You are on page 1of 2

Hiikkaa jechoota afaan oromoo pdf

Hiika jechoota afaan oromoo pdf.

Hiikkaa Jechoota Afaan Oromoo Jechootni hiika addaa addaa qabu, Isaan keessaa haala armaan gadiin mee haa ilaalluu: 1. Hiika Sirrii / kallattii: jechi tokko uumaadhaan hiika isaa kan beekkame kan namni hunduu itti waliigale moggaasa ganamaa jechuudha. Fkn: Hoolaa – Beeylada manaa kan miilaa afur qabu, kan foon isaa nyaatamu Biddeena –
Midhaan irraa kan tolfamu, ija ija kan qabu, kan nyaatamu.

fi kkf 2. Hiika Dubbii: Hiikni dubbii kun hiika sirrirratti kan rarra’e fi kan muuxannoo hawaasicha fayyadamuu wajjiin deemudha. Fkn: Leenca – Jabaa jchuudha Waraabessa – Kan Garaa jaalatu jechuudha. 3. Hiika Galumsaa/ bakka galamaa: Kunimmoo yeroo jechootni himoota adda addaatti galuudhaan hiika adda addaa qabaatani kan uumamuudha.
Fkn: Jecha ‘dhahe’ jedhu yoo ilaalle: a) Daa’imni sireerraa lafa dhahe.
—>Sireerraa kufe akka jechuuti. b) Caalaan uleen lafa dhahe. —> Rukute/reebe akka jechuuti. c) Abdiisabaa bineensa faana dhahe.
—–> duuka bu’e, hordofe, barbaade akka jechuuti. d) Ani rakkannaan Mootiin mala naa dhahe. —> Furmaata naaf barbaade, akka jechuuti e) Caalaan bullukkoo dhundhumaan dhahe. —> safare akka jechuuti 4. Hiika galmee jecchootaa: Hiika galmee jechootaa kan jedhamu, hiika jechootaa kanneen armaan olitti ilaalle kan of keessatti qabatu ykn
immoo hiika galmee jechootaa irratti kennamu jechuudha. AFAAN OROMO – Oromo Language Hamma Dubbifame: 16,052 Page 2 Hiikkaa Jechoota Afaan Oromoo Jechootni hiika addaa addaa qabu, Isaan keessaa haala armaan gadiin mee haa ilaalluu: 1. Hiika Sirrii / kallattii: jechi tokko uumaadhaan hiika isaa kan beekkame kan namni hunduu itti
waliigale moggaasa ganamaa jechuudha. Fkn: Hoolaa – Beeylada manaa kan miilaa afur qabu, kan foon isaa nyaatamu Biddeena – Midhaan irraa kan tolfamu, ija ija kan qabu, kan nyaatamu. fi kkf 2. Hiika Dubbii: Hiikni dubbii kun hiika sirrirratti kan rarra’e fi kan muuxannoo hawaasicha fayyadamuu wajjiin deemudha. Fkn: Leenca – Jabaa jchuudha
Waraabessa – Kan Garaa jaalatu jechuudha. 3. Hiika Galumsaa/ bakka galamaa: Kunimmoo yeroo jechootni himoota adda addaatti galuudhaan hiika adda addaa qabaatani kan uumamuudha. Fkn: Jecha ‘dhahe’ jedhu yoo ilaalle: a) Daa’imni sireerraa lafa dhahe. —>Sireerraa kufe akka jechuuti. b) Caalaan uleen lafa dhahe. —> Rukute/reebe akka
jechuuti. c) Abdiisabaa bineensa faana dhahe. —–> duuka bu’e, hordofe, barbaade akka jechuuti. d) Ani rakkannaan Mootiin mala naa dhahe. —> Furmaata naaf barbaade, akka jechuuti e) Caalaan bullukkoo dhundhumaan dhahe. —> safare akka jechuuti 4. Hiika galmee jecchootaa: Hiika galmee jechootaa kan jedhamu, hiika jechootaa kanneen
armaan olitti ilaalle kan of keessatti qabatu ykn immoo hiika galmee jechootaa irratti kennamu jechuudha. AFAAN OROMO – Oromo Language Hamma Dubbifame: 16,055 heddummina etemoota: 17 Academia.edu uses cookies to personalize content, tailor ads and improve the user experience. By using our site, you agree to our collection of
information through the use of cookies.
To learn more, view our Privacy Policy.
24 Amajjii 2022Madda suuraa, Getty ImagesDhaabbanni Google jalqaba bara 2022 irratti afaanota dhaabbatichi ittiin tajaajilaa kennaa jiruun alatti afaanonni 126 dabalamuuf adeemsarra akka jiran ibsa. Faanoota dabalamuuf jiran kanneen keessaa ammoo afaanonni 25 sadarkaa 'Beta version' yookan tajaajila ittiin jalqabuuf gara xumuraatti kan
dhihaatanidha. Dhaabbata Google irraa kallattiidhaaan deebii argachuu baannulleen afaanonni sadarkaa 'Beta' irra gahan kanneen gara tajaajila uummataatti gadhiifamuu gahan jechootaa Afaan Inglizii hedduu kanneen hanga qubee 50 fa'a qaban hiikuu akka gaafatu oggeessoonni damee kanaa ni dubbatu. Afaan Oromoos afaanota Google irratti gara
tajaajila kennuutti dhihaatanii fi sadarkaa 'Beta version' irra gahan keessatti caqafameera. Afaanota google taajaaajila ittiin jalqabuuf jiru kanaaf ulaagaan barbaachisu jechoota afaan Igilizii hedduu gara afaan Oromootti hiikuudha.Hojiin kun akka milkaa'uufi afaan Oromoo Google irratti tajaajilli Hiikkaa sadarkaa ittiin kennamu irra akka gahuuf
hayyoonnii fi namoonni hedduun yeroo dhihoo asitti bifa duulaatiin jechoota afaan Oromootti hiikaa jiru.Namoota hiikaa jechootaa kanarratti hirmaachaa jiranii fi namoota biroos dadammaqsaa jiran keessaa tokko ogeessa ICT Abdiisaa Baancaati."Amma jechoota afaan Inglizii gara afaan Oromootti hiikamaa jira. Kan hiikame ammoo mirkaneessaa
jirra. Amma Afaan Oromoo afaanota bara kana keessa google hojii ittiin jalqabuuf yaade keessaatti waan eerameef inni namoota hiikanitts hamilee dabaleera," jedha.Bara 2016 yeroo dhaabbanni Google afaan Oromootiin akka tajaajila jalqaabuuf gaaffiin dhihaatetti jechoota miiliyoona tokko hiikuun akka dhiheessamu jedhamee ture jedha Abdiisaan.
"Yeroo sanatti kuusaa dhaabbatichaa irratti hiikaa jechootaa kanaa olkaa'uu malee jijjiiruu fi fooyyessuun hin dandahamu ture. Siistamni isaanii akka ammaa kana fooyya'aa hin turre. Amma akkaataan itti hiikamus jechaa tokko tokkoon qofa miti.""Kan hiikamu himatu jira, gaaleetu jira, jecha guutuutu jira.jechoota walxaxop hedduutu akka hiikamuuf
gaafatama. Amma kan itti hirmaatee hiikaa jiru naamootuma feesbuukii irratti odeeffannoo kan argantu itti hirmaachaa jira," jedha. Dhimma afaanii irratti dammaqinaan akka hordofuu fi Hiikaa jechootaa kanarrattis hirmaachuu kan himu dargaggoo Milkeessaa Shaafee ammoo Hiikaa jechootaa Google irratti jechoota afaan Inglizii gara afaan
Oromootti hiikuu kun hanqina qulqullinaa qaba jedha."Carraan Google uume kuni Guddina Afaan Oromootiif Carraa gaariidha. Garuu akkaataa hiikaa jechootaa amma hiikamaa jiru kanaan gaafa ilaallu hiikaan isaa rakkoo qaba. Hiikuudhaan ala filannoon ittiin mirkaneessanis jira. Hanqinoonni jiran tokko dogogora qubeeti. Akkaataa ijaarsa himaa
irrattis dogogora baayyeetu mul'ata," jedha.Kanaan alattis afaan Oromoo jecha tokkoof maqaa adda addaa waan qabuuf jechoota filatanii hiikuunis haanqina biraa akka ta'e hima dargaggoon kun.
Akka Furmaatattis namoonni duula hiikaa jechootaa kanarratti hirmaachuu isaaniin dura dandeettii afaanii isaanii mirkaaneeffachuu qabu jedha."Namoonni hiikaa kanarratti yoo hirmaatan jalqaba sirritti qubeessuu nan dandahaa kan jedhu itti yaaduu qabu. Yoo hin dandeenye ta'e hiikuu dhiisuutu irra filatama.
Yoo ofitti amanan qofa karaa qulqullina qabuun hiikuu qabu," jedha.Kanaan alattis jechoonni yookan himni erga hiikameen booda bakka filannoo 'Validation' yookan mirkaneessuu jedhurraatti namoota hunda osoo hin taane namoonni muraasnii fi hayyoonni afaanii qofti yoo mirkaneessan filatamaa taha jechuunis dhaama.Ogeessi ICT Abdiisaa
Baancaas dogogoroonni eeraman akka mul'atan himuun hiikaan kun karaa duulaatiin namootuma feesbuukii irra jiraan dadammaqsuun kan hojjetamu malee hayyoota afaanitiin qofa waan hin taaneef rakkooleen akkasii ni mudatu jedha.Hojiin hiikkaa jechootaa kun fedhii fi hawwii afaan Oromoo afaan hojii Google ta'ee arguu irratti kan madde malee
gama mootummaa fi qooda fudhattootaatiin deeggarsi jiru laafaa ta'uus ni hima Abdiisaan.Karaa Mootummaa naannoo Oromiyaatiin hiikaa jechootaa fi afaan Oromoo afaan hojii Google keessaa tokko akka ta'uuf wanti hojjetamaa jiru jiraa jennee kan gaafanne Daaayirektarri qorannoo fi qo'annoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa, odeeffannoo gahaa
akka hin qabne himan."Nutis waanuma miidiyaa Hawaasummaa kanarratti namoonni babarreessan argine malee eenyutu hojjechaa jira, maaltu hojjetamaa jira kan jedhu hin beekne. Qaamni dhufee kana hojjechaa jirra waliin hojjenna nuun jedhes hanga ammaatti hin argine," jedhan.Haa ta'uutii Insitituutiin Qorannoo fi qo'annoo Oromoo hojii guddina
afaan Oromootiif gumaacha jabaa qabaatu kana qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin hojjetanii tumsuuf fedhii cimaa akka qaban BBC'tti himaniiru. Blogs, Oromo, Tips / Leave a Comment Post navigation

You might also like