You are on page 1of 4

QAAM’EE

FI
KALAANDARII ITOOPHIYAA

IFARGAN GUDDATAA ITICHAATIIN

BITOOTESSA 16, 2014

HARAMAYAA, OROMIYAA
◆ QAAM’EE FI KALAANDARII ITOOPHIYAA
Itoophiyaan wagga 69.5 keessatti wagga tokkoon biyyoota
addunyaa biroo biraa duubatti hafti.

Akkuma beekamu biyyoota addunyaa keessaa kalaandarii


baatii 13 qabu kan fayyadamu Itoophiyaa qofa. Kunis kan ta’uu
danda’eef ji’a qaam’ee akka ji’a 13ffaatti waan fayyadamtuu fi
filoosoofii guyyoonni baatiiwwan maraa walqixa (guyyaa 30)
ta’uu qabaachuun dirqama jedhu waan hordoftuufi.

Akka kalaandarii Itiyoophiyaatti guyyoonni qaam’ee shanii fi


jaha yoo ta’u, baroota afur keessatti si’a tokko qofa guyyaa jaha
qabaata. Fakkeenyaaf bara 2011 ALI_tti qaam’een guyyaa jaha
roobde. Ergasii bara 2012, 2013 guyyaa shan roobde. Bara
2014 irra guyyaa shan roobdi. Bara 2015 garuu guyyaa jaha
roobdi. Baroota afur keessatti si’a tokko guyyaa jaha jechuudha.

Kanaafi akka kalaandarii Itoophiyaatti waggaan tokko guyyaa


meeqa qaba jedhamnee yoo gaafatamne 365 yookaan 366
jennee deebisuun deebii quubsaa kan hin taaneef. Guyyoota
3651/4 ta’uu qaba jechuudha. Firaakshinii makaa kana yeroo
hiiknu baroota afur keessatti guyyaa dabalataa tokko qaba
jechuudha.
Baroota Afran sana keessaa barri jalqabaa bara Maatewoos
jedhama. Barri inni lammaffaa immoo bara Maarqoos jedhama.
Barri inni sadaffaa bara Luqaas yoo jedhamu barri inni arfaffaa
bara Yohaannis jedhama. Kun hawaasa keessatti bal’inaan kan
beekamu yoo ta’u, icciitiin isaa garuu tartiiba macaafaawwan
kitaaba qulqulluuti. Barri inni arfaffaa yookaan barri yohaannis
bara gaariidha jedhamee yaadama.

◆ Itoophiyaan akkamitti bara hammam duubatti hafti?

Biyyoonni addunyaa kaawwan kalaandarii isaanii keessatti


ji’oota kudha lama qabu. Itoophiyaan ji’a 13 fayyadamuun ishee
lakkoofsa bara ishee hammamiin duubatti hambisaa? Kutaa
kana jalatti kanin dhiyeessu herreega mataa kiyyaa fi akkaataa
hubannaa ykn xiyyeeffannoo kiyyatiini malee kan hawasaa
miti.

Baroota 4 keessatti guyyoota 21 duubatti hafti. Kana jechuun


baroota jalqabaa sadan keessatti qaam’een guyyaa shan shan
yoo roobdu, bara arfaffaa irratti jaha roobdi. (5+5+5+6 = 21).
Herreeguma kanaan yoo deemne baroota 8 keessatti guyyoota
42 duubatti hafti. Baroota 20 keessatti guyyoota 105 duubatti
hafti. Akkuma kanaan baroota 69.5 keessatti guyyaa 365 1/4
duubatti hafti. Kunimmoo akka kalaandarii Itoophiyatti wagga
tokko ta’a jechuudha.

Baroota dhaloota kiristoos irraa kaafamanii lakkaa’aman


keessatti hamma ammaa kalaandariin biyyoota addunyaa biroo
kalaandari Itiyoophiyaa wagga 8n caala. (2013 fi 2021 waliin
madaalchisuudhaan). Baroota muraasaan dura wagga torba
walcaala ture. Amma ji’oonni waluma jalaan itti dabalamaa
deemuudhaan wagga 8 taasisuuf jira jechuudha.

Kana jechuun ammuma waggaan 69.5 darbaa dhufu caalmaan


wagga tokkoo uumamaa dhufa jechuudha. Adeemsa kanaan
jaarraa torba dhufu keessatti, jechuun baroota 700 booda
kalaandariin Itoophiyaa fi kan biyyoota addunyaa biroo
garaagarummaa wagga 18 godhata jechuudha.

Maaltu isinitti dhagahame?

Yaada yoo qabaattan na quunnamaa.

• Phone – 0919778608
• Telegram - @Ifargan
• Facebook – Ifargan Guddataa Itichaa

You might also like