You are on page 1of 2

Lakk.

37/2016

Guyyaa 17/3/2016

Mana Murtii A/Sayyootiif

D/Dolloo Lakk.G/Pol 80/2016

Lakk.G/A/A 0170

Lakk.G/M/M__________

Himataan: - Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Dambi Dolloo

Himatamaan: Addaamuu Mokonnon Rufii, Umurii – 32, Hojii: - D/Bulaa, S/bar- 8ffaa,
Teessoon: - Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo ganda Maaxaa

Himata 1ffaa

Yakkicha

Seera Yakkaa MFDRI bara 1996 bahe Kew.665 (1) irra darbuun yakka raawwatamee dha.

Yakkicha Bal'inaan

Himataman kun badhaadhina isaaf hin malle argachuuf yaadee Magaalaa Dambi Dolloo
ganda Yabaloo (07) bakka addaa naannoo dhaaba horii jedhamutti gaafa 12/3/2016 guyyaa
keessa tilmaamaan sa’aatii 7:00 yeroo ta’utti qabeenyummaan isaanii kan Shamsuu Abduu
kan ta’e re’ee korbeessa bifti isaa daalacha tilmaamaan qarshii 3,200 (kuma sadiif fi dhibba
lama) baasu, re’ee haadhoo bifti ishee dimtuu tilmaamaan qarshii 3,900 (kuma sadiif fi
dhibba sagal) baastu, fi re’ee goromtii bifti ishee dimtuu tilmaamaan qarshii 3,000 (kuma
sadii) baastu walumagala tilmaama qarshii 10,100 (kuma kudhanii fi dhibba tokko) fudhatee
gurguruuf osoo jedhuu bakka dhaaba hoorii (bittaaf gurgurtaa) magaalaa Dambi Dolloo
keessatti harkatti waan qabameef yakka hannaatiin himatame jira.
Lakk. 37/2016

Guyyaa 17/3/2016

Himata 2ffaa

Yakkicha

Seera Yakkaa MFDRI bara 1996 bahe Kew.665 (1) irra darbuun yakka raawwatamee dha.

Yakkicha Bal'inaan

Himataman kun badhaadhina isaaf hin malle argachuuf yaadee bakka fi yeroo himata 1 ffaa
keessatti eerametti re’ee korbeessa bifti isaa daalacha kan ta’e tilmaamaan qarshii 3,000
(kuma sadii ) baasu fi qabeenyummaan isaa kan miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’e
fudhatee gurguruuf osoo jedhuu bakka dhaaba hoorii (bittaaf gurgurtaa) magaalaa Dambi
Dolloo keessatti harkatti waan qabameef yakka hannaatiin himatame jira.

Tarree Ragaa

A. Ragaa Namaa Teessoo


1. Shamsuu Abduu Magaalaa Dambi Dolloo ganda Yabaloo
2. Baayiluu Warqinee Magaalaa Dambi Dolloo ganda Yabaloo
3. Saafii Kaliil Magaalaa Dambi Dolloo ganda Yabaloo
4. Birhaanuu Alamayyoo Magaalaa Dambi Dolloo ganda Yabaloo
5. Sulxaan Mahammaad Magaalaa Dambi Dolloo ganda Biiftuu
6. Mudaasir Aliyyii Magaalaa Dambi Dolloo ganda Biiftuu
B. Ragaa Barreeffamaa
1. Tilmaama gatii qabeenya himata 1ffaa keessaa kan ibsu xalayyaa lakk. 560/WD/16 tiin
gaafa 12/3/2016 Waajjira Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Dambi Dolloo irraa barraa’e
fuulli 1 (tokko) jira.
2. Tilmaama gatii qabeenya himata 2ffaa keessaa kan ibsu xalayyaa lakk. 561/WD/16 tiin
gaafa 12/3/2016 Waajjira Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Dambi Dolloo irraa barraa’e
fuulli 1 (tokko) jira.
C. Ciraa
Ciraan himata keessatti ibsame karaa Waajjira Poolisii Magaalaa Dambi Dolloo kennamee
harka wabiitti argama.

You might also like