You are on page 1of 12

HARMEE

☆Keys:
D: daa'ima
Hr: harmee
Er: ergamaa
Gr: gargaartuu

RAAWWII 1

MIL'UU 1

Yeroo ibsaan ifu wantoonni mana keessatti argaman: teessoo baay'ee, minjaala,gara
duubaanimmoo meeshaalee hojii gosa garaa garaa akkasumas meeshaaleen kanneen akka
gaachanaa fi eeboo girgiddaatti maxxanfamaniiru,Harmeen teesoo sisirreessiti

Hr: Yaa Rabbi!,Yaa Uumaa, galatakee,Ulfinakee! daa'immankoo nagaa gootee, Anas nagaa
gootee, waanan isaan nyaachisee,waanan isaan obaasuun badhaatuu na goote,
galatakee,galatakee.!
D1: ( ol seenee,miira ajaa'ibsiifannaadhaan) Harmee! Duruu duri fuula ifuunkee, har'ammoo
adduma! maali maaltu ta'e?
Hr:Yaa mucaako! Hammuma guyyaan bultee bariitu, nagaa keessan, nagaa daa'immankootiifi
tokkummaa keessan arguu caala, wanti nagammachiisu meemaaltu jira?
D1: ( gara teessootti deemaa) dhugaa keeti innillee, nutis harmeen keenya, gammachuu akkasii
qabaachuu caala wanti nu gammachiisu hin jiru (teessoorra taa'ee) harmee gammachuun kee
akkasumatti itti nuuf haa fufu.
Hr:Amen, aamen!
(D2, D3, D4, D5, D6, D7, D8 walduraa duubaan ol seenu)
Hr: (miiraa jaalalaatiin) ishoo,ishoo iji hamtuu sin hin argiin! Achasuma koottaa
tataa'aa...
D1: (ol ka'uun) Nooraa, oluma nooraa
D2: Taa'i, taa’i obboleesso, (hundinuu ni tataa'u) galatoomi!,galteettayi?
D1: Eeyyeeka obboleessoo, silaa harmee keenya arguuf hamma lafti bariituttuu ni muddamna.
D3: Dhugaa keeti obboleessoo.(ol ka'uun) harmee koottuu taa'ii?
D4: (ol ka'uun) Ahaa! Harmee dhuguma, koottuu taa'i malee!(hunduu olka'ani teessissu)
Hr:Ishoo ishoo ilmaanko kabajamaa,! adda argadhaa,! teessoo hin dhabiinaa,! tokkummaan
keessan itti haa fufu.
D5: harme waaqayyo uumaan siifis fayyaa fi umurii siif haa kennu,nuuf jiraadhu.
Hr: Ameen! Jedhaga gara hojii deemtu mitiiree, cireen siniif dhiyeessa harka keessan dhiqadhaa.
(olka'uuf agggaamti)
D6: (ariitiin olka'ee)Harmee taa'i anatu dhiyeessa (ka'e gara ciree dhiyeessuu deema)
D8: Sirriidha animmoo bishaan harkaan buusa.(gara bishaan buusuu deema)
Hr:Tole guddadhaa (kaatee) egaa ijoollee ko harka keessan dhiqadhaa.( dabaree dabareen ol
jedhanii harka dhiqatu)
D6: (Ciree harkatti baatee) hundi keessanuu dhiqattanii?(tokkummaan)
Eeyyee dhiqanneerra.
Hr: Eeyyennoo achas kenni (masoobii hakaa fuutee gidduusaanii keessi) koottaa walwalitti siqaa
(hundinuu masoobiitti naanna'ii taa'u)
D7: (olka'ee) Harmee dhuftee nu wajjin hin nyaattuu?
Hr: Jedhaa ani boodan nyaadha,taa'i Eebbifadhaati nyaadhaa.(hundinuu toora tooraan
eebbifatanii afaan wal kakkaa'uun nyaachuu jalqabu, harmeen miira gammachuu fi
galateeffannaan yeedalloo jalqabdi)
Aameen ameen,aameen ameeni
Keennakeef,yaa rabbi aameeni
Keenna ati naaf laatterra
Kan ati naaf hiixattarraa
Komii hin qabu mudaasi
Naaf ta'eera,itti gammadeerasi

Uumaadha,Guuddaadha,maaltu si hanqata hundatti guutuudha qe'eenkee


Baay'istee,eebbistee,erga na badhaaste Kennaa danuu harka eebbakee
oormatti hin laatiin,diinaf hin kenniin, Naaf goolgi bobaa keen
Anaaf golgi bobaakeen,(2)

Yaadaan tookko taanaan


Qalbiin tookko taanaan
Deemsaan tookko taanaan
Ilaalchaan tookko taanaan (2x)
Kan gargar baasu hin jiruu
Wanti isaan dhibu hin jiruu
Dhaadatanii soodaachisuu
Dubbatanii dhageessisuu
Lolanii injifatuu
Mirga ofii kabachiifatuu....
(gara ijoolleetti deebi'uun)Nyaattanii?

(tokkummaan ) eeyyee nyaanneerra harmee.


Hr:tole kennaaga siniifan guddisa(dabaree,dabareen masoobii dhudhungachaa walitti dabarsaa
harmeetti kennu) ishoo egaa harka keessan dhiqadhaati gara hojii keessaniitti bobba'aa
D7:(bishan harkaa fuudhee olka'ee) hoodha harka keessan dhiqadhaa,ganama kanaan deemna.
(bishaan harkaa buusa.hundinuu meeshaalee hojiisaanii fudhatanii yaa'u)
Hr:nagaan galaa(×2),milkaa'aa!(gaggeessuuf duuka gad baati,Ifaan Ni Bada)

MIL'UU 2

Yeroo ifaan banamu oobdii keessatti midhaan walitti qabameera, daa'imman harmee midhaan
walitti qabamee jiru dullaadhaan reebaa,kaanimmoo qoorbiidhaan asiif achi gaggaragalchaa
midhaan calleessuutti jiru.

D5 :(uleesaa gateettiirra kaawatee afuura dadhabbii baafatee) oowwuu... hojiin kun cimtuudha
ijoo maal wayya?
D1 :(gidduun ol jedhee) essa abbaashii!,kun ijoollee harmeetiif hammam geessi? Amma qixa
ishee galchinaati Jajjabeessaa.
D4 :(dafqa xaragachaa) osoo bakka lamatti qoonnee garee lamaan jalqabneerra ta'ee yoowana
calleessine.
D5: Dhugaa keeti silaa yoona iddoon geenyeera.
D2: (Ashooffiidhaan) Dhugaakeetisilaa..... ilaa mee nadhaggeeffadhaa,!(hunduu oljedhanii
dhaggeeffatu) ijoo wanti tokkummaa fakkaatu hin jiruuti hin gowwomiinaa."qunceen
walgargaarteetu arba hiitii",! jedhu abbootiin yeroo mammaakan, kanaafuu akkuma jalqabnetti
xummurraatii jabeessaa!
D6 :(uleesaa harka lamaan duratti diriirsee xiqquma gugguufuun) yaanni obboleessi keenya
kaase sirriidha.akkasumatti wal taanu malee hin bareennu, mee amma isa dhiisaati na harkaa
fuudhaamee(sagalee cirataa)

Baala geeshee baala allaadduu


Maal dhageessee maaf nan yaadduu

(walfaanaa)
Anyiitii jirbii boffee daalachaa
As-siqii sirbi kormee sobdee dhaabattaa
Baala geeshee baala allaadduu
Maaldhageessee maaf nanyaadduu
Anyiitii jirbii boffee daalachaa
Assiqi sirbi kormee sobdee dhaabattaa (2)
(Ol jedhanii shubbisu,D4 ittifufa)
D4: hiyyaaseedhakaa
(Walfaana yeedalloon):HIYYAAS
D4: hiyyaasee lulee
(Wal faana): HIYYAAS
D4: si yaadeerakaa
(Walfaana): HIYYAAS
D4: si yaadeen bule
(Walfaana) Hiyyaas
D4: bofti gammoojjii
(Walfaana) Hiyyaas
D4: hin aadu hin yuusaa
(Walfaanaa) Hiyyaas
D4: yommuun si yaadu
(Walfaana) Hiyyaas
D4: hirbaatan buusa
(Walfaana) Hiyyaas
D4: hirbaata hin buusu
Walfaana Hiyyaas
D4: keessi midhaanii
Walfaana Hiyyaas
D4: imimmaan na buusa
Walfaana Hiyyaas
D4: keessa garaanii
Walfaana Hiyyaas
Er: (gara oobdiitti dhiyaatee dhaabatee ilaalee, miiraa ajaa'ibsiifannaan) ay ishoo,ishoo,ishoo,
haa barakatukaa!
(Walfaana): barakataa dhahaa, Bara hamaa bahaa
Er: hunkut gootankaa!
(Walfaana): eeyyeekaa
Er: ishoo dargooko akkas malee! "Yeroo humna qabdu kaadhuu,yeroo harkaa qabdu nyaadhuu"
hin jenneeree makmaakaan!(miira aariitiin lafa tuttumataa) maal wayyagaa, "liqimsinaan haadha
keetu du'a,tufnaan abbaakeetu du'a" jennaan namichi aannan gaalaa afaanitti qabatee du'e
jedhani,...
D2: maali nagaa mitimoo kan akkas yaanni isin dhaabbatuuf....?
Er: Nagaa maaltu jira.nagaa qabaachuun yoo daangaan ofii kabajamtee,biyyi haadha ofii nagaa
qabaattedha.
D2 :( itti bitaacha'uun) da. daangaa yoo jettan?... Jechuun koo daangaa eenyuu?
Er: yaa kormako! Sanyiin tokko ta'anii,aadaa tokko qabaatanii,afaan tokko dubbannaan biyya
gargar hin qaban. kuno osoo nuyi quba hin qabaannee diinni daangaa keenya cabsee kallattii
hundaan nutti olgalaa jira. Kanan harmee gurra buusuuf garana Kute,mee midhaan kana iddootti
godhaati koottaa,hammasittuu dhaqeen harmee gurra buusaati.(nii sokka
.Hundinuu miira onnataan yaada saanii ibsatu)
D1: Abbaankoo badee hee!, kun salphina guddaadha!
D3: (aariin ulee lafatti diree) anatu du'e malee.
D5: eenyutu hin du'iin, animmoo fayyaadhaa?
D6: (ofitti amanamummaadhaan harka haboottifatee) amma deemnee yeroo gabaabaa keessatti
qixxeeshiitti galchina!
D7: innillee dirqama. (xiqquma yaadee) garuu.....harmmeemmoo akkam goonee deemna?
D3: obboleessoo hin gowwomiin, daangaa keenyaaf wareegamnee,roorroo faccisuun ulfina!,
garuummoo osoo nuyi boroo duuba marsinu, diinni mana ol galtee yoo nu dhaantedha salphinni
harmee.!
(Walfaanaa )dhugaadha sirriidha.
D1: amma koottaa dafnee galleetu harmee mariisifnee diina keenyarra yaana!, daddafaa..(ifaan
ni bada)

MIL'UU3

Yeroo ifaan banamu harmeen teessoo gabaabduurra teesseetti. Daa'imman ishee afur gara
mirgaan afur immoo gama bitaan meeshaalee waraanaa qabatanii miira ho'aan koomeerra of
taa'aniiru.

Hr: (miira yaaddootiin) Ayii......!


D3: (lafaa olka'ee onnee guutuun) Harmee? Nuti gootonni kee diinota keenyatti baanee kokkee
qabuuf, qophii xummurree amma ajaja kee qofa eegachaa jirra!(olka'anii tokkummaan itti walii
galuun) eeyyee, sirriidha.!
D7: harmee maaliif akkas dhiphattaa?
Hr: (olkaatee,suuta bitaaf mirgatti ilmaanshee mil'attee) maalan godha,...ilmaankoo garaa
jabaadhee, abiddatti erguutu garaa na nyaata.ta'us garuu Rabbi guddaa wajjin ciqilee ilmaan
koorraa shakkii hin qabu! gootummaa keessan kanaan, Akka isin diinota koo kokkeeshii
qabdanii, waraantanii, injifattanii,boojuun deebitan bareecheen beeka.(miira honnataan)daangaa
abbootiin keenya dhiigaan tiksaa asiin gahan,diinni akka keessa fiigdu hin eeyyamuuf!. Isinillee
taatu sanyii gootota mirree, akka isin kana hin taasifne lubbuu koo kana kenneen sin amana!
(Walfaana) Habadan!hin hayyamnu.
D1: takka bookkisuureewot ya joollee
takka bookkisuurewoo
narraa hin fokkisuurewoo
takka barooduurewoo
narra hin bareeduurewoo,
Akka kormaan bookkisaa
Qallayyoo abbaankoo dhalchuu
Seenxii harmeenkoo deessu maaltu narraa fokkisaa
Geerar geerar naan jedhuu
Geerarsa maal na gorsuu
Nayyuu garaan hin obsuu
Eenyuttan bahee badaa
Eessummankoot qeerransaa
Lammiinkoo leenca kormaa
Eenyu abbaasa naan mormaa
Sanbata hin qotiin malee
Sanbat duraan maal qabaa
Cigoo hin geerariin malee
An goota hin tuqiin malee
Yoon geerare maal qabaa
Eesaa kootu mudaa qabaa×2

D2 : Aakkas jedhi gurbaa sanyii gootaa!!


D3: Ashananaanaa...nanaananaanaa..
Nanaananaa.....
Jirtuu jirtuu yaa jaranaa
Jireenyi gaariidha
Roorrootu badiidhaa×2
Lalaa lalaa lalaalalalaa
Lalalalalaalaa...
D6: kaate ijoolleen harmee!
(Walfaan):dhuguma!
D6: ijoollee harmituu
(Walfaanaa) dhuguma!
D6: osoo nuti jirruu
(Walfaana): dhuguma!
D6: diinni daangaa hin sarbitu!
(Walfaanaa): dhuguma
D6: harmmee nuyi siif jirra
(Walfaanaa) dhugma
D6: sanyii goota mirree
(Walfaanaa) dhuguma
D6: kutattuu onneen sibiilaa
(Walfaana) dhuguma
D6: kan roorroof garaa hin hirre
(Walfaanaa ) dhuguma
D6: jirra ijoolleen harmee....
(Walfaana) dhuguma
D2: Akkam ishii godhu laata
(Walfaana) shaa!
D2: bodee dhiirat baata
(Walfaana ) shaa!
D2: addanaa tokkoseen
(Walfaana) shaa!
D2: gamasii dhukaasa
(Walfaana ) shaa!
D2: diina gagombiseen
(Walfaana) shaa!
D2: faajiikoo ol kaasaa!
(Walfaana) shaa!
D8: siiwayyaa lakkii sii wayyaa
(Walfaana) siiwayyaa
D8: siiwayyaa ijoollee harmeeti
(Walfaana) siiwayyaa
D8: siiwayyaa bakarri kiyyaa
(Walfaanaa) siiwayyaa
D8: siiwayyaa gaachannis kiyyaa
(Walfaana) siiwayyaa!
D8: siiwayyaa garaa siin laafuu
(Walfaana) siiwayyaa
D8: siiwayyaa kaanaan hin seesuu
(Walfaana) siiwayyaa (niiyaa'u,ibsaan hin dhaama)

MIL'UU 4

Yeroo ifaan banamu harmee fi Gargaartuun miira yaaddootiin mana keessa asiif achi deddeebi'u.
Gr: harmee maaloo hin dhiphatiin waaqayyo jira! (Harkashii lamaan ol kaasuudhaan) yaa
Rabbi! Yaa Uumaa! Garuu Situ beekaa.
Hr: Egaa waaqayyotu beekaa. Isaaf maaltu dadhabame!
Gr: dhugaadha adaraa harmee hin yaadda'iin. Maaloo taa'imee ? (Harmeen nii teessi) Ishoo
isaanoo waayyuu hin ta'an!.
Er: (balbala banatee ol seenuun) harmee baga gammadde!
Hr: Maaltu ta'e ijoolleekootu injifatee?
Er: Eeyyee ijjoolleenkee injiffannoo guddaa argataniiruu!
Hr: (lafaa olka'uun) uffee uffeey iliilili....
Gr: (takka jilbeeffachaa takka ol ka'aa) ishoo yaa rabbi galatakee ililiiil......
Er: (gidduu dhaan) harmee,maal godha garuu,baay'een gadda! mardoo tokkosimmoo sii
fideera.
Hr: (miira naasuutiin) Mardoo maalii, ijoolleenkoo nagaa mitii,moo Kan miidhametu jiraa?
Er: hin dogoggorre.guyyicha lolli akka malee cimee ture,lola kanarrattis ilmaankee tooftaa
lolaa addaa addaa gargaaramuun injifannoo jabaa galmeessisaa otoo jiranii ilmikee hangafaa
gootummaan machaa'ee
Diina ari'atee qaqqabee harkaan qabuuf jecha yoo fardasaarra bu'u xiyyi garee diinaan
darbatamte argattee ajjeeste, ilmikee kan biraammoo ijnjifannoo sanaa booda wal dhabdee
aangoof jecha ilmaankee gidduutti uumameen ajjeefame,maal kana duwwaa....
Hr.:(miiraa aariitin adda kuttee) hin ga'a!! Aangoo isa kami inni isaaniin wal nyaachisu kunoo?
Er: injifannoo kanaa booda, harmeen hunda keessanirratti aangoo naaf kennuu qabdi
jechuudhaanikaa!
Hr: ammahoo ofii garam jiru isaan?
Er: dhufaniiru,kunoo gareen tokko fuullee kana, gareen biroon immoo duuba kanaan walitti
mul'achuu sodaatanii dhaabatu.
Hr: beenu,dhaqiitii haatii keessan isin barbaaddiitii dafaa naaf koottaa jedhiin!
Er: (gad jechuun ajaja fudhatee baha)
Hr: (miira ariifi gaddaan guutameen asiif achi deddeebi'aa) hundinuu silaa foonkooti,dhiigako
kamtu ormamoo kamtu kamiin gadi! ..kan silaatii diinaa injifatanii deebi'aniimmoo diina
gidduutti diina walitti ta'uu?
Gr: (imimmaan haxaawwachaa sagalee gadi qabattee) ayii,..maalumatu sin argate yaa warrako!
Duroo waan akkasii hin beektani gootumma keessan malee. Wal kabajjanii ormaaf yaadduu
malee,beela'aa nyaachistu,kan daaretti uffistu malee har'a maal taatani? Mee maaltu sinitti
dhufee......ayii
Er: (bakkeedhaa olseenee) harmee kunoo dhufaniiru (hundinuu mi'a lolaa isaanii akkuma
qabatanitti kallattii lamaan olseenuun miira sodaa fi wal shakkiitiin dhadhaabatu) egaa mee
waansaa adda baafadhu.(ni baha)
Hr:(gidduu isaanii galuun) ijoolleeko mee maal taatani? Ija walii walii keessaniiyyuu ilaaluu kan
dadhabdaniif,mee achas koottaa isin hunduu,kootta?
D2: harmee nu keessa eenyuuf aangoon kenname?
D3: (miira aariitiin) atumti callisi!
D2: atuu callisi kan wal nu ficcisiiseyyuu sidhaati! (Gareen lachanuu miiraa ho'aatiin) callisi....
Hr: (miira marartootiin) adaraa maaloo,maaloo waldhiisaa, callisaa hundi keessanuu, mee
tataa'aa. (bakkuma jiran tataa'u, gara ergamtuutti garagaltee) mee dhaqiiti nyaata fidiif!
Gr: tole! (Dhaqxee nyaata fiddi)
Hr: as kenni (nyaata walakkasaanii dhaabuun) mee hundi keessanuu as ilaalaa! Yaa ilmaanko
maaddiin keenya geengoodha, dhaabbiin keenyaa geengoodha, ka'umsi maqaa keenyaa
geengoodha, mee ilaalaa maaddii kana irraa iddoo feene yoo cabsanne dhowwaan hin jiru,
dhaabbii keenyarraas iddoo feene dhaabbannu sadarkaa hin qabu. anaafimmoo hundi keessanuu
wal qixa waan taataniif ammaa eegalaatii yaada garaa gartummaa of keessaa baasaa! Amma
koottaa dhiifama waliif godhaa! (hundinuu ka'anii suuta suuta dhiifama waliif taasisu) ishoo,
ishoo ijoolleeko,Araara waaqatu jaalata, Rabbi siniif haa araaramu. Walii keessaniif Yoomuu
yaada araaraa qabaadhaa! Ormi sin gidduu hin galiin diinaaf qaawwa hin baniinaa! Taa'aa
laaqana nyaadhaa.(harka dhiqatanii nyaachuu jalqabu)
Er: (ol seenee erga ilaalee)oo harmee baga gammadde! ijoolleen kee araaramanii?
Hr: Galata waaqaa!!
D2: (suuta ol ka'ee) harmee! namittii kanadha. Yeroo sin galtan harmeen sin keessaa nama
tokkoof aangoo keennuuf akka jirtu dhoksee kan natti hime.
D3: ahaa...! anaanis natti himeera.
D5: anaaniso!( hundinuu gara namichaa tti fiigu,ibsaan ni dhaama.)

XUMMURAMEERA!!

GALATOOMAA!!!

You might also like