You are on page 1of 3

11/04/2024, 18:47 Ajjeechaa Obbo Batteerratti maatiifi ogeessi fayyaa maal jedhan?

- BBC News Afaan Oromoo

Ajjeechaa Obbo Batteerratti maatiifi ogeessi


fayyaa maal jedhan?

REPORTER NP

Sa'aatii 7 dura

Roobii Ebla 10, 2024 ganama bakka balfi itti gatamuu reeffii isaanii kan argame namni siyaasaa Obbo Battee Urgeessaa,
rasaasaan iddoo baayyee rukutamanii ajjeefamuu Ogeessi fayyaa reeffasaanii argan himan.

Hakiimni eenyummaa isaanii akka dhoksinuuf gaafatan Roobii kaleessaa reeffa Obbo Battee Urgeessaa arguu BBC'tti himaniiru.

''Qaamnisaa mataadhaan alattii iddoo jahaa madaa qaba'' jedhan.

''Mataarra iddoo shanii madaa qaba. Dugdarraa iddoo sadii. Cinaacha biitaarraa madaa guddaa qaba. Garaa gara gadiirraa fi
sarbaa irraa madaa tokko tokko qaba. Walumaagalatti mataa isaa dabalatee madaa gara 11qaba.''

Ogeessa kanaan madaawwan kunnneen martuu rasaasaan kan uumamaniidhaa? jenne gaafanne.

''Eyyen nuuf rasaasa fakkaata. Kuun kan rasaasni galeen, kuun kan rasaasni ittiin baheedha. Hundi karaa rasaasni seene miti.''

Mataa bakka rifeensi jiru qofa madaan rasaasaa uumame shan jiraatus fuullisaa madaa akka hin qabne ogeessi kun himaniiru.

Qorannoon Foorensiikii waan hin gaggeefamneef rasaasni qaama isaanii keessatti hafuufu dhiisuu adda baasuun akka ulfaatus
dubbatan. Ammoo lakkoofsi madaa mataarra jiruu shan ta'uun tarii rasaasni qaama keessa seenee hin baane jiraachuu mala
shakkii jedhu akka uumus himan.

''Lakkoofsi madaa mataa shan ta'uun shakkii uuma, osoo kan rasaasni seenee bahe sadii ta'ee silaa madaan jaha ta'uu qabaayyu.
Raajiin hin kaane waan ta'eef (rasaasni) hafuus danda'a.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cd1wr5l4xnzo 1/3
11/04/2024, 18:47 Ajjeechaa Obbo Batteerratti maatiifi ogeessi fayyaa maal jedhan? - BBC News Afaan Oromoo
Raaffii raajii (altiraasaawundii) akka hin kaane ogeessi kun mirkaneessaniiru.

'Poolisiin osoo nuti reeffa bira hin gahiin qala'aa fudhatee


sokke'

FAAJJII CAALCHISAA

Sirni Awwaallchaa Obbo Battee Urgeessaa Waldaa Masarta Kiristos Maqiitti raawwatame

Obboleessi Obbo Battee Urgeessaa yaada BBCf kenneen, namoota naannicha jiran irraa odeeffannoo bilbilaan isaan qaqqabeen
Roobii ganama sa'aa lamatti reeffa isaa arguu himan.

Wayita arganis qaamasaa bakka hedduurra madaan akka ture himan.

''Bakka meeqa akka rukutame ogeeyyii reeffa illaalantu gabaasa hojjetee qaama ilaallatuuf kenna. Rasaasa jahaan rukutamuu
garuu suurrii isaas kaafamee isinis argitaniittu ta'a'' jedhan.

''Mataasaarra baayyee dhahame. Irra deddeebiin rukutame. Rasaasa meeqaan mataasaa akka dhahan garuu hin beeku. Cinaachis
dhahameera.''

Battala reeffasaa argan haala ture yoo himan ''mataadhaan gombifamee, saqqiisaatiin harkasaa boodatti hidhanii ture. Soorata
bineensaa akka ta'uuf reeffumasaatillee balleessuuf yaalan'' jedhan.

''Maali gara jabinni hamma kana gahu?'' jechuun bifa gaaffiin ibsau.

Reeffi Obbo Battee Urgeessaa kan argame qarqara magaalaa, naannoo Girrisaa Maazooriyaa jedhamu, iddoo balfi itti gatamu ta'uu
jiraataan magaalicha tokkos BBCtti himaniiru. Yaadni kun maatiirraa odeeffannoo dhageenyeen wal sima.

Ajjeechaa Obbo Ajjeechaa Obbo Ajjeefamuu Obbo


Batteerratti Batteerratti Battee Urgeessaa
raawwateef 'qoraannoon ilaalchisuun
mootummaatti… guutuu ta'e' akka… namoonni,…

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cd1wr5l4xnzo 2/3
11/04/2024, 18:47 Ajjeechaa Obbo Batteerratti maatiifi ogeessi fayyaa maal jedhan? - BBC News Afaan Oromoo
10 Ebla 2024 11 Ebla 2024 10 Ebla 2024

Maatiin odeeffannoo argateen bakka Obbo Batteen itti gataman gahuu isaanii dura Poolisiin rasaasa ittiin ajjeefame 'guurratanii
deemuu namootni ijaan argan nutti himaniiru'' jedhu obboleessi.

Ergasi reeffa kaasaanii gara hospitaalaa wayita geessanittis ta'e achii booda qaamni nageenyaa akka hin argamne himan.

''Eegneet dadhabne Poolisii. Nu dursee gahee, qalawaa(rasaaasa) sassaabbatee, suura reeffaa kaafatee dhiisee deeme. Nu waliin
hospitaala geessee qorannoo hojjechiisuu qaba ture.''

Poolisiin kana raawwatee bakka sanii deemuu namoota ijaan arganirraa dhagahuus himan.

Reeffi akka hin kaane qaamni nageenyaa dhorkaa ture odeeffannoon jedhu garuu sirrii akka hin taane dubbatan.

Obbo Batteen Peensiyoona Abbebee Giraazmaach jedhamu guyyaa tokko bulanii guyyaa lammataatti halkan fudhatamanii
ajjeefaman.

Halkan sana qaamni iddoo ciisaa isaaniitii fuudhee deeme eenyu akka ta'e ''mootummaan dhuguma mootummaa dhugaa yoo ta'e
qoratee ifa nuuf haa godhuu'' jedhu Obboleessi.

Dhugaansaa akka bahu haqni akka bahu mootummaan waan irraa eegamu akka godhus gaafatan.

Eenyummaa namoota ajjeechaa kana raawwatee akka hin qulqulleeffannes ibsan.

'Dhibdee maatiin ajjeefame kan jedhamu gara dabarsuufidha'


Kantiibaan magaalaa Maqii Obbo Dilboo Urgeessaa yaada sagalee Ameerikaaf kennaniin ajjeechaan kun sababa dhiibdee maatiin
mudatee jechuun himanii ture. Qorannoon akka gaggeefamus dubbatanii ture.

Obboleessi Obbo Battee garuu ''dhibdeen maatii tokkollee hin jiru, dhugaasaa gara dabarsuuf, uummata keessatti burjaajii uumuuf
yaalii godhamuudha'' jechuun BBCtti himan.

''Isa ajjeesanii quufuu dadhabanii, ammas dhugaasaa warra balleessuu barbaadanitu yaada dadhabaa hamma kanaan burjaajii
uumuu barbaadanii.''

Maatii keessa Obbo Batteetti gocha gara jabinaa akkasii raawwachuu mitii yeroo inni dubbatu rifaatuufuu jala hin deebifnuu'' jedhan.

Jiraataan magaalittii kan biraan maatii Obbo Batteetti siiqaanis ''osoo dhibdeen wayii jiraatee ni dhageenya ture. Kuni dubbii dhugaa
hin fakkaannedha'' jedhan.

Obboleessi Obbo Battee qaamaa mootummaaf dhaamsa dhaamaniin ''mootummaan yoo danda'e dhugaasaa, haqasaa uummataafi
maatiif haabaasu, ifa haa godhu. Yoo kana gochuu hin danda'u ta'e dhugaasaa dabsuufimmoo akka hin yaalle'' jedhan.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cd1wr5l4xnzo 3/3

You might also like