You are on page 1of 4

Dr.

Abiy Ahimad: Jijjiirama siyaasaa


guyyoota 100 darbanii
9 Adooleessa 2018

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES


Ibsa waa'ee suuraa,
Guyyoota 100 Ministira Muummee Abiy Ahimad
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii guyyoota 100
gidduutti murteewwan siyaasaa hedduu murteessanii jiru.
Namoota hidhaa turan hiksiisuu, dhaabbilee siyaasaa shororkeessummaa jalaa haquu,
miidiyaalee uggura jalaa baasuu, hoggantoota ittisaa fi nageenya jijjiiruufi waggoota 20'f
adda citee kan ture walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Eeritraa mariif banaa gochuun
kanneen muraasa.

 Guyyoota 100 keessatti maaltu yoom ta'e?


 ''Andaargaachaw haa hiikamu yookaan aangoon gadhiisa''

Murteeleen kunneen dirree siyaasaa bal'isaniiru, baay'ee ariifatoodha, kanneen duraan


mufatan sossobanii mufattoota haara horaa jiru kan jedhaniifi yaadota gara garaa biroo
maddisiisaa jiru.
"Waan bari'aa jiru natti fakkaata"
Shoroorkeessummaan bara 2011 hidhaan umurii guutu itti murtaa'ee mana hidhaa kan
tureefi baatilee sadan darban keessa kan gadhiifame Andu'alam Arraagee, Jijjiramni
siyaasaa Itoophiyaa keessatti amma mul'achaa jiru, jijjirama bu'uuraa fiduu danda'a
jedha.
''Ammaan kana bari'aa jiraachuutu natti mul'ata, tarkaanfiin Ministira Muummiichaan
fudhatamaa jiraniifi waadaan isaan galan kan galateeffamuudha," jedha.
Sabni Itoophiyaa mormuu qofa utuu hin ta'iin yaadaafi namni deeggaramuu qabu wayita
argamu deeggaruu akka danda'uu agarsiisaa jira jedha.
Biyyattii keessatti jijjiiramni dhufaa jiraachuun mirkana kan jedhu Direektarri OMN
Jawaar Mohaammad, dirreen siyaasaa bal'ataa jira jedha.
"Ce'umsi biyyattiin gara diimokiraasiitti taasiftu ariitiin deemaa jira, ta'us garuu galma
barbaadamu bira hin gaahamne," jedha.
Mootummaa irratti dhiibbaa gochuun, gareen mormitootaas cimanii humna ce'uumsa
kana baachuu danda'u akka horatan gochuun galma barbaadame akka gahuuf
hayyoonni deeggarsa gochuu akka qaban dubbata.

 'Shororkeessaan eenyudha?'

Jijjiiramni mul'ataa jiru duraanuu heera biyyattiirra kan tureefi yeroo dheeraa keessa
danbiiwwan, imaammataafi yeroo tokko tokko ammoo humnaan cabaa kan dhufe kan
jedhan ammoo, dura ta'aa paartii dimokiratawaa Itoophiyaa kan turan Obbo Mushee
Sammuuti.
''Ministirri Muummee mirga namoomaafi diimokiraasii kanneen heerarratti
barreeffamanii argaman akka kabajaman, ajaja mana murtee malee hidhamuu,
reebamuu fi qaamaa hir'achuu kanneen fakkaatan akka hafan godhe,'' jedhu.
'Dirreen siyaasaa bal'achuu...'
Namoota kumaatamaan mana hidhaatii hiikuu irratti dabalataan yaadaanis ta'e
hidhannoon qabsaa'uuf biyyaa bahanii kan turan namoonni siyaasaa hedduun biyyatti
dacha'aa jiru.
Kanneen shororkeessaa jedhamanii turanillee bilisummaan akka qabsaa'uu danda'an
tarree shororkeessummaa jalaa haqamanii jiru.
Ta'us garuu "ammayyuu dirreen siyaasaa bal'achuun ifatti hin mul'atu, dubbiin toora
qabatee hin qajeelle," jedha Andu'alam Arraagee.

 Qondaaloti ABO duraanii biyyatti deebi'an

Namni bilisaan akka yaada isaa ibsatuufi mirgi isaa akka kabajamu ifatti himamullee,
ejjennoon mootummaa qabatamaan seeraan deeggaramee hin mul'atu jedha.
"Wanti seeraan deeggarame dhibus, namni waan itti dhagaahame dubbachuuf
sodaataa hin jiru, aduun bilisummaa ho'aa jirti," kan jedhu Andu'alam, kun garuu haga
eessaa deemaa daangaa qabamoo hin qabu kan jedhu wanti beekamu hin jiru jedha.
Dargaggoonni, dubartoonni, daa'immanifi qaama-miidhamtoonni akka qooda fudhatan
seeronni sochii dhaabbilee hawaasummaafi tola-ooltummaa dangeessan ka'uu qabu
jedhu direektara walta'iinsa dhaabileefi waldaalee tola-ooltummaa Kiristaanaa kan turan
Obbo Mashashaa Shawaaraggaa.
Sanaan ala dirree siyaasaa bal'aa yaaduun ulfaataadha jedhu.

MADDA SUURAA,YONAS TADESSE


Ibsa waa'ee suuraa,
MM Abiy Ahimad jila Eertiraa yoo simatan
'Jijjiirama ariifataa...'
Adeemsi jijjiiramaa ministirri muummee itti jiran ariifateera namoonni jedhan jiru.
Yeroo dheeraaf dhimmoota gaaffiin gurguddaan irratti ka'aa ture waan ta'aniif waan
ariifate hin qabu hin jedhu Obbo Mashashaan.
"Wanti ariifatame hin jiru, seermaleessummaa ture seeratti deebisuuf ariitiin deemuun
dirqama ture, kan ta'es kanuma," kan jedhan ammoo Obboo Mushee Sammuudha.
Jawar Mohammad garuu ariitiin jijjiiramni biyya keessa jiru ittiin deemaa jiru na
yaaddessaa jedha.
"Saffisni akkuma faayidaa qabu balaas qabaachuu mala, balaa saffisni kun qabu
to'achuuf hirmaannaan hayyootaa barbaachisaadha," jedha.
Rakkoo nageenyaafi tasgabbii
Jijjiiramni ministirri muummee haarofti itti jiran bu'aa bayii hedduu qaba.

 Obbo Leencoo Lataa: ''Akka jaarsa tokkootti warra dardara gorsina''

Humni jijjiiramicha ija shakkiin ilaaluufi fudhachuu hin feene jira, kun hanga
qulqullaa'uutti rakkoon nageenyaa uumamuu malu salphaa hin ta'u.
"Qaamoleen jijjiirama kana hin feene ministira muummee xuxxuquun, sirna ammaa
kana gara abbaa irrummaatti jijjiiruu danda'a," jedha Jawar.
Waldhabdeefi tasgabbii dhabiinsi amma biyyattii keessatti asiifi achitti mul'atus of
eeggannon hin qabamu yoo ta'e jijjiirama amma yoonaatti dhufe duubatti deebisuu
danda'a jedha Jawaar.

You might also like