagahuuf adeemsoota hunda(summon
service-stringent requirement) erga darbe ta’u qaba. Haa ta’u malee adeemsi
falmii osoo hin xumuramiin yoo dhiyaate ta’e SDFY kwt 199 jalatti dhimmoota
jiran mirkanneessu yoo danda’e iyyachuuf dhoorkamu hin qabu.

Kanaafu keewwatootni kun murtiin kennamu duras raawwii qabu jedheera.


Sirna Dhagahaa Ragaa
Dabalataa (SDFY kwt 194)
Akka qajeeltootti MM ol’iyyannoo dhagahuu dogongoora firii dubbii ykn
seeraa MM jalatti raawwatame sirreessuu yoo ta’u, kanas kan ilaaluu danda’u
ragaa dhagahame irrati hundaa’uudhaan ta’a.

MM ol’iyyannoo dhagahuutti falmiin haaraa dhiyaatu waan hin jirreef


abbootiin dhimmaa firii dubbii dhiyeessan ragaa qaban hunda duguuganii
dhiyeessuun dhaggeessisuu qabu.
• Kanaafuu yeroo hunda ragaa haaraa MM jalatti hin dhiyaanee
sadarkaa ol’iyyannootiin dhiyeessuun dogongoorri uumame akka
sirraa’uuf gochuun kan danda’amu miti.
Haa ta’u malee ragaa mana murtii jalatti hin dhiyaanne sadarkaa
ol’iyyannootti dhiyaatee adeemsi ittin ilaalamu immoo kaa’ameera.(SDFY
kwt 194).

kuniis Murtii haqaa qabeessa ta’e kennuuf kan gargaaru ta’u isaa
ibsuun fudhachuu danda’u.

Sadarkaa MM jalqabaatiis ragaan abbootii dhimmaatiin hin


lakkaawwamne murtii haqaa sirrii ta’ee kennuuf kan fayyadu dhiyaachuu
akka danda’uus kaa’ameera.(SDFY kwt 143)
Haa ta’u malee Manni Murtii ol’iyyannoo dhagahuu ulaagaalee
akkamii irratti hundaa’uun ragaan haaraa murtii haqaa qabeessa
ta’ee kennuuf gargaara jechuun ajaju danda’a kan jedhu qabatama
keessatti yeroo rakkisuu ni mul’ata.
• SDFY kwt 194 irraa kan hubatamu MM ol’iyyannoo
ragaa kana dhagahu qaba jedhe yoo murteesse malee
abbootiin dhimmaa waan gaafataniif qofa kan dhagahamu
miti.
SDFY kwt 143 fi 194 kaayyoon isaanii tokko fakkaata. Murtii
haqaa qabeessa ta’e kennuuf gargaaruu isaaniiti.

Kanaafuu SDFY kwt 194 jalattiis abbootiin dhimmaa


gaafachuuf wanti daangeessu hin jiru.
Ragaan dabalataa akka dhiyaatu ajajamee manni murtii ofii isaa
dhagahuu qaba moo?Manni Murtii jalaa dhagahee akka murteessuu
ajaju qaba kan jedhu ilaaluun barbaachisadha.

Gama kanaan SDFY kwt 194 irraa kan hubatamu ofii akka dhagahu
danda’uu dha.

Haa ta’u malee ragaan mana murtii jalatti ilaalamuu qabu deebi’e
ajajame akka qulqullaa’u danda’u taasisuun ni danda’ama.
Fknf Odiitiin bakka himatamaan jiruutti irra deebi’ee akka qulqullaa’u
taasisuun barbaachisadha jedhame yoo itti amaname MM jalaa irra deebi’e
odiitii taasisee akka murtii itti fakkaate kennuu ajajuun ni danda’ama jechuu
dandeenya.

Ofii murteessisuus qajeelfamaan deebisuus ni danda’aa.

(MMWFDHI jildii 22ffaa L.Galmee 127484- sdfy kwt 143,194,195(2)(b))-


kuun mirga olliyyannoo himatamaas ni bali’isa jedheera.
• Indian CR.P section 391- The Appellate Court, if it thinks
additional evidence to be necessary, shall record its reasons
and may either take such evidence itself, or direct it to be
taken by trial court.
Kenniinsa Murtii fi Aangoo Mana
Murtii Ol’iyyannoo
Manni Murtii ol’iyyannoo dhagahuu
ol’iyyannoo erga dhagahee booda
murtiiwwaan kennuu danda’u SDFY
kwt 195 jalatti tarreeffamanii jiru.

Cimsuu Diiguu

Fooyyeessuu
Haa ta’u malee komiileen dhiyaatan hundi isaanii aangoo SDFY
kwt 195 jalatti argamaniin xumura argachuu dhabuu danda’u.

Fknf ajaja ragaa fudhachuu fi fudhachuu dhabuu irratti kennaman,


MSD irratti kennaman, haala kenniinsa beellamaa irratti kennaman
ilaalchisee ilaaluu dandeenya.
MM ol’iyyannoo dhagahuu murtiin kennuu komii dhiyaatu
irratti hundaa’a.

Kanaafuu manni murtii ol’iyyannoo dhagahu sababoota


dhiyaatan irratti hundaa’uun murtiiwwan qajeelfamaan mana
murtii jalatti deebisisuu danda’an kennu danda’a.
SDFY kwt 195(2) jalatti Manni Murtii ol’iyyannoo, dhimmicha gara mana
murtii jalatti deebi’e akka hin ilaalamne ni dhoorka jechuun hiikkaa kennuun
sirrii miti.

Manni Murtii Ol’iyyannoo dhagahu qajeelfamaan mana murtii jalatti deebisee


akka irra deebi’amee ragaan fuudhamee qulqullaa’ee akka murtaa’u gochuuf
aangoo qaba. kun mirga ol’iyyannoos ni bal’isa. MMWFDHI jildii 22ffaa
L.Galmee 127484- sdfy kwt 143,194,195(2)(b))
Emphasize.
Murtiiwwan MM ol’iyyannoo dhagahuu akka hin kennine dhoorkamu danda’an immo jiru.
A/A ol’iyyannoo gaafatee himatamaan kan hin gaafanne yoo ta’e Manni Murtii murtii
himatamaa bilisaan gaggeessuu ykn adabbii hir’isuu hin danda’u.
Himatamaan ol’iyyannoo gaafatee AA hin gaafanne ta’e immoo Manni Murtii
himatamaa irratti adabbii dabaluu hin danda’u. (jildii 21 L.G-131088)
Haala ifa ta’een adabbiin akka dabaluu ykn hir’atu gaaffiin seerummaa hin gaafatamne
taanaan MM ol’iyyannoo dhagahu haala adabbii dabalee murteessuu hin jiru. (MMWFDHI
jildii 10ffaa L.G.SDFY kwt 48617-SDFY kwt 195(2)(d))
 Qajeelfama adabbii yoo dogongoree ni danda’aamaa????
Wixinee SDFY ammaa keessatti kwt 353 jalatti dhimmoota armaan gadii
irrattii MM ol’iyyannoo dhagahu qajeelfamaan dhimmicha deebisuu
danda’aa jechuun kaa’eera. Fknf

 MSD irratti hundaa’ee jal-murtii kenname yoo ta’e

Himatamaan ittisuu osoo hin barbaachisin bilisaan gaggeeffame irratti-

Gara mana murtii jalatti deebisisuu danda’u sababnii biroo yoo jiraate
Issue
Dhimmoonni qajeelfamaan Mana Murtii jalaatti yeroo deebi’an waa’ee turtii
himatamaa ilaalchisee haala kamiin ajajama kan jedhuu ilaaluun
barbaachisaadha.

Yeroo jechi amantaa fi waakkii sirrii miti jedhamu.

MSD cufamuu hin qabu jedhamu

Ofirraa ittisuu qaba turee yeroo jedhamu etc.


Remark
Yoo jechi amantaa sirrii miti jedhame- himatamaan akka gadhifamuu fi achitti
waamichi yeroo godhamuu akka dhiyaatu gochu qabu.

 Kunis himatamaan jechii amantaa kenne sirrii miti yoo jedhame jechi waakkii isaa
irra deebi’ame fudhama waan ta’eef sababni hidhamee karaa mana Amala Sirreessatiin
dabarfame kennamu sababni seeraa hin jiru. (Jildii 18ffaa Lakk.Galmee 111742)

Garuu Yoo ragaan ittisaa haa dhagahamu jedhame hoo? Already ittisi
waan jedhameef dabarfamee gara w/poolisii aanaa saniif kenname achitti
wabii ilaalchisee ajajni barbaachisaan akka kennamu gochuun
barbaachisaadha.
Namoota adabaman keessa ol’iyyannoo

namoota muraasaa fi bu’aa isaa.


Namoonni adabaman sababoota adda addaatiin ol’iyyannoo osoo hin
gaafatin hafuu danda’u.

Gama kanaan namoonni adabaman lamaa ol ta’an, isaan keessa muraasni


ol’iyyannoo fudhatanii murtiin komatame yoo bu’aa gaarii yoo fide isaan
hafaniis fayyadamoo akka ta’an SDFY kaa’eera.(Kwt 196)

Fayyadamummaan kun murtii bilisaa, adabbiin hir’achuu ykn


keewwanni jijjiirame adabbii salphaan adabamu ta’uu danda’a.
• Haa ta’u malee yeroo hunda bu’aan murtichaa gaarii waan ta’eef
namoonni hafaniis fayyadamoodha jechuu hin dandeenyu.
Dhimmootni armaan gadii guutamuu isaani qulqulleessuun
barbaachisadha.

• Murtiin ykn Adabbiin kenname dhimmoota


dhuunfaa(individualize) S/Y kwt 41 ykn 88(2) irratti kan
hundaa’an yoo ta’an hin danda’amu. Fknf –
ol’iyyataan sababa ragaan isaa irratti hin mirkaneessineef bilisa
yoo bahe

Hirmaannaan isaanii adda adda yoo ta’e

Sababni adabbii hir’isuuf gaafatame garagara yoo ta’e


SDFY kwt 196(1) yeroo ilaalluu nama ol’iyyannoo hin dhiyeessine irratti
qofa akka raawwatiinsa qabu fakkaata.

Haa ta’u malee himatamaan ol’iyyannoo gaafatee dhimmi isaa hin dhiyeessisu
jedhame SDFY kwt 195(1) tiin erga cufamee booda himatamtootni isa faana
adabaman immoo galmee biroo irratti ol’iyyannoo dhiyeessanii adabbiin yoo
hir’ateef sababa ol’iyyannoon isaa kufa ta’eef qofa fayyadamu hin qabu
jechuun hin danda’amu.
• Sababni dhuunfaa ta’e hanga hin jirretti ol’iyyannoo
dhiyyeessees dhiyyeessuu baatees fayyadamaa ta’u
qaba.(MMWFDHI jildii 18ffaa L.G-101056, jildii 20ffaa
L.G 101003 ilaalaa)
Gama kanaan haalli addaa adabbiin yeroo murtaa’u sababoonni S/Y kwt 1, 41
fi 88(2) fi sababoota adabbii cimsan fi salphiisan yoo hin jiraanne ta’e SDFY
kwt 196(1) haala walqixxummaa himatamtootaa bu’uura Heericha kwt 25
fi S/Y kwt 4 mirkanneessuun hiikkame hojiirra oluutu irra jiraata.

Keewwanni jijjirame yoo murtiin kenname immoo bu’uura keewwata


jijjirameetiin adabbiin yeroo ol’iyyataa irratti kennamu yeroo hunda adabbiin
walfakkaataa nama ol’iyyannoo hin dhiyyeessine irrattis kennamu qaba
jechuun rakkisaadha.
Namni ol’iyyannaa dhiyyeesse sun keewwata jijjirameen
fayyadamaa ta’e garuu adabbiin isaa haala dhuunfaa isaa irratti
hundaa’uun shallagamuu qaba.(MMWFDHI jildii 17ffaa L.G-
96378)
Issues

Haa ta’u malee namni ol’iyyannoo dhiyyeessee fi namoota


hafaniis fayyadamoo taasisee ol’iyyannoon irratti dhiyaate
deebi’e yoo adabame namoonni fayyadaman suun maal ta’u
danda’u?
End of part I

Home Of Laws.
https://t.me/eluLaw
SIRNA DHAGAHA OLIYYANNOO
DHIMMOOTA HARIIROO HAWAASAA
Ol iyyannoon dhimmoota hariiroo

• mirga seerri namaa kennu ykn nama irraa mulqu


dha jechuu dandeenya.
• Kanaaf, Bu’uura HM kwt.37’tiin dhimmoota
ilaalamanii murtaa’an irratti aangoo ol iyyannoo
MM idilee qabu maal akka fakkaatu adda baasuun
barbaachisaa dha.
..Cont’
Aangoo Ol
iyyannoo MM

Murtii MM
Murtii MM Idilee
Q/A/A/S qabaniin
Aangoo Ol iyyannoo Murtii Qaamolee A/Serummaa

Mana Murtii S/Duraa Federaalaa fi MMA


MMSDF dhimmoota seeraan ifatti kennaman irratti aangoo ol
iyyannoo ni qabaata.labsii 1234/013,kwt.16.
 Fkn. Labsii 1161/013 kwt.20(2)-murtii koree ol iyyannoo
irratti qaamni komii qabu guyyaa murtaa’e keessatti
MMSDF’tti ol iyyata dhiyeeffachuu akka qabu tumameera.
…cont’d
• Sadarkaa naannoo keenyaatti aangoo ol iyyannoo
MMA ilaalchisee labsii 216 wanta dubbatu hin qabu.
• Haata’u malee,seerota biroo keessaa labsii 128/99,
kwt.34(1) akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya.
Aangoo MMOF fi MMONO Murtii qaamolee AS

Aangoo Murtii komishiniin taaksii kenne,labsii


859/06,kwt.155(3)
MMOF
Fkn. Labsii Filannoo lakk. 1162/011 kwt.98(4),kwt.115(2),
galmeessa p/Siyaasaa fi taajabdootaa…

Bu’uura labsii 1156/011 kwt.140’tiin murtii inspektera,


ministeera fi boordii irraa ol iyyata dhiyaatu
…cont’d
Aangoo labsii 1161 kwt.20(2).murtii koree ol
MMO iyyannoo irraa dhufu

Fkn:- Labsii 216/011 kwt.30(6).Qaamolee aangoo AS


goonfataniin murtii kenname kamirrattuu
Dhimma
• Dhimma galmee Lakk.32581 ta’erratti dhaddacha gaafa 07/04/2013 ooleetiin
MMOGSh/Lixaatti ilaalamee jal-murtii argateetiin. Himataan himannaa w/ra
Bu/A/Me/Roobii fi W/ra Misooma Daandii Baadiyyaa Aanaa M/R irratti
dhiyeessetiin himatamtoonni sababa ijaarsa daandiitin beenyaa otoo naaf hin
kaffalin qabiyyeekoo lafaa koo na jalaa fudhachuun oomisha waggaa 15 na
dhabsiisan waan ta’eef bu’uura labsii lakk.1161/01tiin tilmaama oomisha misiraa
irraa argachuu danda’u kan waggaa 15 qar.miliyoona 5.6 akka naaf kaffalan
jechuun gaafate.
Cont…
• Himatamtoonni manni murtii kun dhimmicha ol
iyyannootiin malee kallattiin fudhatee ilaaluuf aangoo
jechuun mormii sadarkaa duraa fi deebii filannoo
dhiyeeffataniiru.
• MMO G/SH/Lixaas manni murtii dhimmicha kallattiin
ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo hinqabu jechuun himaticha
kufaa godheera.
G/marii
• Murtii kana akkamitti madaaltu?
• Falmii qabiyyee lafa investimentii investeroota
dhuunfaa lama ykn investeroota fi nama dhuunfaa ykn
nama dhuunfaa, investera fi Bulchiinsa investimentii
gidduutti taasifamu bu’uura labsii 138 kwt.6(2)tiin
jalqaba komishinii investimentiin murtaa’ee boordiin
ol iyyannoon ilaalu isa dhumaati waan jedhuuf manni
murtii idilee aangoo jalqabaas ta’e ol iyyannoo
hinqabaatu yaada jedhu ni amantuu? Akkamitti?
Yaada Kallattii

• Bu’uura labsii 1161’tiin koree komii fi koree ol iyyannootti kan dhiyaatu


bu’uura labsichaatiin tarkaanfii fudhatame yoo ta’ee dha.
• Dhimma murtaa’uu danda’u irratti aangoo ifatti qaama a/seerummaa
biraatiif hanga hin kennamnetti kan MM kwt.37
• Bu’uura labsii 138’tiin wal-dhabdee namoota dhuunfaa gidduu ykn
namoota dhuunfaa fi mootummaa gidduu dhimma investimentii irratti
taasifamu komishiniitti dhiyaata kan jedhu ifatti hin keenye.Falmii
dhimma investimentii investera fi mootummaa gidduuti ka’uun ala MM
aangoo hundee dubbii qabu simatee ilaaluu danda’a.Fkn, Jildii 22
gal.133667
Aangoo ol iyyannoo MMWF Fi MMWO Dhimmoota QAAS’tiin murtaa’an irratti

labsii 1064/010 kwt.81(5).Murtii MM bulchiinsa dhimma


MMWF hoj/mootummaa
Labsii 1162 kwt.155(4).Murtii Boordiin lakkaawwii sagalee ykn
Fkn:- filannoon waliin dhahame…

lakk.1267/014 kwt.56(4)tiin murtii Bulchiinsa Wabii Hawaasummaa


…cont’d
MMWO
labsii 215/011 kwt.81(6)…
fkn

labsii 1162 kwt153(8 dhimma


kaadhimummaa filannoo irratti … koree
w/ra Dameetiin murtii kenname irratti…
Cont’d

• Sadarkaa federaalaattis ta’e naannootti manneen murtii idilee


sadarkaa 3’tti mana murtii waliigalaatii hanga mana murtii jalqabaatti
kan diriiran yemmuu ta’u, kaayyoo gurmaa’ina MM keessa inni tokko
sirna ol iyyannoo mirkaneessuudha.
Aangoo Ol iyyannoo MM Idilee Dhimmoota HH

Bakka Sadarkaa Federaalaa HMF,labsii


2tti 1234 fi seerota biroo tokko tokko
qoodnee
ilaalla:
Sadarkaa Naannootti HMF fi HMN,
labsii 216 fi labsiilee tokko tokko
Sirna ol iyyannoo MMF

MMSDF
• Manni murtii sadarkaa jalqabaa dhimmoota seerota rogummaa
qabaniin ifatti kennaman irratti aangoo ol iyyannoo ni qabaata.labsii
1234/013 kwt.16
MMOF
• Murtiilee MMSDF aangoo jalqabaatiin murteesse,
• Dhimmoota seerota birootiin kennaman irratti aangoo ol iyyannoo ni
qaba.kwt.13
• Murtiilee MMSDF aangoo ol iyyannootiin ilaaluun jijjiiree murteesse
irratti hoo?
Aangoo ol iyyannoo MMWF,kwt.9

• Dhimmoota MMOF aangoo sadarkaa jalqabaatiin ilaalee murteesse


irratti,
• Dhimmoota MMOF aangoo ol iyyannootiin ilaalee murtii MMSDF
jijjiiruun murteesse,
• Dhimmoota federaalaa MMWN aangoo s/jalqabaatiin murteesse,
• Dhimmoota federaalaa MMWN ol iyyannoon fooyyessee ykn jijjiiree
murteesse irratti fi
• Dhimmoota aangoo ol iyyannoo seerota biraatiin kennamaniif irratti…
Aangoo Ijibbaataa MMWF,kwt.10 fi
2(4,a,b,h),Hm kwt.80(3,a)
• Dogoggora seeraa bu’uuraa
• Dhimma MMOF aangoo ol iyyannootiin ilaalee murtii xumuraa kenne
irratti
• Dhimma MMWF aangoo ol iyyannootiin ilaalee murtii xumuraa kenne
irratti
• Dhimmota Dh/Ijibbaata Naannootiin ilaalamanii murtii argatan ta’anii:
1ffaa faallaa tumaalee HM kan ta’an
2ffaa Murtiilee dogoggora hiikoo seeraa qabanii fi dantaa ummataa fi
faayidaa biyyummaa qaban irratti
3ffaa Murtiilee dirqisiisoo DhIMMWF haala faallessuun murtiiwwan
kennaman
…cont’d
• Dhimma MMW fi MMO Naannolee aangoo bakka bu’iinsaatiin
ilaalanii murtii xumuraa murteessan irratti (10(1,e))???
• Qaamolee birootiin ilaalamee dhimma murtii xumuraa
argate,kwt.10(1,g)
• Dhimmoota mana murtii ma/finfinnee fi D/Dawaatiin ilaalamanii
murtii xumuraa argatan
• Dhimmoota federaalaa mala filannootiin ilaalamanii murtii xumuraa
argatan
• Dhimmota seerota birootiin kennaman,kwt.10(i)
Gaaffii Marii
• Bu’uura kwt.10(1,e)’tiin Murtii xumuraa MMO Naannoo kenne kan
Ijibbaata federaalaatti dhiyaachuu danda’u kanneen akkamiiti?
Aangoo Ol iyyannoo MMNO
• Labsii lakk.216 kwt.31 dhimma aangoo ol iyyannoo MMA waan jedhu
hin qabu
MMO
 Bu’uuraan MM ol iyyannooti
• Kwt.30(1) murtii MMA Murteesse irratti
• Seerota birootiin Sadarkaa MM biraatiif yoo kenname malee
dhimmoota qaamolee birootiin murtaa’an ilaalee yoo murteessu isa
xumuraafi ol iyyannoo hinqabne ta’a,kwt.30(6)
Aangoo ol iyyannoo MMWO
• KTAS Tilmaamamummaa fi wal-fakkeenyummaa
• MMWNO dhimmoota naannichaa irratti aangoo a/seerummaa isa
ol’aanaa fi isa dhumaa ni qabaata.
• Dhimma naannoo irratti murtii MMO kenne irratti komii dhiyaatu,
kwt.25(2,a)
• Dhimma federaalaa MMO bu’uura HM kwt.80(4)n ilaalee murteesse
irratti komii dhiyaatu,kwt.25(2,c)
• Seerota birootiin aangoo ol iyyannoo MMWO’tiif kenname yoo jiraate
hoo?
Gaaffilee Marii
Dhimmoota federaalaa qaama a/seerummaa qabuuf kennaman (Murtii
komishinii taaksii) kanneen MMOF ol iyyannoo ilaalu MMWN b/bu’ee ol
iyyannoon ni ilaala yaada jedhu ni amantuu?
Aangoo Ijibbaataa MMWO,HM kwt.80(3,b),64(2,c),Labsii
216 kwt.26

Dhimma naannoo irratti hiikoo dirqisiisaa Manneen


murtii naannichaa irratti kennuuf;
• A/Seeraa shaniin (pirezdaantii fi I/A/Pirezdaantii)
dabalatee
• Murtii sagalee guutuutiin ta’uu qaba
• Maxxanfamuu qaba
Gaaffii Marii
• Murtii dirqisiisaa kennuuf baay’inni A/S DhIMMWF 5 moo 7 ta’uu
qaba?
• Dhimma naannoo irratti murtii dirqisiisaa DhIMMWN kenne irratti
DhIMMWF bu’uura labsii 1234/013 kwt.10(1,c,d.)fi 2(4,a,b,c)tiin yoo
diigee kamtu dirqisiisa jettu?
• Murtiiwwan lamaan kan wal-faallessan yoo ta’ani hoo?
Yaada kallatti
• DHIMMWF Murtii DhiMMWN yoo diige heeramummaas waan
qabuuf bu’uura aangoo labsii 1234’tiin raawwatamummaa ni qabaata.
• Murtiiwwaan ijibbaataa lamaan kan wal-faallessan yoo ta’an A/seeraa
kam filachuu qaba kan jedhu ilaalchisee labsii 216 kwt.29 yoo filate
hanga murtichi hin diigamnetti seera caffeen baase kabajuun
dogoggora hin jechisiisu, gama biraatiin labsii 1234 kwt.10(1,c,d.)fi
2(4,a,b,c)tiin aangoo kenname bu’uureffachuun kan DHIMMWF
murteesse yoo filates sirruma.
Dhagaha Dhimmoota Ol iyyannoo
Bu’aa Haala simannaa, dhagaha fi murtii dhimmoota ol iyyannoo adda baasuun tarreessuu
leenjii
kutaa
kanaa Daangaa aangoo MM ol iyyannoo adda baasuu
(ILO)
Dhimmoota ol iyyannoon keessummeeffaman fi hin keessummeeffamne adda
baasuu

Rakkoowwan seeraa fi hoj-maata simannaa fi falmiiwwan ol iyyannoo ilaallatan


adda baasuun kallattii akeekuu
Keessa Deebii Murtii
(Review of
judgement)

Mana Murtii jalqaba


Ol iyyannoo (By
murteesseen (by Court
Appellate court)
of Trial)
Keessa Deebii murtii ofii fi Ol iyyannoo

carraa murtii ofii m/murtii keessa


deebiin ilaalu
jiraachuu,kwt.320(2)-remedy
under this code
Hambifannoowwan ol iyyannoo:-

Fkn.sdfhh
kwt.6,209,78,158,358.
Sdfhh kwt.6(Review of Judgments)
Ulaagaa sdfhh kwt.6:-
Mana Murtiicha kenneef dhiyaata. Exception Dhaddacha ijibbaataa yoo ta’e
garuu mana murtii dhimmicha jalqaba itti dhiyaateetti ta’u qaba.(Jil.15ffaa
L.G-93137)
Dhimmichi murtii kan argate ta’u qaba.
 Murtiin sun Ragaa sobaatti, gocha yakkaa ykn mattayaatti fayyadamuun
Murtiin duratti yaalii sababawaa godhee beekuu kan hin dandeenyee
ta’uu(jildii 9ffaa galmee 45839)
Otoo dura beekameera ta’e ijoo murtichaa jijjiirsisuu kan danda’u ta’uu
isaa yoo hubachiise-ijoo ta’e kan qabame-causation-(Jildii 6ffaa-L.G
08751,jildii 15ffaa L.G-89641)

Guyyaa wanticha beekee kaasee ji’a 1 keessatti manuma murtii sanatti


keessa deebiin akka ilaalamu iyyachuu danda’a. Ji’a tokkoo guyyaa
raggichi beekkameeti malee ragaan hanga yoomii keessatti argamuu qaba
kan jedhu miti.(Jildii 6ffaa-L.G 08751)

Dhimma ol iyyannoon danda’amu ta’ee garuu kan hingaafatamne.


Issue
Tumaa kanaan wal-qabatee iyyanni keessa deebii ol iyyannoo booda moo?
ol iyyannoo dura dhiyaachuu qaba? Ol’iyyannoon erga fudhatame booda ni
danda’aamaa?SDFHH kwt 6(1)...from which no appeal has been
preferred......yoo fudhatame jechuun hoo?dhagahaamu qaba moo?osoo
hin dhagahaamiin MM jalaa irraa fudhachu qofa?
Remark
Jildii 2ffaa L.G-16624-ol’iyyannoon dhiyaachuun dura jedhe turee.

Jildii 9ffaa L.G-43821- ol iyyannoon fudhatamus fudhatamuu baatus


jedheera.(Murtii ol’iyyannoo booda kan dhiyaateef xiinxale)

Garuu adeemsa oliyyannoo irratti jiraachu fi dhagahaame murtaa’uun


garaagarummaa qaba.

Murtii ol iyyannoo booda kan bira gahame taanaan manuma murtii jalqaba
dhimmicha ilaaletti yoo dhiyeesse filatama.

Adeemsa ol’iyyannoo irratti yoo jiraate garuu furmaata lama fayyadamuun


barbaachisadha.
1ffaa. MM ol’iyyannoo dhagahu MM jalatti jalqabamu yoo hubate new fact
waan ta’eef MM jalatti xumuruu qabda jedhe dhoorku qaba.(Art 329,345)

2ffaa. MM jalaatti yoo boodee dhiyaate immoo the same issue akka
komiitti kan dhiyeesse yoo ta’e MM jalaa osoo cufe gaariidha.(Rule of
Pendency-Art 8)
Gudunfaa: dhimmumma ulaagaa kwt.6 guutu irratti komii ol
iyyannoo keessatti ragaa dabalataa akka dhagahamu gaafatee falmii
irra kan jiru yoo ta’e fi MM jalqabaattis keessa deebii murtii
gaafachuun isaa yoo mirkanaa’e manneen murtii lama keessatti
falmii isaa akka dhiyeessuun kaayyoo seerichaa miti.

Sababni isaa:- murtii wal-faallessu kennuu, Kaayyoo


diinagdummaa falmii fi haqummaa, mirga ol’iyyannoo bali’isuu
Manni Murtii ol’iyyannoo dhagahu SDFHH kwt 6 tiin dursa
achiitti dhiyeessu qabda jedhee dhoorku hin qabu. SDFHH kwt
320(2) waliin ilaaluun barbaachisadha.

Filannoo namiichaa waan ta’eef carraa lamaan keessa


fayyadamu danda’aa. Garuu iddoo lamattu gaggeessuu hin qabu
Manni murtii iyyata dhiyaate dhoorkuun ykn haayyamuun yoo kenne
ol’iyyannoon hin danda’aamu. Erga murtiin kenname boodas qabxii
ol’iyyannoo tokko gochu hin danda’u.

MM ol’iyyannoo simachuus hin qabu.(SDFHH kwt 6(4))

Jildii 9ffaa L.G 42871- kallatiidhaan Dhaddacha ijibbaataaf qofa dhiyeessu


malee ol’iyyannoon hin danda’aamu.
Sirreeffama Hanqina Adeemsaa,kwt.207,209,2010

Hanqina adeemsaa jechuun mirga bu’uuraa kabachiifamuuf


galmee banuu irraa kaasee hanga raawwiitti falmii
taasifamu keessatti seerota qajeelcha irraa maquudhaan
dogoggora raawwatamuu dha

Iyyannoo falmitootaatiin ykn kaka’umsa mana murtiitiin


• Falli biraa yoo dhibe malee sababa dogoggora adeemsaa sirreessuusiitiin
galmeen cufamuu hin qabu.

• Sdfhh kwt.207 hanga 210’tti jiran Murtiin dura kan dhiyaatudha.

• Manuma murtii dogoggoricha raawwatetti iyyachuudhaan dogoggora


sirreeffachuun kan danda’amuudha.
Dogoggoroonni adeemsaa murtii sirrii kennisiisuu hin
dandeessifne kanneen akkamiiti?
Kwt.211 fi 209 waliin hiikuu

Biyya Hindii keessatti aangoo hundee dubbii, dhimma ijoo yookiin kenna
murtii sirrii waliin wal-qabatan sirraa’uu akka danda’an adda addatti tumamee
jira.(similar reason should be applied in our procedure)
Achumatti fala argachuu qaba kan jedhu murtii booda yoo ta’e hin hojjatu waan
ta’eef.
Dogoggori adeemsaa murtii sirrii kennuu kan hin dandeessifne ta’uu yoo
hubate m/murtii ol iyyannoo murtii haqee dhimmichi irra deebiin akka ilaalamu
gad-deebisuu danda’a.
Haala kanaan hanga hin diigamnetti murtiileen dogoggora adeemsaa of
keessa qaban kan ragga’an fi raawwatamuu kan qaban ta’uu sdfhh
kwt.212 jalatti ibsamee jira.

Ajajoota fala yeroo biroo irra kan adda godhu carraa mana murtii jalaa hin
fayyadamne maqaa jedhuun ol iyyannoon hin dhorkamu(320(2),

Kwt.320(3) jalatti ajajootni faloota yeroo jedhaman carraa achumatti


sirraa’uu hin qaban garuu dhumarratti komatamu, haata’u malee dogoggorri
adeemsaa ajaja fala yeroo yoo ta’es 209’n achumatti sirraa’uuf carraa qaba.
Murtii kaasuu fi ol iyyannoo, kwt.78

‘bakka ani hinjirretti dhimmichi ilaalamuun sirrii miti’ komii jedhu


bu’uureffachuun kallattiin ol iyyata gaafachuu akka hin dandeenye
tumaa sdfhh kwt.320(2) ni hubatama.

Himatamaan iddoo hin jirretti murtiin ykn ajajni irratti kenname


filannoo lama qaba.
1. Iyyannoo mana murtii ajajicha ykn murtii kenne sanaaf ajaja bakka himatamaan
hin jirretti kenname akka ka’uuf iyyachuu. (Manuma murtii sanitti)

2. Murtii bakka inni hin jirretti kenname irraa ol-iyyachuu. Kana jechuun kallattiin
dogoggora ijoo seeraa ykn waan hojii mana murtii ta’e manni murtichaa osoo
hojii isaa sirnaan hin bahin hafuurraan kan ka’e dogoggora uumame sirreessuuf
dhiyeessa. (Jildii 8ffaa lakk galmee 36412)- kunis bu’uura SDFHH kwt 329-
waan haaraa kaasuu hin danda’u waan ta’eef.
Mormii ajaja dhorkaa fi ol iyyannoo

Ajajni dhorkaa mm jalaatiin kenname komachuun ol iyyanni kallattiin


dhiyaatu fudhatamummaa akka hin qabne sdfhh kwt.320(3) irraa ni
hubatama.

Haata’u malee, iyyata mormii dhorkaa bu’uura sdfhh 158’tiin qaamni 3ffaa
dhiyeeffatu simachuun ykn kufaa gochuun ajaja kennamu irratti qaamni
komii qabu ol iyyata gaafachuun mirga ta’uu isaa adda bahuu qaba.

DHIMMWF jildii17-galmee lakk.101632 irratti kennee fi tumaa sdfhh


kwt.320(3)waliin ilaaluun barbaachisaa dha.
Komii ol iyyannoo dhimmoota qajeelfamaan gad-deebi’u irratti-
SDFHH kwt 341

SDFHH kwt 341-Murtii mormii sadarkaa duraa irratti


kenname ka’umsa godhachuun komii dhiyaatu manni murtii
aangoo ol iyyannootiin ilaalee cimsuu ykn jijjiiruudhaan manni
murtii jalaa dhimma ijootti darbee akka ilaalu ajajaan gad-
deebisuudha.
Dhimma
• Mormiiwwan sadarkaa duraa kanneen akka darbiinsa yeroo, aangoo,
dhimma murtii xumuraa argate(resjudicata)kkf himatamaan kaase, Kanneen
keessaa mm jalqabaa dhimmicha ilaale darbiinsa yeroo qofa ilaalee
kanumaan himata kufaa godhe. Himataanis kanuma komachuun ol iyyate,
MM ol iyyannoo immoo dhimmichi darbiinsa yerootiin kufaa ta’uu hin
qabu jedhee diiguudhaan MM jalaa dhimmicha irra deebiin ilaalee murtii itti
fakkaate akka kennu jechuun gad-deebise.
• Akkuma galmeen socho’een himatamaan mormii sadarkaa ani dhiyeeffadhe
darbiinsa yeroo qofaa miti waan ta’eef bu’uura sdfhh kwt.244 fi 245’tiin
kanneen hafanis naaf ilaalamee murtii akka itti naaf kennamu jechuun
falmata.

• Yeroo kana manni murtii mormiiwwan sadarkaa duraa kanneen biroo ilaaluu
qaba moo?callisee bira darbee dhimma ijoo ilaalee murteessuu qaba?

• Himatamaan qaxxaamuraan ol iyyachuu qaba turee?


Remark
MM aangoo jalqabaatiin ilaale mormii S/Duraa hunda irratti jal-murtii kennuuf
hin dirqamu
MM aangoo ol iyyannoo qabu bu’uura 341’tiin murtii jalaa yemmuu diigu
Mormiiwwan s/duraa hafan irratti maal ta’uu akka qabu ajajuuf dirqama qaba.
Jildii 6ffaa gal.lakk.31490
Mormiiwwan S/duraa hafan irratti otoo waa hin jedhin murtii diiguudhaan MM
Jalaa dhimma ijootti darbee akka falmisiisu yoo jedhe MM Jalaa qajeelfama
kabajuun dirqama.
Falli himatamaan qabu ajaja MM ol iyyannoo kenne irratti ol iyyata gaafachuu
dha.
G/Marii
Mormii sadarkaa duraa himatamaaf murtaa’e ka’umsa godhachuun ol
iyyata dhiyaate irratti murtii mana murtii jalaa cimsuun/diiguun dhimma
ijootti darbee ilaalee akka murteessu jechuun murtii sadarkaa ol
iyyannootti kenname irratti himatamaan yoo komii qabaate
kallattumaan mana murtii itti aanutti ol iyyachuu ni danda’amoo
hin danda’u???
dhimma
Jildii 23ffaa galmee lakk.11985volume 23.pdf gabaabsuun;
mormii sadarkaa duraa irratti bu’uura sdfhh kwt.341’tiin ol
iyyannoon ilaalamee murtiin kennameen cimee booda dhimma ijoo
irratti falmiin akka taasifamu kwt.343’n yemmuu gad-deebi’u
murtichi ajaja fala yeroo waan ta’eef dhimma ijoo irratti murtii
booda kennamu waliin bakka tokkotti ol iyyata/ijibbaata gaafachuun
ni danda’ama.
Garuu:-

Sirnaan ilaaluun barbaachisadha.

• murtii argatee galmeen erga cufamee booda maqaa ajaja fala yeroo jedhun
ol’iyyannoo dhoorkuun sirri miti.

• Kun Galmee lama akka banamu,daangaan ol’iyyannoo akka darbu taasisa.

• Sedler-Ol’iyyannoo fudhachu qaba malee Interlocutory jedhamu hin qabu


jedha.
• Raawwiin SDFHH kwt 341 MSD qofa irratti immoo kanneen amala MSD qaban irrattis
raawwi qaba????

• Qabxiilee kanneen biroo amala MSD falmicha keessa seensisuu danda’an akka qabatuu
godhanii hiikuun barbaachisadha.

• Fknf waliigalteen jira moo hin jiru? Jira yoo ta’e sababa humnaa oliitiin raawwatamuu
hafe moo miti? ijoowwan jedhan keessatti ijoon jalqabaatiin waliigalteen akka hin jirre
yoo mirkanaa’e ijoo 2ffaatti darbuun kan hin barbaachifne taanaan akka mormii duraa
irratti murtiin kennametti fudhatamee bu’uura sdfhh kwt.341’tiin ilaalamuu qaba.(sedler)
Simannaa ol iyyannoo
Ol iyyataan ragaa dabalataa kan hin gaafanne yoo ta’e MM guyyaa itti dhagahu
murteessuun yaada ol iyyataa erga dhagahee booda murtii MM jalaa kan hin
komachiifne ta’uu yoo itti amane himatamaa waamuun otoo hin barbaachisin
galmee cufa(kwt.337).
Haata’u malee, murtiin MM Jalaa kan komachiisu yoo ta’e garagalchi himatamaaf
ergamee guyyaa dhagahaatti falmii bitaa fi mirgaa ni dhagahama.SDFHH
kwt.338,339
 Deebi kennaan deebii barreeffamaa akka kennu ol iyyataanis deebii deebii barruu
akka kennu MM ajajuu ni danda’a.
Kwt.337-339 gabaabumatti

Galmee banuu
Yaada ol iyyataa Kwt.337’tiin cufuu ykn
dhagahuu D/Kennaa waamuu

Deebii deebii Falmii Dhagahuu ykn


Murtii fi Galmee deebii barreeffamaa
simachuu
qorachuu
Raawwii kwt.337-338 fi hoj-
maata manneen murtii tokko
tokko
Adeemsa MMWF

Galmeen banamee dhaddachatti qajeela. A/Seeraas galmee fi


komii dhiyaate qorachuudhaan yaada ol iyyataa dhagahuuf
beellamu.(Day 1)

Beellamatti yaadni ol iyyataa ni dhagahama.(Day 2)

 Beellamatti kwt.337’n ni cufama ykn qabxiiwwan qulqullaa’uu


qaban qabachuudhaan garagalchi deebi kennaaf ergama.(Day 3)
Beellamatti deebii karaa kutaa ‘registiraaraa’ akka dhiyeeffatu ta’ee
deebi kennaan deebii yoo dhiyeeffachuu baate dhaddachi ajaja akka
kennu ni qajeelfamaaf, deebi kennaan deebii yoo dhiyeeffate
garagalchi ol iyyataaf kennamee ol iyyataan deebii deebii yoo
qabaate beellama dura karaa registiraaraa akka dhiyeessu jedhee
registiraarri qoraanoodhaaf ni beellama.(Day 4)
Guyyaa qorannoof beellamametti ni murtaa’a.(Day 5)
fkn galmee lakk.200415,200580
Fkn…
Adeemsa MMWO Dh/G/Galeessaa

Galmee lakk.314134 ta’e irratti guyyaa gaafa 17/11/11 ol iyyanni dhiyaatee


galmeen banamee Of/Seeraa qorannoodhaaf gaafa 6/2/2012’tti beellameera. (Day 1)

Guyyaa gaafa 6/2/2012 ‘ijoo dubbii konkolaataan raawwiif qabame kan ol


iyyataan bitate malee kan m/a/idaa miti kan jedhame dhuguma mirkanaa’eera
moo miti? Ijoo jedhu qabachuudhaan ni dhiyeessisa jedhameera.

Haaluma kanaan garagalchi ergamee deebi kennitoonni beellamatti deebii


barreeffamaa qabatanii akka dhiyaatan ajajameera.

Deebii booda beellamatti murtaa’eera.


Adeemsa Dh/Dh/Bahaa
 Of/Seeraa ol iyyata banuun dhaddachatti qajeelcha. Guyyaa beellamaatti ni
dhiyeessisa yoo ta’e qabxii qabachuun deebi kennaan deebii barreeffamaa
akka dhiyeeffatu ajaju.Deebii kan simatu abbaa seeraati.
 Deebiin yoo dhiyaate ol iyyataan yoo barbaade deebii deebii beellama dura
dhiyeeffate galmeen akka wal-qabatu ajajuudhaan qorannoodhaaf
beellamama. Qorannoodhaaf kan beellamu abbuma seeraati.
 Beellamatti murtaa’ee dhiyaata.
Fkn.Galmee lakk.371183 dhaddacha gaafa 16/10/2013 ooleen kenname ilaali.
Hindhiyeessisuu yoo jedhame immoo
Of/Seeraa ol iyyata banee dhaddachaaf dhiyeessa.

Dhaddachis guyyuma sana ykn beellama biroo kennuudhaan komii dhiyaatee fi


garagalcha galmee qorachuudhaan yeroo baay’ee ‘murtii mana murtii jalaa kan
komachiisu ta’ee waan hin argamneef bu’uura sdfhh kwt.337’tiin hin dhiyeessisu’’
jedhamee galmeen cufama.

Hin dhiyeessisu kan jedhamu yoo ta’e abbaan dhimmaa carraa dhadachatti
dhiyaatee dhimma isaa abbaa seeraatti dhaggeessifachuu hin qabu.
Adeemsa MMOGANF

Ol iyyanni banamee dhaddachatti qajeela. Dhaddachis galmee qorachuuf


beellama.

beellamatti yaada ol iyyataa erga dhagahee booda murtiin mana murtii


jalaa sababa maaliitiif akka hin dhiyeessifne bal’inaan ibsuun bu’uura sdfhh
kwt.337’tiin yeroo cufamu jira.Fkn galmee Lakk.50258 ajaja gaafa
09/06/2014 kenname fi galmee lakk.44570 gaafa 13/7/2014 kenname ilaali!
Adeemsa MMOGSH/Lixaa
Galmee lakk.48650 ta’e irratti Dha/gaafa 05/09/011 ooleetiin guyyuma
kana galmeen ol iyyannoo banamee dhaddachatti kan dhiyaate yemmuu
ta’u guyyuma kana dhaddachi galmee qorachuudhaan ‘’Yaada komii ol
iyyataa afaaniin dhageenyee fi komii ol iyyannoo barreeffamaan dhiyaate
qorachuudhaan murtii manni murtii jalaa kenne hin komachiisu jechuun
cimsineerra’’ jedheera.
MMOGSha/Bahaa fi MMOG Harargee Bahaa

Of/Serri Seeraa galmee banee dhaddachatti qajeelcheera,

Dhaddachis qorannoof erga beellamee booda, komii dhiyeefate garagalcha galmee


qorachuudhaan hindhiyeessisu jedhan.

Garuu, ajaja jalatti sababa hin dhiyeessisu jedhameef bal’inaan


xiinxaluudhaan bu’uura 337’tiin kan komachiisu miti jedhanii cufu.
Fkn.Galmee G/Sh/Bahaa lakk.64935, Galmee Go/Har/Bahaa lakk.93720,

 ni dhiyeessisa yoo jedhan immoo qabxii qulqullaa’uu qabu qabachuudhaan deebi


kennaan falmii afaaniif akka dhiyaatu ajajama.
Adeemsa MMOGArsii
OF/Seeraa galmee banee dhaddachaaf dhiyeessa.

 Dhaddachi yaada ol iyyataa dhagahee ni barreessa. Sana booda qorannoof bulcha.

Hin dhiyeessisu yoo jedhe jal/murtii ykn ajaja jalatti bal’iinaan komii fi galmee qorachuun
sababeessuun barreessee kwt.337’tiin cufa.galmee lakk.96199, 96256,96105

Ni dhiyeessisa yoo jedhe ijoo qabatee deebi kennaan akka dhiyaatu waama. Beellamatti
falmii afaanii gaggeessa.96954,96946

Sana booda murtiidha.


Akka waliigalaatti

Galmeewwan armaan oliirraa akka hubannutti MMWF’tti bu’uura

kwt.337’tiin yaadni ol iyyataa erga dhagahamee booda ajajni barbaachisaa

kan kennamu ta’uu, Hindhiyeessisu kan jedhan yoo ta’e darbee darbee malee

duuchaadhumatti barreessuun

MMWO dhaddacha giddu galeessaa fi dhaddacha dhaabbii Bahaatti bu’uura

sdfhh kwt.337’tiin yaadni ol iyyataa dhagahamaa kan hin jirre ta’uu caalaa

hin dhiyeessisu yoo jedhames sababeessuun kan hin jirre ta’uu.


Haata’u malee sadarkaa Manneen Murtii Ol’aanaatti
bu’uura kwt.337’tiin yaadni ol iyyataa dhagahamaa kan
jiruu fi hin dhiyeessisu yoo jedhames sababa of
danda’een ibsuun ni mul’ata.
Issue

Komii tokko ni dhiyeessisa ykn hin dhiyeessisu jechuun


duratti manni murtii keessa galmee MM Jalaa qorata moo
yaada ol iyyataa fi komii qofa qorachuu qaba jettuu? miidhaa
fi faayidaa inni qabu maali?
Man-KTAS MMO-2013

Galmee banuu
Ol'iyyataa
dhaddachaaf Galmee qorachuu
dhagahuu
dhiyeessuu

Ajaja hin
dhiheessisuu
Marii gaggeessuu
kennuu
Haala Barreeffama ajaja kwt.337
• komiin dhiyaate bu’uura sdfhh kwt.337’tiin hin dhiyeessisu yoo
jedhame sababeessuun barraa’uu qaba moo miti?
• Haata’u malee, ijoo qabatee ni dhiyeessisa erga jedhee booda bu’uura
kwt.348’tiin murtii mana murtii jalaa kan cimsu ykn jijjiiru yoo ta’e
qofa sababa isaa ibsuu qaba jedhu.Ijannoon kun galmeewwan
MMWO’tti hin dhiyeessisu jedhamanii cufaman keessatti calaqqisa.
…cont’d
• Faallaa kanaa immoo ogeessonni gariin ol iyyannoon hin
dhiyeessisu jedhamuun bu’uura sdfhh kwt.337’tiin kan
cufamu yoo ta’e seerummaa gaafatame maaliitiif hin
dhiyeessisu akka jedhame sababa of danda’een ifatti ifuu
qaba jedhu, Fkn.Galmee G/Sh/Bahaa lakk.64935, Galmee
Go/Har/Bahaa lakk.93720 ilaaluun ni danda’ama.
G/Marii
1) Yaada garee lamaan armaan olii keessaa kamtu deeggarsa
seeraa qaba jettuu? maaliif?
2) Duchaadhumatti qorannee akka ilaalletti ‘’murtii mana murtii
jalaa hanqina waan hinqabneef hin dhiyeessisu jenneerra’’
jechi jedhu dhuguma abbaan seeraa qorachuu isaa waan
agarsiisu qaba jettuu? maanuwalii KTAS fi qajeelfama odiitii
galmee maal jedha?
Qajeeltoo Falmii ol iyyannoo

Qajeeltoon waliigalaa ol iyyannoo …firriiwwan dubbii


fi falmiin haaraa hin hayyamamu.
Kunis qajeeltoo galmee Keessa Deebiin Ilaaluu
(Record Review Princples) jedhamuun beekama.
Sdfhh kwt.329
Sababoonni duuba qajeeltoo kanaa maali? (what is
justification behind)?
..cont’d
• diinagdummaa KTAS( yeroof qabeenya)-mm jalaa firiiwwan dubbii,
ragaa sanadaa fi namaa akka dhiyaatu fi qoratamu gochuun murtii
dhumaa kennuun dhimmicha irratti deddeebiin falmiin akka haaraatti
akka hin kaane fayyada
• Dandeettii kenna murtii (specialization)
• Qajeeltoo haqummaa…
• Dhimmoonni sadarkaa MM jalqabaatti xumura akka argatan fi guutuu
ta’anii ol iyyannoof akka dhiyaatan
• Qajeeltoo mirga dhiisuu (waiver rights pples)…
• Qajeeltoo gartumaleessummaa MM…
…cont’d
Fkn; Sdfhh kwt.329,328
fi murtii DhIMMWF
Hundeen Falmii MM ol
jildii 22ffaa galmee
iyyannoo
lakk.137831 ilaaluun ni
danda’ama.

Falmii mana murtii jalaa Komii ol iyyannooti


Qaawwi qajeeltoo kanaa
Hambifannoowwan qajeeltoo ifatti kaa’uu hafuu

tilmaamamummaa dhabsiisuu,

hoj-maanni wal-hinfakkaannee fi

Hoj-maanni haqummaa hin qabne balbal’achuu


Muuxannoowwan Biyya Hindii fi Ameerikaa
Hambifannoon qajeeltoo ol iyyannoo;- Bu’aan isaa dogoggora murtii
jalqabaa sirreessuu otoo hin taane murtii sirrii kennuu(out come of right
decision) irratti xiyyeeffachuu qaba
Aangoo hundee dubbii…
• Gaffii seeraa qulqulluu( pure questions of laws), Fkn rogummaa heeraa fi
seeraa … odeeffannoo galmee keessa jiruun ykn firii dubbii malee
salphumatti murtii sirrii kennuun waan danda’amuuf dandeettii kenna
murtii MM ol iyyannoo hin dhabsiisu (It doesn’t contravene with the
inherent power limitation of appellate court which mean ‘being the non-
trial court).FKN Murtii seerota haqamaniin murtaa’e…
…cont’d
• Dogoggorri ifatti mul’atuu fi garmalee haqa jal’isu(Plain error causing
miscarriage of justice) danda’u ta’uu qaba jedhu’ India Federal Rule of
Evidence Rule 103.Fkn dogoggora ifatti mul’atuu fi murtii jallisuun
kabaja, amanamummaa MM hir’isu.
• FKN; dogoggora herreega beenyaa, dogoggora ragaa simachuu,
dogoggora galmee cufuu kkf sadarkaa ol iyyannootti komii ta’anii
ka’uu danda’u, MM ol iyyannoos salphumatti galmee keessaa
hubachuu danda’a waan ta’eef dandeetti murtii kennuu hin
dhabsiisu.
…cont’d
• Dhimma dantaa ummataa(Important to public interests) ….
correcting misleading precedence and erroneous interpretation
of laws by determining principles of law applicable to future
cases. Unlike pure legal question and plain error, this
exception is blind to the theory of factual development at the
trail courts and possible prejudice to appellee. Tariiti ragaa
dhagahuun yoo barbaachise mm jalaa qulqulleessee akka ergu
godhama.
…cont’d
…Cont’d
The Federal Appellate Court of USA in Singleton V. Wulff case
Akka Seera keenyaatti

• Dhimma aangoo hundee dubbii sadarkaa kamittuu kaka’umsa


ofiitiin MM ol iyyannoo kaasee murteessuu kan danda’u ta’uu
HM kwt.37,sdfhh kwt.9,231(1,b)328(3) fi jildii 12 gal.37964
• Dogoggora adeemsaa kenna murtii haqaa danqu falmitoonni
kaasuu baatanis MM ol iyyannoo kaasee ilaaluu danda’a,
kwt.211(2)
• Ol iyyata sababa himannoo hin qabne ykn addaan cite
…kwt.231(1,a), 280
Cont…
• Dhimmoota komii keessa hin jirre garuu haala
addaatiin eeyyamaman kaasuu kwt.328(2)…
• Ijoo haaraa iyyataan hin kaafne MM ol iyyannoo
kaasee falmisiisuu fi murteessuu ni danda’a,
kwt.328(3) fi 182(2)
• Ka’umsi ijoo haaraa falmii ykn firii dubbii haaraa ta’uus
dhiisuus ni danda’a.
G/Marii
1) Dhimmoonni bu’uura kwt.328(2)’tiin eeyyamamuu
danda’an kanneen akkamiiti?
2) Bu’uura kwt.328(3)’tiin ijoo haaraa MM qabachuu
danda’u hoo?
3) Bu’uura kwt.182(2)’tiin seerummaa gaafatameen ala
kan MM ol iyyannoo ilaalee murteessuu danda’u
kanneen akkamiiti?
Cont’d…

4) Hambifannoowwan armaan olii seerota biyya Hindii fi Ameerikaa


keessatti caqafaman seerota keenyaa keessatti akkamitti
fayyadamuu dandeenya, hundee seeraa qabuu?
Y/Kallattii
• Gaaffii seeraa qulqulluu ragaa galmee keessa jiruun hiikamuu danda’u
MM Jalaa hiikoo dogoggoraa yoo itti kenne MM ol iyyannoo ol
iyyataan gaafatus gaafachuu baatus dogoggora seera raawwatame
sirreessuuf dirqama qaba.
• MM ol iyyaannoo hanqina murtii sirrii (valid judgement) hin
kennisiifne kaasee ilaaluu danda’a,182(2),
Cont…
• Manni murtii jalaa seerummaa ykn qabxii falmii falmitootaa adda
baasee murtii itti kennuu otoo qabuu altokko tokko seerummaa
gaafatame callisee bira darbuu danda’a, yeroo kana manni murtii ol
iyyannoo ijoo dubbii dagatame irratti murtii kennuu danda’a.
• Haala addaatiin firiiwwan dubbii, dogoggora hiikoo seeraa, ijoo
haaraa fi ragaalee haaraa murtii sirrii kennuuf barbaachisan sadarkaa
ol iyyannootti keessummeessuun akkuma jirutti ta’ee,
daangaaneffamni aangoo ol iyyannoo gaaffii seerummaa kan
falmitoonni kaasanii falmachuu qaban ofii isaatii kaasee ilaaluu
ykn qabxii qabee gad-deebisuu hin danda’u. Fkn sababa
himannaa jijjiiruu.
Cont’d…
• Falmii ykn ijoo haaraa keessummeessuu fi mirgi
dhagahamuu dandeetti (capacity) murtii haqaa kennuu
waliin wal-qabata. Sababa kanaaf Kwt.343 fi 328(3
key.2ffaa)tumame.
• Dhimmi ragaa dabalataas mirga dhagahamuu giddu
galeessa godhachuu qaba.kwt.346
Cont…

• Sdfhh kwt.182(2) jalatti MM ol iyyannoo ijoo haaraa mana murtii jalaatti


hin kaane kaasee ilaalee murteessuu danda’an jechuun firiiwwan dubbii
himatamaan mana murtii jalaatti kaasee falmuu qabu kaasee otoo hin
falmin bira darbe MM ofumaa kaasee ilaalee murteessaaf jechuu akka
hin taane hubatamuu qaba.
• Ol iyyataan dagannoo isaatiin MM jalaatti kaasee wanta falmuu qabu
kaasee kan hin falmine yoo ta’e mm ol iyyannoo ofii isaatii kaasee
murteessuu kan hin dandeenye ta’uu, murtii DhIMMWF jildii 6ffaa
galmee lakk. 25026
• Ijoo falmii dhimmicha waliin hidhata hinqabneefi seerummaa
hingaafatamne irratti aangoo hin qabu
Ulaagaalee Ragaa Dabalataa sdfhh kwt.327(3) fi 345
• falmii jalqabaa keessatti dhiyeessuuf hin dandeenye-
137+145+327(3)+
• Hanqina isaatiin harca’ee kan hinafne -256+
• Falmii booda kan argame
• Fkn DhIMMWF gal.39853 jildii 9ffaa ilaali
• MM jalqabaa ragaa fudhatamuudhaa qabu kufaa yoo godhe…138-
142
• MM ol iyyannoo…murtii haqaa kennuuf kan barbaachisu ta’uu yoo
itti amane
Dhimma
• Dhimma waliigaltee liizii MMOGANF galmee Lakk.31243 ta’erratti
himataan himata gaafa 1/5/2010 barraa’een Bulchiinsa M/Sabbataa fi
M/Q/M/Sabbataa qabiyyee lafa kaaree 2000 lafti qonnaa abbaa himataa
irraa fudhatamee gara magaalaatti yemmuu daangeffamu waliigaltee liizii
gaafa 7/5/2001 taasifameen kaartaa waliin naaf kenname mana
jireenyaa,magaazina fi suuqii ofirraa qabu bu’uura waliigalteetiin akka
ani ijaarsa hin raawwaanne eeyyama ijaarsaa na dhorkanii xalayaa gaafa
1/09/2008 barraa’een laficha hinmisoomnine jechuun seeraan ala
qabeenya tilmaama miliyoona 1 ta’u na jalaa mancaasan naaf kaffalanii
qabiyyee akka naaf deebisan jechuun himatan.
..cont’d
• Hitamtoonni immoo‘’himataan bu’uura waliigaltee liizii himatamaa 1ffaa
waliin bara 2001 taasiseetiin lafa misoomsuu waan hafeef bu’uura labsii
721/2004 kwt.22,23,29.30 fi dambii 182/08 kwt.43(12) fi 61’tiin qaamni
bulchiinsaa aangoo qabuun waliigaltee addaan kutuun aangoo gahee
hojii Bulchiinsaa waan ta’eef manni murtii dhimma kana ofitti fudhatee
ilaaluuf aangoo hinqabu.
• Dhimmichi murtii bulchiinsa isa dhumaa otoo hin argatin m/murtii idilee
ofitti fudhatee ilaaluuf aangoo hinqabu, erga jedhanii booda deebii
filannoos dhiyeessaniiru.
Cont’d
• MMOGANF dhaddacha gaafa guyyaa 14/6/2010 ooleen bu’uura
waliigalteetiin hin misoomsine sababa jedhuun waliigaltee
addaan kutame w/ra himatamaa qofarratti kan gatamu otoo hin
taane seera liizii qofa otoo hin taane seera waliigaltee
waliigalaataanis haalonni waliigaltee diigsisan jiraachuuf
dhiisuu ilaaluun aangoo mana murtii jechuun mormii kufaa erga
godhee booda falmisiisuun ijoo dubbii;
…cont’d
Cont’d
• dhaddacha gaafa 19/3/2012 ooleetiin himataan bu’uura
waliigaltee liiziitiin waggaa 8 guutuu qabiyyee kana irratti
ijaarsa barbaachisu otoo hin raawwatin kan turee waan ta’eef
waliigaltee addaan kutuun aangoo himatamaati. ijaarsa xixiqqoo
kaartaa isaaf kenname waliin wal-hinsimne raawwate ijaarsa
seeraan alaati waan ta’eef bulchinsi magaalaa beenyaa
kaffaluufis hin dirqamu ijaarsa seeraan alaa diiguun aangoo
isaati jechuun himata dhiyaate kufaa godheera.
Komii ol iyyannoo himataa

• Faallaa HM lafti hekt.60 irraa fudhatamee kaaree 2000 kennameefi mana


waggaa 60 oli ijaaree irraa qabu tooftaa waliigaltee liizii jedhuun mana
jireenyaa ofii akka bitu seerri eeyyamu hin jiru, kanas MM Jalaa seera ol
iyyataa hin ilaalleetin murtii kenne
• Otuma jedhame waliigalteen kan addaan cite of eeggannoo tokko malee
waan ta’eef seeraan ala dha.
• Qabeenyaan manca’es qabeenyaa qotee bulaa waggaa 60 oli turee dha
malee qabeenyaa seeraan alaa miti jechuun murtiin jalaa akka diigamu
komatanii dhiyaataniiru.
MMWO
• Waliigalteen liizii adeemsa hordofee cite moo miti? Adeemsa hordofee
cite yoo ta’e ol iyyataan lafa liiziin fudhate irraa qabeenyaa qaba moo
miti? Jedhu fi kan biroo? Qulqullaa’uu waan qabuuf ni dhiyeessisa
jedheera.
• Dhumarrattis himataan qotee bulaa waan ta’eef lafti yemmuu irraa
fudhatamu beenyaan kaffalame hin turre kun immoo faallaa HM kwt.40
waan ta’eef waliigalteen liizii seeraan ala taasifameetiin ol iyyataan
seeraan ala qabiyyee irraa buqqaa’uu hin qabu jechuun murtii
MMOGANF diiguudhaan qabiyyeen ol iyyataaf akka deebi’u jechuun
murtaa’eera.
G/Marii
• Murtiilee Manneen murtii kanaa akkamitti madaaltu?
Ragaalee galmee keesa jiran irratti Hundaa’uu Murtii
Kennuu;kwt.342
• Ragaalee galmee keessa jiran qorachuudhaan ijo dhimmichaatiif murtii sirrii kennuu
kan dandeessisu ta’uu isaa mm ol iyyannoo yoo amane ijoo mm jalaa sababeessee
murteesse kan biraa yoo ta’ellee mm ol iyyannoo sababa biroo ibsuudhaan ijoo
jijjiiree ykn fooyyessee murteessuu ni danda’a. Murtii MM ol iyyannoo bu’uura
kwt.348’tiin murtii mm jalaa kan fooyyesse ykn kan diige yoo ta’e ol iyyataadhaaf
seerummaa murtaa’e sababeessuun tarreessee ibsuu qaba.
• G.Lakk.92903, 85102 ol iyyannoon galmeen yemmuu diigamu seerummaan
ol’iyyataadhaaf kan malu ta’uu isaa qeeqa/xiinxala keessatti ifoomuu qaba.
• Galmee lakk.44545 sababa malee diiguunis ta’e cimsuun dogoggora akka ta’e ifeera.
Ragaa mm jalaa maalif akka fudhate ykn fudhatama dhabe ibsuu qaba.
Cont’d
Murtiin mm jalaa sababa malee duuchaadhumatti dogoggora maqaa
jedhuun diigamuu hinqabu galmee .58540
Dhimma mm aangoo jalqabaatiin ilaalee ijoo sirrii qabatee ragaa
dhagahee sababeessee murteesse tokko mm aangoo ol iyyannoo qabu
sababa gahaa malee waanuma mm jalqabaa qulqulleesse akka irra
deebi’ee qulqulleessu yemmuu ajajan qabatamaan ni mul’ata.
Fkn,DhIMMWF gal.lakk.127580.
Walumaagalatti,adeemsa dhiyeessii ragaa sdfhh kwt.223,234,137 fi 156
haala faallessuun qajeelfamaan deebisuun sirrii miti (DhIMMWF
gal.lakk.97217..
• DhIMMWF jildii 21ffaa-galmee lakk.127580 irratti galmeen qajeelfamaan
yemmuu gad-deebi‟u adeemsi dhiyeessii ragaa kabajamuu akka qabu ibsee
jira akkasumas jilduma kana galmee lakk. 99474 irratti galmee mana murtii
jalaa keessa sirriitti otoo hin qoratin murtii ol iyyannoo kennuun sirrii akka
hin taanee hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
• Dabalataan dhaddachumti kun jildii 20ffaa galmee lakk.109563 irratti
ragaan dhiyaate dhugaa jiru kan mirkaneesse yoo ta‟e manni murtii ragaa
dabalataa akka dhagahamu ajajuun dirqama akka hin taanee fi ragaan
dabalataa kan ajajamu dhugaa galmee keessa jiru baasuuf dirqama kan
barbaachisu yoo ta‟eedha jechuun hiikoo kenname ilaaluun barbaachisaa
dha
Cont’d
Qajeelfamaan Gad-deebisuu SDFHH kwt.343
• Haata’ umalee, mm jalaa firriiwwan dubbii murtaa’uu qaban irratti ijoo
dubbii qabatee otoo ragaa hin dhagahin kan bira darbe yoo ta’e mm ol
iyyannoo ijoo dubbii hundeessuudhaan mm jalqabaa falmisiisee ragaa
dhagahee argannoo isaa waliin akka ol deebisu qabxiidhaan gad-deebisuu
akka danda’u sdfhh kwt.343 irraa ni hubatama.
DhIMMWF jiildii 25ffaa Lakk. 186816
Jechuun
G/Marii

• qabatama jiruun sdfhh kwt.343 akkaatuma seerichi jedhuu fi murtii


DhIMMWF’tiin hojiirra oolaa jira moo miti?
Dhimmi tokko qajeelfamaan yemmuu gad-deebi’u manni murtii jalaa
haala kamiin keessummeessuu qaba? Galmee haaraa moo kanuma
duraanii sochoosuudhaan?
• MM qajeelfamaan erge hoo? Galmee cufee eeggata moo beellamaan
tursiisee bu’aa eeggata? Abbootiin dhimmaa hoo beellama akkamitti
beekanii hordofatu?
Eeyyamsiisa ol iyyannoo
• Ol iyyannoon guyyaa murtii kenname kaasee guyyoota 60 keessatti. Guyyaan 60 yoo
darbe eeyyamsiisaan malee ol iyyata gaafachuun hin danda’amu.
• Yeroon ol iyyannoo kan itti darbe sababa gahaatiin ta’uu yoo mirkanaa’e eeyyamamuu
akka qabu kwt.326(2) irraa ni hubatama.
• M/Murtii eeyyamuun duratti yaada garee faallaa dhagahuu fi ragaa qorachuu akka
danda’u ifatti tumamullee adeemsi bifa sirna gabaabaatiin immoo akkuma dhimma
idileetti ilaalamuu qaba kan jedhu ifa miti.
• Sababa kanaaf, muuxannoo wal-fakkaataa ogeessota gidduu hin jiru. Sadarkaa
mmwf’tti iyyata eeyyamsiisaa irratti gareen faallaa yaada akka itti kennu erga godhanii
booda beellamatti itti aanutti sababa gahaati moo miti kan jedhu qorachuun
murteessanii dhiyaatu.
…cont’d
• Jechuunis akka falmii idileetti ijoo qabatanii bitaa fi mirga wal-
falmisiisuun hin jiru.
• Adeemsa gabaabaatiin sababoota dhiyaatanis bal’isanii ykn laaffisanii
madaaluun murteessu.
• Haata’u malee, sadarkaa MMWO’tti ijoo qabachuun akkuma dhimma
falmii idileetti yemmuu falmisiisan fi sababoota dhiyaatanis cimsanii
yemmuu madaalan ni mul’ata.
Fkn
• Galmee lakk.MMWO 313915 ta’e irratti guyyaa gaafa 25/10/2011 iyyata eeyyamsiisa ol
iyyannoo dhiyerratti Waamamtoonni muraasni deebii erga itti kennanii booda guyyaa
ragaadhaaf beellamametti iyyataan ragaa waan hin dhiyeeffanneef waamamtootaaf kisaaraa
qar.360 kaffalee beellamatti ragaa akka dhiyeeffatu jedhameera.
• Beellama itti aanutti iyyataan ragoota nama lama kan dhiyeeffate ta’us kisaaraa
oolmaa dhaddachaa waamamtootaaf sababa iyyummaatiin kaffaluu hindandeenye
waan jedheef mirgi ragaa dhaggeessifachuu isaa bira darbamee qorannoof buleera.
Bu’uuruma kanaan ‘ol iyyattoonni tokko sababa kufee dugdi cabeef, kaan immoo sababa
deesseef’ yeroon ol iyyannoo keenya darbe haa jedhan malee sababa gahaatiin kan yeroon
itti darbe ta’uu hin mirkaneessine jechuun bu’uura sdfhh kwt.326(2) iyyata dhiyaate kufaa
godheera.
MMWF
• Galmee lakk.201354 caamsaa 30/2013 MMWF ajaja kennee irratti
murtiin MMWO’tti kan kenname Bitootessa 23/2012 keessa yemmuu ta’u
sababa koronaatiin MM gamisaan cufamee garagalcha kennaa waan hin
turreef fulbaana keessa garagalcha erga fudhatee booda turjimaannessuuf
ji’a tokko kan itti fudhatee fi sana boodas maatii keessatti walitti aansee
gadda uumameen yeroon kan irra darbee ta’uun waan hubatameef
Caamsaa 9/2013 irraa eegalee guyyaa 10 keessatti ol iyyata
dhiyeeffachuu danda’a jechuun eeyyamameeraaf.
Cont’d
• Gama biraatiin SDFHH kwt.323(2) guyyaa murtiin komiif sababa ta’e
kenname irraa kaasee guyyaa 60 keessatti ol iyyanni dhiyaachuu qaba
kan jedhu bifa duuchaatiin taa’e.
• Haata’u malee guyyaa murtiin kenname irraa kaasee kan jedhu namoota
waamichi sirnaan otoo hin qaqqabiin murtiin kenname irratti
raawwatiins kan hinqabne ta’uu murtii DHIMMWF jildii 15ffaa gal. 87190
kenne sdfhh kwt.323(2) fi 78 waliin ilaalamuu qaba.
G/marii
• Galmee lakk.313915 Haalli itti MMWO iyyata eeyyamsiisa madaalee
murteesse sirriidha jettuu? akkamitti?
• Madaallii MMWF galmee lakk.201354 irratti taasise hoo?
• Iyyata eeyyamsiisaa eeyyamuuf/dhorkuuf bu’uura kwt.325(2) fi
326(1)wantootni akka sababa gahaatti fudhataman kanneen akkamiiti?
• Hanqina iyyataa?
• dogoggora abukaatoo?
• sababa humnaa olii?
• Hanqina M/Murtii?
• Hayyamsiisa ol iyyannoo eeyyamuun murtii kenname irratti gareen
faallaa battalumatti moo dhimma ijoo irratti erga murtiin kenname
booda qabxii komii godhata.kwt.320(3) fi Jildii 13ffaa galmee
lakk.74785 waliin hoo?
Ol iyyata Qaxxaamuraa,kwt.340
• Guyyaa komii ol iyyannoo irratti akka yaada kennu waamichi
isa qaqqabe irraa kaasee hanga ji’a tokko gidduutti dhiyaachuu
qaba.
• Ol iyyanni qaxxaamuraa bifa komii ol iyyannootiin qophaa’ee
dhiyaachuu qaba.
• Kaffaltiin AS itti kaffalama
• Garagalchi ol iyyata qaxxaamuraa ol iyyataaf erga gahee booda
dhagahamee murtii kan argatu ta’a.
G/Marii
• Ol iyyata dhiyaate bu’uura kwt.73’tiin gaafa
dhagahaa yoo cufame, ol iyyanni qaxxaamuraan
gaafa kana dhiyaate akkam ta’a. Jildii 16 galmee
lakk.92043 waliin ilaali?
Kwt.331
• Dhimma falmii tokko keessatti himattoonni ykn himatamtoonni
baay’ee yemmuu ta’anii fi falmichi ijoo seeraa ykn firrii dubbii waliinii
qabaatee murtii kenname irratti garee keessaa nam tokkoon kan ol
iyyate yoo ta’ellee MM ol iyyannoo gareewwan hafaniifis haala
ilaallatuun murtii fooyyessuu,cimsuu ykn diiguu ni danda’a.
• As keessatti dhimmoonni akkamiitu tumaa kanaan ilaalamuu
danda’u? DhIMMWF jildii 22ffaa gal.138138 ilaali!
Ijoowwan dubbii ol iyyannoo
1. ijoowwan dubbii daguuganii qabachuu hafuu, fakkeenyaaf
‘’qabxiiwwan….kanneen fi kan biroo irratti’ bakka himatamaan
jirutti qorachuun barbaachisaa waan ta’eef’’ jechuun ajaja kennuu.
‘’Kanneen biroo’’ gaaleen jedhu qabxii ykn ijoo dubbiiti jechuu hin
dandeenyu.
Cont’d
2. Hanqinni inni biraa ijoon qabatamee ni dhiyeessisa yemmuu
jedhamu baay’inaan komii qofarratti hundaa’uun yemmuu
hundeeffamu komii ol iyyataatiin liqimfamuudhaan dursanii
amananii erga murteessanii booda qulqulleessuuf jedhanii deebi
kennaa yemmuu waaman ni mul’ata. Fkn.Galmee MMWO
lakk.322863 ajaja gaafa 3-07-2012 kenname ilaali
Fkn.galmee
Cont…
3. Haaluma walfakkaatuun ijoo dubbii hin malle qabachuu fi murtii
ijoo dubbii waliin wal-hinsimanne kennuun hanqinoota bal’inaan
mul’atan ta’uu,,,fkn dhimma waliigaltee liizii addaan
kutuu…MMOGANF galmee Lakk.31243
y/kallattii
• Kana irraa kan nuti hubannu manni murtii komii ol iyyataan dhiyeeffate
dhuguma sirriidha moo miti? Qabxii jedhu murtii keessatti kan ibsamuu
qabu ta’ee otoo jiruu dursanii komii dhiyaate amanuudhaan jechoota
kanneen akka ‘’ragaan ol iyyataa mirkaneessee otoo jiruu, ol iyyataan
seerummaa gaafatee otoo jiruu, ol iyyataan mormii s/duraa kaasee otoo
jiruu manni murtii jalaa bira darbuun murtii kenne sirriidha moo miti?
Kan jedhu gama tokkoon dhimma hin qulqulloofne guduunfuu yemmuu
ta’u gama biraatiin immoo kallattii murtii agarsiisaa kan jiru waan ta’eef
qabxiin qulqullaa’uudhaa qabu bifa ‘neutral’ ta’een bitaatti ykn mirgatti
kan hin jal’anne ta’uu qaba.
Cont…
• Dhimma armaan olii keessatti ‘’Qabiyyeen lafa tarree 3ffaa fi 7ffaa
irratti caqafame waliigaltee gaafa 3/12/2004’tiin ol iyyataaf kan
kenname ta’uu mirkanaa’ee jira moo miti? Qabxii jedhu otoo qabame
erga qulqullaa’ee booda mirkanaa’e ykn hin mirkanoofne jedhanii
guduunfuuf loojikii sirrii ta’a.
• Ijoon dubbii qabamuu fi murtiin dhumarratti kennamu kan wal-
unatu ta’uu qaba.
Qabiyyee Murtii ol iyyannoo
SDFHH kwt.182(1).

Qabxiiw
wan
Murtii murtii

sababoo
ta
murtii

Qabiyyee Murtii
…cont’d
• As irratti dhimmi xiyyeeffannaa barbaadu bu’uura sdfhh kwt.337’tiin
hindhiyeessisu jechuun ajajni kennamu ulaagaa qabiyyee murtii
kwt.182(1) jalatti ni hammatama moo hin hammatamu kan jedhuu dha.
• Murtii jechuun ka’umsa ajaja ykn murtoo manni murtii kennu tokko akka
ta’e fi ajaja jechuun immoo ibsa MM akka ta’e sdfhh kwt.3 jalatti
hiikameera.
• Kanaaf, bu’uura kwt.337’tiin ajajni kennamu qaama murtii waan ta’eef
ulaagaa qabiyyee murtii ol iyyannoo kwt.182(1) jalatti ibsamee
qabaachuu akka qabu nutti agarsiisa.
Sdfhh biyya Hindii

• Dhimma kana irratti muuxannoo biyya rogummaa qabuu kan seerri


deemsa falmii keenya irraa waraabame SDFHH kan biyya Hindii ‘Order
41 rule 11 jalatti MMW yaada ol iyyataa erga dhagahee booda deebi
kennaan otoo hin waamin galmee kan cufu yoo ta’e sababa galmee
cufe’dismiss’ godhe galmeessuun bifa murtiitiin barreessee murtii
labsuu akka qabu ibsa.
…cont’d
Guduunfaa
• Murtii MM ol iyyannoo kennu firiiwwan dubbii,seera rogummaa qabu
ijoo dubbii waliin ragaalee galmee keessa jiran xiinxala ofiitiin kan
murteesse ta’uu haala ibsuun barraa’uu qaba.
• MM ol iyyannoo addatti of danda’ee ragaa xiinxaluun murtii sababawaa
kennuu qaba. MM ol iyyannoo murtii mana murtii jalaatiin waliigaluu
isaa qofa haala waliigala ta’een ibsuudhaan murteessuu hin qabu.
Qabxiiwwan ilaalamuu qaban erga adda baasuun ragaaleen hunda
xiinxaluudhaan murtii kennuu qaba.
• Ol iyyannoo jalqabaa keessatti mm aangoo bal’aa waan qabuuf yoo seerri
haala addaatiin daangesse malee firiiwwan dubbii, seeraa fi ragaalee
galmee keessa jiran hunda qabxiiwwan komiif sababa ta’an waliin
ilaaluudhaan sababeessuun murteessuu qaba.
Cont…
• Dhimma kanaan wal-qabatee MMWF qorannoo dhiyeenya kana
taasiseetiin bu’uura sdfhh kwt.337’tiin komiin ol iyyannoo hin
dhiyeessisu jechuun galmeen cufamu akkuma murtiitti sababeessuun
ibsamuu qaba moo duuchaa dhumatti murtiin mana murtii jalaa kan
komachiisu miti jedhamuutu mala? Gaaffii jedhu irratti duuchaa
dhumatti galmee dogoggora hin qabu hin dhiyeessisu jechuun hoj-
maata badaatiif kan saaxilu fi itti gaafatamummaa abbaa itti gochuuf
kan rakkisu, madaalliidhaafis kan hinmalle ta’uu ibsuudhaan
akkaatuma murtiitiin barraa’uu akka qabu akeekanii jiru.
Home Of Laws.
https://t.me/eluLaw

You might also like