You are on page 1of 46

KITAABA 4FFAA

05-Nov-15 1
BOQONNAA TOKKO
ILAALCHA BARA BARAA
KEESSA JIRAACHUU

• Kaayyoo barumsichaa: ilaalcha yeroof mul’atee


darbu keessa jiraachuurra ilaalcha Waaqayyoo isa
bara baraa keessa jiraachuuf qajeelfamoota bu’uuraa
nu dandeessisan ibsuu dha.

05-Nov-15 2
1. Hiika ilaalcha bara baraa
Ilaalcha bara baraa qabaachuu jechuun amanannaa,
ilaalchota, taa’insoota, fi murtoowwan ilaalcha
Waaqayyootiin ilaaluudhaan madaaluu jechuu dha.

Gabaabaadhumatti maadaallii Waaqayyoo /wantoota


Waaqayyo gatii guddaa kennuuf/akka ulaagaatti
fayyadamuudhaan jireenya madaaluu jechuu dha.

05-Nov-15 3
2. Ilaalcha yeroofii wajjin yeroo madaalamu
ilaalcha bara baraa keessatti jireenya filannoo
godhachuun baay’ee barbaachisaa dha.
Mat. 6: 19-34
Baay’ee barbaachisaa dha yeroo jennu maal
jechuu keenya? Maal fa’iin ibsama?
A. Ilaalcha nuti waa’ee dhugaa qabnu ilaalchisee
baay’ee barbaachisaa dha.
Yaadota yeroo fi bara baraa:-
 Ilaalcha isa yeroo/kan darbu 1Qor. 1: 20-25
 Ilaalcha bara baraa 1Qor. 2: 6-9
05-Nov-15 4
B. Ilaalcha waa’ee biyya lafaa qabnuuf baay’ee
barbaachisaa dha.
Ilaalcha isa yeroo/kan darbu 1Yoh. 2: 15-17
Ilaalcha bara baraa Filp. 3: 20
Ibr. 11: 13-16
C. Ilaalcha waa’ee barbaachisummaa qabnuuf
baay’ee barbaachisaa dha.
Mat. 6: 19-21
Ilaalcha isa yeroo/kan darbu lakk. 19
Ilaalcha bara baraa lakk. 20-21

05-Nov-15 5
3. Faayidaawwan ilaalcha bara baraa keessa
jiraachuu
Galmeen keenya /qabeenya jireenyaa isa
dhugaa/hin hatamu; hin badus; haala
amansiisaadhaan kan eegamee ta’a.
Mat. 6: 19-20
Yaaddoo tokko malee jiraanna.
Mat. 6: 25-34; Filp. 4: 6-7
Rakkoo fi gidiraa gammachuudhaan dabarsuu
dandeenya.
2Qor. 4: 16-18; Yaq. 1: 2-4
05-Nov-15 6
4. Ilaalcha bara baraa keessa jiraachuu akkamiin
cimsuu dandeenya?
Yaq. 1: 22
Namni ilaalcha bara baraa fudhatee dhalate hin jiru.
Garuu faallaa isaa yaadni keenya ilaalchota biyya
lafaatiin dhiibbaan irratti godhameera.
Kanaafuu yaada biyya lafaa keessaa baanee yaada
Waaqayyoo isa bara baraatiin guutamuu qabna.
Kunis dhugaa sana qalbeeffachuu fi dhugichas
gochaan argisiisuuf ofii keenya kan kennine ta’uu
keenya kan of keessatti hammatuu dha.

05-Nov-15 7
Kanaafis wantoota armaan gaditti eeraman
raawwachuuf ofii keenya qopheessuu qabna.
a. Fuula Waaqayyootti gatii jabaa wantoota qaban
qalbeefachuudhaan isaaniin xiinxaluu filannoo
keenya godhachuudhaan Rom. 12: 2, 2Xim. 2: 15,
Ef. 4: 1, Far. 119: 11
b. Guyyaa guyyaatti dhugaa dubbii Waaqayyootiin
murteewwan keenyaa fi wantoota tilmaama ol’aanaa
kenninuuf filachuudhaan
2Qor.10: 3-6 Fak.30: 5-6; Isa.8: 20
c. Dursinee mootummaa Waaqayyoo barbaaduudhaan
qabeenya bara baraa kuufachuudhaan
Mat. 6: 20, 21, 33; Isa. 8: 20
05-Nov-15 8
4. Amantiidhaan malee arguudhaan deddeebi’uu
dhiisuudhaan
Waanti naannoo keenya jiru mijataa yeroo ta’uu fi
wanta Waaqayyo jireenya keenyaan hojjeta jiruu
ifatti yeroo qalbeeffannu “Waaqayyoon
amanachuun” baay’ee salphaa dha. Haa ta’u malee
yeroo waan Waaqayyo jireenya keenyaan hojjechaa
jiru arguu dadhabnu akkasumas tasumaa nuu galuu
yeroo didu arguudhaan utuu hin ta’in amantiidhaan
deddeebi’uutu nurra jira.
Namni tokko akkas jedhani: “Waan Waaqayyo ifa
keessatti sitti argisiise yeroo dukkanni simarsetti hin
shakkin.”
05-Nov-15 9
BOQONNAA LAMA
AKKUMA WAAQAYYO NU
JAALLATE NAMOOTA
JAALLACHUU

Kaayyoo Barumsichaa: Kaayyoon


barumsa kanaa Waaqayyo akkuma nu
jaallate nus warra kaan jaallachuu akka
jalqabnu gargaaruudhaafi.

05-Nov-15 10
1Qor. 13: 1-3
A. Jechoota Giriik jaalala ibasan sadan
1) Iros: miirarratti kan hundaa’ee fi kakuu haaraa
keessatti kan hin caqasamin
2) Filiya: hiriyyumaaf waljaallachuu
3) Agaappee: jaalala Waaqayyoo isa sababa irratti hin
hundoofne

05-Nov-15 11
B. Waa’ee jaalala Waaqayyoo qajeelfamoota
bu’uuraa shanan
i. Waaqayyo haala sababa hin qabneen nu
jaallate. Jaalallisaa kunis:
a) Fannoorratti mul’ateera. Rom. 5: 8
b) Nuuf obsuusaatiin mul’ateera.
Luq. 15: 11-24; 2Phex. 3: 9
c) Faayidaa mataa keenyaaf nu adabuudhaan mul’ata.
Ibr. 12: 10
d) Kan hin jijjiiramnee fi dhaabbataa ta’uunsaa
ilaalameera Rom. 8: 38-39
e) Xumura hin qabu Er. 31: 3; 1Qor. 13: 8
05-Nov-15 12
ii. Nutis jaalala Waaqayyootiin warra kaan akka
jaallannuuf ajajamneerra.
a) Burqaan jaalalaa inni guddaan Waaqayyoo dha.
Mat. 22: 36-38
1Yoh. 4: 19
b) Namoota biroo keessumaa iyyuu saboota
Kristiyaanaa akka jaallannuuf ajajamneerra.
1Tas. 4: 9
c) Ofii keenya akka jaallannuuf ajajamneerra.
d) Diinota keenya akka jaallannuuf ajajamneerra.
Mat. 5: 43-47
05-Nov-15 13
iii. Jabina mataa keenyaatiin namoota jaallachuu
hin dandeenyu. Rom. 8: 6-8
Dhalootuma keenyaan obsitoota, namootaaf kan
mijannu, hinaaffaarraa kan qulloofne miti. Kanaafuu
jaalala dhugaa isa 1Qor. 13
iv. Jaalala keenya kan ibsuu qabnu kaka’umsa jaalala
Waaqayyoo qofaani. Rom. 5: 5

05-Nov-15 14
v. Jaalala keenya amantiidhaan ibsuu qabna
Sababni isaa:
 Jireenya Kristiyaanummaa keessatti waanti
hundumtuu kan ibsamu amantiidhaan waan ta’eef.
Qol. 2: 6
 Amantiin dhugaawwan dubbii Waaqayyoo wajjin
kan walsimuu fi isaan irrattis kan hirkate waan
ta’eef
 Jaalala keenya amantiidhaan ibsuudhaaf Hafuura
Qulqulluudhaan guutamuutu nurra jira.
Ef. 5: 18; Gal. 5: 22-23
05-Nov-15 15
Vi. Amantii jaalalaan ibsuudhaaf kan fayyadan
qajeelfamoota sagalee Waaqayyoo afuran
a. Qajeelfama namoota jaallachuudhaaf gooftaa biraa
fudhanne Yoh. 15: 12
b. Akka fedhasaatti yoo kadhanne Waaqayyo akka
deebii nuuf kennu sagalee abdii nuuf kenneen
1Yoh. 5: 14-15
c. Jaalalli Waaqayyoo kadhannaa keenyaaf deebii kan
argamsiisuu fi fedhiiwwan keenya gochaan arguuf
humna akka nuuf ta’e amanuudhaan. Mat. 21: 22
d. Warra kaan jaallachuuf fedhii keessa keenya jiru gochaan
argisiisuuf murteessuu fi kanas gochuuf Waaqayyo humna
akka nuuf kennu amanachuutu nurraa eegama.
05-Nov-15 16
Xumura 1Tas. 3: 12-13
• Waaqayyo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti hojiisaa akka hojjetu afeeruu fi
obsitoota ta’uu qabna.
• Jaalala keenya yeroo amantiidhaan ibsinutti warra kaan wangeela biraan gahuudhaaf
karaa nuuf bana.
• Jaalalli Waaqayyoo keessa keenyatti dhangala’e ergamni guddaan itti
gaafatamummaa dhuunfaa keenyaa fi carraa keenya isa guddaa akka ta’e akka
qalbeeffannu nu taasisa.
Fakkeenya dhugaa
• “Yeroo waraana Kooriyaa Dr. Juun Goon Kiim namichi jedhamu haadha-manaasaa,
mucaasaa durbaa, fi abbaasaa fudhatee ofiisaa oolchuudhaaf gara biyya tokkootti
baqata. Yeroo sanatti riphxe-loltootni koomiyuunistii Kristiyaanota ari’achuu
jalqabani. Riphxe-loltootni sun halkan gaaf-tokkoo dhufanii Dr. Kiim fi haadha-
manaasaa akkasumas abbaasaa qabatanii deeman. Utuu Dr. Kiim ijasaatiin ilaaluu
abbaasaatii fi haadha-manaasaa ajjeesan. Isas reebicha hamaa reebanii du’aa fi
jireenya gidduutti dhiisanii adeemani. Haa ta’u malee Dr. Kiim ofwallaalaa yeroo
tokko tokko immoo dammaqaa yeroo dheeraadhaaf dhokatee jiraate. Yeroo jalqabaa
Dr. Kiim Waaqayyoon hammeessaa fi warra dhiphina hamaa kana irraan ga’anis
jibbaa ture. Gaddasaa cimaa kana keessatti sagaleen Waaqayyo humnaan Dr.
Kiimiin tuqe. Waaqayyos namoota haadha manaasaa ajjeesanii isas reeban sanaaf
05-Nov-15 17
jaalala kenne.
Guyyaa sanaa jalqabee namoota sana Kristos kan isaan barbaachisu akka
ta’e ilaaluu jalqabe. Lubbusaas aarsaadhaaf qopheessee ajjeechichi akka
raawwatamuuf isa ajaje geggeessaa komiyuunistii sana bira dhaquudhaan
waa’ee Kristos dhugaa ba’uufiidhaan akka amanu taasise.”
Dhuga ba’umsi dinqisiisaan kun gadi-fageenyi jaalala Kristos namas
dandeessisuuf humna inni kennu nutti argisiisa.
Tuqaalee tarkaanfiin gochaa ittiin fudhataman
Maqaa namoota jaallachuun si rakkisu barreessi/tarii ofiidhuma kee
jaallachuuf kan itti rakkattu yoo ta’e maqaa kees barreessi./
• ______________________________________________
Sagalee Waaqayyoo 1Qor. 13: 4-8 irratti ibsame irratti hundaa’uudhaan
jaalalli Waaqayyoo tokkoon tokkoon isaaniirratti akka mul’atuuf
kadhadhu. Jaalalli Waaqayyo akka isaaan irratti mul’atuuf yeroo
kadhattus jaalala sana fakkaatu itti argisiisuuf akka si dandeessisuuf
haalota mijataa akka sii uumuuf gooftaa gaafadhu.

05-Nov-15 18
BOQONNAA SADII

MAALUMMAA FI FAAYIDAA
SOCHII HAFUURAA

Kaayyoo barumsichaa: Kaayyoon


barumsa kanaa amaloota sochii hafuuraa
akka qalbeeffattuu fi faayidaa sochicha
keessatti hirmaachuus akka hubattu si
dandeessisuu dha.

05-Nov-15 19
1. Sochii jechuun maal jechuu dha?
A. Hiika sochii gabaabaadhumatti hayyootni
Geerlaachi fi Haayin jedhaman kitaabasaanii
“Jijjiirama Sochii Uummataa” jedhurratti kan isaan
barreessan haa ilaallu;
SOCHIIN
• “Jijjiirama dhuunfaa yookaan jijjiirama saba
tokkoo fiduuf warra kaan kanneen adda baasan
ofiisaaniis qooda fudhannaa guddaadhaan
kanneen socho’an garee uummataa ijaaramanii,
ykn kallattii ilaalchaa ta’e tokkoon
kaka’uudhaan dhiibbaasaanii dursee kan
hundeeffamee fi heera turerratti gochuudhaaf
sochii guddaa kan itti taasisanii dha.”
05-Nov-15 20
• Hiika kanarraa ijoowwan dubbii torba armaan
gaditti tarreeffaman arganna.
a. Namoota gareedhaan ijaaraman
b. Namoota kaayyoo tokkoof ijaaraman
c. Kallattii ilaalchaa tokkoon kan socho’anii fi
ofiisaaniis kan kennan
d. Jijjiirama tokko fiduuf kan qabsaa’anii fi jijjiramas
namoota fidan
e. Namoota ciminaan warra kaan bakka buusan
f. Namoota dhiibbaa geggeessuu danda’an
g. Aadaawwan/amantiiwwan barsiifataan qabatamanii
turan namoota morman
05-Nov-15 21
B. Hiika sochii hafuuraa /Galma ergama guddaa
wajjin yeroo ilaalamu
• Sochii hafuuraa jechuun: ergamni guddaan akka
galma ga’uu gargaaruuf duuka-buutota hiriiranii fi
ciminaan kan hirmaatan, afuura Waaqayyootiin
kan guutaman, kaayyoo fi qajeelcha walfakkaatuuf
kan walitti hidhamanii fi kan of kennanii dha.
Ofkenniinsa Kristoosiif qabaniin akka yaadnisaa
raawwatuuf walii wajjin hariiroo kan qabanii dha.

05-Nov-15 22
C. Sochiin hafuuraa maal fakkaata?
• Namootni wanta kan hafuuraa ta’e kessatti
hirmaattuu ta’uuf kan dammaqanii fi amantiisaaniis
idileessuudhaan amaleeffannaa jireenyasaanii
gochuudhaan warra kaaniif hiruuf qophaa’oo dha.
• Sochiiwwan tamsaasa wangeelaa gurguddaanis
namoota Kristosiin dhaga’an gidduutti ni
adeemsifama. Waldoolee ni guddatu.
• Waan Waaqayyo hojjechaa jiru ilaalchisee waliin
mari’achuu fi mul’ata walii qooduuf duuka-buutonni
naannoo xiyyeeffannaa keessatti walga’iiwwan
idilee gochuu jalqabu.
05-Nov-15 23
• Duuka-buutonni sochii uuman guutummaa
jireenyasaanii fiixaan bayiinsa ergama guddaatiif
kan kennaniifi dhuunfaasaaniittis ta’e walii wajjin
walmakanii kan socho’an Kristiyaanota guutummaa
addunyaarratti argamanii dha.
• Nannoo xiyyeeffannaa keenyaa qaqqabuudhaaf
sochii firi-qabeessa jechuun kana dha. Armaan
gaditti ijoowwan sochii torban barreessi.

05-Nov-15 24
D. Sochii hafuuraa keessatti ga’ee dhaabbilee
• Waaqayyo dhaabbilee nam-tolcheetti akka
fayyadamu qalbeeffachuu
• Sochiin hafuuraa garee haala gariin ijaarameen
geggeeffamuu akka qabu beekuu
• kanas jechuun
–Sochii hafuuraa dhaabbata eeggannoodhaan
geggeessu hundeessuu
–Waldoolee fi dhaabbileen hafuuraa
sochiiwwan hafuuraa akka ta’aniif kaayyoo
kanaan ijaaramuu akka qaban beekuu jechuu
dha.
05-Nov-15 25
2. Sochii hafuuraaa fiixaan ba’umsa qabuuf
fakkeenyota macaafa qulqulluu
a) sochii hafuuraa Phexrosii fi Yohannisiin
eegalame HoE 4: 1-37
Akka dubbisa kanaatti amalootni sochii
hafuuraa lakkoofsota kam irratti ibsamani:-
Gareen duuka-buutuu sun kan ofkenne ta’uusaa.
Humna hafuura qulqulluutiin kan guutaman
ta’uusaanii.
Kaayyoo fi qajeelfama tokkoof kan walitti
hidhaman/walii wajjin jiraatan ta’uusaanii.
Dhiibbaa sochii baay’ee guddaa uume
taasisuusaanii.
05-Nov-15 26
b) sochii afuuraa Phaawulosiin eegalame
1Tas. 1: 5-8
• Akka dubbisa kanaatti amalootni sochii afuuraa
mul’atan
Hafuura qulqulluudhaan kan eegalame ta’uusaa
Hubannaa gadi fagoo kan qabu ta’uusaa
Cimina kan qabu ta’uusaa
Kan guddinni irratti mul’atu ta’uusaa fa’i.

05-Nov-15 27
3. Sochii hafuuraa keessatti hirmaachuun maaliif
barbaachisaa ta’e?
i. Ergamni guddaan baay’ee guddaa ta’uusaa irraan
kan ka’e galma ga’uu akka danda’uuf namootni
sochii hafuuraatiif of kennan naannoo addunyaatti
argamuunsaanii murteessaa waan ta’eef.
Kunis:
 Ergamni guddaan sun duuka-buutota, “waan gooftaan
isaan abboome hundumaa eegan” horachuu kan
gaafatu hojii guddaa waan ta’eef Mat28: 20
 Ergamni guddaan sun “hamma andaara lafaatti”
adeemuudhaan karaa argame hundumaan duuka-
buutota horachuu kan gaafatu waan ta’eefi. HoE 1: 8
05-Nov-15 28
ii. Sochii hafuuraa keessatti hirmaachuudhaan
Kristiyaanonni dhuunfaasaaniitti faayidaa bal’aa
waan argataniif
A. Innis dhuunfaasaaniitti:-
Sagalee Waaqayyootiin
tuqamuudhaan/geeddaramuudhaan
Kadhannaa cimaa kadhachuudhaan
Jaalalaan
Waaqayyoon eeggachuudhaan
Naannoo jiraatanii fi biyya lafaa bira
ga’uudhaaf mul’ata fudhachuudhaan
05-Nov-15 29
B. Namoota Kristosiif booji’uu ilaalchisee:-
Naannoon baay’ee nama dadammaqsu, nama
jajjabeessuu fi itti gaafatamummaa qabu waan jiruuf
Ija jabinaan wangeela dubbachuun walqabatee
jajjabaachuun waan jiruuf
Akka 1Qor. 12 tti gareedhaan hojjechuun firii
guddachaa adeemu waan qabuuf
Duuka-buutota walbaay’isan horachuudhaaf
kaka’umsa waan qabuuf

05-Nov-15 30
iii. Abbaa imaanaa gaariin wantoota nam-tolchee fi
dhaabbilee sochii hafuuraa adeemsisaniif ofii
keenya akka kenninuuf nu gaafata.
Ef. 5: 15-16
1Qor. 9: 24-26

05-Nov-15 31
BOQONNAA AFUR
SOCHII HAFUURAA UUMUU
Kaayyoo Barumsichaa: Kaayyoon
barumsa kanaa qajeelfamoota bu’uuraa
sochiiwwan hafuuraa tajaajila keenyaa
keessatti hojiirra oolchuu dandeenyu
jabeessuu haala ittiin dandeenyu
beeksisuu dha.

05-Nov-15 32
Amaloota bu’uuraa sochii ergama guddaa
Tokkummaa kaayyoo/galmaa: mul’ata tokko; innis
Mat. 28: 19-20
 Tokkummaa aangoo: hafuura qulqulluu/yeroo hundumaa
kan kadhachuufii qabnu
 Tokkumaa tooftaa: jireenya hafuuraatti walbaay’isuu
 Kaayyoo galmaan gahuudhaaf yeroo yerootti ofkennuu
guddisuu
 Tooftaa tamsaasa wangeelaa tokkoof tokkootiin wangeela
ija jabinaan dubbachuu
 Haala salphaadhaan gara warra kaaniitti kitaabota leenjii
darbuu danda’an fayyadamuudhaan leenjii qulqullina isaa
eeggate fi tajaajila duuka-bu’iinsaa kennuu
05-Nov-15 33
• Waaqayyo addunyaa guutummaatti
sochiiwwan hafuuraa duuka-buutonni
walbaay’isan keessatti argaman yoo
uumee fi Kristiyaanota miliyoonotaan
lakkaa’aman hojii kanaaf yoo kakaase
maaltu uumama jettee yaadda?

05-Nov-15 34
A. sochii hafuuraa uumuuf tarkaanfiiwwan
fudhatamuu qaban
I. Sagantaawwan kadhannaa yeroo adda addaatti
adeemsisuu
Kana gochuudhaaf (kadhachuudhaaf):-
a) Faayidaa kadhannaa beekuu
1Tas. 5: 17 Yaq. 4: 2-3
b) Humna kadhannaa hubachuu
Ef. 3: 20 Mat. 21: 22
c) Namoota jireenya kadhannaatiin fakkenya ta’a
yaaduu
1)Yesus Mar. 1: 35 Yoh. 12: 49-50
05-Nov-15 35
2) Ergamoota
Mat. 9: 36-10:6
HoE. 2: 41
HoE 4: 23-31
d) Kadhata qindeessuu
Odeeffannoowwan kana irratti hundaa’uudhaan sochii
kadhannaa jalqabuu; kanaafis gaaffii ka’umsaa
gaafachuun sirrii dha. Bu’a qabeessummaa sochii
keenyaatiif kan fayyadu sochii kadhannaa bal’aa
akkamiin uumuu dandeenya?
---------------------------------------------------------------
-----------------------------------------------
05-Nov-15 36
II) Qajeelfama facaasuu fi haamuutiin socho’uu
a) Qajeelfama Macaafa qulqulluu
Gal. 6: 7-9 Fak. 11: 24
Hojii makara sanaatti Kristiyaanonni bobba’an
karaa wangeelli ittiin babal’achuu danda’u
ilaaluudhaaf jecha yeroosaanii baay’ee hojii
waraqataa irratti, walga’ii komiitee fi tokkummaa
gara garaa irrattii bal’eessuudhaan qorumsa irratti
kufaniiru. Yeroo baay’eesaa kaayyoowwan adda
addaa diriirsuuf jecha bal’eessu. Hojjetoonni kun
maashinoota adda addaa qopheessuudhaan
akkasumas kitaabota garaa garaa dubbisuudhaan
kan yeroo bal’eessu qotee bulaa hojjetaa bobbaasee
garuu ija tokko illee hin facaasnee fakkaatu.
05-Nov-15 37
b) Wangeela bal’inaan facaasuuf namoota
fakkeenya nuuf ta’an
1) Gooftaa Yesus
Kakuu haaraa keessatti maloota ittiin sanyii
facaasan lamatu barreefamee argama.
 Isaanis:-
 gareen kan raawwatamanii fi
dhuunfaadhaan kan raawwataman jedhamanii
beekamu.
Mat. 5: 1 Luq. 7: 36-50; Mar. 2: 1-12 Yoh. 4
Yesus carraa argate hundumaan namoota wangeela
dhageessisuurraa akka of hin qusanne argina. Namoota baay’ee
baay’ataniif, namoota muraasa walitti qabamaniif, akkasumas
05-Nov-15
namoota dhuunfaatiif bal’inaan wangeela lallabaa ture. 38
2. Ergamoota
• Ergamoonni ogummaa tajaajilaa Kristos qopheesse
eeguudhaan hojiitti geeddaraniiru. Yesus namoota
baay’ee baay’atanitti akkuma wangeela lallabe
Phexrosis yoo xinnaate namoota 3000 ta’niif
wangeela lallabeera. HoE 2: 41
• Namoota dhuunfaa tajaajiluufis yeroo ni kenna ture.
HoE 3 HoE 8 HoE. 19: 10

05-Nov-15 39
c) Seera facaasuu fi haammachuu tajaajila
keenya keessatti akkamiin hojiirra oolchuu
dandeenya?
Yeroo hundumaa dhugaa-ba’uudhaan
Amanaa haaraa/lubbuu haaraa dhuga-ba’iinsaaf
kakaasuudhaan
Duuka-buutota walbaay’isan horachuudhaan
Sagantaawwan gurguddaa tamsaasa wangeelaa
diriirsuu fi hojiitti geeddaruun

05-Nov-15 40
III. Ija isa bilchaataa adda baasuu
ija isa bilchaate adda baasuuf:
a) Waa’ee itti gaafatamummaa Kristiyaanaa ibsa
kenname hubachuudhaan Luq. 8: 4-15
b) Waa’ee ija isa bilchaataa adda baasuu
fakkeenya Yesus nuuf dhiisenamoota fedhii qabna
jedhan hunda utuu hin ta’in warra filaman qofa
hirmaachisa ture. Mat. 19: 16-30 Mar. 3: 13-19
c) Maloota ija isa bilchaate ittiin adda baasan
Ija isa bilchaate adda baasuu” jechuun warra adeemanii
wajjin adeemuu jechuu dha.
Ija isa “hin bilchaatin” sana Waaqayyo yeroosaatti akka
05-Nov-15
bilcheessuuf dhiisuu 41
d) Rakkoowwan uumamuu danda’an
Sochii kamiin keessatti iyyuu qajeelfama firii
bilchaataa ittiin adda baasan yoo kan dhiisnu ta’e
rakkoowwan mudachuu danda’an maal fa’i?
• -------------------------------------------------------
e) Ija isa bilchaate adda baasuudhaaf yeroo
tarkaanfii fudhachuuf jennu: ija isa bilchaate
sana adda baasuun akkamiin danda’ama?
• -----------------------------------------------------------

05-Nov-15 42
IV. Duuka-buutota walbaay’isan horachuu
Fakkeenya ergamichi Phaawulos nuuf dhiise
2Xim. 2: 2
 Qajeelfamoota macaafa qulqulluu biroo
• Jalqaba irratti duuka-buutonni beekumsii fi leenjii
macaafa qulqulluu ga’aa ta’e isaan barbaachisa.
1Phe. 2: 2
• Kristiyaanota haaraa fedhii kana qaban galmeessuutu
irraa eegama 1Phe. 5: 2, Yoh. 21: 15
• duuka-buutonni dhuunfaanis ta’ee gareen
sagantaawwan tamsaasa wangeelaa, barnoota hordoffii
fi tajaajila duuka-buutota horachuu keessatti qooda
fudhachuu qabu. Luq. 10
05-Nov-15
Lal. 4: 9-10 43
 Hiika duuka-buutuu walbaay’isanii isa hojiin
mul’atu
o Gadi fageenyaan itti yaaduudhaan “duuka-buutota
walbaay’isan” jecha jedhu hojiitti geeddaruuf hiika
ittiin danda’amuun ibsaa.

o Duuka-buutota walbaay’isan jechuun namoota gara


Kristos kan fidan; isaanis warra kaan gara
Kristositti akka fidaniif leenjisanii kanneen
bobbaasanii dha.

05-Nov-15 44
V) Ofkenniinsa dhuunfaa jajjabeessuu
• Kana jajjabeessuuf tuqaawwan armaan gaditti
eeraman hubachuu qabna.
Barbaachisummaa ofkennuu qalbeeffachuu
Yoh. 6: 29 Yoh. 14: 12
Kaka’umsa dhuunfaa akkamiin cimsuun
danda’ama?
• Kaka’umsi dhuunfaa kan cimuu danda’u
miseensotni keenya “tarkaanfiiwwan amantii” akka
fudhataniif yeroo jajjabeessinuu dha.

05-Nov-15 45
VI) Buufannaa amanamummaa
Faayidaa buufannaa amanamummaa

05-Nov-15 46

You might also like